Waan jedhan ykn karoorfatan hojiitti hiikuun kan beekaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad Wixata darbe galgala haala wayitii sababeeffachuun mataduree, “Maqaa bilisummaa ‘Itoophiyaa’ jedhamu eegsisuuf amaanaa seenaatu nurra jira” jechuun ergaa cimaafi seenaqabeessa ittaanu dabarsaniiru.
Qaqqaaliiwwan ijoollee biyya kiyyaa, kabajamtoota michuuwwan Itoophiyaa, Itoophiyaan biyya wareegummaafi gootuummaa ijoolleesheetiin kabajaafi bilisuummaashee eegsiste jiraatteedha; kanas michuuwwaniifi diinonnishee ni beeku.
Warreen daangaashee ugguruuf yaalan irreeshii arganiiru. Warreen isheerratti gantummaa raawwataniif barnoota barbaachisaa kennuu, kanneen duubaan ishee waraanan ammoo adabbii murteessaa adabuun beekamti.
Kabaja birmadummaafi bilisummaa baroota kumaatamaaf goonfattee kennaan hinarganne; gatii malee bilisummaa utubanii eeguun waan hindanda’amneefi; maqaan bilisummaa Itoophiyaa jedhamus gatiin dhiigaa itti kaffalamee, gootonni ciccimoo itti wareegamaniiru.
Abbootiin seenaadhaan isaan beeknu bulchiinsaafi ilaalcha siyaasaatiin gargar, ilaalcha mirgaa, haqaafi walqixxummaanis gargar, bakka birmadummaa, bilisummaafi tokkummaa daangaa Itoophiyaan garuu garaagarummaa hinqaban turan. Heddummina afaanii, sabaafi gosaa qabaatanis kutannoo na tuqnaaan tokko isaan taasisa. Fedhiin dhuunfaasaanii hangam walirraa fagaatus, wayita diinni waloo dhufu Itoophiyummaansaanii gararree dhuunfaasaanii taa’a.
Duriis tahe har’a fedhiin tokko tokkoo keenyaa, jireenyi hunda keenyaa Itoophiyaa gadi; niti jiraannee Itoophiyaan du’uurra, nuti duunee Itoophiyaan akka jiraattu barbaadna.
Kan hunda keenyaa kan taate, bilisummaafi haqni itti tasgabbaa’e, olaantummaafi bilisummaasheetiin addababa’ii addunyaarratti biyya waamamtu akka qabaannu hawwii keenya.
Itoophiyaadhaaf guddaa hawwuun, akka mataan biyya teenyaa ol jedhu barbaaduun, waggoota sadan darban hanga humna keenyaa waan hunda raawwannerra.
Siyaasni biyyattii walajjeesuurraa gara qabsootti akka jijjiiramu qabsoofneerra; Itoophiyaan kan hunda keenyaati jennee namoota biyya ormaatti jooraa turan hunda akka galan yaalleerra. Kan darberraa waan gaarii fudhanne, kaanimmoo dhiifamaan sirreessuuf sochooneerra. ‘’Jaalalaan haa ida’amnu, dhiifamaan haa ceenu’ jenne boqonnaa haaraa saaqneerra.
Dallaa walqoodinsaafi jibbinsaa diigne, riiqicha obboolummaa sabdaneessummaafi Ida’amu ijaaruuf waan waadaa waliigalle gara qabatamaatti hiikuuf hanga humni keenya heeyyame hojjanneerra.
Dinagdeen akka bayyanatuufi jijjiramni caaseffamaa akka dhufu; sirni abbaa seerummaa akka fooyya’u; qabsiinsi mirga namoomaa akka sirratu, qajeelfamni hariiroo alaa ollaarratti kan xiyyeeffate akka tahu qabsoofneerra. Kanneen hunda keessatti akka namaatti ifaajneerra. Akka namaattis dhamaaneerra.
Tokkummaa sabdaneessummaa Itoophiyaan, kabaja Itoophiyaafi guddummaa Itoophiyaan garuu hanga tokkollee gadi jennee hinbeeknu. Itoophiyaan biyya si’oomtuudha; kan kaleessaasheerraa kan boru isheetu guddaadha. Gadadoo keessa darbuun gahumsa bubbuleedha. Rakkoo amma mudate biras ni dabarra.
Itoophiyaan injifachuunshee hinoolu. Amma Itoophiyaa baraaruuf morki xumuraarra irra. Diinonnii keenya keessaafi alaan qindaa’anii nurratti duulaniiru. Gartokkoon diinonni seenaqabeessi ishee fedhiifi daandiishee qofaan Itoophiyaa guddattu akka hinarginee, ulee badii aggaamaniiru.
Itoophiyaan karaa Afrikummaatiin yoo kaate, kaate yoo injifatte, sana booda eenyuufuu kan hindeebine taati. Daandii Afrikaanummaa guufachiisuuf meeshaalee badiin hunda hiriirsaniiru. Diinonni keenya keessaafi alaa jabeenyasaanii dadhabina Itoophiyaarratti ijaaruuf ka’aniiru.
Fedhiin Itoophiyaa qabanii darbu malee kuffisanii darbuu hinturre; kanaafi imaammanni hariiroo alaa caalaatti ollaarratti kan xiyyeeffaye akka tahu kan taasifame; qabsoon kun qabsoo ummattoota gurraacha hundaaati.
Itoophiyaa jilbeeffachiisanii, ummata gurraacha qaanessuufi waanjoo gita bittaa haaraa fe’uuf daba xaxamaa jiruudha. Ummattoonni gurraacha seenaa, aadaa, eenyummaafi kabaja akka hinqabaanne ta’e jedhanii qabsoo mataa gadii qabsiisuuti.
Duulli Itoophiyaarratti baname kun Itoophiyaa jilbeefffachiisanii ummattoonni gurraachaa fakkeenyummaa bilisummaafi injifatummaa akka hinarganne duula baname tahuu isin yaadachiisuun barbaada.
Kabajaafi olaantummaa ummata gurraachaaf jedhaatii, afuura Paan Afrikaatiin, ummattoonni gurraachi hundi Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan waamichan dhiheessa.
Xumururatti qabsoon kun qabsoo Lammiilee Itoophiyaa hundaati. Qabsoo Ijoolleen keenya biyya akka qabaatan kan taasifamu dha.
Ijoolleen kabajaafi bilisummaa gonfatani, adabbaba’ii addunyaarratti onneen guutuun ol jedhanii akka deeman qabsoo taasifamuudha. Addunyaarratti maqaa kabajaan itti waamamnu akka qabaannu qabsoo taasifamuudha.
Qabsoo jiraachuufi jiraachuu dhabuu keenya kan itti murteessinuudha. Shakkii tokko malee ni injifanna. Itoophiyaa yaamanii injifatamuun goonkumaa waan hin yaadamneedha.
“Yeroon biyya aarsaadhaan hogganuun barbaachisu amma. Kana booda ittisa adda waraanaarraa hogganuuf borurraa qabee gara dirree qabsoottin duula.
Ijoollee Itoophiyaa seenaan dinqisiifatu keessaa tokko ta’uu kan barbaaddan marti biyya keessaniif jecha har’uma ka’aa; adda waraanaatti walhaa agarruu.
Qaawwa duuluun keenya uumu warri hafan humnasaanii guutuun haguuganii hojjetu. Hoggantoonni federaalaafi naannolee gara adda waraanaa hindeemne yeroo kamuu caalaa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa humnasaanii guutuun ni raawwatu.
Ga’eessonni malaafi tooftaadhaan naannawasaanii eegaa, maanguddoonniifi haadholiin kadhannaadhaan cimaa, namni hundi walta’ee mo’attummaa Itoophiyaa ni mirkaneessa.
Kana booda yeroo fagoo teenyee qeeqnuufi sirreessitoota taanu miti. Waan ta’uu qabu ofuma keenyaa haa raawwannu. Itoophiyaaf nu caala eessaayyuu hindhufuuf.
Maqaan Itoophiyaa jedhu maqaa mo’attootaa; mallattoo bilisummaati. Hinshakku, dhaloonni koo maqaasaa mo’ataafi mallattoosaa bilisummaaf gatii barbaadamu baasee Itoophiyaafi Itoophiyummaa galmee kabajaarratti qalama warqiitiin ni maxxansa.
Galatoomaa!!
Itoophiyaan tattaaffii ijoolleeshiitiin kabajamtee bara baraaf haa jiraattu!!
Uumaan Itoophiyaafi ummatashii haa eebbisu!
Kutaa qopphiitiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014