Charinnat Hundeessaatiin
Appilikeeshinoota yeroo dhiyoodhaa bal’inaan hojiirra oolaa jiran keessaa tokko tiwiitariidha. Tiwiitarii caalaatti namoota dameelee adda addaatiin dhiibbaa uumuu danda’an waan fayyadamaniif Gaazexaan Bariisaa haala ittifayyadamasaafi isaan walqabatanirratti Yuvarsitii Sayinsiifi Teknolojii Finfinneerraa ogeessa ‘ICT’ Dargaggoo Mariid Nigusee gaafatee, innis ibsa ittaanu nuu kenneera.
Gaaffii: Qoodni teknolojiin guddina afaanii keessatti qabu akkamitti ibsama? Gama kanaan Afaan Oromoo sadarkaa maaliirra jira?
Deebii: Gaa’ee teknolojiin afaanirratti qabu kara lamaan ilaaluun ni danda’ama. Inni tokkoffaan “negative impact” dhibbaa gadhee kan jedhamuudha. Kana jechuun namoonni haala barsiifata fayyadamiinsa teknolojiisaaniirratti hundaa’un afaan dhalootasaaniirraa gorun afaan teknolojiin sun ittin kalaqame gaafa fayyadaman osoo hinbeekin afaan ofii dagaacha deemu, afaanicharraayis jechoota liqeeffachaa fayyadamu.
Kanumaan walqabatee yeroo baay’e namoonni qaamaan osoo walbira jiranii yaadaafi gochaan teknolojiidhaan fudhatamu, fakkeenyaaf mana keessatti ykn iddoo hojiitti ykn iddoo bashannanaatti maatii ykn hiriyonni otuma waliin ta’anuu garuu waliin hintaphatan ykn waliin haasa’uurra dhuunfaa dhuunfaa teknolojii ykn bilbila mobaayilii fayyadamuurratti yeroo dabarsu.
Kun immoo hariiroo (‘communication’) qofa osoo hintaane waalitti dhufeenya namootaa ni hir’isa; akkasumas kophummaa dagaagsa.
Inni lammaffaan teknolojin afaan ni dagaagsa/guddisa. Afaan tokko guddachuuf afaanichi afaan barnootaa, afaan hojii, afaan siyaasaa, afaan saayinsiifi teknolojii ta’uun ga’e guddaa taphata.
Kanaafuu dhiibbaan teknolojiin waligalaan afaanirratti qabu afaan tokkoon teknolojiin kalaqamuufi afaan teknolojii taanaan afaan guddaacha deema.
Gaaffii: Haala kanaan Afaan Oromoo sadarkaa maaliirra jira?
Deebii: Sadarkaan Afaan Oromoo irra jiru qo’annaadhaan deebi’uu qaba jedhen amaana. Akka yaada dhuunfaatti garuu Afaan Oromoo yaadrimeewwan armaan olii kanaan walqabata; dhiibbaanis irra gaha akkasumas afaan teknolojii ta’aa jira.
Gaaffii: Afaan saba guddaa kan ta’eefi bal’inaan dubbatamu; Afaan Oromoo akkuma afaanota kaanii gama ittifayyadama meediyaalee hawaasaatiin sadarkaa maaliirra jira?
Deebii: Gaaffii kanaaf deebii kennuu, Afaan Oroomo bal’inaan ni dubatama garuu sadarkaan namoonni miidiyaa hawaasaarratti ittiin fayyadamaa jiran quufsaa miti.
Sababiinsaas teknolojiiwwan miidiyaa hawaasaa ittiin kalaqaman baay’eensaanii Afaan Oromootiin akka fayyadamnuuf karaa hinsaaqne. Fakkeenyaaf feesbuukii (‘facebook’) yoo ilaalle gara afaanota birootti ni jijjiira; Afaan Oromoo garuu irratti hinhojjetamne.
Gaaffii: Keessumaa tiwiirarii fayyadamuuf ulaagaan addaa barbaadamu jiraa? Fayyadamuuf maal maaltu barbaachisa, akkaawuntiisaa qabaachuu ykn uummachuurraa eegalee haalli ittifayyadamasaa hoo?
Deebii: Miidiyaaleen hawaasaa hundi imaammata dhuunfaasaanii qabu. Tiwiitariirratti akkaawuntii qabaachuuf yoon dogoggoruu baadhe ulaagaan jalqabaa umrii 12 ol ta’uun dirqama.
Ittaansuun lakkoofsa bilbila ykn emeelin barbachisaadha, haalli ittifayyadamasaa daran salphaadha. Garuu qabiyyee namootaaf qoodnurraatti of eegannoon ni barbaachisa. Qabiyyeen miidiyaa hawaasarratti gadihindhifamne baay’een ni dhorkamu.
Fakkeenyaaf waan kabaja namootaa ykn qaamota biroo tuqu, namoota arrabsu, ergaawwan yakkaan walqabatan dabarsuu, ergaafi jechoota jibba leellisan fayyadamuun dhorkaadha.
Dhimma kanarratti oddeeffannoo gadi fageenyaan argachuuf marsariitii (website) isaanii https://help.twitter.com/ fayyadamuun ni danda’ama.
Gaaffii: Gama hundaan haala qabatamaa biyya keenyaarratti Afaan Oromootiin hirmaachuuf maal gochuu qabna?
Namni akkaawuntii tiwiitarii qabu kamuu Afaan Oromootiin barreessuun ergaasaanii dabarfachuu danda’u; wanti nama dangessu hinjiru.
Gaaffii: Bu’aan achirrattis bu’aalee teknolojii biroorratti hirmaachuun argamu keessumaa guddina gama afaaniitiin qabu akkamitti ibsama?
Deebii: Faayidaan inni jalqabaa namoota Afaan Oromoo hinbeekne akka barataniif kakaasa, ni barsiisas. Ittaansee oggaa namoonni Afaan Oromootin fayyadaman baay’acha deemu adeemsa keessa kaampaaniin tiwiitarii fuulasaa/marsariitiisaarratti Afaan Oromoos akkuma afaanota birootti ni hiika jedheen amana; kun garuu waan salphaa hintaaneef tumsa olaanaa barbaada.
Gaaffii: Walumaagalatti dargaggoonni Oromoo bal’inaan feesbuukii fayyadaman maaliif tiwiitarii fayyadamuu dhaban laata? Ittifayyadama feesbuukiis ta’e miidiyaalee hawaasaa biroorratti hoo maal taajjabde, maaltus sirraa’uu qaba?
Deebii: Maniin (‘target’) moodeelii ykn garee bizinasii miidiyaalee hawaasa hundaa hanga tokko garaa gara. Fakkeenyaaf inistaagraamii yoo fudatte bashannanaaf namatti tola.
Kanaaf dargageeyyiin baay’inaan ittifayyadamu, feesbuukiin waan daran bal’ateef namoota sadarkaafi umrii gara garaarratti argamantu ittifayyadama. Tiwiitariitti garuu caalaatti namoota siyaasaafi beekamoo (‘public figure’) ta’antu fayyadama. Yeroo baay’ees bashannana caala ergaan/yaadni tiwiitariirratti darbu cimaafi qabatamaadha.
Gaaffii: Hamma tokkollee irraa eerteertaa, adda addummaan tiwiitariifi feesbuukii maali?
Deebii: Garaagarummasaaniirrati hundaa’uun yaadrimee guddaan “twitter brings/networks ideas whereas facebook networks people” jedhama. Xiyyeeffannoon feesbuukii namoota walitti fiduudha. Tiwiitariin garuu yaada walitti fiduudha. Kanaafis tiwiitariirratti yaada barbaannu dabarsuuf #‘hashatag’ faayadamna.
Fakkeenyaaf yoo #ashaaraamagariisa jennee erga dabarfanne namoonni yaada kana jaalatan/barbaadan yaada kanan walitti dhufu jechuudha. Feesbuukiirratti hanga barbannee himaafi yaada dheeraa barreessuun ni danda’ama. Tiwitariin garuu baay’ina qubee si’a tokkoon fayyadamnuun murtaa’aadha.
Gaaffii: Teknolojiiwwan kanneenitti fayyadamnee afaanuma keenyaan hawaasa addunyaatti makamuuf eenyurraa maaltu eegama? Teknolojiiwwan kanneenitti fayyadamuuf Ingiliffa dabalatee afaanota biroo beekuun dirqamaa?
Deebii: Namoota dhunfaarraa jalqabee hanga namoota beekamootti hubannoodhaan hojjechuun barbaachisaadha. Kanaaf immoo miidiyaalen, namootni siyaasaafi activistoonni hordoftoota baay’e qaban qooda fudhachuu qabu.
Gaaffii: Yaada ittidabaltu yoo qabaatte?
Deebii: Biyyoonni baay’een miidiyaa mataa/dhunfaasaanii qabu. Fakkeenyaaf warri dhiyaa baay’inaan ‘facebook, twitter, LinkedIn’ fayadamu, Chaayinaan ‘wechat’, Raashiyaan ‘vkontakte’ biyyaasaaniirratti afaanumasaaniitiin kalqaman faayadamu.
Kun immoo dhibbaafi aadaa ofii gatanii, afaan ofii dhiisanii kan ormaa dagaagsuurratti waan dhiibbaa qabuuf sadarkaa biyya keenyaatti miidiyaan hawaasaa afaan sabaafi sablammoota hunda giddugala godhatee uumamuu qaban jedha.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014