Jarmiileen qoricha waliin walbaruun maal maalirraa ka’a?
Yeoo garaagaraatti jarmiileen garaagaraa karaa adda addaan gara kutaa qaama keenyaa seenuun dhiibbaa cimaa namarraan geessisu.
Jarmiileen lubbuu qaban dhukkuboota adda addaa namatti fidan kunniinis yoo qorichoota garagaraan akka du’aniif isaanii kennamu, waggoota ykn yeroo muraasaaf erga ittiin du’anii booda, isaanis jiraachuuf jecha akkaataa qorichi duraan isaan ajjeesuuf uumame sun itti isaan ajjeesurraa of jijjiiruun du’arraa of oolchuu yaalu.
Yeroo kana qoricha duraan isaan ajjeesaa ture fudhachuun homaa hinfayyadu, yoo qorichoonni biroo ammas jarmiilee of jijjiiran sana ajjeesuu danda’u uumame ta’e malee jechuudha. Kanaafuu salphaadhumatti jarmiileen kan qorichoota wajjin walbaranii qoricha sanaan du’uu didan erga qorichicha wajjin walarganii booda jechuudha.
Erga walbaranii booda garuu akaakuuwwan qorichaan walbaran sun uumamaan hawaasa keessa babal’ataa waan deemaniif, nama kan biraa qoricha sana fudhatee hinbeeknettis yoo darban haaluma sanaan qoricha sanaaf du’uu didu.
Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u dhukkuba tiibii (tuberculosis) kan baakteeriyaa ‘mycobacterium tuberculosis’ jedhamuun dhufuudha. Baakteeriyaan kun kan dhukkuba tiibii waliin walbares kan walhinbariinis hawaasa keessa nijira. Yoo inni qoricha waliin walbare sun nama qabe, qoricha tiibii isa salphaa fudhachuun nama hinfayyadu.
Asirratti waanti sirriitti hubatamuu qabu, namni tokko tiibii qoricha wajjin walbareen yoo qabame, namni biraa yoo isa/ishee irraa qabames dhukkubuma walfakkaatu (kan qoricha) wajjin walbare ta’a jechuudha. Haalonni qoricha waliin walbaruu jarmiileef haala mijeessan maal fa’i kan jedhuuf ammoo kanneen armaan gadii fa’i.
- Qorichoota mana yaalaa irraa namaaf kennaman seeraan fayyadamuu dhiisuu: Qoricha mana yaalaarraa dhukkuba kamiifuu namaaf kenname seeraan fudhatanii xumuruu dhiisuu. Fakkeenyaaf qoricha osoo hinxumuriin waan mallattoon namatti fooyya’eef qofa fudhatanii xumuruu dhiisuu. Qoricha namaa kenname baay’ina ogeessi fayyaa namaaf ajajeen fudhachuuf dhiisuu, fakkeenyaaf qoricha guyyaatti ala sadii akka fudhatamuuf kenname fedhii ofiitiin guyyaatti altakkaa qofaa fudhachuufi kkf fa’i.
- Qorichoota garmalee (haala hinbarbaachifne keessatti) fayyadamuu: Dhukkuboota qoricha hinbarbaachifne ykn qoricha dhukkuba sanaaf hingargaarre callisanii fudhachuuf. Fakkeenyaaf namni utaalloo ykn qufaan qabe tokko ajaja ogeessaa malee qorichoota akka ‘antibiotics’ fudhachuun rakkoo kana fida. Akkasumas utuu akaakuu dhukkubaa adda hinbaasiin callisanii qorichoota hedduu (keessa tokko gargaaruu hinoolu ilaalcha jedhuun) fudhachuunis rakkoo kana nibabal’isa.
- Infeekshinootni maneen yaalaa keessatti babal’achuu: Manneen yaalaa sadarkaalee adda addaarratti argaman keessatti namuu dhukkubasaa yaalamuu akka deemu yaalamees yookaan fayyee, yoo kan dadhabame ta’e ammoo Rabbitti kennee akka deebi’u beekamaadha.
- Haa ta’u malee yeroo tokko tokko ammoo waan yaalamuu deemanirratti dabalataan dhibeen biraa uumama. Baakteriyaafi vaayirasoonni jireenyasaanii hospitaala keessa godhatanii jiraatan, carraan qorichoota waiin walbaruusaanii hedduu olka’aadha.
- Kana jechuun ammoo akkuma armaan olitti ibsame baakteriyaafi vaayirasoonni hospitaala keessa jiraatan kun carraan qorichaan fayyuusaanii baay’ee gadi bu’aa ta’a jechuudha.
- Haaluma kanaan carraan infeekshinoonni hospitaala keessa jiran carraan qoricha waliin walbaruusaanii olka’aa erga ta’ee, infeekshinoonni baay’inaan babal’achuu jechuun karaa biraan jarmoota qoricha waliin walbaran kana babal’isuu jechuudha.
- Kun ammoo keessumaa haala qabatama dhaabbileen fayyaa biyyoota guddataa jiranii kan biyya keenyaa dabalatee keessa jiran waliin yoo ilaallu, dhukkubichi biyya keenyaatti akka hammaatu nutti hima.
- Qulqullina naannawaafi dhuunfaa eeggachuu dhiisuu: Kun infeekshinoonni kamuu akka namaa namatti haala salphaadhaan daddarbaniifi dhiibbaa geessisan kan taasisu yoo ta’u, akkuma infeekshinoonni baay’achaafi daddarbaa deemaniin rakkoon kunis walumaan babal’achaa deema.
- Qorichoonnii haaraan argamaa jiraachuu dhabuu: Akka duraanii qorichoonni haaraan yeroo yeroodhaan waan hinargamneef, qoricha akaakuu tokko yeroo dheeraadhaaf dhukkuba tokko yaaluuf fayyadamuun akkuma ittifufetti jira. Qorichoonni kuniinnimmoo kan haaraan bakka bu’uu dhabuun waggaa dheeraaf yoo jarmoota kanneen wajjin walargaa turan, carraan walbaruusaanii olka’aa ta’a.
Dhukkuboonni jarmiilee qoricha wajjin walbaraniin dhufan dhiibbaawwan addaa akkamii geessisuu maluu?
- Lubbuu nama galaafachuu irratti: Addunyaa kana irra wanti lubbuu dhala namaa caalaa qaalawaa ta’e hinjiru. Jarmiileen qoricha wajjin walbaran kunniin ammoo carraan lubbuu galaafachuusaanii kanneen biroo irra hedduu cimaadha. Kunis salphaatti yaalamanii waan hinfayyineef jechhuudha.
- Ba’aa ulfaataa kenniinsa tajaajila fayyaafi ogeessota fayyaarratti: Dhukkuboonni sababa jarmoota qorichaan walbaraniin dhufan kun turtii yeroo dhukkubsataan tokko yaalamuuf hospitaala keessa turu hedduu dabalu. Namni tokko yoo dhukkuba kanaan qabame guyyaa hedduu ciisee yaalama jechuudha.
- Fakkeenyaaf namni dhukkuba tiibii kan qoricha wajjin walhin bariiniin qabame tokko giddugaleessaan ji’a ja’aaf qoricha tiibii fudhata. Kanneen tiibii dhukkuba waliin walbareen qabaman ammoo ji’oota 18 hanga waggaa lamaa qoricha kana fudhachuun irra jiraata.
- Akkasumas baay’inni gosa qoricha fudhatamuus kan isa qoricha waliin walbaree hedduu ta’uusaaniirraan kan ka’e dhukkubsataaf hedduu kan rakkisuufi obsa fixachiisaa ta’eedha.
- Miidhaa hawaasummaafi dinagdee sadarkaa nama dhuunfaafi biyyarratti: Qorichoonnii jarmiilee qoricha kaaniin walbaran kana yaaluuf fayyadan qorichoota gatiinsaanii baay’ee qaalawaa ta’aniifi ummanni keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyyoota Afrikaa hedduu keessa jiraatan bitanii ittiin of yaaluu hindandeenyeedha. Kun lubbuu nama dhuunfaa balleessuurra darbee dinagdee biyyaa kan hubuufi kenniinsa tajaajila fayyaafis ta’e ogeessota fayyaafis yaaddoo guddaa kan ta’uudha. Dabalataan qorichoonni kunniin baay’eensaanii biyyoota guddataa jiran keessatti kan hinargamneefi maqaadhumaan qofa kan beekaman ta’uusaanii irraa kan ka’e, namootumti dureeyyii ta’anii qorichoota sana bitachuuf humna qabanillee argatanii bitachuu dhabuu irraan kan ka’e lubbuun darbuu danda’a.
Rakkoo jarmiileen qoricha waliin walbaruu kana akkamiin hambisuu dandeenyaa?
- Hawaasni bal’aan: Qorichoota manneen yaalaa irraa kennamaniif seeraan akka ogeessi fayyaa ajajeefitti fudhachuuf, addaan kutuu dhiisuu. Yoo qorichi sun rakkoo addaa irraan geessiseellee qoricha sana addaan kutuu irra deemanii ogeessa fayyaa mariisisuun furmaata barbaadu. Akkasumas ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha gabaarraa haalota addaa addaatiin bitachuufi qoricha nama biraatiif ajajame fudhachuurraa of qusachuun daran barbaachisaafi murteessaadha.
- Mootummaan: Maneen yaalaatiif hanga danda’ame sadarkaasaanii eeguudhaan akkaataa itti daddarbiinsa infeekshinoota hospitaala keessaa hir’isan haala mijeessuu. Akkasumas haala ittifayyadama qorichootaafi haala ittisa dhukkuba kanaarratti beektota dhimmichaa wajjin walta’uudhaan imaammatota adda addaa baasuun manneen yaalaa, ogeessota dhimmichi isaan ilaallatuufi qaamota gara garaa faana hojiirra oolchuufi waliin hordofuu.
- Ogeeyyiin fayyaa, ogeeyyii fayyaa hawaasasfi dhaabbilee adda addaa: Ogeeyyiin fayyaa maneen yaalaa dhuunfaafi mootummaa keessa jiran hanga danda’an akkaataa itti infeekshinii hospitaala keessaa hir’isan sirriitti hojiirra oolchuu. Akkasumas qorichoota yoo dhukkubsataaf ajajan haala kana yaada keessa galchuun yeroo barbaachisu qofa fayyadamuu.
- Ogeeyyii fayyaafi dhaabbileen adda addaa keessumaa yuunivarsiitiiwwan biyya keenyaa dhimma kanarratti qorannoo cimaa geggessuun irraa egama. Kunis qorichoota sababa jarmiileen walbaruu irraa ka’e dandeettiin dhukkuba fayyisuusaanii daran gadi bu’e qoratanii adda baasuun fala biraa barbaaduu. Akkasumas haga danda’ame qorichoota haaraa qorachuun yoo argaman hojiirra oolchuudha.
Haalota armaan olii kanneen gochuu dagannee yoo haala amma jiru kanaan ittifufne, haalli fuulduratti dhufu, kan ammaarra hammaataafi lakkoofsi jarmoota qoricha wajjin walbaraniis daran dabalaa akka akka deemu shakkiin hinjiraatu jechaa gorsawwan kanneen haalaan hojiirra yaa oolchinu jenna.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014