Milkaa’ina Itoophiyaaf lammii hundi tumsuu qaba

Yeroo Itoophiyaan amma keessa jirtu qormaataan kan guutameefi daran ulfaataadha. Biyya keessaan shororkeessaan ‘ABUT’ dirqamaan waraana keessa galcheenii duula walabummaa taasisuuf dirqamtee jirti. Kanaanis biyyattiifi lammileen ishee gaaga’ama siyaas dinagdee hamaaf saaxilamaniiru.

Biyyaa alatti ammoo kanneen olka’iinsaafi badhaadhina biyyattii hinbarbaanne humna, maallaqaafi dhageettummaa idil addunyaarratti qabanitti fayyadamuun maqaa biyyattii gurraacheessuu hojii guyyuusaanii taasifataniiru. Yakka gareen shororkeessaa ABUT ergamtootasaa waliin raawwatu utuu arganii akka hinagarreetti irra darbu. Gaafa isaan daa’imman hamaafi tolaa adda baasanii hinbeekne, dargaggoota nagaa, jiraattoota magaalaa garagaraa jumlaadhaan ajjeesan hindubbatan.

Gaafa haadholiin ilmaansaaniifi abbootii warraasaanii fuulduratti gudeedaman, gaafa shamarran abbaafi obboleessa duratti gudeedaman falmitoonni mirga namummaafi “Nutu abbaa dimokraasiiti” warri ofiin jedhe afuura hinbaafanne.

Haaloota kanneen keessa darbuun guddinni biyyattii milkaa’uu kan danda’u yoo lammiileen hundi tumsan qofa. Yoomiyyuu caalaa olola biyyattiirratti baname akka maseenuuf hunduu ga’eesaa ba’aachuu akka qabudha Ministirri Muummee biyyattii Abiyyi Ahimad (PhD) kan ibsan.

“Itoophiyaanota lammiikoo, qaamoleen gaarummaa biyya keenyaa hinbarbaanne fagoofi dhihootti argaman qabeenyaafi humna qabanitti fayyadamanii biyya keenyarratti waraana oduu badaa banuusaanii irranfachuu hinqabnu. Odeessa dogoggoraa sabummaarratti hojjetamaa jiru fashalesiisuuf tokkoon tokkoon lammii Itoophiyaa gaheesaa bahuu qaba. Tokkummaa sabdaneessa ta’een seenaa mataa keenyaa ofuma keenyaa ni barreessina” jechuun dhaamu.

Ijaarsi biyyaa tattaaffii waloo ta’uufi tokkoon tokkoon lammiilee biyyattii milkaa’ina Itoophiyaatiif gahee qabaachuufi tattaaffii isaanii bifa qindaawaadhaan itti fufu akka qabanis ni dhaamu.

Kanaafuu lammileen Itoophiyaa hundi yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaasaanii cimsachuudhaan qoramaata biyyattii mudate kana keessa darbuuf tattaafachuun irra jiraata. Akkuma yeroo duula Adwa sana addaddummaa malee hiriiranii biyya diina keessoofi alaarraa baraaruun dirqama lammummaa ba’aachuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You