Itoophiyaan kubbaa miilaa dubartoota umrii 20 gadiin abdii qabdi

Finfinnee: Waggaa afuritti altokko kan qophaa’u walmorkiin waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa umrii 20 gadi kan jalaqabame ALA bara 2002 ture. Walmorkii kanarratti kan hirmaatan biyyoota miseensota Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ta’aniidha.

Hirmaattonis biyyoota ardiisaaniirraa qabxii gaarii galmeesisuudhaan darban 16 ta’uu waldichi “FIFA”n beeksiseera.

Walmorkiin kun yeroo 4fa ALA bara 2020 Kostaarikotti gageefama jedhamee sagantaa kan ba’eef ta’us sababii dhibeen ‘Kovid-19’ adduynyaarratti babal’ateef utuu hin adeemsifamin hafeera.

Haata’u malee Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaafi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waliin mari’acuudhaan sagantaa ba’een Kostaarikaan dorgommichaaf qophii barbaachisu akka taasiftu murteessaniiru. Haaluma kanaan biyyoonni miseensota waldichaa ta’an akkaataa sagantaa ba’een ardiisaanirratti taphawwan gulaalaa itti fufaniiru. Biyyoonni Afrikaas tapha gulaalaa kana adeemsisaa jiru.

Walmorkii gulaalaa kanaaf biyyoonni Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa 12n Burundii, Jibutii, Eritiraa, Itoophiyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Somaaliiyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Taanzaaniyaa, Ugaandaafi Zaaniziibaar ni hirmaatu jedhanii eggamaa turanis yeroo ammaa Ugaandaa, Kaampaalaatti taphachaa kan jiran gareewwan biyyoota ja’aa qofa ta’uun bekameera.

Isaanis Itoophiyaa, Eritiraa, Jibutii, Burundii, Taanzaaniyaafi qopheessituu waancaa Ugaandaadha.

Walmorkiin baranaa kun ALI Onkololeessa 20- 30 bara 2014tti gageefamaa kan jiru yoo ta’u, gareen kubbaa miilaa dubartota Itoophiyaa taphawwan sadii adeemsifaman hundatti injifannoo olaanaadhaan dursaa jira.

Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa walmorkii jalqabaa Jibutii waliin adeemsisuun 7-0n mo’ateera. Isa lammaffaa ammoo Eritiraa wajiin taphachuudhaan 5-0n, tapha sadaffaa ammoo Taanzaaniyaa waliin taphachuudhaan 2-1n, walumaagalatti taphawwan sadanitti galchoota 14 galchuudhaan galcha tokko qofa keessummeessuudhaan dursaa jira.

Leenjistuu Firew Haayila Gabreeliin lenji’aa kan jiru gareen kubbaa miilaa dubartota Itoophiyaa kun, tekinikaanis ta’u cimina qaamaatiin dirree keessatti morkatootasaa mara caaluudhaan injifateera.

Gareen Kubbaa Miilaa Dubarttoota Itoophiyaa waggaa 20 gadii (Lusiwwan bakka bu’an) taphawwan hanga ammaatti adeemsifatetti qabxii sagaliifi qoda galchaa 13n dursaa jira.

Garichi har’as Burundii wajjin kan taphatu yoo ta’u, tapha maheessaa ammoo Kibxata qopheessituu waancaa Ugaandaa wajjin godhachuudhaan qabxii foya’aa yoo galmeesise abbaa waancaa ta’a jedhametti eggama.

Walmorkiin dubartotaa Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa kun ji’a Hagayyaa bara 2013 akka gageefamuuf sagantaan kan qabameef ta’us sababii adda addaattiin gara baranaatti akka ce’u ta’eera.

Waancaa dubartoota umrii 20 gadii biyyoota Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa kun bara 2019 Ugaandaatti kan qophaa’e yoo ta’u, tapha maahessaatti Taanzaaniyaan Keeniyaa mo’achuudhaan shaampiyoona ta’uunshee ni yaadatama.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You