Xiyyeeffannaa iddoowwan oolmaa ispoortii

Finfinnee: Guddiina ispoortii biyyaa tokkoo keessatti iddoowwan oolmaafi dirreewwan ispoortii ga’aafi hawaasni ispoortiif mijataa ta’e baay’ee murteessaafi barbaachisaadha.

Kanuma bu’uureeffachuun mootummaan Itoophiyaafi Ministeerri Aadaafi Ispoortii bu’aa qabeesuummaafi fayyaadamummaa ummataa kana galmaan gahuuf bu’uuraalee misooma ispoortii gurguddaa ijaaraa jiru.

Fakkeenyaaf Magaalaa Finfinneetti akkaadaamii ispoortii dargaggootaa, Asallaatti giddugala leenjii ispoortii atileetiksii Xurunash Dibaabaa ijaaruun tajaajila akka kennan godhameera.

Akkasumas, Naannoo Oromiyaa magaalaa Sulultaatti Akkaadaamii Ispoortii Komaandar Daraartuu Tulluu xumura jala gaheera.

Ammaan tanammoo magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee, naannawaa Garjii jedhamutti lafa heektaara 67 irratti ijaars isaa bara 2005 kan jalqabame Istaadeeyeemiin Biyyooleessaa Aday Ababaa hojjetamaa jira. Qarshii biliyoona saddeet fixa jedhamuun ijaaramaa kan jiru istaadee miin kun yeroo tokkotti teessoodhaan daawwataa kuma 62 keessumeessu akka danda’us kan yaadatamuudha.

Haa ta’u malee, hojiin isaa duubatti harkifachaa jira jechuudhaan hawaasa ispoortii biratti komiin ka’aa jira. Komii kana bu’uureeffachuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad tibbana Istaadeemicha daawwataniiru. Qaamni ijaarsicha adeemsisaa jirus adeemsa ijaarsaa keessatti rakkooleefi dhiibbaa mudate isaaniif ibseera. Ministirri muummees erga daawwannaa godhanii booddee hojiin isaa dafee xumuramuudhaan tajaajila akka kennu qajeelfama kennaniiru.

Daawwannaa kanarratti Minstirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ijaaramuun istaadeemichaa guddina ispoortii biyyattiif ga’ee olaanaa taphata jedhaniiru.

Daawwannicharratti anga’oonni olaanoo dhimmichi ilaallatu garagaraas argamaniiru.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You