“Injifannoo dhiigaan argame kana kunnunsinee guddisuu qabna”- Obbo Girmaa Taaffasaa

Girmaa Taaffasaa jedhama. Dhalate kan guddate Finfinnee, kutaa magaalaa Addis Katamaa, naannawa Hospitaala Amaanu’eel, ganda Gimiraa jedhamutti.

Wayita umriinsaa ga’u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Phaawuloos jedhamu kan kutaa Magaalaa Gullalleetti argamutti kutaa tokkoffaa hanga jahaffaatti barate.

Kutaa torbaffaa ammoo mana barumsaa Tafarii Makonnon durii kan amma Kolleejjii Barumsa Ogummaafi Teknikii Inxooxxoo jedhamutti hordofe. Gara kubbaa miilaa taphachuutti kan dabalame ammoo dhaabbata ‘Iwuraan Taraadi’oo jedhamutti.

Kan waa’eesaanii tarreessaa jirru kun Obbo Girmaan Taaffasaa jedhamu; keessummaa Gazexaa Bariisaa maxxansa kanaa. Keessummaan keenya kun muxannoosaanii dubbistoota gaazeexaa kenyaatiif akka nuuf qoodaniif gaafdeebii isaan wajjin goone akka kanaan gadiitti dhiheessineerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Yeroon mana barumsaa turtanitti sochiin barattootaa maal fakkaataayyu?

Obbo Girmaa: Yeroon mana barumsaa Tafarii Makonninitti barachaa turetti barattoonni Yunivarsitii Finfinneefi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa adda addaa dhaadannoo, “Lafti qonnaan bulaaf, lafti magaalaafi manneen jireenyaa jiraattota magaalaaf ooluu qaba! (‘Mareet Laraashuu, yakatamaa botannaa tirfi beet lakatamaa nawaariwoch’) jedhan qabachuudhaan hiriira baana.

Nan yaadadhaa guyyaa tokko barattoonni mana barumsaa Tafarii Makonnin kanneen manneen barnootaa biroo wajjin hiriira baane. Hiriirris kan godhame masara Mootummaa fuulduratti ture. Yeroo san barattoonniifi poolisoonni walitti bu’an.

Poolisoonni yeroo sanaa waan barattootatti garaa hinjabaanneef rasaasa osoo hinta’in aara ija namaa gubu itti dhukaasuudhaan hiriira bittinneessu ture.

Hiriirri guyyaa sanaa cimaa waan tureef poolisoonni aara ija nama gubu dhukaasnaan barattoonni ija dhiqachuuf bishaan keessa lixanii uffata qabaniin ofirraa haqaa wayita turan poolisoonni gubbaadhaa waan ilaalaniif barattoota qabanii konkolaataan fe’uun Sandaafaa geessan.

Haata’u malee wayita Addababa’ii Masqalaa geenyu akka tasaa Atsee Hayilasillaaseen biyya alaatii waan deebi’aniif walitti dhufne.

Wayita kana poolisoota dhaabanii maaltu uumame jedhanii gaafatan. Barattoonni balbala Masara Mootummaa fuulduratti hiriruun waan nurakkisaniif to’annoo jala oolchuun gara Sandaafaa geessuuf jedhaniin. Mootichis “Isin hoo wayta isaan qabdan Masara Mootummaa fuulduratti hiriira gochuun dhorkaa akka ta’e itti himtanii turtanii” jedhanii gaafatan.

Poolisoonnis “Lakkii achumatti itti himna jenneeti” jedhaniin. Osoo itti hinhimin dura to’annoo jala oolchuun waan hindanda’amneef buusaatii gadi lakkisaa” jechuudhaan nu dandamachiisan.

Addababa’ii Masqalaatii kaasnee hanga Markaatoo, buufata Awutobisii gahutti “Abbaabbaa Jaanihoy, Abbaabbaa Jaanihoy ‘yenya abat innaati Astamirawnaal Bamaar bawatat” jechuudhaan farsaa gara mana keenyaatti dachaane. Achi kaaseeti egaa qabsoon kan jalqabame.

Bariisaa: Balaaleffachuu dagattanii faarutti deebitan jechuudhaa?

Obbo Girmaa: Eeyyen. Gammachuutu nu dagachiise. Waan ijoollee turreef rifaatii jalaa waan nubaasaniif gammachuutu nutti dhagahame. Ulee poolisii jalaa bahu caalaa maaltu nama gammachiisaree?. Kanaafuu guyyaa san gamachuu guddaadhaan oolle.

Haata’u malee guyyaa sadaffaatti balbala mana barumsaatti sochii taasiftan jechuudhaan waajjira poolisiitti torban tokkoof hidhamneerra.

Guyyaa muraasa keessatti gadi nudhisanii yeroo san obboleessi hangafni kiyya kan yeroo san humna qilleensaa keessa hojjetu lammata mana barumsaa kanatti hinbarattu jedhee mana barumsaa Baalchaa Abbaa Nafsoo (Tasfaa Kokob duraanii) jedhamu nagalchan.

Kutaa torbaffaafi saddeettaffaa achitti raawwachuudhaan isa ittaanu immoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa yeroo san Li’uul Makonnin jedhamutti baradhe. Sana booddee kolleejjii hojii daldalaa (‘Komersi’) galee dippilomaadhaan eebbifame.

Waytan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Li’uul Makonnin turetti tapha kubbaa miilaa mana barumsaaf, garee biyyaalessaa dargaggootaafi garee kubbaa miilaa Itoophiyaaf filatamee taphadheera. Isa dura garee Faxxaan kubbaa miilaa dargaggootaaf taphadheera.

Garee kubbaa miilaa biyyaalessaaf filatamee tapha jalqabaa Sudaan wajjin taasisne. Sana booddee taphawwan sadii eeggataa ta’ee turuudhaan dhumarratti leenjisaa keenya Hayilamaaram maalif akkan hintaphanne gaafadhe. Innis “cal” jedhi ajajamneeti” naan jedhe. Kubbaa taphachuun ajaja barbaachisaayii? jedheen mi’a kiyya fudhadhee bahee achumaan hafe.

Bariisaa: Ispoortii dhiiste jechaadhaa?

Obbo Girmaa: Lakki, garee biyyaalessaatiin bahe malee istaadiyooma hafee hinbeeku. Gaafa tokko osoon istaadiyooma galee tapha daaw’achaa jiruu leenjisaa garee kilaba bulchiinsa Asab naduubaan dhufee maal asii goota? Tapha kubbaa miilaa ni dhiistee? nan jedhe. Kubbaan miilaa maal fayyada jetteeti jedheen. Innis boru akka hinhafne, dhuftee akka taphattu jechuudhaan natti himee deeme.

Borumtaa san huccuu ispoortii qabadhee bakka isaan jiran dhaqe. Guyyuma san garee Asabiif iddoo lakkoofsa torbaatti hiriiree taphichaanis galchii lama galchee walumaagalatti galchoota 4-1n tapha sana mo’annee baane.

Akkuman duraan sitti hime akkaawuntingiin eebbifame dippilomaa waanan qabuuf leenjisaan kun galgala wayita irbaata nyaachuf qophoofnu mindeeffamuu barbaaddaa? Yoo barbaadde boru gara Asab deemta nanjedhe. Asab jennaan Itoophiyaa natti hinfakkaane; biyyaa alaa natti fakkaate. Boru abbaa kiyya gaafadheen dhufa jedhenii addaan galle.

Haata’u malee sana dura qormaata fudhadhee dhaabata ‘Iwuraan Taraadi’oo galuuf qophaa’aa ture. Fiigee galee abbaa kiyyatti hime. Ihi! Kaleessa qormaata fudhadhee hojii galuuf naan hinjennee? Haata’uutii biyya alaa kamitti kan argatte naan jedhe. Asabin jedhen. Asab biyyuma kana, Asmaraadha jedhe natti kolfe.

Anis qaana’een morma kiyya gadi cabse. Kafaltiinsaa gaariii akka ta’e itti himee amansiisuudhaan gara Asabiitti qajeele. Kanaanis yeroo jalqabaatiif mindaa guddaa qarshii 450n baahir tiraanziititti mindeeffame. Qarshiin kun yeroo san baayi’ee guddaadha. Miiliyoona har’aati jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Hojii maaliirratti kan ram adamte?

Obbo Girmaa: Tiraanziitirrattin ramadame; meeshaa erguufi fiduurratti. Akkuman dhaqeen hojii hinjalqabne. Barumsa argachuuf malee. Koorsii fudhadheetin muuxannoo argachuun hojicha jalqabe. Yeroo gabaabaa keessatti dooniirra bahuudhaan oggantoota wajjin meeshaa feesisuufi buusuu ittifufe.Walumaagalatti waggoota saddeetiif achi hojjadheera.

Bariisaa: Sana booddee gara ispoortiitti akkamitti deebite?

Obbo Girmaa: Osoon hojiirra jiru garee kubbaa miilaa dargaggoota Asabiifi garee filatamaa kutaa biyyaa Walloof taphachuuf Dasseetti ramadame. Yeroo san Tigraay hinbeeku. Hiriyoota kiyya kanneen garee filatamaa kubbaa miilaa Walloof taphachuuf dhufaniif hanga bakka argatanitti siree kiyya gadhiisee lafa ciisuudhaan keessummeesseera. Yeroo gaarii dabarsuudhaan shaampiyoona ta’uun Asabitti dachaane.

Bariisaa: Kan mindoofteef tiraanziitif akkamitti kubbaa miilaa taphachuu dandeette?

Obbo Girmaa: Lakkii kanan gara Asab deemeef kubbaa miilaa garee Asabiif taphachuufi. Isa maddiitti hojii tiraanziitii kan hojjedhu. Hojichis galgala galgala waan ta’eef hinulfaatu.

Anis mana barumsaatii baheen waanan garas deemeef dargaggeessa ta’u kiyyatti hojiin natti hinulfaanne. Haata’u malee waan baayi’eetu ture. Isa keessa galee himuu hindanda’u.

Bariisaa: Akkamitti gara Finfinneetti deebite?

Obbo Girmaa: Waggaa saddeettaffaa kiyyatti osoon Asab jiruu warraaqsi dhufe. Jeequmsa guddaatu uumame. Isa keessan Finfinneetti deebi’e. Akkuman dhufeen waajira baahir tiraanzitti jedhamu kan Laga Haaritti argamutti ramadame. Takka tureen guddina argachuudhaan itti aanaa ta’e mana Poostaatti geeddarame.

Mana poostaa meeshaa tiraanziitiitu jira. Nus isa fuudhuufi erguu to’achuudha hojiin keenya. Sana booddee waggoota dheeraadhaaf kanan hojjadhe buufata xiyyaarra Booleetti.

Haata’u malee wayitan bulchinsa Asab ture koorsii murtee kennummaa kubbaa miilaa fudhadheen ture. Osoo buufata Xiyyaaraa keessa hojjechaa jiruu federeeshiniin kubbaa miilaa koorsii murtee kennummaa kubbaa miilaa lammaffaa baasuusaatti anis galmaa’ee qormaata fudhadhee darbe.

Koorsicha kanan fudhadhe murtee kennitoota yeroo dheeraaf muuxannoo qaban wajjin ta’us ‘kupar teestiitti’ tokkoffaa bahuudhaan badhaasa waldaa kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA” badhaafameera. Osoo jijjiramni (ADWUI) hindhufin dura waggoota afuriif murtee

 kennuumaadhaan biyyoota adda addaa, kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Misiraafi Keeniyaatti taphachiiseera.

Wanti guddaan seenaa hindhokanne tokko yeroo jijjiiramni Mootummaa Dargii godhamu Rusiyaanonni biyya gadi lakkisanii elikobtara Itoophiyaatti meeshaa fe’atanii gara biyyasaaniitti galuuf ka’an. Jeequmsi waan tureef Imigireeshiiniin diigamuusaatti qaamni isa to’atu hinturre. Wayita sani ani achi waanan tureef, “Motorri kun keenya hoo maaliif Rusiyaan meeshaa itti feeti” jedhen morme.

Waytuma kana elikoptarichi akka sakatta’amu taasise. Sakatta’iinsa taasifameenis akkuma jirutti warqiin Itoophiyaa kan hamma manaa ga’u akkuma jirutti Adoolaadhaa saamame fe’ame bahuuf ture argame.

Akkuma taane taanee iyyuudhaan Rabbi wajjin osoo biyyaa hinbahin asitti hambisuun danda’ame. Gocha seeraan alaa kana saaxiluun akka hafu gochuu kiyyatti yeroo kamuu ni boona.

Kun osoo akkanaan jiruu dhohinsa mana rasaasaa Finfinneetti uumamee ture abidda dhaamsuuf konkolaataan balaa abiddaa gaafatame. Yeroo sana hojjeettoonni balaa abiddaa kanneen daandii qilleensaa keessa hojjetaniifi muuxannoo qaban hojiirra waan hinjirreef dargaggeessa muuxannoo hinqabne kadhadhe konkolaataa ofiikoo oofuun iddoo balichaa dhaqne.

Balaan sun guyyaa tokko guutuu kan fudhatu ta’us guyyaa walakkaatti dhaamsuu dandeenyeerra. Ani barumsa abidda dhamsuu hinqabu. Yeroo san hojii akkanaarratti bobba’un lubbuu ofiitti murteessuudha. Kanas ta’ee sana garuu balaa sana dhaamsuun danda’ameera. Kanaafuu seenaa kiyya keessatti waan baay’ee dabarseera jechuudha.

Bariisaa: Akkamitti biyyaa baate?

Obbo Girmaa: Yeroo san abbaan kiyya pirofeesar Asraat Waldayyas wajjin hojjetaa ture. Inni dhukubsatee wayita hospitaala galu ijoollee koo lama qarshii xinnoo murtee kennummaarraa argadhuun jiraachisu hindandeenye.

Yeroo san ammoo hoggantonniifi deeggartoonni kilaboota gara garaa murtee kennitootarratti dhiibbaa olaanaa gochaa turan. “Wayita taphachiiftu kilabni kiyya akka hinmoone taasisteerta, taphataa kaardii diimaa argachuu qabu bira dabarteerta”faa jechuun komii dhiheessu.

Haata’u malee uumama kiyyatti gocha akkanaa waanan hinbarbaaneef yeroo kilaboota wajjin walitti bu’uun natti baay’atee ture. Karaa tokkoon yoo abbaan kiyya lubbuun darbe ijoollee tana maalan godha? jedheen yaadda’e. Sana booddee maalifin biyyaa hinbaanee jedhee kanin murteesse.

Akkuman Afrikaa kibbaatii deebi’een hiriyaan kiyya tokko Embaasii Ameerikaa keessa waan hojjetuuf isa bira deemee viizaan barbaada jedheen. Innis ati yoo viizaa barbaadde eenyutu sidhoowwata naan jedhee; anis yeruma sana kafaltii barbaachisu raawwadhee viizaa kiyya fudhadhe.

Wayita san qorumsa kuppar teestii fudhachuuf gaafannaan federeeshiniin kubbaa miilaa waan narakkisaniif komishinii ispoortiitti iyyata dhiheeffadhee waan naa murtaa’eef kuppar teestii darbuun ragaa fudhadhe ture. Sana booda guyyaa afur booddeedhaa kanan Ameerikaa deeme.

Bariisaa: Yeroonsaa yoomi?

Obbo Girmaa: Erga Dargiin kufee asi. Bara 1985 ta’uusaati. Ani xiyyaararra bahee waytan qileensarra jiru gaazexeessaa tokko “Girmaa Taaffasaa Wiixata gara Torntootti qajeela” jedhee Sanbata barreeese. Ani garuu yeraa sana Ameerikaa galeera.

Ergan biyyaa bahee boddee rakkinni narra gahuu hinoolle. Murtee kennummaadhaan waytan hojjedhu kilaba Qiddus Mikaa’eel jedhamu hundeessinee akkan kilaboota achi turanitti makamu gaafadhe. Mormii guddaa booddee galmaa’ee hirmaachuu jalqabe.

Hanga kilabni Qiddus Mikaa’el kilabootatti makamutti achumatti murtee kennuudhaan tajaajilaa ture. Ergan tornaamentichatti makamee kaasee hanga ammaatti miseensa koree waldichaa ta’een hojjechaa jira.

Bariisaa: Geeddarama qabsoo mootummaa ADWUI irratti heddu beekamta. Kanaaf maaltu sikakaase?

Obbo Girmaa: Gaaffii gaariidha. Akkuma beekamu Wayyaanneen osoo bosona keessaa hinbayin abjuun ishee Itoophiyaa Diiguudha. Ertiraa foxxoqsuudha. Ummata keenya walitti naquudhaan eenyuumaasaa akka waakkatu gochuudha.

Qabeenya biyyattii saamuudhaan Itoophiyaa deegsuudha. Akkuma yaadde gochuudhaan waggoota 27 aangorra turanitti yakka guddaa ummata keenyarratti hojjetaniiru.

Sababa isaaniitiin lammiileen Keenya biyyaa buqa’uudhaan addunyaarratti bittinaa’anii lammii lamaffaa ta’uudhaan osoo biyya qabanu qaanii guddaadhaaf saaxilamaniiru.

Haaluma kanaan osoo biyya qabnu Wayyaaneen akkamittii nutti taphattii jechuudhaan Ammerikaa, Kaanaadaafi Awurooppaatti gurmaa’uudhaan qabsoon akka gaggeeffamu waamicha walii gochaa turre. Anis koree kana keessa galee diyaaspooraan Itoophiyaa akkamitti cimuu akka qaburratti hojii bal’aa hojjachaa baane.

Haaluma kanaan miseensonni Wayyaanee, ministeroonnisaaniifi kanneen isaan jala fiigan wayta biyya alaa dhufan hoteela isaan qubatanitti argamnee taa’uufii dhaabachuu isaan dhorkuudhaan imalasaanii osoo fixaan hinbaasin achi ari’uu jalqabne.

Akkasumas embaasiiwwan Itoophiyaa kanneen biyyoota adda addaa jiran dhaquudhaan alaabaan Wayyaanee bu’ee kan Itoophiyaa akka balali’uufi ambaasaaddaronni Wayyaanee akka ari’aman gochuu maddiitti, gara waajiraalee dhaabbilee idil adunyaa dhaqnee hiriiraan Wayyaanee balaaleffanneerra.

Kunis nuu milkaa’ee waggaa sadii dura ummata wajjin taanee ofirraa ariinee har’a biyya teenyatti deebi’uuf carraa arganneerra.

Waggoota 27n darban ummata keenyaaf dukkana turan. Waaqayyoo imimmaan ummata Itoophiyaa qoorsuuf jecha mootummaa haaraa kana nuu ergeera. Nus injifannoo dhiigaan argame kana kunnunsinee eeguudhaan mootummaa maddii dhaabannee biyya tana guddisuu qabna.

Lammiileen keenya hedduun barumsa olaanaa qaban biyyoota alaatiif nikularii hojjechuudhaan beekaman biyyatti deebi’uun ogummaa qaban biyyaaf oolchuu qabu.

Diyaaspooraanis kanuma hojjechaa jira. Gara fuula duraattis guddina Itoophiyaaf walgurmeessinee qophiiwwan bashannanaa adda addaa gochuudhaan doolaara walitti qabnee biyyatti erguuf hojjachaa jirra.

Diyaasporaafi mootummaan tokko taanaan guddinniifi badhaadhinni Itoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti milkaa’aa jedheen yaada.

Diinni Itoophiyaa, Wayyaaneen barbadaa’uudhaan bakka ishee mootummaan badhaadhina ummataa hawwu dhufuusaatti abdiin diyaaspooraa guddaadha. Tokko taanee walitti hirkachuudhaan Itoophiyaa addunyaarratti gootummaadhan beekamtu, ummata lammiilee biyya kamuu amanuudhaan hammatu san fiduuf mirkaneesutu nurraa eggama.

Ani yeroo Doktar Abiyyi Ameerikaa dhufe Itoophiyaa! Itoophiyaa jechuudhaan Itoophiyaafi ummata ishee tokko taasisuudhan guddinaaf waamicha godhu buufata xiyyaara Ameerikaa dhaabadheen ofii kiyya waadaa gale.

Kanarraa ka’uudhaanis waan dandeenyu hundaan mootummaa haaraa utubuu eegalle. Kana keessaa hawaasa biyyota adda addaa jiran gurmeessine misooma biyyaatiif akka hirmaatu gochuun isa tokko.

Diyaaspooraan Itoophiyaa kamiyyuu biyya isaa kan jaal’atuudha. Yeroo maraa qaaman malee yaadan biyyasaa jira. Guddinaafi badhaadhina biyyasaatis ni hawwa.

Bariisaa: waraana mootummaan osoo hin barbaanne kessa galeen biyyoonni akka Ameerikaafi Awurooppaa ammoo balaaleffachaa jiru diyaaspooraan akkamitti ilaalaa dhimma kana?

Obbo Girmaa: Itoophiyaan akka waraana dirreetti waraana dippiloomaasiif yeroo hinkeninne. Wayyaaneen waggoota 27f Itoophiyaa qorqee, qabeenya ishee biyya alaatti kuufachaa ture. Kana ammoo Ameerikaas taatu biyyoonni Awurooppaa tokko tokko, keessumaa kanneen guddina Afrikaa hinbarbaane tolchanii beeku.

Itoophiyaan ammoo gadadoo keessaa bahuuf biyya tattaafachaa jirtuudha. Biyyoonni kanaa olitti kaasne guddina kana waan hinbarbaanneef Wayyaanneefi biyyoota Arabaa tokko tokko meeshaa godhachuudhaan unkuraa jiru.

Akkasumas gargaarsa dawoo godhatanii biyya keessa galanii basaasuudhaan waan barbaadan guuttachuuf asii achi fiigu.

Miidiyaaleensaaniis olola sobaa afuufuudhaan biyyoota adda addaa amansiisuuf yaalii gochaa jiru.

Kanaan dura dhimma Itoophiyaa ilaalchisee kakaasu Ameerikaatiin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Awurooppaa yeroo 12f manni mare nageenya walga’ii akka adeemsisu taasisaniiru. Diyyaasporaan Itoophiyaa bakka isaan walga’ii itti gaggeessan marattuu hiriira bahuudhaan murteen ala akka bittinnaa’an taasiseera.

Bariisaa: Biyyatti kan deebite waggoota 25n booddeedhaa ammaan tana Itoophiyaa akkamitti argite?

Obbo Girmaa: Akkuman jedhe ani Finfinneettin dhaladhe. Qunxuxanii kan naguddisan nama sabaan Oromoo ta’an Immaamaa Shaggee jedhamaniidha. Akka haadha tiyyaattin isaan ilaala. Isaanis akkasuma. Ummanni Itoophiyaa sanyiindhaan, gosaafi amantiidhaan walhinqoodu; tokkummaadhan jiraata malee.

Haata’u malee waggoota 27f n Wayyaanneen addaan nuqooddee Amaaraafi Oromoo, Somaaleefi Oromoo, Guraageefi saba biroo lafaafi afaaniin addaan baasuudhaan diina ta’ee akka walfixu gochaa ture. Guddinarra kufaatii Itoophiyaafi ummatashee hawwaa turte. Dhuguma ammoo addaan nubaaftee turte.

Haata’u malee ummanni keenya itti dammaquudhaan ofirraa buusee kan saamte saamtes ta’e kan hafe qabachuudhaan misoomaaf tattaafachaa jira.

Misooma jechuun anaaf fooqii ijaaruu osoo hintaane, misooma jireenya ummataa geddaruudhaan akka nyaataan of danda’u gochuudha.

Hojiin kun ammoo qaama tokko qofaan fiixaan baha jechuun hindanda’amu. Ummani keessumaa abbootiin qabeenyaafi diyaasporaan itti birmachuu qaba. Waanuma hundaafuu nageenyi murteessaadha. Wayyaaneen biyya kanaa baddee nageenyi yoo bu’e misooma fiduun ni danda’ama.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You