Waaliyaafi Gaanaan Afrikaa Kibbaatti taphatu

 Finfinnee: Waancaa kubbaa miilaa Addunyaa 22fa Kuwaataritti ALA bara 2022 adeemsifamuf biyyoonni miseensota waldaa kubbaa miilaa Addunyaa Ardiiwwan isaaniitti tapha gulaalaa godhachaa jiru.

Haaluma kanaan biyyoonni Afrikaa 40 ramaddii 10tti adda qodamuudhaan tapha gulaalaa dhaqaaf deebii godhachaa jiru. Ramadii 7fa keessatti Gaanaa, Afrikaa Kibbaafi Zimbaabiwe wajiin kan argamu Waaliyaan tapha gulaalaa dura biyyoota kanneen wajiin godhachaa turuunsaa kan yaadatamuudha.

Haata’u malee tapha deebii garee Gaanaa wajiin godhachuf osoo qophirra jiru Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afrikaa “CAF” Istaadiyomni Baahir Daar sadarkaa biyyooleessaa hin guutuu jechuudhaan adabusaatti walmorkiin kun iddoo birootti akka godhamu ta’era.

Haaluma kanaan federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa wal morkii deebii kana biyyaa alatti godhachuf Keeniyaa, Zimbaabiweefi Afrikaa Kibbaa gaafatera.

Biyyoonni sadanu tole jedhanis Istaadiyomni Zimbaabiwee Itoohpiyaafi Zimbaabiwee malee biyyoota biroo akka hinkeessummeessine konfedereeshinichi adabuusaatti hindanda’amne.

Dhumarratti Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa Xiyyaara tokkon Afikaa Kibbaa dhaqu wayya jechuudhaan taphni waaliyaafi Gaanaa Afrikaa Kibbaa, Istaadiyooma Orlaandotti akka gaggeeffamu murtaa’eera.

Gulaalaa godhachaa kan jiru Waaliyaan Istaadiyomni Baahir Daar adabamusaatti Wal morkii deebii biyyaa alatti Istaadiyoma Orlaandoo kan Afrikaa Kibbaatti akka godhatu murtaa’e.

Wal morkiins akkaataa sagantaa Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ”CAF” baasuun guyyaansaa murtaa’a jedhameera.

Kun osoo akkanumatti jiru Waldaan Kubbaa miilaa Addunyaa sadarkaa biyyootaa yeroo yeroodhaan baasaa turen Itoophiyaan Afrikaarraa 40f, Addunyaarraa ammoo sadarkaa 137 irra qubachuushii muldhiseera

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You