Keessummaan keenya har’aa Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti, Daarektara Inistiitiyuutii Qorannoo Afaan, Aadaafi Artii Oromoo ta’anii hojjechaa kan jiran Obbo Leeniin Quutoo Hamaadoo jedhamu.
Obbo Leeniin qorattoota, gorsitootaafi barsiisota aadaa Oromoorratti hojiilee guguddoo hojjetaniifi hojjetaa jiran ciccimoo keessaa isaan tokko yoo ta’an, gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa Kibxata darbe isaan waliin taasise kunooti.
Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Obbo Leeniin: Bakkin ittidhaladhe Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa, Ganda Wiiddanaatti. Barumsakoo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1fa hanga 6fatti bakkuma dhaloota kiyyaattin baradhe. Barumsa koo sadarkaa lammaffaa kutaa 7fa hanga 12fatti ammoo Magaalaa Baatuuttan baradhe.
Bara 2000 qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudheen bara 2001 Yunivarsitii Jimmaa seenee waggaa sadii booda damee barnoota Fookilooriifi Ofbarruu Oromoo (Oromo Folklore and Literature) jedhuun digrii tokkoffaadhaan eebbifame.
Dameen barnootaa kun aadaarratti waan xiyyeeffatuufi anis aadaa Oromoo keessatti waanan guddadheef jaajalaanan baradhe. Bara 2003 barumsa koo qabxii olaanaadhaan xumureen yunivarsitichatti hafee barsiisaa ture. Bara 2004 irraa eegalee ergan waggaa tokkoof barsiisee booda bara 2005 digrii koo lammaffaa (MA) yunivarsitichumatti jalqabee bara 2007 damee barnoota ‘Foklore and Cultural Studies’ xumuree eebbifame.
Yunivarstichatti istaafii wajjin ta’ee qorannoowwan gara garaa hojjedheera. Yeroon waraqaa qorannoo digirii koo tokkoffaa hojjedhee eegalee hojii qorannoo aadaa kana ummata keessa gad bu’ee hojjechaan ture. Kun ammoo barumsa, qorannoofi hojii kootti akkan milkaa’u na taasiseera. Waraqaan qorannoo koo digrii jalqabaa sadarkaa yunivarsitiitti dhiyeesseen 3fa ba’e.
Kun hojii qorannoo aadaa Oromootiif daran na kakaaseera. Hanga 2010tti Yunivarsitii Jimmaan ture. Turtii koo kanaan waggaatti yoo xinnaate qorannoo aadaa tokko gareedhaan hojjechaa turre.
Bara 2010 irraa kaasee Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaatti qorataa, gorsaafi barsiisaa akkasumas Daarektara Inistiitiyuutii Qorannoo Afaan, Aadaafi Artii Oromoo ta’een hojjechaa jira.
Bariisaa: Aadaafi duudhaan Oromoo jiruufi jireenya sabichaa qajeelchuu keessatti gahee akkamii qaba?
Obbo Leeniin: Aadaan hundi wantoota sadiirra marsa. Isaanis dhaloota, fuudhaafi heerumaafi du’a. Wantoonni sadan kunneen waan namoonni hundi jiruufi jireenyaan keessa lufan ykn darbaniidha. Dhaloonni ittifufiinsa ilmoo namaati, dhaloota itti fufsiisuuf ammoo fuudhuufi heerumuun dirqama.
Aadaa keessa seera ittiin bulantu jira. Kun aadaa keenya miti jechuun kun seera keenya miti jechuudha. Seerri aadaa keessaa bocamee aadaadhaan qajeelfama. Aadaa Oromoo keessaa tokko Sirni Gadaati.
Sirna Gadaa dabalatee aadaan Oromoo yeroo tumamu Oromoo qofa utuu hintaane ilmoo namaa hunda giddugala godhateeti. Aadaan Oromoo ilmoo namaa qofaaf utuu hintaane wantoota ardiifi samiif gidduu jiraniif akka ta’utti bocame.
Bariisaa: Sirni Gadaa kun laafuusaatiif sababoonni ijoo maal fa’i?
Obbo Leeniin: Sirana Gadaa umurii waggaa kuma ja’aa olii qabu kan cabse Sirna Fiwudaalizimii warri Awurooppaa addunyaa kana tokko goona jedhaniiti. Fiwudaalizimiin sirna addunyaan kun afaan, amantiifi alaabaa tokkoon akka bultu taasisuurratti xiyyeeffate ture. Moodeeliin biyyoonni Awurooppaa ittiin ijaaraman cafaquufi balleessuudhaani.
Itoophiyaanis kan ijaaramte akkaatuma Sirna Fiiwudaalii Awurooppaa sanatti. Sirni Gadaa cabuusaatiif sababni guddaan haala ijaarama Itoophiyaa ammayyaati. Oromoon cabuun, duudhaafi aadaasaa dhabuun ammoo cabuu Gadaatiin walqabata.
Gareen biyya kana amantii, afaan, aadaafi alaabaa tokkoon ijaarra jedhee ka’e deggersa horiifi meeshaalee waraanaa Awurooppaanotarraa argateen sirnichas cabse.
Warri Itoophiyaa ammayyoofte kan afaan, aadaa, amantiifi alaabaa tokkoon bultu ijaarra jedhan, jila Gadaarratti argamanii ”Gadaa moo mootummaadhaan bultu?” jedhanii gaafachuudhaan warra Gadaadhaan bulla jedhan adda baasanii miidhaa irraan gahaa turan. Warra mootummaadhaan bulla jedhan ammoo sirna abbaa lafaa jedhamuun muudanii sirnichi akka laafu ta’e.
Oromoon aadaasaa keessatti kan alaa isatti dhufe Oromoomsee waliin jiraachuu beeka. Oromoon akkuma orma Oromoomsee waliin jiraatu sirna, amantiifi yaada alaa isatti dhufe Oromoomsee akka isaa tolutti fudhata. Oromoon gaafa amantiileen ittidhufan amanticha Oromoomsee akka isaaf ta’utti ittiin bulaa jira. Amantiileen sirnicha laaffisaniiru. Ta’us, laafina Sirna Gadaatiif sababni ijoon Fiwudaalizimiidha.
Sirni abbaa lafaa Oromoorratti muudamus Oromoon Sirna Gadaa, aadaafi duudhaasaa dhoksaadhaan qabatee tureera. Jila Gadaas dhoksee qe’ee qe’eesaatti kabajaa ture. Bokkuun cituu hinqabdu, bokkuun yoo badde ni banna jechuudhaan bokkuu dhoksaadhaan walii dabarsaa ture.
Warri Fiiwudaalii yeroo baay’ee lafa gabbataafi baddaa bakka qabeenyi guddaan jirurratti xiyyeeffatanii waan turaniif Oromoo gammoojjii Booranaa, Gujiifi Karrayyuu jiraatu bira baay’ee hingeenye. Kanaafuu aadaan Gadaa Oromoo gammoojjii jiraatu kanneen biratti hafee eegamee har’a ga’eera.
Har’a waa’ee Sirna Gadaa warra Gadaa dhoksanii eeganii har’aan gahanirraa barachaafi qorachaa jirra. Gadaan dhiigaafi lafee Oromoo keessatti hafee har’a gahe. Gadaa jechuun waggaa saddeet saddeetiin aangoo walirraa fuuchuu qofa osoo hintaane akki Oromoon itti waliin jiraatu, dubbatu, nyaatu, dhugu, deemu, oolee buluufi addunyaa itti hubatu Gadaadha.
Aadaa dur dhiiban qorichi rakkoo addunyaa achi keessa jiraachuu danda’a jedhanii gama “UNESCO’fi ‘UN’n deebi’anii barbaadaa jiru.
Sirni Fiwudaalizimii qabeenyaa tuuluurratti xiyyeeffata. Oromoon ammoo horiin horooma hinqabne horii miti jedha. Horoomni namooma (humanity) isa jedhamuudha. Addunyaanis amma gara horoomaa ykn namoomaatti deebi’aa jirti. Kanarraa ka’uun Sirni Gadaa hambaa kiliyyaa ta’ee ‘UNESCO’dhaan akka galmaa’us ta’eera. Sirni Gadaa umurii waggaa kuma ja’aa ol kan qabu beekumsa ykn aadaa Oromoo ganamaati.
Erga sirni Fiwudaalii kufee as Itoophiyaa keessatti bara Wayyaaneetii kaasee Sirni Federaalizimii hanqina qabaatus hojiirra oolaa jira. Kanarraa ka’uun Afaan Oromoo hanqinoota hedduu qabaatus afaan barnootaa, miidiyaa, hojiifi mana murtii mootummaa naannichaa ta’eera.
Oromoo dabalatee saboonniifi sablammoonni biyyattii afaaniifi aadaasaaniitti akka fayyadaman, guddifataniifi beeksifatan ta’eera. Heerris walqixxummaa afaanii, aadaafi amantii sabootaafi sablammootaa mirkaneesseera. Oromoo dabalatee saboonniifi sablammoonni biyyattii mirga afaansaaniitiin dubbachuu akkasumas aadaasaanii guddifachuufi beeksisuu argataniiru. Sirni Gadaas deebi’ee mul’achuu jalqabe.
Sirni Gadaa ‘UNESCO’tti galmaa’uun qofti gahaa miti. ‘UNESCO’ hambaa kana yeroo galmeessu nama har’a lafarra jiruuf bu’aa maalii qaba gaaffii jedhu kaasa. Kanaafuu Sirni Gadaa kun kaariikulamii barnootaa keessa seenee hundumtuu irraa barachuu qaba.
Dur ummanni Oromoo yeroo Gadaan bulaa ture ummanni sadarkaalee Gadaa keessa jiruufi keessa darbuun waa’ee Gadaa barachaa guddata. Yeroo ammaa sirni kun Oromiyaa keessatti ittiin bulamaa waan hinjirreef sadarkaalee Gadaarraa barachaa deemuun hindanda’amu. Kanaafuu manneen barnootaa naannichaa keessa jiranitti Sirni Gadaa kutaa 1fa hanga 8fatti akka akaakuu barnoota tokkootti kennamu ta’eera.
Sirna Gadaa laafeefi cabee ture deebisanii guddisuufi jajjabeessuuf Manni Murtii Aadaas labsiidhaan hundaa’eera. Namoonnis Mana Murtii Mootummaafi Mana Murtii Aadaa keessaa kan barbaadanitti walhimachuu danda’a.
Sirni Gadaa sirnaan waan cabeef sirnaan deebi’uu qaba. Utuu mootummaan kana caalaa sirna Gadaatiif xiyyeeffannanii sirna dimokraasii ittiin ijaaruun ni danda’ama. Gadaan qabeenya uumamaa, naannawaafi mirga ilmoo namaa, daa’immanii, dubartootaafi bineensotaa waan eeguuf ykn kabachiisuuf heera keessattis hammatamuu qaba.
Seera Gadaa heera biyyaatti madaqsinee utuu ittifayyadamnee faayidaa guddaa qaba, rakkoolee hedduufis qoricha ta’a. Heeraafi seerota warra kaaniirra sirna Gadaa waliin walitti madaqsanii utuu ittifayyadamanii bu’aa gaarii buusa.
Bariisaa: Akkuma biyyaattuu sirni Gadaa Kaarikulamii barnootaa keessa galee akka irraa baratamuuf maaltu ta’uu qaba?
Obbo Leeniin: Sirna Gadaa akka koorsii tokkootti (Intirodaction to Geda System) jechuun kennamaa jira. Yunivarsitiin Bulee Horaa ammoo Sirna Gadaa sadarkaa digrii lammaffaa (MA)fi digrii sadaffaa (PhD)dhaan barsiisaa jira.
Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaas muummeewwan barnootaa hundatti akka koorsii tokkootti barsiisaa jira. Kaka’umsa namoota dhuunfaafi dhaabbilee barnoota dhuunfaatiin kun ta’uunsaa gaarii ta’us sirni kana utubu jiraachuu qaba.
Sirni Gadaa kun sirnaan yoo hinutubamne kaka’umsiifi fedhiin jiraateef qofa galma ga’uu hindanda’u. Kanaafuu Caayaan namoota kana walitti qabee Sirni Gadaa haala walfakkaatuun akka baratamu taasisu jiraachuu qaba. Sirni Gadaa kun haala walfakkaatuun dhaabbilee barnootaa hunda keessatti akka baratamu taasisuun murtoo siyaasaa barbaada.
Yeroo Sirni Gadaa mannee barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran kutaa 1fa hanga kutaa 8fatti akka akaakuu barnootaa tokkootti haa kennamu jedhamee murtaa’eyyuu mormiifi iyya miidiyaalee gara garaatiin tamsa’aa turan argineerra. Kun ilaalchi anatu sii beeka ammayyuu akka hinbanne agarsiisa. Oromoon ijoollee koon Gadaa barsiifadha jedhe.
Biiroon Barnoota Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’anii barattoonni naannichaa Oromiyaa kutaa 1fa hanga 8fatti jiran Sirna Gadaa akka akaakuu barnootaa tokkootti akka baratan taasisaniiru. Ministeerri Barnootaas Sirni Gadaa rakkoo biyyattiif qoricha ta’uu hubatee kaarikulamii barnootaa keessa galchee akka gosa barnoota tokkootti barattoonni afaan kamiuu akka irraa baratan taasisuu qaba. Gadaan Oromoofi Oromiyaa keessatti guddatee akka dagaaguuf dhaabbileen barnoota Gadaa bifa faffaca’een kennaa jiran bifa walfakkaatuun kennuuf qindoominaan irratti hojjechuu qabu. Kana dhugoomsuuf ammoo Caayaan jabaa dhimma kanarratti hojjetu tokko labsiidhaan hundaa’uu qaba.
Bariisaa: Seeronni Sirna Gadaafi Heera keessa jiran hariiroofi adda addummaa akkamii qabu?
Obbo Leeniin: Seeronni Gadaa keessa jiran jajjaboon heera keessatti hin ammatamne hedduutu jiru. Fakkeenyaaf akka sirna Gadaatti dubartiin tokko ulfooftee ykn mucaa garaatti baattee ji’a booda akkasumas deessee hanga ji’a ja’aatti hojii hundumaarraa bilisa taatee kunuunfamuu qabdi jedha.
Akka heeraatti ammoo da’umsaan dura ji’a tokko da’umsa booda ji’a sadiitti hojii jalqabdi jedha. Dubartii deessee ji’a sadii taateen hojii jalqabi jechuun hangam ulfaataadha. Sirni Gadaa waan hunda sirriitti ilaalee xiinxaleetu seera tuma.
Muuxannoo qabnu irraa ka’uun yoo ilaalu dubartiin tokko deessee ji’a sadiitti ka’ii hojii dhaqi jechuun daran ulfaataadha. Ji’a ja’a utuu turtee garuu dubartiin deesse waan hundumaanuu dandamattee hojjechuu dandeessi. Seerota akkasii heerarratti utuu hinbaasin dura aadaa keessa utuu ilaalanii gaariidha.
Heerri bosona ciruufi mancaasuun dhorkaadha jedha. Akka Sirna Gadaatti muka muruun safuudha, mukni muramus guyyaa muramuufi akka itti muramu qaba. Sirna Gadaa keessatti namni dhala godhadheen dhaloota itti fufsiisa jedhu muka hundeedhaan gara hingalchu, damee mukaas muree irraa hinfixu.
Akka aadaa Oromootti muka hundeedhaan gara galchuufi damee mukaa irraa qulleessanii muruun sanyii ofiitu cita jedhamee amanama. Seera Gadaa kana imaammataafi seerota biyyattii keessa galchuun ni danda’ama.
Ummannis kun aadaa kooti jedhee fudhata. Oromoon seerota Gadaatiin gaaddisa yaa’aa, seerota heeraatiin gaaddisa nyaaphaa jedha. Gaaddisa yaa’aa akka kan mataasaatti ilaala, akki gaaddisni nyaaphaa itti ijaaramaa dhufe seenaa mataasaa waan qabuuf akka seera aadaasaatti hin ilaalu. Seeronni Heera keessa jiran hundi Gadaa keessa jiru; seeronni Gadaa keessa jiran hundi garuu heerarra hinjiran. kanaafuu seeronni Gadaa guutuudha.
Akka Gadaatti lafti ulfoodha, yeroo mana ijaaranillee raamoon lafarra jirtu akka hinduuneef eeggadhu jedha. Seera Gadaatiin uumama lafa keessaafi lafarra jiru ajjeesuun safuudha. Seeraan warri lafti invastimantiif fudhatan garuu qabeenya uumamaa utuu mancaasanii argina.
Oromoodhaaf malkaan ulfoodha. Invastaroonni mootummaarraa eyyama argatanii damee hojii invastimantii adda addaarratti bobba’anii jiran garuu qarshii argatan malee qabeenya uumamaa mancaasaa jiran quba hinqaban. Kanarratti to’annoofi hordoffiin mootummaas laafaadha. Kanarraa ka’uudhaan lageen, haroowwaniifi ardaalee ulfoo hedduu itti dhabneerra. Akka Gadaatti wantoota ardiifi samii gidduu jiran kan uume Waaqa waan ta’eef Oromoon ni eega, ni kunuunsas.
Adda addummaan seera Gadaafi heeraas bal’aadha. Seerri mootummaa waraqaarra taa’a. Seerri Gadaa ummatarratti hojjeta; ummannis seera Gadaa kiyya jedhee kabaja, ni sodaata, ni safeeffata, ittiin bulas. Akka Gadaatti dubartiin amanamtuudha, Waaqatti aanti, hinsobdu jedhamee waan dhugeeffatamuuf yoo si himatte ragaan hinbarbaachisu.
Heera keessa kun hinjiru. Heerri ragaa barbaada. Seerri gadaa ammoo dhugaadha barbaada. Seera mootummaa keessatti ragaa tolfannaan sobaan waan barbaadde balleessuu ykn dhugaa ukkaamsuu dandeessa. Seera Gadaa keessa kun hinjiru. Abbaan murtii mootummaa utuma bakka dhugaan jirtu beekuu ragaa sobaan qindaa’ee dhufeef murtii haqa ykn dhugaa hintaane mura. Gadaa keessatti kan barbaadamu dhugaadha.
Mana murtii kootummaa keessatti horii argachuuf hojjeta. Mana Murtii Gadaa keessatti garuu Waaqa sodaachuudhaan dhugaaf hojjeta malee horii argachuuf hinhojjetu. Seera Gadaa keessatti dhugaan bu’uura waan hundaati. Kanaafuu heerri seerota Gadaa keessaa fudhachuu qabu hedduutu jiru.
Bariisaa: Sirni Gadaa cabuusaatiin miidhaan Oromoorras ta’e akka biyyaatti qaqqabe yoo jiraate?
Obbo Leeniin: Faranjiin tokko duudhaafi aadaa Oromoo kana ilaalee akka barreessetti, utuu yaadni ijaarsa biyyattii gara Kaabaatti wixinaa’ee gara Kibbaa dhufe kun Oromoo keessaa ka’ee biyyi kun yoona sadarkaa kanarra hinjiru. Utuu dhugaa Oromoon qabu ummatichaaf kennanii biyyi kun sadarkaa kanarra hinjiru; hedduu fagaattee deemtee wantoota biyyoonni addunyaa qaban qabaachuu dandeessi turte.
Biyyi kun akka guddinaan fuunduratti tarkaanfattu taasisuudhaaf walgaarreffannaan sabootaafi sablammootaafi qabeenya uumamaa mancaasuun dhaabbachuu qaba. Biyyattii rakkoolee hedduuf akka saaxilamtu kan taasise Gadaa Oromoo dabalatee duudhaafi aadaa ganamaatti jiraachuu ykn buluu dhabuudha.
Oromoon qabeenya uumamaa akka itti bulchu, itti eeguufi kunuunsu waan beekuuf bakka Oromoon jiru jiidhaafi bishaantu jira. Oromoon lafa jiidhaa filatee qabate osoo hintaane lafuma qabate eegeefi kunuunsee akka jiidhu godha. Seerri Gadaa qoricha biyya kanaati.
Yoo duudhaafi aadaa ganamaa Oromoofi sabootaafi sablammoota biyyattii ganamaatti deebi’uu baanne warri siyaasaa biyyattii walnyaachisaa deemu. Murnoonniifi namoonni dhuunfaa faayidaafi taayitaa barbaachaaf maqaa ummataatiin daldaluufi walitti buusuu barbaadanis saboonniifi sablammoonni nagaadhaan waliin jiraachaa jiru. Kaayyoon murnoota kanneenii akka fashalaa’u kan taasises aadaafi duudhaa sabootaafi sablammootaati.
Akka mootummaan dhufaafi darbaan biyyattii itti bulchaa tureef biyyattiin ni baddi turte. Gadaa Oromoo, adaafi duudhaa sabootaafi sablammootaatu biyyattii qabee kan har’aan gahe. Mootummaan kana beekee aadaafi duudhaa sabootaafi sablammootaa seerotaafi qajeelfamoota keessa galchee ittiin biyya kana bulchuu danda’uutu irra jiraata.
Rakkoolee sabootaafi sablammoota biyyattii gidduutti uumame kan mootummaan furuu dadhabe aadaafi duudhaa ganamaatiin furaafi araara buusaa kan jiran Abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaati.
Mootummaan waldhabdee saboota gidduutti uumame furuuf humna poolisii, waraanaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa itti erguudhaan dura saboonni sun duraan akkamitti waliin jiraatu jedhee ilaaluutu gaarii ta’a. Qawweedhaan nagaan bu’uu hindanda’u. Saboonni aadaafi duudhaa ganamaatiin akka waliin jiraatan taasisuun dhimma murteessaadha.
Mootummaan waraana hedduu bobbaasee saboota walitti bu’an gidduutti nageenya buusuu hindanda’u. Jaarsoliin biyyaa saboota walitti bu’an gidduudhaa walitti baba’uun saboota gidduutti waraana mootummaan qabbaneessuu dadhabe walitti araarsanii nagaa buusaa jiru. Mootummaan bakka saboonni walitti bu’anitti waraana erguurra saboonnis sun duraan akkamitti waliin jiraachaa turan jedhee ilaaluuakkaataa aadaafi duudhaa isaaniitiin akka walitti araaramaniif carraa kennuu qaba.
Bariisaa: Karoorri keessan gara fuulduraa maaliidha?
Obbo Leeniin: Karoorri koo inni jalqabaa barumsa koo digrii sadaffaa barachuudha. Yeroo ammaa kitaaba tapha ijoollee kan sadarkaa Dabballeetii hanga Kuusaatti jechaafi gochaan taphatan tokko qopheessee dhiyeenyatti maxxansuufan jedha. Kana malees kitaaba walaloo Afoolaa Oromoo tokko qopheessee xumuraan jira.
Aadaa, duudhaafi Gadaa Oromoorratti qorannoon taasisu ittifufuun barbaada. Artikilootan dhimmoota aadaa, duudhaafi Gadaarratti taasisus karaa ‘Online’ ummata biraan ga’uun fedha. Dhimmoota aadaafi Gadaa Oromoorratti artikiloota sagal barreessee karaa ‘online’ dubbistoota biraan gaheera.
Afaan Oromoos miidiyaarratti duudhaasaa ganamaa dhabaa dhufeera. Miidiyaaleen Afaan Oromootiin hojjetan hedduun duudhaa afaanichaatiin ala deemanii afaanicha balleessaa jiru. Afaan Oromoo miidiyaa keessatti asilummaa ykn duudhaasaa ganamaa dhabaa jira.
Afaan Oromoo miidiyaalee afaanichaan hojjetan baay’ee keessatti sirriitti hiikamaa hinjiru. Namni barnoota qalamaa hinbaranne hanga miidiyaa Oromoo dhaggeeffachuu dadhabuutti gahaa jira. Afaan Oromooti kan jennu Afaan maanguddoonni Oromoo barumsa qalamaa hinarganne dubbisuu ykn dhaga’uu dudanda’an ta’uu qaba.
Bariisaa: Adda waraanaatti duuluu Ministira Muummee duudhaa sirna Gadaa keessa jiru wajjin akkamitti ibsama?
Obbo Leenin: Sirna Gadaa keessatti Abbaan Gadaa ittigaafatamaa waa hundaati. Waraana jajjabaa Abbaa Duulaa waliin duulee kan duulchisu Abbaa Gadaati.
Duulli Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad taasisaa jiranis duula Abbaan Gadaa taasisuun walfakkaata. Gadaa keessatti Abbaan Duulaafi Abbaan Gadaa Duulanii duulchisuun injifannoodhaan galaa turan.
Sirna Gadaa keessatti dirree waraanaatti injifatamuun salphina waan ta’eef ministirri muummeenis duudhaadhuma kana keessatti waan guddataniif waraanicha akkuma Abbaa Gadaa duulanii duulchisuun dirreewwan waraanaa hedduutti injifannoo boonsaa galmeessisaa jiru.
Abbaan Gadaa duulee duulchisuun, lolee lolchiisuufi waraana hogganuun Gadaadhaan walqabata. Ministirri Muummee adda waraanaa deemuun xiiqiifi kaka’umsa guddaatu ummata keessatti uumame. Ergasii as ummanni biyyattii, hoggantoonni mootummaa biroofi namoonni bebbeekamoon biyyattii “Ministirri Muummee koo duulee ani sababan mana taa’uuf hinqabu” jechuudhaan bal’inaan waraanicharratti hirmaachaa jiru.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa ykn dhaamsa yoo qabaattan?
Obbo Leeniin: Aadaafi Gadaa Oromoo yeroo rakkinni tokko mudatu qofa barbaaduun sirrii miti. Aadaa, Gadaafi hayyuun Oromoo kan barumsa qalamaa barates ta’e hinbaratin yeroo hundumaa barbaadanii akka qorichaatti itti fayyadamuun barbaachisaadha. Abbootii Gadaas yeruma rakkoon tokko uumamu waltajjiirratti waamanii akka eebbisan gochuun gahaa miti.
Aadaafi Gadaa Oromoo heera, seeraafi qajeelfamoota adda addaa waliin walitti madaqsanii akka biyyaaf ta’utti itti fayyadamuuf qorachuufi qorachiisuun seera mootummaa naannoofi federaalaa keessa galchuun barbaachisaadha. Gadaan Oromoo yeroo rakkoon tokko uumamu qofa yaadatamuu hinqabu.
Namoonniifi murnoonni saba Oromootiif qabsoofna jedhanis waa’ee Aadaafi Gadaa Oromoo sirriitti beekuu qabu. Qorannoowwan Aadaafi Gadaarratti taasifamanis waraqaa eebbaa ittiin argachuu qofa utuu hintaane ilmaan keenya irraa baratanii aadaa, duudhaa, Gadaafi safuu Oromoo beekanii akka ittiguddatan taasisuurrattis xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Oromoodhaaf qabsaa’uun dura ofirratti qabsaa’uu qabna.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014