Finfinnee: Ongeefi weerara hawaannisaa sababa jijjiirama qilleensaatiin naannolee Itoophiyaa mudataa jiru hir’isuuf seektaroota dhimmichi ilaallatu wajjin hojjechaa jiraachuu Komishiniin Eegumsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa ibse.
Komishinarri komishinichaa Pirofesar Fiqaaduu Bayyanaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda kennaniin akka jedhanitti, Komishinichi miidhaawwan jijjiirama qilleesaa wajjin walqabatanii mudatan hir’isuuf akka biyyaatti seektaroonni adda addaa akka hojii qabatamaa hojjetaniif gama qindeessuufi deeggarsa kennuutiin xiyyeefatee hojjetaa jira.
Walga’ii dhiyeenya dhimma jijjiirama qilleessaarratti Iskootilaandi, Gilaaskootti taa’ameerratti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaachuu eeranii, walgahicharratti miidhaa jijjiiramni qilleensaa geesisaa jiru hir’isuufi magarisummaa jajjabeessuuf deeggarsa biyyoonni guddatan biyyoota guddinarra jiraniif gochuu qabanirratti waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.
Akka Piroofeesar Fiqaaduun jedhanitti, biyyoonni guddinarra jiran waliigaltee kaarboonii hir’isuuf taasisan milkeessuu cinaatti sagantaa gabaa kaarboonii (carbon market)tti fayyadamuun galii argachuu waan danda’aniif Itoophiyaanis kanatti cimtee hojjetaa jirti.
Itoophiyaan biyyoota guddataa jiran jalatti waan ramadamtuuf guddina industirii kana booda galmeessistu keessatti faalama qilleensaa olaanaa osoo hingeessisin ykn magariisummaa giddugaleefatte akka misoomtu waan barbaadamuuf deeggarsi maallaqaa yeroowwan adda addaatti nitaasifama jedhani, komishinichi deegarsa argamu kanaan piroojektoota wixineessuun gama seektaroota isaan ilaallatuutiin hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Komishinichi pirojektoota wixineessuu, hojiiwwan qindeessuufi mariisisuu cinaatti hojiiwwan seektarootaan hojjetaman hordofaa jiraachuus ibsaniiru.
Faalama qilleensaa hir’isuuf akka biyyaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabame daran jajjabeeffamee iittifufuu qaba jedhanii, rakkoolee jijjiirama qilleensaa wajjin walqabatee mudatuuf furmaata ta’uu kan danda’uufi komishinichis xiyyeeffannoo olaanaan dhimmicha keessatti hirmaachaa tureefi jiru ta’uu dubbataniiru.
Faalamni qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’aa waan dhufeef sababa kanaanis miidhaa olaanaa gahaa jira jedhanii, miidhaa hamaan kan ammaa caalu akka hingeenyeefi addunyaa mijattuu uumuuf namuu biqiltuun dhaabe jireenyasaa borii akka murteessitu hubatee kunuunsa barbaachisu taasisuufi qaba jedhaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014