Misooma Qonnaa: Yeroo biyyi rakkoo keessa jirtuttis imala milkaa’inaa irra kan hin maqne

Itoophiyaan biyyoota yeroo jalqabaatiif lafa qotanii omishuudhaan jireenya adamsanii buluurraa gara qotanii buluutti addunyaa ceesisan keessaa ishee tokko akka taate kan dubbatamuf yoo ta’u, sadarkaa yeroo ammaa qonni irra gahe waliin adeemuu garuu hindandeenye.

Teknoloojii qonnaa guutuu fayyadamuun, qonna guutummaatti gara makaanaayizeeshiinitti ceesisuuniifi nyaatarra darbamee gabaadhaaf omishamuurratti ammas hanqinni jiraachuun waan ragaa barbaaduu miti.

Lammiilee biyyattii keessaa dhibbantaan 80 ol har’as jiruufi jireenyisaa kan hundaa’e hojima qonnaa kana irratti. Waan ta’eefis qonni utubaa dinagdee biyya kanaati jechuun ni danda’ama. Haa ta’uu malee xiyyeeffannoon damee qonnaatiif kenname karoorarra kan darbe inni lafarratti hojirra oolee qonnaan bulaa daka jiru fayyadamaa taasise hedduu muraasa ture. Keessumaa waggoota muraasa dura qonnaan bulaan maqaasaan daldaluu bira darbee jijjiirama inni argachaa qabatamaan argate hinturre.

Dhiheenya kana garuu maqaa qonnaan bulaatiin kakachuu bira darbamee qonnaan bulaatti bu’aa qabatamaa agarsiisuun waan mul’achuu eegale fakkaata. Wantoota qooda qonni haala waliigala dinagdee biyyaa keessatti qabu hubachuudhaan xiyyeeffannoon olaanaan damee kanaaf kennamuu agarsiisan keessaa inni tokko keessattuu jijjiiramaan booda damichaaf bajata olaanaa ta’e ramaaduudha.

Qonnaan bulaan akkuma jiraataan magaalaa kaartaa manasaa qabsiisee liqeeffatutti lafa qonnaasaatiin liqii baankotarraa akka argachuu danda’u gochuunis wantoota jijjiiramaan booda damichaaf xiyyeeffannoon kennamuu agarsiisan keessaa isa birooti.Kanaan dura garuu qonnaan bulaan lafa qonnaa bal’aa roobarra darbee jallisiin misoomuu danda’u qabuuf liqiin dhoorkamee, nama magaalaa manaafi lafa qabu qofaaf kennamaa tureera.

Kanaanis lafa baadiyyaa misoomee bu’aa dabalataa argamsiisuu malu agabuu bulchuun omishaafi omishtummaan akka hindaballeefi qonnaan bulaan galtee qonnaa sadarkaa barbaaduun akka hinarganne gufuu ta’aa tureera. Waan ta’eefis murteen qonnaan bulaan liqii akka argatuuf murtaa’e sun murtee seena qabeessa seenaa qonnaan bulaa keessatti murtaa’e ta’ee kan yaadatamtuudha.

Xiyyeeffannoon qonnaan kennamuusaa wantoota agarsiisan isa biraa keessaa immoo ogeessota damichaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiin osoo hindaangeessiin hirmaachisanii mariisisuudha. Mariisisuu bira darbee immoo keessattuu omisha qonnaa biyyattii keessatti harka caalu kan uwwiftu Oromiyaa keessatti qorannoo akka gaggeessan affeeruudhaan bu’aa qorannoosaaniimmoo osoo irraa hinsharafamiin hojiirra oolchuudha.

Wabii midhaan nyaataa sadarkaa biyyaafi maatiitti mirkaneessuu, omishaalee al ergii akaakuufi baay’inaan dabaluun galii sharafa alaarraa argamu cimsuu, omishaawwan qonnaa biyya alaatii galan humnaafi haala mijatoo jirutti fayyadamuudhaan omisha biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa biyya alaatiif bahu hambisuufi hojiiwwan hojjataman mara keessatti immoo carraa hojii baay’inaan uumuudhaan rakkoo hojidhabdummaa xiqqeessuun immoo bu’aa qoranichaa irraa ka’uudhaan kaayyoowwan gurguddoo galma geessisuuf adda bahaniidha.

Keesattuu waggootni sadeen darban kun seenaa qonna biyyattii keessatti boqonnaa haaraa kan saaqan ta’uu kan himu Ministeerri Qonnaa, lafa bal’aa ta’e qotuun calla achirraa argamu gama dabaluutiinis bu’aan argame olaanaa ta’uu Ministirri Ministeerichaa ni dubbatu.

Ministirichi Obbo Umar Huseen raawwii gamaaggama hojii misooma qonnaa tibbana taa’amerratti haasaa taasisaniin, bara kana akka biyyaatti lafti qonnaa qotamuu qabuufi isa qotame keessaa dhibbantaan 98 sanyiiwwan akaakuu garagaraatiin uwwifamuu himu.

Akka ibsasaaniitti, bara omishaa kanarraayyis omishaalee ijoo ta’an irraa omishni kuntaalli miiliyoona dhibba sadiifi 82 ni argama jedhamee eegama. Callaan gaariin baranaa kan iddoowwan rooba gahaa argatanii qofa osoo hintaane, naannolee gogiinsaaf saaxilamoo ta’anittis omishni abdachiisaan ni argama jedhamee abadatama. Wantoota omishaafi omishtummaa dabaluu danda’an keessaa inni guddaan sanyii filatamaa yemmuu ta’u, dhiyeessiin sanyii filatamaa bara kanaa kan bara darbeerra dhibbantaa 25 dabaleera.

Gama biraatiin immoo akka Oromiyaatti lafa hektaara 32 ta’uurratti sanyiin filatamaan akaakuun garagaraa iddoowwan shanitti baay’achaa jiraachuu kan himan sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaa Qindeessaan Kilaastara Qabeenyaa Doktar Girmaa Amantee, omishaafi omishtummaa yerorraa yerootti fooyya’aa jiru kana daraan akka dabaluuf carraa guddaa kan uumuudha jedhu.

Kun kanaan osoo jiruu qonnaan bultootni naannoo Oromiyaa waggatti yoo xinnaate sanyii filatamaa hanga kuntaala miiliyoona tokkoo kan barbaadan ta’uu himanii, waggaa kanatti garuu kan dhiheessuun danda’ame kuntaala kuma 580 qofaa akka ta’e ibsu. Waan ta’eefis dhiheessii sanyii filatamaa naannichaa fooyyeessuudhaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjatamaa jiraachuus himaniiru.

Akka biyyaatti yeroo ammaa akaakuuwwan sanyii qonnaafi indaastirii 60 ol ta’an gabaa alaatiif dhiheessuudhaan galii achirraa argamu dabaluuf hojjatamaa jiraachuu kan ibsu immoo Komishiiniin Invastimentii Itoophiyaa, yeroo ammaas gosoota omisha qonnaafi indaastrii 60 ta’an gabaa alaatiif dhihaachaa jiraachuu ibsa.

Kanaanis galiin achirraa argamaa ture dachaan dabalaa jiraachuu kan himan komishiinichatti Qindeessaan Alergii Obbo Saamu’el Asaffaa, biyyootni akka Ameerikaa, Awurooppaa, Eshiyaafi Afrikaammoo kanneen omishawwan kunniin itti gurguramaa jiran ta’uu dubbatu. Haaluma kanaan teknolojiiwwan garagaraa hojiirra oolchuun utubaa dinagdee biyyattii kan ta’e qonna ceesisuurratti xiyyeffatamuun hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru. Hanga qonni hinceenetti indaastiriitti ce’uun bu’a qabeessa waan hintaaneef qonnarratti xiyyeeffatamuun murteessaa akka ta’es kaasaniiru.

Adeemsi alergii yoo sirrate boloqqee gabaa alaaf dhiyaatu caalatti dabaluun kan danda’amu ta’uu kan eeran immoo Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, kun immoo dinagdee waliigala biyyattii keessatti shoora olaanaa akka taphatu hubachuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.

Ministiroota haaraa muudamaniin kan daawwatame kilaastarri Boloqqee Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannee kanarraa bu’aan olaanaafi iddoowwan birootiifis fakkeenya ta’u akka argamu amantaa qabaachuus ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, lafa qonnaa boloqqee akka Godina Arsii Lixaatti midhaan gosa garagaraa kilaastaraan misooman hektaara kuma dhibba lamaafi kuma 74 ol kan misoome yoo ta’u, kana keessaa lafti hektaarri kumni 24 ol kilaastaraan kan misoomeedha. Kun ammoo kilaastara boloqqee akka Oromiyaatti jiran keessaa isa bal’aafi sadarkaa duraa kan isa taasisuudha.

Bara kana lafa qonnaa omisha garaa garaatiin akka naannichaatti uwwifaman keessaa dhibbeentaan 74 ol kilaastaraan kan misoomeedha. Akka naanichaatti lafa kana dura hinmisoomne gara omishaatti galchuun danda’amuusaatiinis bu’aa gaariin argamaa jiraachuun ibsameera.

Bara omishaa 2013/14 akka naannoo Oromiyaatti callaa kuntaalli miiliyoonni dhibba tokkoofi miiliyoonni 95 ol kan eegamu ta’uu ibsameera Akka Godina Arsiitti lafa hektaara kuma dhibba ja’aafi kuma saddeet qotame keessa lafti hektaarri kumni dhibbi sadiifi kumni 88 kilaastaraan kan misoome ta’uu himameera.

Dhiibbaa alaa yerorraa yerotti cimaa dhufaa jiru dandamachuuf qonna biyyattii ammayyeessuun dirqama ta’uunis waan wal nama gaafachiisu hin qabu.

Qonna ammayyeessuuf hojiin naannoo Oromiyaatti hojjetameefi hojjatamaa jiru fakkeenyummaa kan qabu waan ta’eef akka biyyaatti yoo babal’ate seenaa hojjechuun ni danda’ama akka danda’amu Obbo Shimallis eeranii, biyyi humna dinagdee jabaa ta’e qabdu eenyuufuu kan hinjilbeeffanne waan ta’eef dhimmi kun dhimma qonnaafi dinagdee qofa osoo hintaane kan siyaasaas ta’uu hubatamuu akka qabu kaasu.

Itoophiyaan karoora misoomaa waggoota 10 qonna, indastriiwwan omishaa, turiizimii, albuuda, innoveshiiniifi teknolojiirratti xiyyeeffachuudhaan giddugaleessaan waggatti guddina dhibbantaa 10 galmeessuuf karoorfachuunshee ni yaadatama

Walumaagalatti, yeroo siyaasni biyyattii raafama keessa jiruufi biyyi immoo dhiibbaa biyyoota alaa cimaa ta’e keessa jirtu kanatti dinagdeen biyyattii xiyyeeffannoo addaa barbaada.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You