Seenaa Gaara Cuqqaalaa, eegumsaafi kununsa isaaf malu

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaarri Cuqqaalaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Liiban Cuqqaalaa, Magaalaa Adulaalaa cinaatti argama. Gaarri kun bakkeewwan Oromoon itti irreeffatu keessaa isa tokkoofi isa beekamaadha. Gaarri kun duraan maal akka fakkaatuufi yeroo ammaa ammoo sadarkaa maaliirra akka jiru ilaalchisuun gaafdeebii Hayyuu Gadaa Tuulamaa Naggasaa Nagawoo waliin dhiyeenya kana taasifne akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineera.

Akka Hayyuun kun yaada gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, gaarri Cuqqaalaa Waaqaa gaditti lafaa olitti gaara seena qabeessa. Oromoon akkuma tibba birraa malkaatti irreeffatee Waaqa dukkana gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa baase galateeffatu, arfaasaa ammoo gaara irratti ba’ee Waaqni bokkaa nagaa akka isaaf roobsuuf kadhata. Gaarri Cuqqaalaa ammoo gaara Oromoon irratti irreeffatu keessaa isa tokkoodha jedhu.

Gaarri Waaqatti waan olaanuuf Oromoon gaara irratti ol ba’ee Waaqasaa kadhata. Gaara Cuqqaalaarrattis waggaa waggaan ba’ee kadhata. Gaara Cuqqaalaa gubbaa haroo gurguddaa sadiitu jira. Haroo kanaan burqaa Nabiiti jenna. Nabiin ergamaa Waaqayyooti. Oromoon ergamaa Waaqayyoo kana ni kabaja. Nabiin kun du’ee bakka Gaarri Cuqqaalaa itti argamu kanatti awwaalame. Haroon Arsadeefi haroowwan ja’an Galaan kan uumaman Gaarri Cuqqaalaa dho’uusaatiini jedhama. Gaaricharra margiifi dhallaaduunis ni jira. Gaarichi gubbaan bishaan waan qabuuf jiidhina qaba. Gaara Cuqqaalaa gubbaa bataskaanni amantii Ortodoksii Aabboo jedhamus ni jira.

Gaarri Cuqqaalaa amantii waliinis walqabata. Gaara Cuqqaalaa miilaan naanna’uun sa’aatii 12:00 namatti fudhata. Gaaricha irra ba’anii bu’uunis akkasuma saa’aatii 12:00 namatti fudhata. Seenaan Gaara Cuqqaalaa yeroo gabaabaa keessatti himamee waan dhumu miti. Gaara seena qabeessa. Gaarri Cuqqaalaa gaara Oromoon irratti irreeffatuufi warri bataskaanaas sirna amantiisaanii irratti geggeeffataa jiraniidha. Gaarri Cuqqaalaa gaara ja’an Galaan irratti irreefatu keessaa isa tokko yoo ta’u, Gadaa Tuulamaa keessatti gaara kanaaf seerri tumameefii jira. Gadaa Tuulamaa Seerri oggaa tumamu Waaqaatti aansee abbaaf haadhaaf tumame. Seera abbaafi haadhaatti aansee ammoo seera gaaraafi malkaatu tumame jedhu.

Gaarri Cuqqaalaa dur burqituuwwan 28 qaba jedhameetu beekama kan jedhan hayyuu Naggasaan, yeroo ammaa gaarri kun kunuunsaafi eegumsa barbaachisu dhabee manca’aa jira. Mukeen gaaricha uwwisanii turan sababa cilee gubuutiin manca’anii badaa jiru. Burqaawwan 28 Gaara Cuqqaalaa keessaa maddaa turan keessaa yeroo ammaa kaan badanii burqaawwan 16 qofti jiraachuu dubbatu Hayyuu Naggasaan.

Dur Gaarri Cuqqaalaa jiidhinaafi mukeen  walitti gobbatan waan qabuuf irra ba’uun ni ulfaata kan jedhan hayyuun kun, yeroo ammaa lafti naannawaa Gaara Cuqqaalaa omisha qonnaatiif oolaa waan jiruuf gaarichi eegumsaafi kunuunsa dhabee garmalee manca’aa jira. Kanaafuu mootummaan gaara kanaaf eegumsaafi kunuunsa barbaachisu taasisuufii qaba. Gaara kana deebisanii misoomsuunis hojii xiyyeeffannaa cimaa barbaadu ta’uu dubbatu.

Gaarri Cuqqaalaa naannawichaaf miidhagina addaa kenna. Gaaddidduun gaarichaa ganama baddaa Leemmanitti ol ba’a, galgala ammoo laga Mojootti gad bu’a.

 Gaarri Cuqqaalaa gaarreen naannawaa sana jiran hunda caalee waan jiruuf utuu sirriitti misoomee akka iddoo hawwata turistiittillee kan gargaaru ta’uu himu.

Gaarri Cuqqaalaa mukeen akaakuu gara qorichaaf gargaaran hedduu qaba kan jedhan Hayyuu Naggasaan, akkasumas leencaafi qeerransa dabalatee bineensota gosa garagaraa hedduu qaba ture. Yeroo ammaa bosonni gaarichaa manca’ee waan badeef leenci gaara sana keessaa gara iddoo bosonni argamuutti godaaneera. Akaakuuwwan mukeenii 200 ol gaaricharra turan keessaa hedduunsaanii manca’anii badaniiru. Kanaafuu gaaricha deebisanii misoomsuun, eegumsaafi kunuunsuun dhimma mootummaan xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechuu qabu ta’uu himaniiru.

Gaarri kun qabeenya biyyaa waan ta’eef Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa abbummaadhaan deebisanii misoomsanii iddoo hawwata turizimii taasisuu qabu. Hawaasni naannawichaas gaaricha mancaasuu utuu hintaane eeguu, kunuunsuufi deebisanii misoomsuu akka qabu yaadachiisaniiru. Mootummaan lafa qonnaa naannawaa gaarichaa jiruufi lafa gaarichaa adda baasuu baannaan Gaarri Cuqqaalaa kana caalaa manca’uu danda’a. Akka Sirna Gadaatti gaarriifi malkaan safuufi tumaa waan qabuuf ummanni Oromoo keessumaa naannawaa gaarichaa jiraatan gaarichaaf kunuunsa barbaachisu akka taasisaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Bineensota gaaricha keessa jiran ajjeesuunis safuudha. Ammaan booda namni Gaara Cuqqaalaa balleessu ykn mancaasu Gadaan itti yaa’ee adabuu qaba, korma qalchiisuu qaba. Mootummaanis Gaara Cuqqaalaa eeguu, kunuunsuufi deebisee misoomsuun akkuma Gaarreen Baalee iddoo hawwata tuuristootaa gochuurratti xiyyeeffatee hojjechu akka qabu yaadachiisaniiru.

Sirna Gadaa keessatti gaaraafi tulluu eebba waan qabuuf hintuqamu. Gaaraafi tulluu tuquun, irra qotuun, irratti ajjeesuufi waraanuun safuudha. Muka gaaraafi tulluurra jiru muruunis dhorkaadha. Keessumaa mukeen akka Ejersaa, Birbirsaa, Arooressaa tuquun hooda. Namni tulluu tuqe korma qalee adabama. Kanaafuu ummanni Oromoo safuusaa eeggachuufi seerota Sirna Gadaa kabajuufi kabajchiisuu qaba jedhu.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You