Bara barumsiifi qaroominni babal’atee hinjirretti maanguddoota Oromoo ogummaa fayyaa uumamaan argataniin ummata tajaajilaa turan hedduu keessaa tokko Obbo Tuujii Urgeessaa ogeessa fayyaa beekamoo Sayyooti. Obbo Tuujiin qomoo ilmaan Sayyoo keessaa Agloodha. Sayyoo qomoo Oromoo gara Oromiyaa Lixaa keessaa isa tokkoodha.
Maanguddoon kun ogummaa fayyaa Waaqayyo isaaniif kenneen ummata tajaajilaa turaniiru. Namoonni waa’ee maanguddoo kanaa yemmuu weeddisan “Kan cabaa deebisu, kan jaamaan leellisu, kan qomoon eebbisu, Tuujii Urgeessaan arge” jedhu. Kennaa ogummaa fayyaa Obbo Tuujiin ittiin ummata tajaajilaa turan keessaa:
- Kennaa lafee cabe dhidhiibanii deebisuu
Namni utuu deemuu kufee ykn namni rukutee, mukti irratti kufee ykn muka irraa kufee, farda ykn gaangoo irraa kufee cabuu danda’a. Nama lafeensaa cabe dhidhiibee fayyisuu ykn lafeesaa cabe bakkatti deebisuu kan danda’u ogeessota fayyaati. Obbo Tuujiin namoota lafeen isaanii sababoota gara garaatiin cabee isaan bira dhaqan caba lafeesaanii dhidhiibanii bakkatti deebisuudhaan leemmanaa ykn muka qaqallisanii babbaqaqsanii cinaa garasiifi garanaatti hidhanii nyaata wal’aansaaf ta’u nyaachisu. Namni cabe sun yoo of eeggannaa barbaachisu taasise ji’a sadii hanga shanii keessatti fayyee hojiisaa hojjechuu danda’a .
- Kennaa dubartii ulfaa deesisuu
Obbo Tuujiin kennaa dubartii deessisuus qabu. Kennaa ykn ogummaa fayyaa kanaan dubartii da’uuf yeroonshee ga’eefi mucaan garaa keessatti karaa uumamaarraa jal’ate harkaan gara mucaan itti jall’ate ilaalanii sirreessanii akka mucaan karaatti deebi’ee dhalatu gochaa turaniiru. Isheen deesse yoo daftee hoofkaluu dadhabdes dhidhiibanii hoofkalchu. Yoo mucaan garaa haadhaa keessatti miidhame ykn du’es harkaan sirreessanii garaa haadhaa keessaa baasuuun haadha du’a oolchaa turan.
- Kennaa ilkaan buqqisuu
Maanguddoo Tuujiin nama ilkaan isaa dhukkubsatee isaan bira dhaqe meeshaalee ittiin buqqisan qabduufi uraa jedhaman fayyadamuudhaan wal’aanaa turan. Uraan meeshaa isaan wal’aansa ilkaaniif ittifayyadamaa turan keessaa isa tokkoodha. Uraan meeshaa akka mutaa yoo ta’u, ilkaan dhukkubsate qabduudhaan utuu hinqabiin dura fiixee mutaa sanaa ibiddaan gubanii hundee ilkaanichaa jala kaa’anii hadoochanii erga sochoosanii booda qabduudhaan qabanii buqqisuun ummata tajaajilaa turaniiru.
- Kennaa horii rimaa dhaluu dadhabde gargaaruu
Obbo Tuujiin saawwi, hoolaan, reettiin, harreen yoo dhaluu dadhabde dhidhiibanii akka isheen dhaltu taasisaafi yoo ilmoon garaa keessatti duute ammoo qarabaa xiqqoo akka gaariitti qaranii ilmoo garaa keessatti duute sana kukkutanii baasuudhaan haadha du’arraa oolchaa turan.
- Kennaa adda dha’uu ykn koobaa koobuu
Koobaan bakka lamatti qoodama. Isaanis koobaa kurupheefi koobaa wullee jedhamu. Koobaan kuruphee gaafa kurupheerraa hojjetama. Yemmuu mataa bowwoon namatti hammaatu gubbee mataa keesssaa hanga afaan koobaarra oolu haadanii qarabaadhaan baqaqsanii koobaa kuruphee kana itti ukkaamsanii afaaniin achii ol xuuxu. Yemmuu koobaa kana humnaan xuuxan dhiiga qaama keessa jiru walitti guuree afuufamee koobaa sana guuta. Hanga inni deebi’ee tamsa’ee koobaa keessaa hir’atutti itti tursiisanii gaafa ittii buqqisan, namichi ni fayya.
Koobniaa wulleemmoo ujummoo afaan wullee irraa muranii jirbii iddamaa ibidda itti qabsiisanii cinaacha ykn bakka waraanutti ukkaamsanii koobu. Dhiigni kantaree waraana namichatti uume sun tamsa’ee waraanuu dhiisa, namichis ni fayya. Obbo Tuujiin kennaa ykn ogummaa fayyaa kanaanis ummata tajaajilaa turaniiru.
- Kennaa ija dhukkube fayyisuu
Obbo Tuujiin yemmuu iji nama dhukkubu baggee kan jedhamu billaadhaan muranii bishaan keessaa baasanii bishaan baggee keessaa ba’e guyyaa shaniif ija dhukkubsatu sanatti cobsu. Ijichis achumaan fayya.
- Kennaa miidhama fayyisuu
Nama rukuttaadhaan ykn kufaatiidhaan miidhame dhidhiibuudhaan ‘Suruma Leencaa’ mooqa omboriitiin akka fudhatu taasisu. Bara durii abboonni Oromoo bineensa adamsuudhaaf yemmuu gammoojjii deeman hubatanii waa ilaalu. Leenci wal lolee abootteedhaan wal cabsa. Inni cabe battala sanatti olii gadi barbaadee baala tokko kutee nyaatee achumaan fayya ture. Namoonni baala sana hordofanii yoo argatan biqilaa sana galanii mana isaanii bira dhaabanii itti gargaaramaa turan. Kanaafitu maqaan biqilaa kanaa ‘Suruma Leencaa’ jedhame.
- Kennaa dukkuba saree maraatuu fayyisuu
Obbo Tuujiin saawwa saree maraatuun ciniinte qalanii foon ishee jaji’anii gogsu. Yoo saree maraatuun nama ciniinte foon jaji’amee qoore sana nama sareen maraatuun ciniinte sana nyaachisu, namichis achumaan fayya.
- Kennaa madaa hodhuu
Yoo namni dheeboodhaan ykn waan biraadhaan waraanamee madaa’e ykn garaan isaa baqaqee mari’immaansaa jige, mar’umaan jige sassaabanii iddoosaatti deebisanii qorsee wullee jala kaa’anii ribuu kurupheetiin walitti hodhu Obbo Tuujiin. Ribuu kuruphee kan jedhamu mar’umaan kurupheerraa akka kirriitti kan hojjetamuudha. Kuruphee qalanii mari’immaanshee keessaa baasanii sibiila ykn qeensaan duuganii kirrii qalloo godhanii qopheessanii kaa’u. Warri ogummaa mari’immaan hodhuu qaban ribuu kuruphee kana manaa hindhaban. Kirriin ribuu kuruphee foon waan ta’eef achuma keessatti baqee foon namichaatiin walitti baqee hafa malee keessaa hinba’u, namichas hindhukkubsu.
- Kennaa Talaallii
Nama finnoon qabee qaamasaa dhiitesse bakka dhiitoo sana buruqsanii malaa keessaa baasanii malaa sana qaama nama fayyaa baqaqsanii itti naqu. Namichi fayyaan talaallii kana fudhatu guyyaa lama qofaaf bowwuun itti dhaga’ama. Isa booda namni haala kanaan talaallii fudhate finnoon na qaba sodaa jedhu hinqabu, dhibichis isa qabuu hindanda’u.
Maanguddoo Tuujiin bara barumsiifi qaroominni hinjirre ykn hinbabal’anne keessa akkasitti ogummaa fayyaa Waaqayyo isaaniif kenneen ummata tajaajilaafi dhukkubsataa fayyisaa turan. Qorichi ammayyaa har’a bifa ammayyaa’een dhukkubsataaf kennamus ogummaa qoricha aadaa irraa kan madde waan ta’ee ogeessota fayyaa aadaatiif xiyyeeffannaan barbaadamu kennamuufi ogummaansaaniis ogummaa fayyaa ammaay’aan waldeggeree akka deemu taasisuun dhimma dagatamuu hinqabne ykn xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Madda: Kitaaba ‘Seenaafi Aadaa Oromoo’ Luba Fiixee Birriitiin barreeffamee bara 2006 maxxanfame.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014