“Diinas waraanaa, egeree ummataatiif hojjechuu qabna” -Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa

Hoggansi ogummaa barbaada. Namni tokko tokko hoggansa yeroo gabaabaatiin bu’aa qabatamaa fiduun jaalalaafi kabaja ummatasaa biraa argata. Keessummaa Bariisaa maxxansa kanaas hayyuu yeroo gabaabaa keessatti seektaroota garagaraa hogganuun bu’aa qabatamaa fidaniifi wayita ammaa ministirummaan hojjetaa jiran isinii dhiheessina. Keessummaan keenya Ministira, Ministeera Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaati.

Bariisaa: Doktar, mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Eessatti dhalattanii guddattan, barattan, eessafaa hojjetan?

Doktar Habtaamuu: Hayyee, Doktar Habtaamuu Ittafaa Galataan jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Qeellam Wallaggaatti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa naannawuma dhalootakootti, sadarkaa lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Ayirattin baradhe. Digriikoo jalqabaa Yunvarsiitii Arbaaminci, Inistitiyuutii Teknolojii Bishaaniitti, injiinariingii bishaanii damee jallisiitiinin xumure.

Isaa booda waggaa afran tokko Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Biiroo Bishaanii keessa pirojektiirra hojjedheera. Ittaansuun Yunvarsiitii Arbaamincitti deebi’ee barsiisaa ta’ee waggaa lamaaf hojjedhee digriikoo lammaffaa baradhe.

Isa xumureen ogummaa kootiin waggaa tokkoof hidha Tandaahoorratti hojjedhee, ‘PhD’ barachuuf gara Jarman deeme.

Ergan barnootakoo achitti xumuree booda biyyatti deebi’een Yunvarsiitii Saayiinsiifi Teknolojii Finfinneetti pirofesara gargaaraa ta’ee mindeeffame. Yeroo sana nan barsiisas diinii ‘School of Civil and Architecture’ ta’ees hojjetaan ture. Akkasumas pirezdaantii ittaanaa yunvarsitichaa ta’ee waggoota lamaaf hojjedheera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi, wayita Ministira Saayinsiifi Teknolojii turan waan na beekaniif wajjin Oromiyaa deemnee hojjenna jedhanii na gaafannaan, anis tole jedhee waliin gara Oromiyaa dhufe.

Hogganaa Ittaanaa Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa ta’ees ji’oota ja’aaf hojjedheera, Doktar Abiyyi hogganaakoo ture. Isaa boodammoo Daarektara Olaanaa Abbaataayitaa Daandiiwwan Oromiyaa ta’ee waggoota lamaafiin hojjedhe. Achii ba’eemmoo gara waggoota lamaafi walakkaammoo Hogganaa Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa ta’ee ergan hojjedhee booda hundeeffama mootummaa isa alanaatiin amma Ministira Ministeera Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa ta’ee hojjedheera.

Bariisaa: Yommuu Oromiyaatti hoggansarra turtanitti pirojektonni daandii akkasumas, bishaanii haaraafi buleeyyii baay›een xumuramaniiru. Kanaanis ittiin jajamaa turtan. Mee sun maalirraa dhufe, waliigala turtii Oromiyaatti taasistan akkamiin yaadattu?

Doktar Habtaamuu: Utuu gara bishaaniitti hindhufiin dura Oromiyaafi Itoophiyaa keessa dubbiin jiru maali? jettee yommuu ilaaltu biyya kana keessa ummata fayyadamaa gochuuf inni jalqabaa pirojektii hojjechuu danda’uudha. Kan ummati nurraa barbaadus kana.

Namni sabasaa, ummatasaafi biyyasaa jaalatu pirojektii jireenya ummataa jijjiiru hojjeta. Pirojektii keessaammoo kanneen akka daandiifi bishaaniimmoo qabatamaadhaan jireenya ummataa kanneen jijjiiraniidha. Waggoota hedduu dura kan ummati keenya komachaa ture “ani fayyadamaa miti” kan jedhu ture. Kunis hamma isaaf gitu argachuu dhabuurraa kan ka’eedha.

Itoophiyaa kan tiksu ummata. Waantota guguddoo biyyattiitis utubaadha. Kanarraa ka’uuni egaa miirri fayyadamummaa dhabuu kan itti dhaga’ameef. Kunis waa lamaan ilaalamuu danda’a. Inni duraa qabeenyuma jiru ramaduufii dadhabuudha. Lammaffaammoo innumti ramadameyyuu seeraan lafa qabachuu dhabuutu ture. Harkifannaan, harcaatiin, dhibaa’ummaafi kkfn mul’achaa ture.

Kanarraa ka’uun Oromiyaatti pirojektii daandiis ta’e bishaan ittiin milkaa’uu dandeenye hojjenne. Pirojektichi akkamiin ummata bira akka ga’uuf waan addaa waan goone hinqabnu. Tokko hojjetaadhuma mariisisuudha. Onnee itti horuu, dubbiin akka galuuf gochuurratti hojjenne.

Nuti maaliif jiraanna, hojiin keenya maali, ga’ee keenya baanerramoo hinbaane isa jedhurratti yommuu mari’annu nama baay’ee keessatti xiiqiin uumame. Akkasumas ummatallee mariisisuudhaan ga’eensaa maal akka ta’e hubachiisneerra. Kun egaa milkaa’ina keenya isa guddaadha jechuudha.

Achi keessaammoo kan bishaanii adda. Gaafa ilaaltu bishaanuma dhiheessuu danda’uufi namni tokko bishaan dhugee yommuu dheebuu ba’u arguu caalaa waanti nama gammachiisu hinjiru. Daandii, gamoo ijaaruufi tajaajila kennitu kamuurra kan bishaanii laphee namaa gammachiisa.

Akka dhuunfaatti kana gootee dhiibbaa haadholiifi daa’immanirra jiru bira qaqqabuu danda’uun waan guddaadha. Keessumaa haadholiin keenya baadiyyaa keessaa qoraan cabsanii, abidda qabsiisanii, aarri ijasaanii jaamsee, dhukkuba sombaatiif saaxilaman qaqqabuu caalaa waan nama gammachiisu hinjiru. Kanaaf yommuu ilaalan xiqqaa fakkaata malee hiikaansaa guddaadha. Kanneen hubannee gaafa ummata hubachiisaa deemnu jijjiirama guddaa fiduu dandeenye.

Kanaaf milkaa’ina keenyaaf sababni inni jalqabaa hojii kan waloo godhachuudha. Abbaan hojii ebaluu duwwaa miti. Kan ummataa, kan hojjetaa, kan caasaa gochuudha. Caasaaleen mootummaa kanneen akka Maallaqaafi Misooma Dinagdee, konistiraakshinii, Waajjira Pirezdaantiifi kkf ammoo deggaruu qabu. Kana ta’uusaatiini egaa nutis milkaa’uu kan dandeenye.

Waan hojjetame ummatatti agarsiisaas deemnee. Kana keessatti hanqina qabnus osoo hindhoksiin, ciminaafi milkaa’ina keenyas akkasuma ibsaa hojii keenya raawwachaa turre. Akka waliigalaatti haala kanaan hojjechuun milkaa’ina argataa turre.

Bariisaa: Yeroo gara Oromiyaa dhaqxanitti keessumaa seekatarri bishaanii rakkoolee adda addaatiin xaxamee waan tureef kana akkamiin akka sirraa’u gootan?

Doktar Habtaamuu: Dhugaa dubbachuuf Oromiyaatti dhaladhee, Oromiyaan na guddistus keessa hojjedheen hinbeekuun ture. Yommuu Kabajamaa Ministira Muummeen na waamee waliin deemna jedhu haaraa natti ta’ee ture. Gaafan Oromiyaarra hojjedhee akkan hinbeekne ibsuufillee deemuun dirqama jedhee na fuudhee deeme. Deemees Ministira Muummeerraa waan baay’ee bareera. Maaliif inni hojii hunda gadi sitti dhiisa. Ji’oonni ja’an sun ji’a nuti itti qoramneedha jechuu nan danda’a.

Ittaantonnisaa namoota sadii turre. Ani bu’uura misoomaan hogganaayyu. Waa hunda numatu ilaalee murteessa. Milkaa’ina keenyaaf ammoo “jabaadhaa” nuun jedha ture. Yeroo sana misooma magaalaa keessa qormaatonni guguddoon baay’inaan hinturre. Garuu qormaata tures kan nurraa faccise ministira muummee keenya. Waan baay’eedhaan gaachana nuu ture. Kanaaf achitti ofitti amanamummaa horadheera.

Gaafan gara daandii deemus dhimmoota rakkisoo hedduutu ture. Rakkoolee kanneenis hiikuu dandeenyeerra. Kanas dhaqneetuma itti bu’uun osoo hintaane malaan ittideemne. Kaayyoon keenya haaloo ba’uu miti. Inni balleesse seeraan gaafatamuu mala ta’a. Garuu dubbicha achumatti dhiifnee sirreessinee gara ummataa akka deemu gooneerra. Kanarrattis deggarsi hoggansaa yeroosii guddaadha.

Wanti beekamuu qabu namni hundi daba hinqabu. Namoonni muraasni sirrii ta’uu dhiisuu malu. Kanneen sirrii ta’an garakee fidachuu danda’uu waan guddaadha. Kun milkaa’ina guddaa naa argamsiise.

Garuu balaafi akeekni guguddoon turaniiru. Hamma yeroo dhihootti yommuun biiroo bishaanii tureyyuu tureera. Sababnisaas waa namarraa fuuta; waan dabe sirreessuuf deemta, nama waan bare keessaa baasuuf deemta. Kunneen deemanii deemanii dhiibbaawwan garagaraa sirratti fiduun inuma jiraata. Garuu, keessa ba’uun danda’ameera. Kanaa olis hojjechuun inuma danda’ama.

Dhugaa dubbachuuf hojiin lama sadii nutti ta’eetu malee kana caalaa hojjechuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf dhimmi nageenyaafi hojiin siyaasaa hanga tokko waan nu qabeef malee kana caalaa waan tarsiimawaa ta’e hojjechuun ni danda’ama ture. Fakkeenyaaf daandiirratti Fandii Daandii Oromiyaa dhabneerra. Labsiisaa baasnee, danbiisaas xumurreerra. Garuu lafa hinqabanne. Kana bira taa’anii sochoosuu barbaada jechuudha. Fandii Bishaanii Oromiyaas dhaabneerra. Hamma yoomiitti kadhanna nuti. Oromiyaas ta’u Itoophiyaa keessa yommuu bishaan hojjetamu yeroo hunda kadhaafi liqiidhaani. Kana keessaa akkamiin baana jennee waan yaadne qabna.

Fandii bishaanii kana qarshii xiqqoo sassaabuudha. Namni tokko guyyaatti bishaan haayilaandii dhugurraa saantima 50 yoo kanfale, dhuma waggaatti qarshii biliyoonaan lakkaa’amu sassabuun ni danda’ama. Warshaaleerraas akkasuma.

Bishaan qofa osoo hintaane humna ibsaarraallee maallaqa olaanaa sassaabuun ni danda’ama. Kanaafiis labsiin qophaa’ee danbiinsaa kaabineedhaan murtaa’uutu harkifachaa jira. Kana bira teessee hordoofuu si gaafata. Akka waliigalaatti garuu hojjechuuf carraa guddaatu jira. Hojii kana sadarkaa biyyaaleessaattillee fiduuf karaan naa banameera.

Bariisaa: Turtii keessan keessatti milkaa’eera jechuu dandeessuu? Maal yaaddanii maal milkeessitan?

Doktar Habtaamuu: Oromiyaa keessatti waan baay’ee hojjechuun yaadan ture. Wantoota baay’ees milkaa’eera jechuu nan danda’a. Pirojektii hojjechuun kuteenyummaa qabaachuudhuma malee waan barameedha. Garuu akka fakkeenyaatti daandii yoo fudhanne fandii daandii dhaabuun anaaf tarsiimoo isa guddaadha. Lafa qabachuu haa dhabu malee guyyaa tokko inuma raawwatama.

Inni biraa dhimmoonni guguddoon lubbuu namaatiin walqabataniifi murtoo guddaa barbaadan ni jiru. Yeroo ummanni keenya Somaaleerraa buqqa’e gatii guddaatu kanfalame. Ummata keenya baay’eetu bakkee Bombaas jedhamutti miidhame. Baabbileedhaa ba’anii naanna’anii Cinaaksan deemuuf. Abdii Illeenfaa ummata keenya konkolaataarraa buusanii kan qalaa turan Bombaasitti. Yeroo sana murtoo guddaa murteessine keessaa tokko daandii Baabbilleedhaa gara Funyaan Biraa deemu meeshaa ijaarsaafi maashinii malee kaka’umsa ijoollee naannawichaatiin doozara muraasa kadhannee daandii hojjechuun akka namni keenya karaa Somaalee hindhaqne gochuu ture. Pirojeektiin biliyoonaan hojjenne caalaa kun anaafi guddaadha.

Lammaffaan, Godina Shawaa Bahaa, Laga Awaashirraa bakka Kombollee jedhamu Magaalaa Bootee keessa seeneetu jira. Ummanni naannawichaa aanaa afur ta’u laga Awaashiin ce’uuf utuu jedhuu nyaatame baay’eedha. Kanarratti dhaabbata ‘Help it Us” akka nu deggaru gaafannaan, qarshii hammanan isini gargaara, isinimmoo hammana fidaa nuu jennaan, nutis biiroodhaas ummatas kadhannee riqichi hojjetamee aanaalee afran sun walquunnamaniiru. Hojiin kun qarshiinsaa xiqqaadha; garuu namni bishaaniin nyaatamee du’uun hafeera.

Kanarraa kana hafe pirojektiiwwan guguddaa jalqabaman xumuruun anaaf hamma kanatti waan guddaa natti hinfakkaatu. Gara bishaanii gaafa dhufnus akkasuma pirojektiwwan hedduu hojjechuun ummanni akka bishaan dhugu gooneerra. Fakkeenyaaf Mi’oo-Gaasaaraa, Baalee keessa yoo ilaallee namni bishaan argachuuf lafa dheeraa deema. Kunis sababa rakkoo xiqqoo hiikamuu danda’u hiikuu dhiisuutiin kan ta’eedha. Wallagga Lixaa keessaammoo Magaalaan Gimbii rakkoo bishaanii hammaataa qabaayyu.

Magaalicha keessa harreen jarkaanii baattee deemtu karaa namatti dhiphisaa turte; amma sun furmaata argateera. Kana malees pirojektii guddaan kan akka Negellee ummata hunda bishaan obaasuu baatus namni baay’ee bishaan argateera.

Kana biraan ammoo abbootiin qabeenyaa Oromiyaa keessaa duraan waan haqni hinjirreef gabaa keessaa dhiibamaa turan. Amma garuu haqa uumuu dandeenyeerra. Amma ijaarsa pirojektii daandiis ta’u bishaanii yoo ilaalte baay’eensaanii ijoollee keenya. Kun hiikoonsaa guddaadha; egeree ijoollee keenyaafillee waan jabaadha.

Bariisaa: Milkaa’ina Oromiyaatti argattan kana guutuu Itoophiyaatti babal’isuuf akkamiin hojjechuu yaaddan?

Doktar Habtaamuu: Carraa guddaa ani bakka kanatti qabu, ministeerichi jijjiirama keessa jiraachuusaati. Ministeerri duraan Bishaan Jallisiifi Elektiriikii ture amma jallisiin keessaa ba’ee bishaaniifi inarjii ta’eera. Kanaaf kana akkaataa isaaf ta’utti deebisanii hodhuu gaafata. Riifoormii gaggeessuu barbaachisa jechuudha.

Caasaa dhaabbatawaasaas irra deebinee sirreessuu qabna; eegalleerras. Kan eegalle keessaa tokko caasaa (‘organogram’)dha. Kunis caasaa lafee humna guddaa, fooniifi lafee qabu. Kan deemee sochoosuu danda’u, humnaafi jabina qabu gochuun isa ijoodha.

Lammaffaan akkuma Oromiyaa keessaa sana pirojektonni harkifatan guutuu biyyaatti baay’eetu jiru. Kunneenis kanneen guutummaatti mootummaadhaan hojjetamaniifi kanneen deggarsa biyya alaatiin hojjetamaniidha. Isaan kunneen ykn caalbaasiinsaanii hinxumuramne, ykn waliigalteen xumuramus hojiinsaa hinjalqabne, ykn jalqabee harkifateera, ykn cirayyuu caalbaasiin hinbaane.

Kanaaf hunda dura kana adda baasne. Adda baasuu qofa miti, guyyaa guyyaadhaanis hordofuu eegalleerra. Fakkeenyaaf Dafinoo Dafinoo (Wixata) yeroo hunda ministir de’eetaawwan jiran waliin teenyee pirojektiiwwan dhimmoonni garagaraa irratti ka’an, Itoophiyaa keessa jiraniifi ministeera keenya jalatti hammataman qoranna. Kanaafis qaamni ittikennine hojjechaa jirra. Torbeesaattimmoo maalirra akka ga’e ilaalla. Damee inarjiirrattis akkanumatti hojjenna.

Kan biraa dhaabbileen nu jalatti waamaman jiru. Tokko, Inistitiyuutii Meetiworolojii Itoophiyaati. Dhaabbanni kun balalii biyya keessaafi alaatiif, qonnaaf, daandii xiyyaaraafi kkftiif odeeffannoo kan kennuudha. Kunis odeeffannoo wayitaawaa, ammayyaawaa, sirriifi qulqulluu kennuu akka danda’utti sirreessaa jirra.

Inni biraa ‘Ethiopain Water Insititute’ kan duraan mana leenjii turetu nutti waamama. Dhaabbanni kun teknolojii leenjisa. Fknf bishaan dhugaatiirratti, erga bokkaan mana keenyarratti roobe booda, mana keenyarraa bokkaan sun darbeetu laga bu’ee, lafa seena.

Erga inni lafa seenee booda egaa paampiidhaan harkifnee ol deebisuuf rakkanna. Kun hojii gowwaati jechuudha. Teknolojiin kun garuu namni waanuma xiqqoo hojjetee maaliif bishaan qabachuu hindanda’u kan jedhu adda baasuun qopheesseera. Kanaan walqabatee yommuu bokkaan roobu namni magaalaattis baadiyyaattis bishaan kuufate bona ittifayyadamuuf hojjetamaa jira. Kuusuu qofa osoo hintaane qulqulleessuunis barbaachisaadha.

Isaaf teknolojii qopheessuun barbaachisaadha. Utuu fagoo hindeemiin cirrachuma naannawaasaanii walitti qabanii bishaan kuusuufi qulqulleessuu akka danda’an gochuudha. Isa kuufamu kanammoo yoo boolli gadi fageeffamee qotame jiraate paampii gatii miyaadhaan alaa bituurra haala hawaasni waantotuma naannawaasaarraa hojjechuu danda’u barsiisuudha. Kunneen hunda adda baafnee of harkaa qabna. Haala kanaan abbaan warraa Itoophiya keessa jiru hundi teknolojii kanaan walbara jechuudha.

Bariisaa: Wayita ammaa godinaalee Oromiyaafi naannawawwan biyyattii tokko tokkotti ongeen mul’achaa jira. Kun teknolojiiwwan garagaraatiin fayyadamuunis ta’u furmaata waaraa akka argatuuf maaltu hojjetamaa jira?

Doktar Habtaamuu: Kanaaf furmaanni inni jalqabaafi salphaan durasanii odeeffannoo kennuudha. Kun waan addaa hinbarbaadu. Meetiworolojiitti fayyadamuudhaan ummanni dursee akka qophaa’uu gochuu barbaachisa. Yoo odeeffannoon dafee kenname fakkeenyaaf horsiisee bulaan horiisaa ni gurgurata ykn fuudhee iddoo sanaa deema. Naannawa lolaan itti baay’atummoo akka midhaan faca’e bokkaan fuudhee hindeemneef durasanii haala roobaa itti himuu barbaachisa.

Lammafaan kanin irranatti kaaseedha. Namni teknolojiitti fayyadamee yommuu bokkaan roobu bishaan cim’isee kaa’uu qaba. Kunis kan barbaadu maallaqa xiqqoo yoo ta’u, humni garuu guddaadha. Kanaaf ummanni humnaan of qopeessuu qaba.

Sadaffaan, murteessaafi humna guddaa gaafatummoo bishaan boollaa fayyadamuudha. Gammoojjiin biyyattii harki caalaansaa yoo ilaalame irra keessasaatu gammoojjiidha malee jallisaa bishaan ga’a qaba. Bishaan jiru kun hammami, fageenya hammamiirratti argama, qulqullinnisaa maal fakkaata, kanneen jedhaniifi kkf biroo qorannoo ni eegalla.

Kanaafis Baankiin Addunyaa deggarsa nuu taasisa. Kun egaa humna, maallaqa, qorannoofi yeroo barbaada. Hanga sanatti garuu wantoota ariifachiisaadhaan deggaruu barbaachisa.

Bariisaa: Akka waliigalaatti qabeenyi bishaanii Itoophiyaan qabdu hammami? Hammamtu hojiirra oole, hammamtu hafe?

Doktar Habtaamuu: Itoophiyaan sululawwan (beeziniiwwan) 12 qabdi. Kanneen keessaa sagal bishaan kan qaban yoo ta’u sadii gogaadha. Warreen bishaan qaban kunneen hammisaanii guddaadha. Kunis kan lafarraafi lafa jalaa jedha. Keessumaa amma beeziniiwwan Itoophiyaa Lixaatti argamaniifi Beezinii Abbayyaa ykn Naayilii jedhamuun beekaman qabiyyeedhaan bishaan guddaa qabu; qulqullinaanis hanga kanatti rakkina hinqaban. Rakkoonsaanii guddaan biyyee dhiqanii deemuusaaniiti. Wantoonni isaan baatanii deeman kunneen ammoo hidha keessatti kuufamu. Kunis dhiibbaa guddaa qaba.

Kun kan uumamuuf immoo sababa nuti sululawwan keenya hinkununsineefi. Muuxannoon biqiltuu dhaabuu waan hinbababal’anneef rakkinichi uumame. Isa sulula qiinxamaa keessa jiru yoo ilaallemmoo bishaansaa filooraayidii guddaa qaba. Bishaan irra keessaammoo baay’ee hinqabu. Inni kun dhiibbaa guddaadha. Karaa biraatiin qabeenyi guddaa nuti qabnu kan Awaash, Gannaalee Daawwaa, Waabii Shabaleedha. Kunneen warra bishaan baay’ee qabuudha.

Akka waliigalaatti yoo ilaalle biyyattiin bishaan ga’aa qabdi. Garuu akkaataan ittifayyadama, kununsaafi hoggansaa keenya rakkoo qaba. Kanarratti hojjechuu barbaachisa. Yoo kanarratti hojjetame qabeenyi qabnu biyya kanaaf mitii ollaa keenyaafuu ni ga’a. Qabeenya bishaanii keenya dhiisii bokkaanumti biyya kanatti roobuyyuu waan guddaa hiikuu danda’a.

Hojiin mootummaafi deggarsi alaa akkuma jirutti ta’ee hawaasni yoo bishaan kuufachuu danda’e, rakkoo bishaan dhugaatii qofa osoo hintaane hanqina jallisillee furuu dandeenya. Bishaan guddaa hanqina humna ibsaa nu mudachaa jiruyyuu hiikuu danda’u qabna.

Bariisaa: Duulli ashaaraa magariisaa waggoota muraasaa as eegalame rakkoo kana furuu keessatti qooda akkamii qaba?

Doktar Habtaamuu: Kun kanin duratti kaaseef sulula Abbaayyaafi Baaroo Akooboof galtee guddaadha. Bishaan guddaan kan deemu Gondarii kaasee hanga Iluu Abbaa Booritti. Lafti gabbataa jedhamus iddoodhuma kana. Duula ashaaraa magariisaa dursummaa ministira muummee keenyaan eegalameen waggoota sadan darban qofa biqiltuuleen gara biliyoona 15 dhaabuun danda’ameera.

Kanneen keessaammoo %80 kan ta’u laliseera. Jijjiirama qabatamaa isaan fidan waggaa lama sadii keessatti arguu hindandeenyu. Sababnisaa biqiltuun sun latee erga guddatee damee baasee booda yommuu bokkaan roobu lolaa qabachuu danda’uusaatu ilaalame jechuudha. Kanaanis jijjiirama arguun eegalameera. Bakkee gogaa jedhamurratti magariisa baay’ee arguun danda’ameera. Biyyoon baay’ees bakkeewwan kanneen irraa dhiqamaa hinjiru. Biqiltuuwwan yabbachuu eegalaniiru.

Hundaa ol immoo aadaan ummatichaa jijjiirameera. Amma biyya kanatti waa’ee biqiltuu dhaabuu daa’immantu dubbata. Yoo bokkaan roobe namni manasaa dura, daa’imman manneen barnootaasaaniitti biqiltuu dhaabuu shaakalaa dhufaa jiru. Inni kun hiikkoonsaa olaanaadha.

Bariisaa: Ministeerri keessan kallattiidhaan waa’ee hidha guddichaa ni hordofa. Mee amma ijaarsi hidhichaa maalitti jira? Haala qabatamaa biyyi keessa jirtuun walqabatee ijaarsisaa dhaabateera kanneen jedhaniif deebiin keessan maali?

Doktar Habtaamu: Hunda dura waa’ee hojii jiru dubbachuun dura hidhichi qabeenya ummata Itoophiyaa hundaa akka ta’een kaasuu barbaada. Namni ijaarsasaaf waan humnasaa hindarbatiin hinjiru. Kanaaf ummanni qabeenyasaa kana tikfachuuniifi waa’eesaa iyyaafachuun sirriidhuma.

Waan amma jiru kaasuuf, ijaarsi hidhichaa haala gaariidhaan deemaa jira. Bishaan marsaa lammaffaan waan guutameef dhiheenyatti gara humna maddisiisuutti ni gala. Kanaafis hojiileen elektiroo makaanikaalii muraasni hafan xumuramaa jiru. Inni akkuma dhumeen tajaajila kennuu kan eegalu ta’a. Yeroo sana ummanni keenya waan guddaa irraa argata.

Yoo xiqqaate meegaawaatii 600-700tu maddisiifama. Kun rakkoo ibsaa amma jiru furuurra darbee humna dabalataallee ni kenna. Kanarraa kan ka’e dameewwan garagaraatiin carraan hojii babal’achuu danda’a. Kanaaf amma wanti xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiru tarbaayinoota sana dafanii xumuranii humna akka maddisiisu gochuudha. Cinaasaattimmoo hidhaa ijaaruun ittuma fufa. Sababnisaas waggaa dhufus bokkaan waan roobuuf isa qabachuu danda’uu qabna.

Ijaarsi hidha kanaa akka addunyaatti qorumsa guddaa nutti fidaa jira. Amma waan addunyaan nutti duulaa jiruuf waan biraaf miti. Humna akkasii akka nuti qabaannu waan hinbarbaanneefi. Addunyaan keessumaa warri inaafan kan barbaadan akka harmootiin keenya qoraan duddatti baachaa jooraa hafan, ijoolleen keenyas sammuu sanaan akka guddataniifi. Hidhi haaromsaa kunimmoo fedhasaanii kana waan maseensuufitu karaa danda’ameen balaaleeffachaa jiru jechuudha.

Hidhi haaromsaa kun carraa guddaa nuu fidee dhufeera. Ni milkoofna; waan milkoofnees qabna. Firaafi diinas ittiin adda baasuunis danda’ameera.

Bariisaa: Sagantaa qabameen yoom humna kennuu eegala jechuu dandeenyaree?

Doktar Habtaamuu: Hidhi haaromsaa ijaarsisaa akkuma ittifufeetti jira, boodattis hindeebi’u. Sababnisaa pirojektii mootummaan kuteenyummaa guddaadhaan gaggeessaa jiruudha. Kanarratti ummanni shakkii keessa galuu hinqabu. Wanta amma keessa jirru wajjin walqabatee dubbiin birmadummaa biyyaa eegsisuu hojii of danda’eedha.

Kunis qaama of danda’een adeemsifamaa jira. Waan milkaa’aa jirrus qabna. Hidhi haaromsaas qaama hojjetamuun hojjetamaa jira. Gareen ijaarsaas akkuma kanaan duraatti hojjetaa jira. Rakkoon jiru maalii yeroo bokkaan roobu waan hidhichi guutamuuf dhimmi kun miidiyaarratti daran afarfama.

Miidiyaa warra masaanuu keenyaa dabalate jechuudha. Ammammoo bokkaan hinjiru, bishaan guutamuus hinjiru. Amma kan hojjetamaa jiru waa’ee humna kennuuti. Isa kanammoo masaanonni keenya milkaa’ina keenya waan hinbarbaadneef dubbachuu hinbarbaadan. Kanaaf waan dubbiinsaa qabbanaa’e fakkaata.

Kanaaf gaafa eegala jennee ibsuu hinbarbaannu. Gaafa xumurree ibsaa kennuu eegallu ummati keenya arguu danda’a. Kunis yeroo dhiyootti kan ta’uudha.

Bariisaa: Ministirri Muummee Itoophiyaa waraana hogganuuf Kibxata darberraa kaasee gara adda waraanaatti duuluunsaanii ni beekama. Hoggansi hafe garuu dachaa hojjechuun hojiilee misoomaa akka ittifufsiisuuf kallattiin kaa’ameera. Gama kanaan kuteenyummaan jiru maal fakkaata?

Doktar Habtaamuu: Dubbiin kun dubbii booree ykn xiiqiifi dubbii seexaati. Ministira muummee dabalatee hoggantoonni biroo gaafa adda waraanaa deeman inni asitti hafemmoo booree godhachuutu irra jira. Waa lamatu nurraa eegama. Tokko, diinas waraanaa, egeree ummataa hojjechuudha.

Bor iftaan akka mo’annu beekamaadha. Seektaroonni haala kamuu keessatti cimanii hojjechuu gaafatan ni jiru. Fakkeenyaaf qonna kaasuun ni danda’ama. Biyya kana keessatti qonni yoomiyyuu boodatti deebi’uu hinqabu. Amma Oromiyaatti waanti guddaa nama boonsuufi abdii namatti horu keessaa tokko hojii gama kanaan hojjetameedha.

Pirezdaantii naannichaa dabalatee hoggansi olaanaan dhimmicha hordoffiidhaan hojjechaa jira. Namni yoo waan nyaatu qabaate gadaantummaafi kadhaa keessaa ni ba’a. Warri amma bakkeedhaa nu rakkisan kan isaan itti nu dorsisan kanuma. Hiyyeessa waan ta’aniif gaafa waan nyaatan dhaban nutti dhufu jedhanii nu eegu. Akka bakka fagoo ga’uu dandeenyummoo omisha qamadii bardheengaddaa ilaaluun ga’adha.

Seektaroonni tajaajila kennan baay’een ummata tajaajiluu addaan kutuu hinqabne ni jiru. Galii, eeyyama garagaraa baasuu, bishaan, ibsaafi kkfn xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba. Kanaaf diina addatti ba’ee meeshaa nutti dhukaasutti, meeshaa itti dhukaasuuf kan qophaa’e jira. Inni hafemmoo hojiisaa amanamummaan kan duriirra dachaadhaan hojjechuun irra jiraata. Oggaa ministirri muummeen adda waraanaa deemee diinaan lolu nutimmoo asii hiyyummaarratti halkanii guyyaa boqonnaa, sanbata osoo hinjedhiin hojjechuutu nurra jiraata. Hoggansi sadarkaa federaalaarra jirru sadarkaa kanaan hubanneetu hojjetaa jirra.

Bariisaa: Seektarri keessan kallattiidhaan hidha haaromsaa wajjin waan walqabatuuf, humna keessaafi alaatiin dhiibbaan akka irra hingeenyeef akkamiin hojjetaa jirtu? Keessoo dhaabbata keessaniiwoo hammam xiyyeeffannaadhaan hordofaa jirtu?

Doktar Habtaamuu: Yeroo ammaa waraana isa diinni gammoojjii keessaa dhukaasu qofa osoo hintaane, kan biyya miidhuu danda’u qoraattii dhoqqee keessaati. Hojjetaadhuma mootummaa ta’ee guyyaa guutuu kan olola hintaane labsaa oolu ni jira. Qaama tokko moosisee tokkommoo mo’amaa fakkeessaa oola.

Akka ministeera keenyaatti nuti kana dursinee waan hubanneef leenjii hubannoo uumuu laanne. Haalli jiru maal akka ta’e hubatanii, waan irraa eegamu akka ba’ataniif jechuudha. Riiformiin walqabatee hojjetaan yaaddoo keessa seenee waan tureef isa qulqulleessuu yaalleerra.

Fakkeenyaaf Komishiniin Kishaaniifi Abbaataayitaa Sululaa diigameera. Kanarraa kan ka’e hojjetaan baay’ee komii keessa ture. Kanaaf hojjettoonni achi turan bakka hojjechuu danda’anitti ramaduun komii keessaa akka ba’aniif jijjiiramnimmoo kan hundaa ta’uu akka hubatan taaisneerra.

Kana qofa osoo hintaane waa’ee gaarummaa, walamanu, akkaataa waldubbisuu (communication) irratti leenjii bal’aan kennameeraaf. Waajjiraalee nutti waamamanii dabalatee kanneen Baahirdaar, Hawaasaafi Awaash Arbaa jiran dabalatee jechuudha.

Kanarraa ka’uun hojjetaan bakka hojiisa eeguurra darbee mindaasaa ji’aa Raayyaa Ittisa Biyyaatiif kenneera. Namoota sababoota garagaraatiin buqqa’aniifis waan qabu walitti guuruun kennuuf qopheesseera. Darbee darbee garuu hojjetaan diinaaf hojjetu ni jira. Isa kanammoo qaamni seeraa akka to’atu gochaa jirra.

Bariisaa: Akka waliigalaatti, yeroon ulfaataa kunis darbee, ummanni ministeera kanarraa maal haa eegu? Keessumaa rakkoo bishaan dhugaatii biyyattii furuuf maaltu yaadame?

Doktar Habtaamuu: Yeroon kun ni darba. Yeroo baay’ee gaafa ati karaa sirriirra jiraattu qorumsi ni baaya’ata. Keessa darbuuf garuu aarsaafi ofitti murteessuu gaafata. Akka dhuunfaatti, namni dur sadii nyaachuu bare lama nyaachuu, inni waggaatti sadii afur uffachuu bare amma xiqqoo gadi buusuu, inni bashannana bare xiqqoo hir’isuu gaafata.

Akka seektaraattimmoo baasiiwwan warkishooppii, leenjii fa’iin akka waan nama gargaaruutti ba’aan qabuun nu barbaachisa jechuudha; inni hamma adda waraanaa deemee lubbuusaa kennu akkuma jirutti ta’e. Yommuu kanneen ilaallu akka darbu nutti agarsiisa. Lammaffaammoo dhugaa qabna. Dhugaan hinbaddu. Nama haqaafi dhugaadhaan hojjetu birammoo Waaqayyo jira.

Egaa akka ministeera keenyaatti qorumsuma keessa teenyee waan hojjechaa jirru qabna. Fakkeenyaaf pirojektonni garagaraa sababa nageenyaatiin dhaabatan ni jiru. Naannolee Oromiyaafi Amaaraa iddoowwan tokko tokkoofi Naannoo Tigraay guutummaatti hojjetaa hinjirru. Kana malees sababa doolaarri dhabamuufi gatiin meeshaalee qaala’auutiin innumti hojjetamaa jiruyyuu bakki itti nu jalaa harkifataa jiru ni jira.

Akkuma taane taane garuu ummata keenya bishaan obaasuuf ifaajaa jirra. Hojiin idilee keenyaa hindhaabatu. Yoo naannoo Amaaraatti pirojektiin deemuu dide maallaqa achii fuunee Kibbarra ykn naannolee biroorra oolchina. Gaafa haalli tasgabbaa’ummoo kan asii achi dabarsina jechuudha. Akka waliigalaatti garuu karoora qabanne milkeessuuf humna guutuun hojjechaa akka jirru ibsuun barbaada.

Fakkeenyaaf akka hoggansa olaanaatti nuti sanbattan mana hinjirru. Torban tokko yoo Kibba deemne isa ittaanu Oromiyaa deemna. Qaamaan argamnetu pirojektiiwwan rakkoo qaban akka xumuramaniif ilaalla. Amma hordoffii taasifneen Kibba keessa naannawa baadiyyaa Alaabaa bishaan galuuf jedha.

Bariiisaa: Carraa kanaan, isin Walittiqabaa Boordii Yunvarsiitii Dambii Doolloo waan taataniif mee ijaaramuusaarraa kaasee yunvarsiitichi qabatamaadhaan waan hojjetaa jiru gabaabinaan osoo nuu kaastanii? Fuulduraafoo maaltu yaadame?

Doktar Habtaamuu: Ergan walitti qabaa boordii ta’ee waggaa tokko. Waggaa baay’ee fuuldura komiin ummata keessa ture tokko qabeenyi jiru haqaqabeessa miti kan jedhuudha. Achi keessaa tokko dhaabbilee barnoota olaanaati. Dhaabbilee hedduu keessa namoota jiran yeroo ilaaltu baay’eensaanii namoota Oromiyaati. Namoonni kunneen garuu yunvarsiitiin itti baratan iddoo biraati. Kunis komii guddaa kaasee kan ture yoo ta’u, hanga tokko furuuf wanti yaalames akkasuma. Akka Oromiyaa zixaatti Amboofi Jimma qofa ture.

Oggaa Yunvarsiitii Wallaggaa jedhamee Naqamteetti banamu kaampaasiin immoo Gimbii, Dambi Doolloofi Shaambuutti baname. Namni Yunvarsiitii Wallaggaa isa jedhu ilaala malee bal’insaammoo quba hinqabu. Kanaaf yommuu kaampaasiin Dambii Doolloo yunvarsiitii haa ta’u jedhame, gaaffii ummataa waggaa dheeraatu deebii argate.

Namoonni naannawichaa sirnoota garagaraa keessatti achi keessa taa’anii qabsa’anii bu’aa fidan hedduudha. Qabsoo siyaasaa, amantiifi kanneen biroo biyyattii keessatti namni gara lixaa kun shoora olaanaa qaba ture. Kanarraa ka’uun gaaffii utuu yunvarsiitiin baname jedhuu deebisuuf baname jechuudha.

Akka carraa ta’ee garuu gaafa yunvarsiitiin kun achitti baname rakkoo nageenyaa ture wajjin walqabatee akka barbaade ta’uu hindandeenye. Hamma dhaqetti garuu waa guddaa hojjeteera. Tokko, namoota naannawaatiif carraan hojii uumame salphaa miti. Lammaffaan carraa barnootaati. Sadaffaan karaa tajaajila ummataatiin hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf qonnarratti qorannoowwan garagaraa taasisuun omishawwan beeksisuutiin jalqabbiin jira. Inni afraffaafi inni ijoo fakkiidhuma naannawa sanaa ijaaruufuu murteessaadha.

Numni kutaalee Itoophiyaa keessa jiru achi dhaqee baratee yommuu deebi’u hariiroon ummattootaa ni cimata. Ilaalchumti waa’ee Qeellam Wallaggaafi Dambi Doolloorratti jirullee ni sirrata. Gama kanaan yunvarsiticha marsaa lamaaf barattoota kan eebbise yoo ta’u, hojiin hojjete salphaa miti.

Fuuldurattis kanaa ol hojjechuutu irra jira. Aanaalee garagaraatti kaampaasiiwwan banachuu qaba. Oromiyaan lixaa omisha bunaatiin waan beekamuuf wiirtuu ga’umsa bunaa, urgooftuufi mi’ooftuuwwan adda addaa banuun haala hawaasni fayyadamuu danda’urratti hojjechuu qaba. Aadaa naannawichaa beeksisuun madda galii taasisuuf hojjechuun irraa eegama.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa yoo qabaattan carraa isinii kenna.

Doktar Habtaamuu: Amma rakkoo keessa jirra. Rakkoon kun inuma dabarti. Rakkoo kanaan booda ummata Itoophiyaatiif guyyaa guddaatu dhufa. Egeretu ijaaramaa jira waan ta’eef ijoollee keenyaaf waan guddaatu dhufa. Inni waan qabu urgufatee dhiiga namaa dhangalaasuuf asii achi jechaa jiru kun baafataa jira. Inni nagaafi egeree qabu abbaa mo’ichaati. Kanaaf namni hundi qophaa’uu isa barbaachisa. Hojjechuuf qophii ta’uu qaba. Qotuuf, daldaluuf, waajjira mootummaa keessa hojjechuuf, barachuuf of qopheessuu barbaachisa.

Kana gochuuf waa’ee bishaanii yaaduu barbaachisa. Hamma yoomiitti bishaan magaalaa keenyaaf galchuuf qarshii biyya alaarraa kadhanna? Waanin argadhu akkamitti gumaacheen eeggattummaa keessaa baana waan jedhurratti ummanni keenya itti yaaduu qaba. Fandii bishaanii Oromiyaarratti hundeessinee akkuma biyyattuu babal’isuu qabna. Kanaaf kutaan hawaasaa hundi of qopheessuu qaba.

Inni biraa namni hundi qabeenyuma qabu kunuunfachuu aadeffachuu qaba. Namni gaafa magaalaa keessaa ujummoo bishaanii cabee dhangala’u nan ilaallatu jedhee callisee bira darbuu hinqabu.

Inarjiidhaan walqabatees namni waan harkaa qabutti fayyadamuu baruu qaba. Fakkeenyaaf horii qaburraa baayoogaazii hojjetee fayyadamuu shaakaluu qaba. Soolaarii, gemmoowwan humna qusatanitti haalan fayyadamuu barbaachisa. Inni biraan kunuunsa naannawaati. Namuu biqiltuu dhaabuufi isa dhaabe kunuunfachuu qaba.

 Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You