Torban Darbe Magaalaa Finfinneetti kaampaaniin maqaa ‘Oro Fresh’ jedhamuun hundeeffame gabaa banaa mijeessuun kuduraaleefi muduraalee fayyadamtootaaf dhiheessuu eegaluunsaa ni yaadatama. Sirna jalqabsiisa kanarrattis Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi aanga’onni biroo kan argaman yoo ta’u, gabaan akkanaa keessumaa yeroo ammaa mijachuunsaa qaala’ina jireenyaa mul’atuuf furmaata akka ta’u ibsameera.
Gaggeessaa Hojii Aksiyoona ‘Oroo Fireesh’ Doktar Adaree Asaffaa kaayyoo hundeeffama aksiyoonichaa ilaalchisuun gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, ‘Oroo Fireesh’ kan hundaa’e jalqaba qo’annoon bal’aan erga taasifameen booda ta’uu ibsu. Kanaanis kuduraaleefi muduraalee ilaalchisee akka addunyaatti, arditti, biyyaattiifi darbees akka naannootti maal of harkaa qabna, hammi fayyadamuu (Consumption) ammoo maal fakkaata, garamittis deemaa jirra kan jedhu sirriitti ilaalamuus ni kaasu.
Qorannicha keessatti, akkuma biyyaattuu omishni guddaan Oromiyaarra akka jiru adda ba’uu eeranii, naannoolee biraa waliinis walbira qabamee yommuu ilaalamu omishni kuduraaleefi muduraalee Oromiyaa keessa jiran kanneen kaanirra kan caalu ta’uu himu. Kana jechuunis akka qonnaan bulaa dhuunfaatti %43, akka qonna daldalaa (Commercial farm)tti ammoo % 65 Oromiyaa keessaa akka ba’u qorannoon jiru ni mul’isa. Kanaaf Oromiyaa keessa omisha guddaa irratti hojjetamuu danda’u jiraachuun qorannichaan adda ba’uu dubbatu.
“Ammaaf hojichi iddoo tokkoo eegaluun dirqama waan ta’eef Oromiyaatti haa jalqabu malee fuulduratti bal’isuun akka biyyaatti, jechuunis naannoolee omisha fuduraafi muduraa qaban irrattis itti fufamee hojjechuuf karoorfameera. Oromiyaa keessa omishni baay’een jiraatus haalaan faayidaarra oolee galiin barbaadamu irraa argamuuf garuu rakkoo olaanaatu ture. Inni jalqabaa qonnaan bulaan rakkoo gabaa, faayinaansii, odeeffannoofi kkf qaba. Qonnaan bulaan rakkoolee kanneen hunda keessa taa’ee ni hojjeta, ni dafqa, garuu bu’aa inni argatu xiqqoodha. Bu’aa inni argataa ture ifaajjisaa waliin kan walmadaalu miti jechuudha” jedhu.
“Akkasumas waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraafi yuniyenootaas hammuma tokko qonnaan bulaa dhuunfaarraa fooyya’oodha malee rakkooleen garagaraaf saaxilamoodha. Isaanis rakkoolee gabaa, faayinaansii, hoggansaa, kanfaltiinsaanii xiqqaa waan ta’eef rakkoo nama barate ofitti fudhachuu qabu. Kanneen hunda ilaalcha keessa galchuun furmaata itti kennuufi egaa ‘Oroo Fireesh’ hundeessuun kan barbaachiseef. Aksiyoonichi rakkoolee jiranitti furmaata kennuun qonnaan bulaan, waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraafi yuniyeenoonni haala isaan bu’aa gaarii irraa argachuu danda’an mijeessuufi. Akkasumas, fayyadamtoonnis (end users) haala isaan gatii madaalawaadhaan omisha kuduraafi muduraa akka argatan taasisuufi” jechuun ibsu.
Akka waliigalaatti yoo ilaalame uumamni ‘Oroo Fireesh’ guddinaafi jajjabina qonnaan bulaa, omishtootaafi yuniyeenootaarratti kan xiyyeeffate ta’uu kan kaasan Doktar Adareen, dhumarrattis dandeettii dingadee gabbisuuf uumamuusaa himu.
Akka gaggeessaan hojii kun jedhanitti, kaayyoo kana qabachuun aksiyoonichi torban darbe hojiitti kan seene yoo ta’u, magaalaa Finfinnee naannawaa Calcalii (Saarbeeti)ttis gabaa banaa (open market)dhaan fayyadamtootaaf omisha dhiheessuu eegaleera. ‘Oroo Fireesh’ akka waliigalaatti hojiiwwan gurguddoo sadii hojjechuuf kaayyaffatee kan ka’e yoo ta’u, inni jalqabaa omisha walitti guuruu, sadarkeessuufi saamsuu yoo ta’u, inni lammaffaammoo gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiheessuufi inni sadaffaan, warshaatti tolchuu (processing)tti seenuuf karoorafateera.
Hojiiwwan kanneenitti guutuutti seenuuf garuu yeroo dheeraa akka gaafatu eeranii, sababnisaa akkuma barametti hojjechuu waan hindanda’amneef ta’uu ibsu. “Kana jechuun ammoo, hojichi teknolojii barbaada. Iddoon itti walitti guuranii kuusan bakka dilaleessuu danda’u ykn turmaata fuduraaleefi muduraaleetiif mijataa ta’uu qaba. Kunis kan sadarkaasaa eeggateefi teknolojii ammayyaadhaan guutame ta’uutu irra jiraata. Akkasuma hojii sadarkeessuufi saamsuunis teknolojii kuduraafi muduraatiif haala mijatuun ta’uu qaba. Wantoonni kanneen erga guutamanii boodadha gara warshaatti omishuutti kan deemamu. Hojii kanaaf of qopheessuuf ammoo akkamiin saffisaan gabaa keessa seenuu akka danda’amu yaaduun dirqama ture” jedhu.
Jalqabuuf kan yaadame kuduraaleefi muduraaleedhaan ta’uu kan himan Doktar Adareen, kunimmoo waan yeroo namaa kennuun ji’a ja’a ykn waggaa boodan jalqaba jedhamu waan hintaaneef, darbees qonnaan bultoonni, waldaaleen hojii gamtaafi yuniyeenoonni rakkoolee irranatti eeraman keessa waan jiraniif saffisaan hojiitti seenuun bu’aasaanii ol kaasuufi fayyadamtoonnis gatii madaalawaadhaan akka argatan taasisuu irratti yaadamuu himu.
Haala kanaan gabaa banaan torban darbe eegale sanbattan lamaan (Sanbataafi Dilbata) iddoowwan filatamanitti kan adeemsifamu ta’uufi yeroo jalqabaaf naannawaa Calcalitti eegaluu dubbatu. Sanbataafi Dilbata kanammoo inni duraa akkuma jirutti ta’ee, naannawaa Agamsaa (Markaatoo), Tulluu Diimtuufi Jamootti kan eegalu akka ta’es ni ibsu. Haala kanaan deemuun yeroo ittaanutti kutaalee magaalaa Finfinnee 11n keessatti gabaan banaa kun kan banamu ta’uu eeranii, kun hatattammaan hojiitti seenuuf eegalamuufi adeemsa keessa gaafa guutuutti hojiitti seenamu gabaa omisha ho’aa (Fresh Market) akka ta’u kaasu.
Akkasaan jedhanitti, haala kanaan magaalaa Finfinnee keessatti qofallee kutaalee magaalaa hunda keessatti giddugala gabaa sadarkaasaa eeggateefi biraandii ‘Oroo Fireesh’ qabuufi gatii madaalawaan dhiheessu banuuf karoorfameera. Dabalataanis magaaloota Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Dirree Dhawaa, Harar, Amboofi magaaloota godinaafi isaanii gadi jiraniittis kan banamu ta’a. Kanarra darbee gabaa biyyaa alaaf dhiheessuufis kan hojjetamu ta’a.
“Oroo Fireesh gaafa jalqabamu waldaalee misoomaa Oromiyaa keessa jiraniin kan baname yoo ta’u, yuniyeenoota lama, akkasumas namoota dhuunfaa sadiin hojii kan eegale yoo ta’u, ittaansuudhaan, haalli waldaaleen bu’uuraa, yuniyeenoonniifi namoonni barbaadan irratti hirmaachuu danda’an mijeessuun sheerii akka bitatan ni taasifama” jedhu.
Wantoota ‘Oroo Fireesh’ hatattamaan hojiitti akka seenu taasisan keessaa inni ijoon qaala’ina jireenyaa wayita ammaa bal’inaan mul’atuuf furmaata ta’uudha kan jedhan Doktar Adareen, kanas gama lamaan ilaaluun akka danda’amu kaasu. “Gama tokkoon qonnaan bulaan ni dafqa, ni hojjeta, baasii guddaas ni baasa. Kana keessatti waldaaleen bu’uuraas ta’u yuniyeenoonnis rakkoo kanaaf saaxilamoodha. Ta’us hamma argachuu qaban argachaa hinjiran. Calcala dheeraa kan faddaaltonniifi kanneen seeraan ala daldalan keessa waan jiraniif gatii omishtoonni argataniifi fayyadamtoonni baasan wal hinargatu. Kana jechuun gidduu kanatti gatii omishaa ol kaasuun fayyadamaa kan jiru faddaltootaafi warreen seeraan alaati” jechuun ibsu.
Kanaaf ‘Oroo Fireesh’ cancala daldalaa gabaabsuun omishni omishtoota biraa kallattiin fayyadamtoota bira akka ga’u akka taasisu eeranii, hojii kanas dhaadannoo “Ooyiruurraa gara Sooruutti” jedhu qabachuun itti deemaa jiraachuu himu. Kanaanis qonnaan bulaan waan amma argaturra gatii fooyya’a, fayyadamaan ammoo gatii amma baasaa jiruu gadiin omisha akka argatu kan taasisu ta’uu himanii, moggaasni maqaas bakkuma omishni sirriitti jiru kana maqaa dha’uuf yaadamee akka moggaafame eeru.
Dhumarrattis, omishtoonni ‘Oroo Fireesh’ kaampaanii bu’aa yeroo dheeraa argamsiisuuf hundaa’e ta’uu hubatanii, faddaaltootaafi daldaltoota seeraan alaa gidduu seenuun faayidaa isaan dhabsiisuuf yaalanirraa of qusachuuf kaampaanicha waliin hojjechuufi qaamolee hojii kana keessatti hirmaatan saaxiluu akka qaban dhaamu. Jiraattoonni magaalaa Finfinnees utuu omisha fuduraaleefi muduraalee gidduu jiranii fuduraaleefi muduraalee gatii qaaliin bitachuunsaanii waan faddaalaafi daldaltoonni seeraan alaa jiraniif waan ta’eef kallattiidhaan ‘Oroo Fireesh’ waliin hojjechuun adeemsicha sirreessuu keessatti gaheesaanii akka ba’atan waamicha dhiheessu.
Nutis kaampaaniiwwan akkanaa babala’chuun keessumaa qaala’ina gatii namtolchee hambisuuf shoora olaanaa waan qabuuf jajjabaachuu qaba jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014