“Diyaaspooraan Itoophiyaa ispoortiis ni gargaara” – Obbo Girmaa Taaffasaa

Finfinnee: Manneen barnootaa hundee guddinati. Sammuu ilma namaa qoruun beekumsaafi dandeettii addaddaa waan gonfachiisuufi. Biyyi lammii barate qabdu guddinaaf abdii qabdi jechun ni danda’ama. Kanaafuu addunyaan hundi xiyyeeffannoon barnootaaf kennu baay’ee cimaadha.

Seenaa biyyoota guddatanii yoo qorannus bu’uurri misoomaafi dinagdeesaanii barnoota gahumsaafi qulqullina qabu lammii isaaniif kennuu akka ta’e hubatama. Barumsa qalamaa kana maddiitti ammoo lammii qaama cimaa, sammuu ifaafi horataa boru ta’u kununfame guddachuun dirqama kan jedhan Obbo Girmaa Taaffasaatti.

Obbo Girmaa Taaffasaa waggoottan 26f biyyasaaniitii fagaatanii Ameerikaa turanis ammaan tana diyaaspooraa Itoophiyaa dursuudhaan Finfinnee jiru. Obbo Girmaan wayita Itoophiyaa turan sochi ispoortii keessatti hirmaachaa turan.

Sadarkaa manneen barnootaa, kilabaa, garee kubbaa miilaa dargaggoota Itoophiyaafi garee biyyaaleessaa Itoophiyaaf hiriruudhaan taphataniiru. Hojeetaa Tiraanziitii Galaanaa (Baahir Tiraanzit) wayita turanis koorsii murtee kennummaa fudhachuun hanga sadarkaa biyyooleessaatti murte kennuummaadhaan hojjetaniiru.

Manneen barnootaa burqaa dargaggoota guddatoota abdii biyyaa boru kan horataniidha.Kanaafuu guddina ispoortii Itoophiyaa yoo barbaanne ispoortii manneen barnootaaf hunda caalaa xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha jedhu Obbo Girmaan.

Ispoortiin fayyaa tokkummaa aadaa waljijjiiruuf walitti dhufeenya fayyaa qaamafi misooma biyya tokkoo keessatti gahee guddaa qabaachuu kaasanii, mootummaan Itoophiyaa manneen barnootaa keessatti iddoowwan oolmaa ispoortii bal’inaan akka jiraatanifi dargaggoota ispoortiidhaan misooman horachuu qaba.

Kannaan dura wayita manneen barnootaa ijaaraman Ministeerrii Barnootaa xiyyeeffannaa kan kennu iddoowwan oolmaa ispoortiitiifi kan jedhan diyaaspoorichi waggoottan 30n darbanii as garuu haalli kun akk hinjirre ibsu.

Abbootiin qabenyaa xiyyeeffannaa kan godhan barumsa qalamaatiif malee sochii cimina qaamaaf natti hinfakkaatu. Sababnisaa ammoo manneen barnootaa hedduun iddoowwan oolmaa ispoortii waan hinqabneefi jedhu.

Mootummaas ta’u abbotiin qabeenyaa wayita misooma manneenii babal’isuuf ka’an bakka daa’imman itti shaakalan ijaaru qabu. Kun ammoo akka dirqamaatti seera keessa galudhaan hojetamu akka qabus ni kaasu.

Diyaaspooraan ispoortii biyya keenyaa akka addunyaarratti beekamu gochuuf biyya alaatti keessumattuu Ameerikaatti Waldaa Ispoortii Hawaasa Itoophiyaa hundeessuudhaan bal’inaan socho’aa jira kan jedhan oggeesi kun manneen barnootaafis hanga humnisaa danda’utti gargaarsa barbaachisu gochuuf duubatti hindeebi’u jedhaniiru.

Guddina ispoortii manneen barnootaafi Itoophiyaa yoo barbaanne akkaataa gurmaa’ina ispoortii biyya geeddaruun barbaachisaadha. Keessumattuu federeeshinnoonni biyyaaleessaa, kubbaa miilaa dabalate sanyummaafi siyaasaan kan gaggeeffaman waan ta’ef nu hinbaasu jedhu.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa edda hundeefamee waggoota 78 lakkofsiseera. Miseensa Waldaa Kubbaa Miilaa addunyaa kan ta’emmoo ALA bara 1953 yoo ta’u, waggoota 68 ta’eera. Waggoottan kanneen keessatti waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan fudhate al tokko qofa yoo ta’u, kan addunyaaf darbuuf carraa argate hinbeeku. Sababnisaa akkaataa gurmaa’ina federeeshinichaati jechuudhaan ibsu.

“Ispoortiin kubbaa miilaa kan gaggeeffamu qaama ogummaasaa qabuun ta’uun barbaachisaadha. Naannoolee 11 irraa kaadiree walitti bahaniin gaggeessuun hindanda’amu. Hundisaanii yaadaas ta’u ilaalchaan gara naannoosaanitti harkifamu malee guddina ispoortiif dhimma hinqaban. Waldaan kubbaa miilaa Itoophiyaanota Ameerikaa cimaadha. Beekumsaanis ta’u maallaqaan biyyasaa gargaaraa jira. Ispoorteessitoota biyyasaanii tajaajiluudhaan humna dhabanii rakkachaa jiran gargaaraa jira. Mootummaa ammaa kana wajjiin hojjechuudhaan guddina ispoortii biyyaaf hanga danda’ameetti hojjeechuuf duubatti hindeebi’u” jedhu.

Akkasumas iddoowwan oolmaa ispoortii Itoophiyaa keessatti babal’isuun dargaggoonni yeroo hara galfannaasaanii akka bashannan gochuuf yaalii gochaa jiraachuu himanii, yoo danda’ame akkaadaamiin ispoortii akka jiraatuuf barsiisoota ogummaa kubbaa miilaa qaban walitti qabuun dargaggoonni akka hirmaatan gochuus akka danda’amu Obbo Girmaa Taaffasaa ni himu.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You