Waaliyaan bor Zimbaabuwee waliin taphata

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (Waaliyaan) tapha gulaallii Waancaa addunyaa dheengadda Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Gaanaa waliin Afrikaa Kibbaa, Johaanisbargi Istaadiyoomii Orlaandootti adeemsifame qabxii qooddachuun walqixa 1-1n adda baheera.

Waaliyaan bor tapha ramaddii xumuraa garee kubbaa miilaa Zimbaabuwee waliin kan taphatu ta’a.

Garee Waaliyaa keessaa galcha kan lakkoofsise taphataa Geetaanaa Kabbadaa yoo ta’u, garee Gaanaa keessaa ammoo galcha tokko kan lakkoofsise taphataa Andiree Ayyuu jedhama. Waaliyaa ramaddiisaarraa qabxii afuriin sadarkaa sadaffaarratti argama.

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You