Hir’ina nyaataa (Malnutration)

Wantoota bu’uuraa dhala namaaf barbaachisan keessaa tokko nyaatadha. Guyyaa guyyaatti anniisaan keessa keenyatti gubatee akka lubbuun jiraannu nu taasisu nyaata nuti nyaatnu irraa argama. Akkasumas, namni tokko qaamnisaa yeroo yerootti ijaaramee diigamaafi of jijjiiraa akka deemuuf sooratni hedduu murteessaadha. Seelonni haaraan qaamni keenya ittiin of ijaaru kun nyaata nuti argannurraa argamu. Anniisaafi ijaarsa qaamaa qofa osoo hintaane minaraalonniifi vitaaminoonni qaamni keenya jiraachuuf barbaadu hedduunsaanii soorata nuti fudhannu keessaa argamu.

Kanaaf sirna soorannaa keenya keessatti nyaatawwan wantoota fayyummaa qaama keenyaaf barbaachisan of keessaa qabu soorachuun fayyaalessa nama taasisa jechuudha. Barbaachisummaa soorannaa akka olitti ibsame kanaan yoo hubannu, annisaa, vitaaminoota, ijaarsa qaamaafi kkf gosa nyaataa tokko qofa irraa argachuu akka hindandeenyee beekuun barbaachisaadha.

Biyyoota guddataa jiran harka qalleeyyii akka biyya keenyaa kana keessatti hir’inni nyaataa dhibee cimaafi lubbuu hedduu galaafachuun beekamu akka ta’e eenyuyyuu tilmaamuun ulfaataa miti. Namni yoo dhukkubsate nyaachuu dadhabe, ykn yoo haala itti nyaata sirrii nyaatu wallaaleefi harki qal’atee waan sooratu dhabe dhibee kanaaf saaxilamuun dirqama ta’a. Dhalli namaa waan nyaatu irraa qaamni isaa akka ijaaramu jiraachuuf ammoo nyaachuun dirqama filannoo hinqabne akka ta’e beekuun hedduu barbaachisaadha. Haa ta’u malee nyaatni nuti nyaannu hangaanis ta’e baay’ina gosaatiin yoo kan ga’aa hintaane ta’e dhibee hir’ina nyaataa ykn akka nutti fiduu danda’u beekamaadha.

Hir’inni nyaataa yeroo hedduu kan hubu daa’imman keessumaa umuriin isanii waggaa shanii gadiiti. Haa ta’u garuu darbee darbee namoota gurguddaa keessumaa namoota dhukkuboota garagaraa qaban huba. Hir’inni nyaataa inni yeroo hedduu hubu hir’ina nyaata pirootinaa haa ta’u malee, tokkoon tokkoon viitaminootaafi elementoota garagaraa nyaata irraa argannuu yoo hir’atan miidhaafi mallattoo agarsiisan kan ofii isaanii qabu. Fakkeenyaaf: hir’ina vaayitaamin A, hir’ina vaayitaamin B1, hir’ina vaayitaamin B2, hir’ina vaayitaamin B6, hir’ina vaayitaamin B12, hir’ina vaayitaamin Cfi hir’ina vaayitaamin D akkasumas vaayitaminoota biroo; hir’ina elementii ayiranii (Fe)fi elementoota biroo jennee adda qooduu dandeenya. Mee keessaa haga dandeenye adda baafnee haa ilaallu.

  1. Hir’ina nyaata pirootinaa

Hir’inni nyaata pirootinaa gosoota hir’ina nyaataa keessaa isa hedduu beekamaafi yeroo hedduu mudatu ta’ee keessumaa daa’imman umuriin isaanii wagga shanii yoo nyaata sirriifi ga’aa argachuu baatan kan hubudha.

Mallattoo: mallattoon hir’ina nyaataa pirootinaa kun akkataa lamaan mul’achuu kan danda’u yoo ta’u inni jalqabaa qaama daa’immannii keessatti bishaan akka kuufamu taasisuudhaan qaama daa’immanii bobbokoksuudha. Inni lammataa ammoo qaama daa’imaa hedduu huqqisuudhaan hedduu qallisee hanga lafeefi gogaan qofti hafutti miidhuudha. Dabalataan daa’imman kun waan akka amala dhabuu (fedhii haasaa’uu ykn taphachuu dhabuu), garmalee boo’uu, humna ykn annisaa dhabuudhaan taphachuu dhiisuu, rifeensi daa’immanii qalama gurraacharraa gara daalachaa ykn diimaatti jijjiiramuufi rifeensi mataa salphaattii bubbuqqa’uufi kkf dha.

Furmaata: mallattoowwan armaan olii kanaan arginee yoo daa’ima rakkoo kana qabdu adda baafne, jechuunis daa’imni tokko hir’ina nyaata pirootinaan hedduu kan miidhamteettu ta’e dhibeewwan biroo akka infeekshinii qaamaa garagaraa, hir’inoota nyaataa gosa biroo, bishaan qaama keessa hedduu hir’achuufi dhibeewwan biroo hedduu lubbuu galaafataniif salphaatti saaxilamuun lubbuun darbuu mala. Kanaaf daa’imni haala kanaan miidhame mana yaalaatti gosa nyaataa daa’imoota akkasii dandamachiisuuf uumame kennamuufii waan qabuuf hatattamaan gara mana yaalaatti geeffamuu qaba.

  1. Hir’ina vaayitaaminootaa

Tokkoon tokkoon vaayitaaminoota qaama keenya keesssa jiranii haala garagaraan qaama keenya tajaajilu. Mallattoofi miidhaan hir’inni vaayitaminii tokkoo geessisu faayidaa inni kennurratti hundaa’a. Vaayitaminoonni tokko tokko qaama keessa yeroo dheeraaf kuufamanii hanga waggootaa nu tajaajiluu danda’u. Kanneen biroo ammoo kan qaama keessatti hinkuufamne waan ta’aniif akkuma vaayitaminii sana nyaata keessaa dhabuu jalqabneen mallattoo argisiisuu jalqabu. Mee mallattoofi furmaata hir’ina vaayitaminoota garagaraa haga tokko armaan gaditti yaa ilaallu.

• Hir’ina vaayitaamin A: hir’inni vaayitaamin A nyaatota vaayitaminii kanaan badhaadhoo ta’an nyaachuu dhabuu irraan kan namatti dhufu yoo ta’u mallattoosaa keessaa inni beekamaan iji ofii halkan waa adda baasee ilaaluu dadhabuudha (night blindness). Akkasumas, mallattoolee akka goguu ijaa, wantoonni tokko tokko gogaa irratti ba’uu, sirriitti guddachuu dadhabuu lafee, hir’achuu humna ittisa dhukkubaa (sababa kanaaf infeekshinoota gara garaan hubamuu)fi kkf dha. Nyaatonni vaayitaamin A dhaan badhaadhoo ta’an kan nyaachuudhaan furmaanni hir’ina vaayitaaminii kanaa argamu: kaarotii, cuunfaa maangoo, timaatima, tiruu beeyladoota garagaraa, dinnicha mi’ooftu (mixaaxisa)fi dabaaqula (buqqee) fa’i.

• Hir’ina Vaayitaamin B 12: Hir’inni vaayitaminoota gosa B hedduutu jira. Isaanis vaayitaamin B1, B2, B6, B12 fi kanneen biroo illee ni jiru. Isaan keessaas kan yeroo baay’ee keessumaa hawaasa hubu, hir’ina vaayitaamin gosa B12 isa jedhamuuti. Hir’inni viitaaminii kanaa hir’ina dhiibbaa dhiigaafi dhibee sirna narvii fida. Kanaafuu mallattoon inni hir’ina dhiigaa fidiin argisiisu keessaa: Mataa dhukkubbii, gurra keessaa namatti iyyuu, lafti namaan maruu, dadhabbii cimaa, afuurri cituu, harkiifi milli dilallaa’uu, dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaga’amuufi kkf yoo ta’u, kanneen dhibee narvii hir’inni vaayitaaminii kanaa fidu irraan namatti dhufan ammoo: milla lamaan keessa miirri gubuu namatti dhaga’amuu, waa yaadachuu dadhabuufi kkfdha. Nyaatonni vaayitaamin B12 dhaan badhaadhoo ta’an kan nyaachuudhaan furmaanni hir’ina vaayitaaminii kanaa argamu: tiruu beeyladoota garaagaraa, foon diimaa (diimina), qurxummii, bu’aalee beeyladootaa (hanqaaquu, itittuufi baaduu) fi lukkuu fa’i.

• Hir’ina vaayitaamin C: Hir’inni vaayitamin C yeroo hedduu dhukkuba iskaarvii jedhamuun beekamu waan nutti fiduufi mallattoowwan akka: dhiiguu qaamaa bakka garagaraa akka irga ilkanii, gogaan qaamaa yoo tuqame salphaatti dhiiguu, dhagna gubaa, nyaata jibbisiisuufi dadhabbii garmalee akka namatti dhaga’amu kan taasisuudha. Nyaatonni vaayitaamin C dhaan badhaadhoo ta’an kan nyaachuudhaan furmaanni hir’ina vaayitaaminii kanaa argamu: loomii, burtukaana, timaatima, paappayaa, qaaraa, dinnicha, maangoo fa’i.

• Hir’ina Vaayitaamin D: Hir’inni vaayitaamin D Rikeetsii jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, yeroo hedduu kan hubu daa’imman xixiqqoodha. Akka vaayitaminoota biroo hir’inni vaayitamin D, vaayitaaminicha argachuu dhabuurraan qofa kan dhufu osoo hintaane daa’imni ifa aduu ga’aa argachuu dhabuu irraan dabalatee dhufa, kunis ifni aduu kun yoo gogaa namaatti ba’e malee qaamni namaa vaayitaaminii kanatti fayyadamuu waan hindandeenyeefidha. Hir’inni vaayitaamin D yeroo hedduu mallattoo garagaraa baay’ee argisiisus irra caalaan garuu dhibee lafee waliin kan walqabatuudha. Kunis guddinni lafee daa’immanii dadhabaa ta’uu, akka salphaatti cabuu akkasumas boci lafee (keessumaa lafee mataa) baduudha. Furmaanni hir’ina vaayitaamin D daa’imman aduutti sirriitti baasuudha. Daa’imni tokko sirriitti ifa aduu argateera kan jennu guyyaa guyyaatti daqiiqaa 20 haga 30 yeroo aduun sirriitti ba’u yoo ta’u, daa’ima kana yoo aduutti baafnu dibata gargaraa akka vaasiliinii gogaatti gochuu hinqabnu akkasumas, ifti aduu kallattiidhaan ta’uu qaba. Hir’ina vaayitaamin E: hir’inni vaayitamina kanaa akka warreen kaanii hedduu baramaa ta’uu baatus yeroo tokko tokko mudachuu danda’a. Mallattoo akka dadhabuu maashaalee qaamaa, dhibee ijaafi hir’ina dhiigaa illee fiduu mala.

  1. Hir’ina elemantii ayireenii

Hir’inni elemantii ayireenii kan namoota hedduu hubuufi ka’umsa dhibee hir’inaa dhiigaa isa jalqabaati. Wantoota ykn haalota hir’ina elementii ayireenii namatti fidan hedduu keessaa tokko nyaata ayireeniin badhaadhaa ta’e ga’aa nyaachuu dhabuudha. Hir’inni ayireeni kun keessumaa dubartoota ulfaa hedduu kan hubuun beekamuudha. Akkuma armaan olitti kaafne hir’inni ayirenii kun mallattoo inni argisiisu mallattoo hir’ina dhiigaati (kan armaan olitti tarreeffaman).

Furmaanni dhibee hir’ina ayireenii kanaa mana yaalaa deemuun elementii kana bifa qorichaan fudhachuuf ta’ee osoo jiruu ofii keenyaan ayirenii (Fe) ga’aa argachuudhaaf ammo: tiruu, qurxummii, dinnicha, atara, foon diimaa, atara haalaan soorachuudha. Nyaata armaan olitti tarreeffaman kanneen ayireenii argachuuf soorannu kana yoo danda’ame wantoota Vaayitaamin C ofkeessaa qaban akka loomii waliin yoo nyaanne xuuxama ayirenii dabaluun sirritti akka qaama keenyaaf fayyadu taasisa. Yoo bunaafi shayii waliin dhugne garuu xuuxamuu elementii ayirenii waan hir’isaniif yoo nyaatawwan ayirenii qaban kana waliin altakkaatti fudhachuun hingorfamu.

 Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You