Kaafamuu dhorka liqii baankotaa, tarkaanfii dinagdee bayyanachiisuu

Biyyi keenya ammaan tana waraana keessa jirti, waraana ummanni biyyattiifi mootummaan otoo hinjaalatiin ittigalan. Waraanni amalumasaatiin farra dhala namaafi dinagdeeti.

Qaamni shororkeessaan amma Itoophiyaarratti waraana bane ABUT, waggoota 27 aangoorra turetti dameelee hundaan gaaga’ama guddaa qaqqabsiiseera. Keessumaa gama dinagdeetiin qabeenya biyyattiin qabdu kaan saamee, kaan ammoo yeroo waraana bane kana keessatti barbadeesseera.

Shirri dinagdee dhaabni kun raawwate daran cimaa ta’uu kan hubate mootummaan Itoophiyaas karoorasaa laamshessuuf jecha yeroowwan adda addaatti tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa tureera. Kanneen keessaa dhorki liqii baankotarra kaa’amee ture isa tokko.

Waa’ee ka’uu dhorka liqii, galii qarshii biliyoona 123 walittiqabameefi kanneen biroorratti Ministir De’eetaa Maallaqaa Doktar Iyyob Takkaallinyiifi Ministir De’eetaa Galiiwwanii Aadde Masarat Masqalee tibbana Televizhinii Itoophiyaatiif ibsa bal’aa kennaniiru. Nutis isuma keessaa waan gabaabsinee qindeeffanne akka ittaanutti isin dubbisiisna.

Gaaffii: Hunda dura Duuluu Ministira Muummeefi injifannoowwan galmaa’aa jiran miira akkamii isinitti uume mee?

Doktar Iyyob: Duuluunsaaniifi injifannoon galmaa’aa jiru jijjiirama bu’uuraa kan argamsiiseedha. Asirratti waan ambaasaaddarri alaa tokko jedhe kaasuuf, otoon qo’annoo geggeessee nama lammii Itoophiyaa hintaane keessaa harki 99 ahaa, maal ta’e, akkamitti gara adda waraanaa deeme jedha. Miirri Itoophiyaa keessatti uume garuu daran waan addaati naan jedhe.

Dhuguma isin adda. Taatee hogganaa haala kanaan biyya jaalatu akka qabnu agarsiiseedha. Kun onnee nama hundaa keessatti waan tokko fideera. Kan dhimmi kun ajaa’iba itti hintaane ni jira jedhee hin yaadu. Akkuma agarres olola shororkeessaa ABUT garagalchuun ummatatti waan dhugaa agarsiiseedha. Haalonni akka jijjiiraman gochaa jirra. Murtii daran guddaafi nama gammachiisuudha.

Aadde Masarat: Ministirri muummee waan guddaa raawwatan. Gochasaanii kanaan waanti biyya caalu akka hinjirre mirkaneessaniiru. Biyya hogganuun kaan danda’amu hanga walabummaa biyyaa eegsisuun danda’ametti ta’uu waan hubataniif hoggansi cimaan isaan fudhatan gochaanis bu’aa galmeessisaa lammiilee Itoophiyaa hunda daangaa hanga daangaatti kan kakaaseedha. Hundi keenya hojii keenyarratti aarsaa kanfallee bu’aa galmeessisuuf kaka’umsa kan nuu uumeedha.

Gaaffii: Dhorki liqii daba dinagdee to’achuuf kaa’amee ture amma maaliif, akkamitti ka’e?

Doktar Iyyob: Gaaffii gaariidha. Adduma hundaan duulaa jirra. Adda dinagdeetiin hojii guddaan dinagdee kana sirnaan eeganii gama tokkoon qabeenya waraanichaaf barbaachisu akka hinhanqanne gochuu, qabeenya dabalataa gargaarsa namoomaatiif barbaachisu walittiqabuufi argachuu danda’uu; gama kaaniin ammoo bu’aa guddaan jijjiiramni kun fide keessaa inni ijoon waan dinagdeerratti dhufeedha.

Jijjiiramichaan dandeettii Itoophiyaa baasuu kan danda’e hojii riiformiiti. Hanguma biyya keenya eegnu riiformii kanas of eeggannaa cimaadhaan eegna. Ija tokkoon dunuukfannee rafuu qabna; dinadgeen waan murteessaa waan ta’eef.

Kanaaf gama kanaan yeroowwan rakkisoo kanneen keessatti otoo hojiin riiformii tokkollee walhinkaatiin akka deemu gochaa turre. Gama dhaabbilee misoomaa mootummaatiin, humna taaksii keenya guddisuutiin, jijjiirama bulchiinsa faayinaansiirratti galmaa’e, gabaa kaappitaalaa hundeessuuf jennaa bari. Kunniin hundi akkuma ittifufanitti jiru.

Kana jidduutti ammoo shira dinagdeerratti raawwatamu ilaalaa dursanii waan yaadame fashaleessuu barbaachisa. Kanaafis tarkaanfiileen sadarkaa sadarkaan fudhatamaa turaniiru. Dhorki liqii kun kan barbaachiseefis ta’e jedhamee gochi dolaaraayizeeshinii (gocha maallaqa doolaaraan miliqsuu) dinagdee hunkuteessuuf waan baay’eetu xaxamaa ture. Gocha kana kallattii ministirri muummeen kennneniin hojii qindaa’aa gareen dinagdee hojjeteen fashaleessuun danda’ameera.

Amma ammoo sochii dinagdee ilaalaa kanneen dameelee akka daldala alaafaan akka bayyanatan gochuu barbaachisa. Bu’uuruma kanaan Boordiin Baankii Biyyaa erga sirriitti mari’atee booda dhorka liqii kan kaase. Waraana qaala’ina gatii wajjin eegalle cimsinee ittifufna.

Ulaagaa of eeggannaa (reserve requirement) ol kaasneerra. Baankonni ulaagaa kana guutuu qabu. Gama kaaniin garuu sochii dinagdee murteessaa ta’eef akka oolchan gochuu barbaachisa. Fedhiin mootummaa baankotaafis galeera. Baankiin daba dinagdee kana keessa seenee argamnaan innis gantuu biraati jechuudha. Kana beekee of eeggannoo taasisa jennee abdanna. Kanaaf murtichi dameelee dinagdee kaan deebisanii dadammaqsuuf yaadamee kan murtaa’eedha.

Gaaffii: Gama galii walittiqabuutiin ji’oota afran darbanitti qarshii biliyoona 133 walittiqabuuf yaadamee biliyoonni 123 sassaabamuun ibsameera. Kun harka 90 ta’a. Kan bardheengaddaa yeroo walakkaataa ni caala. Akka karooraatti garuu xiqqoo hir’ateera. Kana akkamitti ilaaltan?

Aadde Masarat: Gama raawwii karooraatiin gaariidha jennee fudhachuu dandeenya. Taaksii biyya keessaatiin %97 ji’oota afran darbanitti kan walittiqabne. Kunis caalmaa qarshii biliyoona 9.7 qaba jechuudha. Gama taaksii gumrukiitiinis %86tu raawwatame.

SAMSUNG CAMERA PICTURES

Kunis qarshii biliyoona jahaa oliin caalmaa qaba. walumaagalatti kan bardheengaddaarra guddina qarshii biliyoona 16 qaba. Ida’amaan %92 milkeessine. Qarshii biliyoonni 123 kun karoorri hiixataan qabamee kan hojjetameedha.

Sababiinsaas, galii yeroowwan darban sassaabaa turre qofa walittiqabaa deemuun dhiibbaa dachaa amma biyyattii keessa jiru wajjin dandamachuu waan hindandeessisneef jalqabumarratti karoora hiixataa qabanne. Akkasuams haala qabamatamaa amma biyya keessa jiru yaada keessa galchinee hanga humniifi haalli mijaa’aan jiraatetti karooraa ol hojjechuu yaadna. Milkaa’inni kun kan argame hojmaataafi yaadama baramaarraa karaa adda ta’een waan deemneefi.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You