Finfinnee: Harcaatii malee omisha qamadii kuntaala miiliyoona sagal walitti qabuuf qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii ibsan.
Obbo Abdulhakiim ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, akka godinichaatti omishni tibba gannaafi arfaasaatti omishamuufi kan wayita ammaa sassaabamu omisha yeroo gannaatiin kan facaafameedha.
Godinichi omisha qamadiitiin daran kan beekamuufi sadarkaan omishni irra jirus abdachiisaa ta’uu eeranii, lafa hektaara 256 omishaan uwwifame keessaa hektaarri dhibba tokko kilaastaraan kan facaafame ta’ee sanyii walfakkaataan kan uwwifame ta’uu ibsaniiru; bara darbe lafa hektaara kuma 70 omishaan uwwifame waliin walbira qabamee wayita ilaalamu garaagarummaan kuma 30 jirachuu eeru.
Daaw’annaa dhiyeenya sadarkaa omishichi irra jiru hubachuuf taasisaniin omishni haala abdachiisaarra jiraachuufi torbee kana sassaabamuu akka danda’u himanii, wayita omishni sassaabamu saffisa barbaachisaan akka raawwatamu akkasumas harcaatirraa bilisa taasisuuf qonnaan bultoota waliin mariin gaggeeffamuus beeksisaniiru.
Akka godinichaatti kombaayinaroota qonnaan bulaafi yuuneenotatti fayyadamanii omisha walitti qabuuf qophii xumurreerra jedhanii, hanqinni kombaayinaraa akka hinmudanneef kanneen Godina Arsiitii haamaa xumuran gara godinichaatti dhufanii deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophaa’uu himaniiru.
Tarii yoo hanqinni mudatellee qonnaan bulaan haamaaf gatii baasuun akka dinagdeensaa hinmiidhamne abbootii qabeenyaa wajjin mari’atamuufi gareen taaskifoorsii waajjira qonnaatiin hordofamu hundaa’ee deeggarsa barbaachisu akka taasisu qophiin xumurameera jedhu.
Godinichatti qamadiin jallisii marsaa jalqabaa lafa heektaara kuma 19fi 500 uwwisu bishaan rooba cim’isameefi laga jallisiin jalqabsiifameera jedhanii, kan jalqabsiifames aanaalee baddaa qofarratti ta’uufi aanaalee gammoojjitti hanqinni roobaa waan mudateef xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.
Omishni baranaa kan bara darbee wajjin walbira qabamee yemmuu ilaalamu baay’ina kilaastaraafi kunuunsa taasifameen daran fooyyee qabaachuu eeranii, sassaabbiin omishaa muraasni harkaan geggeeffamu bakka jirutti ogeessonni qonnaa ramadamanii akka harcaatiin hinmudanne deeggarsa ogummaa akka taasisan dubbataniiru.
Aanaalee baddaa tokko tokkotti hanqinni roobaafi mallattoon weerara awwaanisaa mul’achaa waan tureef qonnaan bulaan walitti fufiinsaan kunuunsa barbaachisu omishaaf gochuu qaba jedhanii, ogeessonni qonnaa akkuma baratame qonnaan bulaa bira dhaabatanii deeggarsa barbaachisu akka taasisan Obbo Abdulhakiim dhaamaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014