Aadaa uffannaa dubartoota Oromoo Walloo keessatti faaya aadaatiin miidhaguun waanuma baramaadha. Faayaawwan aadaa dubartoonni Oromoo Walloo uffatan miidhaginasaanii ibsuun ala hiika dabalataa hedduu qaba. Faayi aadaa Wallootti durbi durba qarree ta’uu ishee agarsiisuuf fayyadamtu jira. Kan kaadhimaman ta’uu mul’isuuf fayyadamanis jira.
Fakkeenyaaf, akka aadaa Oromoo Wallootti uffata Dungusaa jedhamu kan uffatan shamarran kaadhimaman qofa. Durba uffata Dungusaa jedhamu uffatte qeerroon kaadhimachuufis ta’ee akka Gaarayyuutti waliin turuuf hinilaallatu. Dargaggeessi mallattoo kana darbee argame akka waan seera cabseetti ilaalama.
Akka aadaa uummata kanaatti mirga dubartii dhiibuun yakka cimaadha. Kan aadaafi safuu kana darbee argame hawaasa biratti kabaa hinqabu. Nama naamusa kana cabsee argametti durbi hinheerumtu. Maatiifi gostis durba itti hinheerumsiisu.
Torbiinis faaya aadaa shamarran Walloo ittiin of faayaniidha. Torbiin qabattoo adii gogaarraa hojjetamu kan durbi mudhiitti akka sabbataatti hidhattuudha. Yeroo baay’ee faayi kun kal’ee gogaa re’eerraa hojjetama. Torbii durbi hundi hingodhattu. Akka aadaa durba Oromoo Wallootti, durbi Torbii kan hidhattu Gaarayyuu qabaachuushee mul’isuufi.
Gaarayyuun hiriyaa dhiiraa durbi osoo hinheerumin qabattuudha. Hiriyaa dhungoo ykn hiriyaa mudhii olii jedhamee beekama. Gaarayyuun durba akka Gaarayyuu taateef wajjin walquunnamtii saalaa gochuu hindanda’u.
Durbi gaafa heerumtu yoo durbummaa hinqabaanne Gaarayyuun akka ittigaafatamu Barreessaafi Namni Siyaasaa Yaasoo Kabbabaa Hordofaa jedhamu qorannoo taasiseen hubachuu eereera.
Faayidaan Torbii inni biraan, bareedina mudhii ni ijaara jedhamee yaadama. Torbiin dubara mudhiinshee akka mudhii sonsaa fakkaattu taasisa jedhamee yaadama. Wallotti ijaarsi qaama durbaa (posture) daran leellifama. Odeeffannoon OBS irraa argame ibsutti qal’inni mudhii durbaa keessaayyuu sirbaanillee yeroo baay’ee ibsama.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014