“Akka Sirna Gadaatti diina dheessuufi diina gargaaruun adabbii guddaa hanga du’uutti namarraan gaha” – Obbo Alamaayyoo Hayilee (Hayyuu Seenaa)

Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo baay’ee geggeessitoota waraanaa kan turan Oromoota. Yeroo baay’ee mootonni biyyattii ‘Nigusa Nagisti’ jedhaman teessoosaaniirra taa’u. Yeroo baay’ee kan biyyattii geggeessaa turan jeneraalota ykn abbaa duulaa (Raasota).

Fakkeenyaaf kanneen akka Raas Alii, Raas Walee, Raas Gugsaa, Raas Maariyyeen Oromoota geggeessaa waraanaa turaniidha jedhu Giddugala Aaadaa Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin.

Akka hayyuun seenaa kun jedhanitti, kan biyya bulchaa turan mootota utuu hintaane geggeessitoota waraanaa (Raasota). Aangoon geggeessitoota waraanaa (Raasotaa) akkuma aangoo Ministira Muummee ammaa kana.

Seenaa ammayyaa biyya keenya ammaatti yeroo dhufnu ‘Raas’ jechuun ministira muummee ammaa kana bakka. Yeroo baay’ee Oromoon hoggansa biyyaa keessatti tajaajila waraanaa kennaa tureera.

Waantota hunda tottolchee Oromiyaa Mootii Minilikiif kan kenne Raas Goobanaadha. Walloo tottolchee Minilikiif kan kenne ammoo Raas Alii ykn Raas Mikaa’eli. Waraana Itoophiyaa keessatti geggeeffamaa ture kallattii hundaan hogganaa, dursaafi wareegama guddaa kaffalaa kan ture ummata Oromooti.

Kanneen akka Qusee Dinagdee (Fitawuraarii Habta Goorgis/Abbaa Malaa) geggeessitoota waraanaa turan. Geggeessaa waraanaa ta’uun kun Sirna Gadaarraa dhufe. Akka Sirna Gadaatti waraana kan geggeessu Abbaa Gadaati jedhu.

Sirna Gadaa keessatti Raayyaan Waraanaa kutaalee guguddoo sadii qaba. Isaanis: Raayyaa waraanaa garee Foollee, Raabaafi Gadaan geggeeffamuudha. Abbaan Gadaa warra sadarkaa biyya geggeessuurra jiraniidha. Bakka Abbaan Gadaa hinjirretti gareen waraanaa biroon gargaartota mariidhaan duularratti hirmaataniidha malee geggeessitoota miti. Geggeessitoonni waraanaa warra Gadaati.

Abbaan Gadaa tokko korma buttaa qaleetu korma buttaa gad lakkisa. Erga korma buttaa gadlakkisee booda duulaaf ka’e jechuudha. Abbaan Gadaa duulatti bobba’uun dura ni obsa, ni gorsa, gaadduu itti ergee diinaafi nama nagaa erga adda baafatee booda duulatti seena.

Garee duulatti seene kan geggeessu Abbaa Gadaati. Abbaan Gadaa tokko yeroo gara waraanaa ykn duulaa deemu biyya koo, mana koo, dhala koo hinjedhu. Waan hundayyuu warra Dooriitti imaanaa kennatee deema. Dooronni qe’ee maatiifi horiisaa ni eeguuf. Abbaan Gadaa warra Gadaafi Kuusaarra jiran waliin gara waraanaatti socho’an jedhu Obbo Hayileen.

Akkuma Abbaan Gadaa dur Gadaa keessatti raawwachaa ture Doktar Abiyyi Ahmadis har’a waraana yeroo ammaa biyyattiitti geggeeffamaa jiru ana waliin ka’aa jedhanii gara adda waraanaatti duulanii waraanicha geggeessaa jiru. Ummanni biyyattiis waamichasaanii fudhatee gara dirree waraanaa ykn diinni jirutti duulaa jira. Hundumtuu biyyaafi ummataaf jecha lubbuusaa utuu hinmararfatiin waraanicharratti hirmaachaa jira. “Sirna Gadaa keessatti Oromoon oggaa gara waraanaatti imalu duubasaa garagalee hinilaalu. Haati warraas yoo kuftellee dugda duubaan diinni si hinrukutiin jettee geggeessiti” jedhu.

Ittidabaluunis akkana jedhu, Sirna Gadaa keessatti dubartoonni nagaas, waraanas ni labsu. Dubartoonni Siinqee qabatanii gamasii gamana dhaabbatanii dhiironni ulee Siinqee gidduu gugguufanii akka darban taasisuudhaan ililchaa oofkali jedhanii waraanatti ergu. Diina baqachuun, dugda duubaan rukutamuun hiree dhiiraa miti. Duubaan rukutamanii du’uun aadaa Oromoo keessatti qaanii guddaafi lugnummaa ykn sodaa agarsiisa.

Dhiirri waraanarratti dugda duubaan rukutamee du’e dubartiitu itti boo’ee awwaala. Kanaafuu Oromoon waraanarratti diinasaa hindheessu ykn hinbaqatu jedhu. Kan diinasaa dheesse jireenya hawaasummaa keessatti qoqqobbiitu irra gaha. Kan baqateefi garee diinaa gargaaru adabbii guddaatu irra gaha.

Dhiirri waraanarratti fuunduraan rukutamee du’e garuu reeffisaa achumatti hafa malee hingalu. Waraanarratti fuunduraan rukutamuun mallattoo jagnummaati.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad, miseensonniifi geggeessitoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa waraanicharratti hirmaachaafi geggeessaa jiranis hedduun aadaa Oromoo kana keessatti dhalatanii waan guddataniif gootummaadhaan duulicha geggeessaa jiru.

Oromoon waraanarratti duubatti deebi’uu hinbeeku. Abbaan Gadaa tokko duuluu dhiisee duubatti yoo dheesse abbaa bokkuutu ka’a. Abbaan Duulaa waraana keessatti gahee guddaa qaba. Akka yeroo ammaatti abbaan duulaa geggeessaa waraanaati ykn akka ministira muummee ammaati. Waraanarratti argamee adda durummaan waraanicha kan geggeessu Abbaa Duulaati.

Sirna Gadaa keessatti waraanni tokko yoo hinmilkoofne ta’e Abbaan Bokkuu waraana ittaharii waamee ummanni waraanicharratti akka birmatu taasisa. Waraanni Bokkuu jalqabe jechuun ummata hundumaatu irratti hirmaata jechuudha. Waraana kanarratti Abbaan Bokkuu, Abbaan Duulaa, Abbaan Gadaa irratti ni hirmaatu. Waraanicha adda durummaan kan geggeessu ammoo Abbaa Gadaati. Waraana kana keessatti hundumtuu Raayyaa Abbaa Gadaa ta’ee hirmaata. “Duula ittahariirratti (kitatii) hunduu waan hirmaatuuf injifannoodhaan galuun shakkii hinqabu”.

Duulli Ministirri Muummee yeroo ammaa gantoota biyya weeraruu, saamuufi mootummaa giddugalaa diiguuf socho’an dhabamsiisuuf taasisan duula ittahariitiin walfakkaatuudha. Ummanni Oromoos garee shororkeessaa kana ofirraa ittisuuf tokkummaasaa jabeeffachuu qaba. Akka Sirna Gadaatti diina dheessuufi diina gargaaruun adabbii guddaa hanga du’uutti namarraan gaha.

Utuu duulli maanguddootaafi hayyoota irratti hirmaachisuun waa’ee nageenyaarratti mari’atanii araara buusuun danda’ama. Waraanni tokko yoo dafee milkaa’uu baate Abbaan Bokkuu bokkuusaa lafaan tuqee kaanaan kan manatti hafu hinjiru, hunduu gara adda waraanaatti duula.

Duula haala kanaan adeemsifamu booda kan jiru ammoo injifannoodha. Raayyaan injifatee yeroo fardaan dannabsee dhufu dannabaan deebi’e jedhama. Ummannis goota waraanicharratti hirmaatee injifannoodhaan ykn mirgaan gale sana gammachuu guddaadhaan simata.

Yeroo baay’ee warri Dooroma keessa jiran hinduulani. Dooromni warra umuriinsaanii waggaa 40 hinguunneedha. Gadaan ammoo warra umuriinsaanii waggaa 40 keessa jiruudha. Yeroo baay’ee kan duulan warra Raabaa, Gadaafi Kuusaa keessa jiraniidha. Warri Doorii Gaammeefi Dabballee hinduulan.

Warri dooroma mana, qe’eefi horii eegu. Warri duulan Dooramoon karraafi ilmoo sittan dhiiseen godaanewoo jedhanii weeddisaa deema. Warri Gadaa karraafi ilmoosaanii walaannaasaa ykn kan isa booda jirutti dhiisa. Kan maatii, horiifi qe’ee eeguu akkasumas qonna qotu walaannaa Abbaa Gadaati. Waan hunda kan hojjetuufi raawwachiisu warra manatti hafeedha.

Ministirri Muummees waraana yeroo ammaa geggeeffamaa jiru adda durummaan geggeessuuf gara adda waraanaa deemaniiru. Kanneen humna qabaniifi umuriinsaanii waraanaaf ga’een addicharratti wal haa agarru, kanneen manatti hafan ammoo dinagdee biyyattii akka tiksaniif ergaa dabarsaniiru.

Waanti Doktar Abiyyi labsan waanuma Gadaa keessa jiruudha. Biyyi keenya carraa karaa nagaatiin rakkoo nageenyaa uumame hiikuu bira dabartee gara humnaatti ceeteetti. Biyyoonni addunyaa gara Lixaas kallattii ummanni Itoophiyaa barbaaduun dhaggeeffachuu hinbarbaanne.

Hanga humni garee ABUT laafutti ofirraa ittisuufi diina kana bakka jirutti rukutuun barbaachisaadha. Kana seerri Gadaas ni deggera jedhu. Duula kana ummanni Oromoos Raayyaa Ittisa Biyyaafi Ministira Muummee waliin irratti hirmaachaa jiraachuus eeraniiru.

Gareen ABUT waggaa 27f ummata biyyattii dararaa ture erga aangoorraa geggeeffamee boodas deebi’ee ummata biyyattii bituu, dararuufi gabroomsuu barbaada. Kaayyoo gareen ABUT qabatee socho’aa jiru kana ummanni Oromoos ta’e biyyattii hinfudhatu, yeroonis hineeyyamuuf.

Gareen kun araaraa didee humnaan waan dhufeef humnaan ofirraa deebisnee mirga keenya kabajchiisuun dirqama nurraa eegamuudha. Hunduu bakkuma jirrutti nageenya ofiisaa, maatiifi naannawasaa dammaqee eeguu qaba. Warra daandiirraa maqe karaatti deebisnee biyyattii rakkoorraa baraaruun dirqama nurraa eegamuudha.

 Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You