Gareen dubartota umrii 20 gadi waancaadhaan gale

Finfinnee:Bu’uura ispoortii kubbaa miilaa Afrikaa kan ta’e wal morkiin waancaa kubbaa miilaa Biyyoota Bahaaf Gidduu Galeessa Afrikaa“CECAFA” jedhamuudhan beekamu kan jalqabme ALA bara 1926 magaalaa guddo Keeniyaa, Naayirobitti jedha seenaan isaa.

Wal morkii kanas yeroo sana Ispoonsara gochuudhaan to’achaa kan turan lammiilee Ingiliz kan wayita san Keeniyaa turaniin yoo ta’u, taphini kan adeemsifame Keeniyaafi Ugaandaa jiddutti akka ta’e kan himamu.

Wal morkichi sababii adda addaatiin waggoota 50f addaan cite haala harawaan bara 1975 Biyyoota Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa jedhamuudhaan beekaman muraasa jiddutti gageefamu jalqabe.

Miseensonni isaa Suta suta dabalamaa dhufuudhaan yeroo ammaa kana miseensota Federeeshina kubbaa miilaa Afrikaa “CECAF” jalatti argaman 12 jiddutti gageefamaa jira.

Isaanis Itoophiyaa, Keeniyaa, Ugaandaa, Ruwaandaa, Burundii, Taanzaaniyaa, Zaanzibaar , Sudaan, Somaaliyaa, Jibuti, Eritiraafi Sudaan Kibbaatti.

Federeeshiniin kubbaa miilaa

Bahaaf Giddu Galeessa Afrikaa taphicha gageessaa kan ture dhirotaan gareewwan beektotaa,dargaggootaafi dargaggoota guddatootaa qofa jiddutti ture. Ammaan tana ammoo damessaa baldhifachuudhaan kan dubartota beektotaafi dubartota umri 20 gadis gageessaa jira.

Haaluma kanaan baranas Sadaasa 20 hanga 30 bara 2014 magaalaa Ugaandaa, Kaamppaalaatti wal morkiin waancaa kubbaa miilaa dubartota umri 20 Bahaaf Giddu Galeessa Afrikaa biyyoota jaha jidduutti gageffamera.

Hirmaatonns qopheesitu waancaa ugaandaa dabalate Itoophiyaan,Taanzaaniyaan,Burundiin, Jibutiifi Eritiraadha.

Carraa takka qofa qabate dirree kan gale gareen dubartoota Itoophiyaa osoo hin eggamin Ugaandaa dirreesaafi deegaraasaa fulduratti 3-2n mo’achuudhaan abbaa waancaa kan ta’e.

Carraa lama qabate kan dhihaate Ugaandaan haara galfannaa dura 2-0n dursaa turus, Itoophiyaan haara galfannaa bode galchoota daqiiqaa 52farratti Radi’eet Asrasahany,daqiiqaa 80fatti Ariyaat Odonig fi daqiiqaa 82farratti Turist Lammaa galchaniin mo’achu dandetteetti.

Leenjisaa Fireew Hayilagabreeliin leenji’amaa kan jiru gareen dubartotaa Itoophiyaa kun abbaa waancaa kan taate Jibutii 7-0n,Eritiraa 5-0n,Taanzaaniyaa 2-1n,Burundii 1-0n,tapha maahessaatti ammoo akkuma ishee waancaaf kan dhihaate qopheesitu waancaa Ugaandaa 3-2n mo’achuudhaan.

Luusiwwan turban lama dura tapha gulaalaa waancaa kubbaa miilaa Adunyaaf ummata Kenya fulduratti Istaadiyoma Abbabaa Biqilaatti garee Ugaandaatiin ligooreedhaan mo’ame ba’usaatti daawataan rifachuudhaan mormasa gadi qabate bahe gareen umri 20 gadi kun isa gamachisera.

Bakka bu’aan Lusiiwwanii gareen dubartoota Itoophiyaa kun wal morkii kanarratti yoo hirmaatu kan jalqabaa yoo ta’u Ugaandaan ammoo yeroo lamaffaadhaa ta’un isaa kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan garwwan lamenu wal morkii waancaa kubbaa miilaa Addunyaa dubartota umrii 20 kan ji’a dufu keessa Afrikaa Kibbaatti gageefamurratti Afrikaa bakka bu’uudhaan tapha gulaalaarratti hirmaachuf carraa argataniiru.

Wal morkii baranaa kanatti shaampiyoona kan ta’e gareen dubartota Itoophiyaa kun waancaafi meedaaliyaa warqi yoo badhaafamu,lamaffaa kan bahe Ugaandaan meedaaliyaa meeti,sadaffaa kan bahe Taanzaaniyaan ammoo nahaasa badhaafamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You