Gareen shororkeessaa ABUT waggoota 27f ummata dararaa ture erga aangoorraa kaafamee booda aangootti deebi’ee ammas ummata biyyattii bituu, dararuufi gabroomsuuf araara didee humnaan socho’aa jira. Gareen shororkeessaa araara didee humnaan dhufe kana humnaan ofirraa deebisnee mirgaafi faayidaa keenya kabachiisuun ammoo dirqama hunda keenyarraa eegamuudha.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis “Yeroon biyya aarsaadhaan hogganuun barbaachisu amma” jechuun Kibxata darbe gara dirree waraanaa deemaniiru. Ijoollee Itoophiyaa seenaan dinqisiifatu keessaa tokko ta’uu kan barbaaddan marti biyya keessaniif jecha har’uma ka’aa; adda waraanaatti walhaa agarru jechuunis lammiilee biyyattiif waamicha dhiyeessaniiru.
“Maqaan Itoophiyaa jedhu maqaa mo’attootaa; mallattoo bilisummaati. Hinshakku, dhaloonni koo maqaasaa mo’ataafi mallattoosaa bilisummaaf gatii barbaadamu baasee Itoophiyaafi Itoophiyummaa galmee kabajaarratti qalama warqiitiin ni maxxansa” jechuun ergaa abdiifi kaka’umsa cimaa namatti horu dabarsaniiru.
Sirna Gadaa keessatti waraana kan hogganu Abbaa Gadaati. Abbaan Gadaa duulatti bobba’uun dura ni obsa, ni gorsa, gaadduu itti ergee erga diinaafi nama nagaa addaan adda baasee boodda duulatti seena. Abbaan Gadaa tokko yeroo gara waraanaa ykn duulaa deemu biyya koo, mana koo, dhala koo hinjedhu. “Ministirri Muummee Doktara Abiyyi Ahimads waanuma Abbaan Gadaa dur Gadaa keessatti raawwachaa ture raawwatan” jedhu Hayyuun Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee.
Sirna Gadaa keessatti waraanni tokko yoo hinmilkoofne ta’e abbaan bokkuu waraana ittaharii waamee ummanni hundi akka birmatu taasisa. Waraana Bokkuurratti ummata hundumaatu hirmaata. Abbaan bokkuu, abbaan duulaafi abbaa Gadaas waraana kanarratti ni hirmaatu. Waraanicha adda durummaan kan hogganu Abbaa Gadaati. Waraanicha keessatti hunduu raayyaa abbaa Gadaa ta’ee hirmaata. Waraana ittahariirratti hundumtuu waan hirmaatuuf injifannoodhaan galuun shakkii hinqabu.
Duulli Ministirri Muummee gantoota biyya weeraruu, saamuufi mootummaa giddugaleessaa diiguuf socho’an dhabamsiisuuf taasisaa jiran kunis duula ittahariitiin kan walfakkaatuudha. Ummanni biyyattiis garee shororkeessaa kana ofirraa ittisuuf tokkummaadhaan irratti duulaa jira. Duula haala kanaan adeemsifamaa jiru booda kan jiru ammoo injifannoo boonsaadha.
Gareen shororkeessaa ABUT carraa karaa nagaan rakkoo biyyattii hiikuu fudhachuu didee humna filatee waan dhufeef hanga garichi dhabamsiifamutti rukutuun dirqama ta’a. Hundumtuu bakka jirutti ofiisaa, maatiifi naannawaasaa eeguufi tiksuu dagachuu hinqabu. Yeroon itti injifannoo olaanaan itti labsamuufi nageenyi amansiisaan biyyattiitti mirkanaa’u fagoo miti.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014