Afoolli yeroo baay’ee waan darberratti xiyyeeffachuun afaaniin dhalootaa dhalootatti darba. Afoolli seenaa, duudhaa, yaadaa, beekumsaafi jiruuf jireenya saba tokkoo dhalootaa dhalootatti dabarsuuf, bashanansiisaa barsiisuufi sammuu qaruu keessatti gahee olaanaa qaba.
Akaakuuwwan afoolaa keessaa oduu durii, baacoo, tapha ijoollee, hibboo, mammaaksa akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama. Afoolli Oromoo dhaloonni amala gaarii, obsa, beekumsaafi dandeettii gaarii horatanii akka guddatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Afoolli barnoota ammayyaatiif bu’uura.
Ummanni Oromoo afoola akka galaanaa waraabamee hindhumne qaba. Oromoon dur utuu manni barumsaa ammayyaa hinbanamin daa’immansaa waa’ee safuu, seenaa, duudhaa, aadaafi afaansaa afoolasaatti gargaaramee barsiisaa ture. Afoolli madda beekumsaa bashannansiisaa dhaloota barsiisuudha. Afoolli utuu barnoonni ammayyaa hindhufin dura akka madda barnootaafi beekumsaatti tajaajilaa ture.
Ummanni Oromoo, aadaa, seenaa, seera ittiin bulmaataasaa afoolatti fayyadamuudhaan dhaloota barsiisaa ture. Afoolli aadaafi duudhaa kuusaa muuxannoo hawaasaa kan jaarraa hedduu barsiisa. Afoolli barnoota ammayyaa barsiisuu keessattis shoora guddaa taphachaa jira.
Afoolli, daa’imman naannawasaanii akka baran, tokkummaa akka qabaatan, akka waliif yaadaniifi nageenyi gidduusaanii akka dabalu taasisuuf hedduu gargaara. Dabalataanis afoolli muuxannoo hawaasa darbee dhaloota har’aatiif qooduuf kan gargaaruudha.
Afoolli waan ifa nuu hintaane tokko karaa salphaan nuu ibsuuf shoora guddaa qaba. Dhalli namaa jireenyasaa keessatti waantoota isaaf hingalle maraaf deebii argachuu barbaada; carraaqas. Waa’ee uumamaa, waa’ee naannawaasaa gaaffii hedduu ni kaasa. Afoolli gaaffiilee gara garaa daa’imman gaafatan fakkeenyaaf “Gaangeen maaliif hindhaltu? Samiin maaliif nurraa fagaate?…” oduu duriitti fayyadamuun ibsuufiif kan gargaaruudha.
Afoolli aadaa, duudhaa, seenaafi safuun saba tokkoo cimee dhaloota tokkorraa gara biraatti akka darbu taasisuu keessatti humna guddaa qaba. Keessumaa hawwaasni tokko wanti gaariifi amalli gaariin cimee akka ittifufuuf afoolatti gargaaramuun dhaloota biraatiif dabarsa. Oromoon afoolatti gargaaramuudhaan ijoolleesaa barsiisa ykn gorsa.
Afoolli dhaloonni amaloota badaarraa akka of to’ataniifi amaloota gaarii ammoo cimsanii akka ittifufaniif jajjabeessa ykn gargaara. Afoolli Oromoo madda beekumsaa ta’uun akka namni waa baruuf kan gargaaruudha. Afoolli Oromoo aadaa, duudhaa, seenaa, safuu, sabichaa dhalootaa dhalootatti dabarsuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Akaakuuwwan afoolaa keessaa oduun durii fakkeenyaan bashannansiisaa barsiisuufi ergaa hindagatamne sammuu namaa keessatti kalaquuf kan gargaaruudha. Fakkeenyaaf oduu durii armaan gadii haa ilaallu.
Jaarsa umurii dheeraa jiraatan tokkotu ture. Jaarsi kun ilmaan dhiiraa sadii qabu. Jaarsi kun baay’ee dulloomanii yeroon du’asaanii geenyaan ijoolleesaanii kanneeniif dhaamoo dhaamuufii barbaadan. Ijoolleesaanii sadanuu walitti waamanii akkas jedhaniin. “Yaa ijoollee koo yeroon du’a koo ga’eeraa dhaamsan isiniif dhaamee du’aa tokko tokkoon keessan saanduqa tokko tokko hojjisiisaatii fidaa” jedhanii abbooman.
Ijoolleen sadanuu akkuma abbaansaanii jedhan godhanii saanduuqii hojjisiisanii itti fidan. Jaarsi harkaa fuudhanii kan isa tokkootti warqee, kan isa lammaffaatti biyyoo, kan isa sadaffaatti immoo dhoqqee kabootaa itti naqanii “Ho’aa kana achi kaa’aa gaafa ani du’ee na awwaaltanii gadda teessanii jajjabaattanii kaatan jaarsolii biyyaa walitti waamaatii saanduqa kana banaatii kennaa ani isinii kenne kana keessaa fuudhaa” jedhanii guyyaa yartuu boodee du’an.
Jaarsi du’anii gadda taa’anii salgan ba’ee gaafa gadda irraa ka’an akkuma abbaansaanii itti himetti dhangaa qopheessanii jaarsolii biyyaa waamanii yemmuu saanduqa bananii ilaalan gaafa waan adda addaa isaanitti kenname argan hibboo itti ta’ee hiikasaa wallaalanii namoota beekoodha jedhaman hunda gaafatanii namni hiiku dhabame. Jaarsoliin warri waamamanis gaaffii kana raajii ykn ooda gaafadhaa jedhanii biraa galan. Kana booda ijoolleen sadanuu walfudhatanii saanduqasaanii fudhatanii raajii ooda gaafachuuf karaarra bu’an.
Yemmuu isaan manaa ba’anii takka deeman saree rimaa karaarra ceeftee ilmaanshee garaa keessaa dutan arganii kun raajiidha jedhanii darbanii deeman.
Ittifufanii karaa dheeraa erga deemanii booddee farda marga lalisaa keessa, bishaan gabbataarra ijaajjee huqqatee golgolaa’ee ijaajjutti dhufanii kunis raajiidha jedhanii darban.
Adeemaa oolanii karkarroo lafa gogaa bishaaniifi margi hinjirre, bakkee gogaa keessa dhaabbatee coomee asiifi achi burraaqutti dhufanii kunis raajiidha jedhanii deemanii mana raajichaatti dhiyaatanii warra biyyaa gaafatan. Warri biyyaa “Kuunnooti” jedhanii mana namicha hooda hima jedhamee sana itti agarsiisan.
Mana namichaa ga’anii ga’anii dubbisanii taa’an. Jaarsi dulloomaan ilkaan irraa dhumee iji babarrise barcumarra taa’u argan. Jaarsichis “Eessaa adeemtu ijoollee koo” jedhee gaafate. Isaanis “Waatu nu rakkifnaan Raajii gaafachuu dhufne” jedhanii deebisaniif. Jaarsi dulloomaan kun ammoo “Abbaan koo kuunnoo gama sanaa korma leenjisaa qotiisa qotaa dhaqaatii isa gaafadhaa” jedhaniin.
Yeroo kana ijoollonni sadan gara namicha qotiisa qotaa jiruu dhaqanii gaaffii hibboosaanitti ta’e sana gaafatan. Namichis “Ana mitii abbaan koo kuunnoo gama sanaa farda leenjisaa jiraa dhaqaatii isa gaafadhaa” jedheen. Isaanis dhaqanii hanga namichi farda leenjisee manatti galutti eeganii yemmuu inni farda leenjisee manatti galu duukaa ol galanii haasa’uu jalqaban. “Waa rakkanneetu isin immoo raajii himuu beektu jechuu dhageenyee isin bira dhufne” jedhaniin.
Namichis “Rakkinni keessan maal inni” jedhee isaan gaafate. Isaanis “Abbaa keenyatu gaafa du’aaf ka’an dhaamsa nuu dhaamanii du’an. Dhaamsi abbaan keenya nuu dhaamanii du’an hibboo nutti ta’ee jennaan nama nuu hiiku dhabnee ooda gaafachuu gara keessan dhufne” jedhaniin. Jaarsichis deebisee “Yemmuu manaa baatan maal argaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate.
Ijoollonni sadanis “Jalqaba saree rimaa karaarra faftuufi ilmooleenshee garaa keessaa dutan arginee dinqisiifannee dabarree deemne. Lammaffaa farda marga lalisaafi bishaan gabbataa keessa dhaabbatee hoqqatee dhaabbatu arginee raajeffannee dabarre.
Sadaffaa karkarroo lafa gogaa keessa dhaabbatee coomee gabbatee burraaqu arginee kunis raajiidha jennee darbinee deemne. Yemmuu as geenyee mana raajii arginee gaafannu ilmi dulloomee barcumarra taa’ee aduu qaqqaamatuufi abbaansaa ammoo korma leenjisee qotiisa qutuufi akaakayyuunsaa ammoo farra leenjisu argine dinqisiifanne” jedhan.
Raajiin sunis akkas jedhee itti hime. “Sareen karaarra raftee ilmoon garaa keessaa duttu, bara booddeetti utuu hangafoonni jiranii ijoolleen biyya bulchiti. Bara akkasiitu dhufa. Fardi marga lalisaa keessa ijaajjee huqqate ammoo bara ilmi namaa utuu qabuu nyaatee dhugee itti jiraachuu dadhabutu dhufa. Karkarroon lafa gogaa keessatti gabbatee burraaqu isin argitan ammoo bara booddeetti ilmi abbaansaa hinbeekamne gooftomee gammadee bara itti jiraatutu dhufa.”
Ilmi ilma kootii dulloomee barcumarra taa’ee argitan ammoo haadha warraasaatu soonsa. Soonsi ni hidditi malee damma hindammeessitu. Haati warraasaa harka hintoltu, afaan hintoltu, arrabaan hidditi malee hinqabbaneessitu. Kanaaf umuriisaa malee dulloome.”
“Abbaan koo inni korma leenjisee qonna qotu isin argitan ammoo haati warraasaa kanniisa. Kanniisi damma ni dammeessiti, ni hidditis. Haati warraa ilma kootiis akkasuma, ni nyaachifti ni hidditis. Kanaaf hamma kana fooyya’ee qonna qotee jiraachuu danda’e.”
“Ani ammoo ilma kootiifi ilma ilma koo caalaa ijoollummaatti jiraadhee, nama farad leenjisu ta’ee jiraachuun koo haadha warraa kootu kanniisa daamuuti. Kanniisi daamuu damma dammeessitee nama nyaachisuu malee beektee nama hinhidditu. Haati warraa koos akkasuma, na nyaachisuu na obaasuu malee, homaanuu na gaddisiiftu. Kanaafuu umurii kootti gammadeen jiraadha malee takkaa gaddee hinbeeku. Kanaafan ijoollee ta’ee jiraachuu danda’e” jedheen.
“Gara gaaffii keessaniitti yoo deebine dhaamsi abbaan keessan isiniif dhaame hiiknisaa gabaabaadha. Innis Saanduuqii kee keessa warqeen kan kaa’ame carraan kee horiidhaan daldaluudha. Inni biyyoon keessa jiru carraan kee qonnaan jiraachuudha. Inni dhoqqeen saawwaa keessa jiru carraan kee saawwa horsiisuudha.” Jedhee itti hime. Isaais jecha kana fudhatanii galanii akka carraa isaaniitti hojjetanii jiraatanii bara isaanii xumuranii darban jedhama.
Oduu durii kanarraa wantoota gurguddoo lama hubanna. Inni tokkoffaan ijoolleen gorsa abbaasaanii fudhatan dhaamsa abbaan dhaameefii du’e ulfinaan fudhatanii hojiirra oolchanii ittiin jiraachuusaaniiti. Inni lammaffaan ammoo namni haadha warraa taatuuf fuudhe bara jireenyasaatti akka gammaduufi yeroo malee kan hindulloomne ta’uudha.
Kanaafuu afoolli bashannansiisaa barsiisa waan ta’eef maatiin ijoolleensaanii oduu durii, hibboo, mammaaksa, tapha ijoollee baratanii akka guddatan taasisuutu isaanirra eegama.
Afoolli bu’uura barumsa ammayyaa waan ta’ee sammuu ijoollee qaruu bira darbee aadaa, duudhaa, seenaafi haala jiruufi jireenyaa baratanii akka guddatan taasisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Kanaafuu ijoollee gosoota gara garaa barsiisuun dandeettii afaan barachuu, waa barachuufi yaadachuusaaniis ni cimsa.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014