Tamboo, Alkooliifi Fayyaa keenya

Yeroo ammaa kana addunyaa keenyarratti tamboo xuuxuun babal’achaa jira. Ga’eessota qofaa osoo hintaane daa’immaniifi dubartootni hedduun araada tamboo xuuxuun qabamanii jiru. Tamboo ofiin qabsiifatanii xuuxuu qofa osoo hintaane namoota tamboo aarsan yeroo isaan xuuxan bira turuufi namoota tamboo mana keessatti aarsan yeroo aarsan waliin taa’uunis miidhaa fayyaa hedduu namarraan geesisa.

Tamboo xuuxuun ykn naannoo namni tamboo xuuxuu yeroo baay’ee turuun miidhaa fayyaa armaan gadii nurraan geessisuu danda’a:

  • Dhibee kaansarii 15 oliif nu saaxilan. Kunneen keessaa muraasnis: kaansarii sombaa, kalee, afuuffee fincaanii, tiruu, garaacha, mari’ummaan furdaa, dhiigaa, kaansarii fiixee gadameessaafi kkf nu saaxila.
  • Ujummoo dhiigaa dhipisuun sammuun keenya akka dhiiga sirriitti hinarganne godha, kanaaf dhibee ‘stroke’ jedhamu nutti fida.
  • Dhibee onneef nu saaxila.
  • Dhiibbaa dhiigaa olka’aa fida.
  • Dhibee kahuu dhabuu qaama saala dhiiraa ni fida.
  • Qaroo ija keenyaa ni miidha.
  • Dhala dhabuu ykn godhachuu dadhabuu nutti fida
  • Fedhii nyaataa ni hir’isa.
  • Qufaa yeroo dheeraaf wal irraa hincinne.
  • Dandeettii waa dhandhamuuf suufuu nama ni hir’isa.
  • Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu keenyaa ni hir’isa.
  • Namoota dhibee sukkaaraa qabaniif akka dhibeen sukkaaraa qaamasaanii miidhu godha.
  • Qabeenya ni qisaasessa.
  • Ilkaan keenyarratti miidhaa fida

Alkoolii dhuguu

Addunyaa keenya kanarra nama hagamtu alkoolii dhuga jettanii yaadduu?

Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti sadarkaa addunyatti namoonni biliyoona 2.3 ol ta’antu dhugaatii alkoolii dhuga. Waggaa tokko keessattis rakkoowwan dhugaatii alkoolii waliin walqabatanii dhufaniin lubbuu namoota miliyoona sadii ol akka darbus ni himama. Dhiironni dubartoota caalaa dhugaatii alkoolii kan baay’isan yoo ta’u, dubartoonni ammoo haga dhugaatii alkoolii xiqqaa ta’een dhiirota caalaa miidhamu.

Gara biyya keenyaatti ammoo gaafa deebinu harka dhibba keessaa 41% dhugaatii alkoolii yoo xiqqaate ji’atti altakkaa ni dhugu (WHO STEP analysis 2015).

  • Yoo hagam dhugan nama miidhaa?

Dhugaatiin alkoolii kan miidhaa qaamaa namarraan ga’u haguma baay’isanii dhuganiifi turtii yeroo hagamiif akka dhugan irratti hundaa’a. Dhiirotaaf guyyaa tokkotti dhugaatii lamaa ol (more than two drinks), dubartootaaf guyyaa tokkotti dhugaatii tokko ol (more than one drink) kan dhugan yoo ta’e kallattiidhaan tiruufi qaamota biroo irratti miidhaa geessisa. Namoonni alkoolii Kanaan dura dhuganii hinbeekne alkoolii yoo dhugan (xiqqeesanii illee ta’u) faayidaasaa irra miidhaan isaa waan caaluuf tasuma jalqabuu hinqaban. Kanneen duraan dhugan, yoo dhuguu dhaaban miidhaawwan duraan qaama irra ga’an waan fooyya’aniif dhugaatii dhaabuun baay’ee jajjabeeffama.

  • Dhugaatiin jabinaan hagam walcaalaa?

Dhugaatiin kan nama macheessus ta’e kan qaama namaarraan miidhaa geessisus akkuma jabina ykn cimina isaatti. Inni cimaan (jabaataan) baay’ee kan nama miidhu yoo ta’u inni salphaan (laafaan) ni fooyya’a. Ciminni dhugaatii alkoolii tokkoo kan madaalamu hammantaa alkoolii inni ofkeessaa qabuuni. Kan alkoolii parsantii guddaa qabu isa cimaa ykn hedduu nama miidhudha.

Gabateen armaan gadii kun cimina dhugaatii alkoolii yeroo hedduu biyya keenya keessatti dhugamanii giddu galeessaan (average) kan agarsiisudha.

Dhugaatii Alkoolii Cimina Parsantii Alkoolii (Giddu Galeessaan) (Average)
Biiraa 5%
Farsoo 2.8-6.5.0%
Daadhii 8%
Wayinii 12%
Araqee Aadaa 37.22%
Araqee Ammayaa 40%

 Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You