“Barnootaa; barnootaa ammas barnootaa kana ta’uu qaba kaayyoon Oromootaa” jedhe Artisti Alii Birraa, Lammiin barate mirgasaatiif falmuu biyyasaaf wabii; jireenyasaaf abdii ta’uu danda’a.
Kun akka dhugoomuufimmoo kallattii mootummaan kaa’e hordofuun Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO) warraaqsa misooma barnootaa eegaleen bu’aa gaarii galmeessisaa jira.
Warraaqsi misooma barnootaa xiiqiin eegalame kun sadarkaa maalirra jira isa jedhuuf Hoogganaa Ittaanaa BBO Obbo Efreem Tasammaa waliin gaafdeebii gaazexaan Bariisa taasise akkaarmaan gadiin isiniif dhiyeessineerra.
Bariisaa: Barnoota qulqullina qabuufi istaandardiisaa eeggate Oromiyaa keessatti waliin gahuuf warraaqsi barnootaa bara 2010 eegalame bu’aa attamii buuseera?
Obbo Efreem: Warraaqsi misooma barnootaa yeroorraa yerootti cimaafi jijjiiramoota gara garaa galmeessisaa jira. Kana keessatti warraaqsi barnoota qulqullina qabu waliin gahuu bara 2010 eegalee irratti hojjetamaa ture bu’aalee naannolee biraaf fakkeenya ta’an galmeessiseera.
Fakkeenyaaf baruu barsiisuun daree dhuunfaan gaggeeffamaa ture hafee barsiisaan akaakuu barnootaa itti leenji’e qofa akka barsiisu taasifameera.
Kanamalees kanaan dura barattoota kutaa 10fa fixanii qormaata darbinsaa hinarganne kolleejjii galchuun erga leenji fudhatanii barsiisummaatti bobba’aa turan, amma garuu sun hafee namni ogummaa barsiisummaatiin leenji’u kutaa 12fa kan xumure qofa ta’eera. Manneen barnootaa istaandardii barnootaatiin guutaman akka babal’atan taasifamaa jiru.
Humni nama baratees akka babal’atu hojii hojjetameen bu’aan damee barnootaarratti galmaa’e agarsiistuudha. Isa kanaafis firiin barattoota keenyaa yeroorraa yerootti fooyya’aa kan jiru yoo ta’u, akka biyyaatti Oromiyaan dursaa jirti jechuun danda’ama.
Bariisaa: Misooma manneen barnootaatiin walqabatee istaandardiin barataafi daree walsimataa akka ta’uuf hojiin hojjetame maal fakkaata?
Obbo Efreem: Akka Oromiyaatti warraaqsi misooma barnootaa bara 2010 mootummaa haaromsaatiin xiyyeeffannoo argatee hojiitti seename qorannaa gadi fagoon kan gaggeeffameedha jechuun danda’ama.
Kunis barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf istaandardii barnootaa taa’e sana milkeessuun dirqama. Istaandardii kana lafa qabsiisuufimmoo qorannaa gaggeessineen qarshii biliyoona 63.5 nugaafatee ture.
Maallaqa kana mootummaan haguuguu waan hindandeenyeef warraaqsichi hawaasa mana barumsaatiin deeggaramuu akka qabu dadammaqinsa taasisneen bu’aalee cucululuqoon galmaa’aniiru.
Bariisaa: Dadammaqinsa hawaasa mana barumsaaf taasistaniin milkaahinni argame maal fakkaata akakmiinis ibsitu?
Obbo Efreem: Warraaqsa misooma barnootaa eegalame kanaan hirmaannaa ummataatiin qofa dareewwan dabalataa ijaaraman kuma 34 oli. Bu’aan kun ummanni Oromoo misooma barnootaatiif fedhii guddaa akka qabu kan nutti agarsiise waan ta’eef isaan galateeffachiisa.
As keessatti qoonni dhaabbileefi abbootii qabeenyaa gara garaa kan dagatamu miti. Akkuma humnasaaniitti qabeenyasaaniin mana barumsaa lamaafi isaa ol ijaaranii mootummaaf galii kan godhanis hedduudha.
Bariisaa: Ijaarsi manneen barnootaa istaandardiisaanii eeggatanii gama mootummaan ijaaramanoo maal fakkaatu maalittis jiru?
Obbo Efreem: Manneen barnootaa gama mootummaatiin ijaaraman akka kanaan dura daree dabaluuf qofa osoo hintaane manneen barnootaa sadarkaasaanii eeggatan waliin gahuu ture.
Haaluma kanaan Manneen Barnootaa Addaa Ifa Boruuf qarshii biliyoona shan ramaduun ijaarsiwwan gaggeeffamaa kan turan yoo ta’u, dhibbantaa 90 xumuramaniiru. Isaan kunneeniif dhiyeessiilee barbaachisoofi kutaaleen laabiraatorii guutamanii baruu barsiisuu eegaluuf qophaa’oodha.
Manneen barnootaa addaa ijaarsisaanii harkifate 16 ammoo xiyyeeffannoon kennameefii ijaarsarra kan jiran yoo ta’u isaanuu taa’umsa lafasaaniirraa kan ka’e rakkoo roobaatiin walqabatanii harkifannaa agarsiisanis hatattamaan xumuramanii baruma kana baruu barsiisuu akka eegalan hojjetamaa jira.
Kanamalees manneen barnootaa bultii addaa torba dabalataan akka naannootti ijaaramuun barnoota qulqullina qabu kennuuf qophaa’aniiru.
Bariisaa: Garaagarummaan Mana Barumsaa Addaafi Bultii Addaa gidduu jiru maali?
Obbo Efreem: Manneen barnootaa addaa tajaajila bultii hinqaban. Manneen barnootaa bultii addaammoo tajaajila bultiin kan deeggaramaniidha. Kun ta’us kenniinsa barnootaatiin walqabatee garaagarummaan hinjiraatu.
Manneen barnootaa addaa 40 ammoo dabalataan qindoominaan barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf addatti tajaajila akka eegalan taasifamaniiru.
Bariisaa: Simannaan barsiisaafi barataa mana barumsaa addaafi bultii addaa akkamiifi yoom raawwatama?
Obbo Efreem: Simannaan barsiisaas ta’e kan barataa ulaagaa manni hojichaa baafateefi manni barumsaa bultii addaa gaafatuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgommiidhaan raawwatama. Yeroo ammaattis simannaa barataas ta’e barsiisaa gaggeessuuf hojiitti seenameera.
Asirratti wanni beekamuu qabu yoo jiraate barsiisaan manneen barnootaa kana keessatti ramadamee hojjetu digrii lammaffaa kan qabu qofa yoo ta’u, barataan achi galee baratus ulaagaa seensaa taa’e kan guuteedha.
Bariisaa: Mana barumsaa addaafi bultii addaa tokko keessatti barataan kutaa 9fa bara kana simatamu meeqa ta’a?
Obbo Efreem: Manneen barumsaa addaa ykn bultii addaa kutaa 9fa barana saaqaman tokko tokkoonsaanii waggaa waggaan barataa 240 simatu.
Kun kan ta’eefis istaadandardii dareefi barataa giddugaleeffachuun barnoota qulqullina qabuufi meeshaalee deeggarsa barnootaa gahaa ta’aniin akkasumas kutaalee laabiraatorii yaaliifi mana kitaabaa mijataa ta’eef akka tolu kan yaadameedha.
Bariisaa: Manneen barnootaa addaafi bultii addaa baruu barsiisuu ammayyaatiin ala barattootasaaniif tajaajla akkamii kennu?
Obbo Efreem: Wiirtuu bishaan daakkitii, jiimii, mana kitaabaa, workishooppii, dirree ispoortii, galma tiyaatiraa, Jimnaaziyemiifaa kan of keessatti qabateedha.
Briisaa: Baruu barsiisuun manneen barnootaa addaafi bultii addaa kun yoom eegalama?
Obbo Efreem: Galmeessiifi calalliin barsiisotaafi barattoota simatamanii erga gaggeeffamee xumuramee booda kan rawwatamu yoo ta’u, Sadaasa 1 bara 2014 kaasee baruu barsiisuu eegalu.
Bariisaa: Manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran hedduunsaanii meeshaalee baruu barsiisuuf gargaaraniifi dhiyeessiiwwan deeggarsa barnootaatiin hanqinaan kan guutamanidha, ijaarsasaaniin ala hudhaa dhiyeessiin walqabatanii ka’an furuuf sochiin jiru maal fakkaata?
Obbo Efreem: Dhiyeessiifi meeshaalee deeggarsa barnootaatiin walqabatee rakkoon jiraachuun beekamaadha. Kana furuufis humna qabnuun hojjetaa jirra.
Manneen barnootaa kitaabilee wabii gahaa hinqabne, kutaa yaalii laabiraatorii hinguuttanne jiru. Isaan kunniin hojii halkan tokkoon xumuramu ta’uu baatanis adeemsaan furaa deemuun dirqama. Qabeenyi naannoon keenyas ta’e biyyi keenya qabdu fedhii keenya hunda guutuuf gahaa miti. Ta’us hamma danda’ametti hudhaalee kanneen furuuf ni hojjetama.
Bariisaa: Istaandardiin barnootaa irratti hojjetamaa jiru zeeroo kilaasii hinilaallatuu, bakkeewwan garagaraatti daa’imman muka jalatti dallaa mana barumsaa jalatti walitti qabamanii wayita baratan mul’atuutii?
Obbo Efreem: Istaandardiin barnootaa zeeroo kilaasiirraa eegalee hanga kolleejjiitti irratti hojjetamaa jira. Daa’imman ganama haala gaariin bocamuu baannaan biyyaafis ofiifis balaa ta’uu waan dandahaniif toorri xiyyeeffannoo kennameefii irratti hojjetamaa jira.
Ganna darbe manneen barnootaa zeeroo kilaasii kuma sadii ol ijaaruuf karoorfamee yeroo ammaatti 2,826 ijaarsarra kan jiran yoo ta’u, achi keessaa 1400 guutummaatti xumuramanii barana barattoota ni simatu. Asirratti waanti hubatamuu qabu yoo jiraate zeeroo kilaasiin kunneen hirmaannaa ummataatiin ijaaramaa jiru.
Bariisaa: Istaandardii barataafi daree walsimataa taasisuuf hojiin eegalame hammam lafa qabataa jira?
Obbo Efreem: Istaandardii dareefi barataatiin walqabatee Oromiyaa keessa rakkoo guddaatu ture. Kana mijeessufimmoo humna guutuun hojjetaa turreerra. Ijaarsawwan daree dabalataafi manneen barnootaa addaa akkasumas bultii addaa hudhaa kana furaa jiru.
Hamma tokko fooyya’insi jira jechuun danda’ama. Dhimmi barnootaa adeemsaafi kutannoon kan milkaa’u waan ta’eef fooyya’insi yeroorraa yerootti argamaa jiru jajjabeessaadha.
Bariisaa: Ga’umsa barsiisaa cimsuun walqabatee sochiin jiru maal fakkaata
Obbo Efreem: Akka barsiisonni ga’umsa ogummaasaanii fooyyeffataniif yeroorraa yerootti leenjiin gannaa dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti kennamaa jira.
Kanamalees kolleejjota barsiisotaa akka Oromiyaatti jiranirratti xiyyeeffannaa addaa kenninee hojjetaa jirra. Toorri xiyyeeffannoo kolleejjota barsiisotaa Oromiyaa keessa jiraniif kennamu kunis baranaa kaasee hojiirra oola.
Bariisaa: Toorri xiyyeeffannoo kun maalinni laata?
Obbo Efreem: Simannaa barataa kolleejjonni barsiisotaa Oromiyaa keessa jiranii kana booda taasisan kan duraarraa adda. Barataan achi galee ogummaa barsiisummaatiin leenji’u kutaa 12fa kan xumure qofa. Kanamalees kolleejjonni leenjii barsiisotaa 13 Oromiyaa keessa jiran bakkawwan sadiitti qoodamuun leenjii kennuu eegalu.
Bariisaa: Kolleejjonni kunniin maal maalitti qoodamu ?
Obbo Efreem: Kolleejonni kunniin kanaan dura ogummaa barsiisummaa hunda galeessaan leenjisaa turan. Amma garuu muummee ispeeshaalayzeeshinii qooddachuun damee tokko qofarratti gadi fageenyaan akka hojjetan taasifamu. Dameewwan kunniinis ispeeshaalaayzeeshinii Afaanotaafi Saayinsii Hawaasaa, Ispeeshaalayzeeshinii Saayinsii Uumamaafi Ogummaa barsiisummaa Hundagaleessaan leenjii kennuu eegalu.
Kanaafis qoodditiin muummee ispeeshaalayzeeshinii yeroo dhiyootti kan iftoomu yoo ta’u, kolleejjonni sadii Afaanotaafi Saayinsii Hawaasaatiin, kolleejjonni biroo sadii ispeeshaalaayzeeshinii Saayinsii Uumamaafi kanneen hafan Leenjii Barnoota Hundagaleessaa xiyyeeffannoo godhachuun barattoota simatanii akka leenjisan taasifamu.
Bariisaa: Kaayyoon ispeeshaalayzeeshiniin kolleejjota qooduu kun maalinni?
Obbo Efreem: Kaayyoonsaa barsiisaa gahumsa olaanaa qabuufi qorannoon ijaarame hirachuuf kan akeekeedha. Kolleejjonni keenya dhiyeessiiwwan baruu barsiisuuf gargaaran kanneen akka laabiraatorii yaalii gahaa hin qaban. Kanas furuuf qoodinsi ispeeshaalaayzeeshiniin killeejjotaa kun daran murteessaadha.
Barataan saayinsii uumamaatiin kolleejjii barsiisotaatti leenji’u bakka tokkotti akka baratu waan taasifamuuf rakkoo dhiyeessii laabiraatorii kanaan dura mudachaa ture akka furamu taasisa jechuudha.
Bariisaa: Kun yoomii eegalee hojiirra oola?
Obbo Efreem: Haaldureensaa xumurameera; amma kan hafu kolleejjota muummee ispeeshaalaayzeeshiniisaanii ibsuu qofa. Simannaan barataas achirratti bu’uureffatee kan gaggeeffamu yoo ta’u, sochichi barsiisonni qorannoofi qo’annoo gadi fagoo akka taasisaniif haala kan mijeessuudha.
Bariisaa: Barnoota Sirna Gadaatiin walqabatee sochiin jiru maal fakkaata?
Obbo Efreem: Barnoonni sirna Gadaa waggaa darbee kaasee kutaa 1fa hanga 8fatti kennamaa kan ture yoo ta’u, barattoonni miliyoona 8.6 barachaa turaniiru. Barumsichi Oromiyaan ala naanolee kaanittis kennamaa tureera.
Bariisaa: Dhiyeessiin kitaabilee Sirna Gadaa kun guutamaadhaa?
Obbo Efreem: Kitaabni barataa hunda walgahuu hindandeenye. Barattoonni keenya barumsicha baratan miliyoona 8.6 yoo ta’an, kitaabni Sirna Gadaa maxxanfamee raabsame miliyoona tokko hinguutu.
Haaluma kanaan baruma darbe kana qajeelcha barsiisaa Barnoota Sirna Gadaa kuma 98fi kitaaba barataa kuma 500n baruu barsiisuu eegalle. As keessatti Manni Maxxansaa Meelbaa kitaabilee sirna Gadaa maxxansuu keessatti isa jalqabaati. Hanqinoota jiran adadumaan furaa deemuun cimee ittifufa.
Bariisaa: Barsiisonni Barnoota Sirna Gadaa barsiisan marti leenjii gahaa kan qaban waan hintaaneef barsiisuurratti rakkoo hinuumuu laata, maaliif leenjii ga’aan hinkennamne?
Obbo Efreem: Yaanni kun bara 1985 nu yaadachiisa. Afaan Oromootiin barsiisuun bara sana eegalame. Yeroo sana barsiisonni Afaan Oromoo barsiisaa turan leenji’anii miti.
Kitaaba muraasa qophaa’e bu’uura godhachuun kutannoo ummanni keenya agarsiiseen har’a kunoo hanga doktireetiitti baratamaa jira.
Waan guuteen wanni jalqabamu hinjiru. Kutannoon Afaan Oromoo barsiisuu bara 1985 namootaafi kitaaba muraasaan eegalame. Ka’umsa keenya barnoota sirna Gadaa har’aaf galtee ta’ees tajaajila. Ta’us fuulduratti leenjiifi dhiyeessi gahaan baruu barsiisuu Sirna Gadaa si’eessuuf ni hojjetama.
Bariisaa: Humni baruu barsiisuurratti bobba’e kun gahaadhaa? Dabalamuu baay’ina manneen barnootaatiin walqabatee jijjiiramni hinjiruu?
Obbo Efreem: Waanti gahaadha jedhamu hinjiru. Yeroorraa yerootti jijjiiramni, fedhiin humna namaafi meeshaalee barnootaa inuma ka’a.
Kan barsiisaa ilaalchisee waggaa darbe qofa akka Oromiyaatti barsiisota kuma 27 ‘COC’ (qormaata ga’umsa ogummaa) qorre keessaa kumni 21 darbaniiru. Achi keessaa kan mindeeffame kuma torba qofa. Kanneen hafan baajataafi yeroo barbaachisaa ta’e eeggatanii akka mindeeffaman taasifamu.
Bariisaa: Kaffaltiin mindaa barsiisotaa gadi bu’aa ta’uusaatiin walqabatee fedhiin ogummichaaf namni qabu hir’achaa akka jiru himamaatii asirratti maal jettu?
Obbo Efreem: Dur mindaan barsiisotaafi dhamaatiinsaanii walmadaalaa ta’uu dhabuusaatiin ogummicha dhiisanii waajjiraalee gara garaa kan galan jiru. Sun amma hafeera. Barsiisummaan kanirraa baqatan osoon taane jaalatanii kan itti baqatan ta’aa jira.
Barsiisonni dur ogummicha gadhiisanii bahanii amma itti deebi’uuf fedhii agarsiisaa jiru. Fooyyessi mindaa tajaajilli mana jireenyaa taasifamaa jiru onnachiisaadha.
Bariisaa: Jijjiirraafi mindeessaan walqabatee loogummaafi maallaqaan alseerummaan akka jiru barsiisonni komii kaasuustii kanarrattoo maal jetu mee?
Obbo Efreem: Itoophiyaa duubatti kan harkisaa jiruufi hudhaa kan itti ta’e hanna ta’uu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi kaasaa jiru.
Hojmaanni badaa hanni mana hojii keenya keessatti jijjiirraafi mindeessaan walqabatee akka jiru beekamaadha. Gama kanaan qorannaa taasisnee warreen gochaa akksiirratti bobba’aa turan adabneerra; fuuldurattis jijjiirraafi mindeessa hannaafi loogdummaarraa bilisa ta’e kennuuf cichinee hojjenna.
Jijjiirraa wajjin walqabatee hanni akka hinraawwatamneef tajaajila dijitaalaa hojiirra kan oolchine yoo ta’u, dorgomaan akkamiin jijjiirricha injifate isa jedhu kompiitararraa ilaaluun danda’ama.
Qaamni jijjiirricha raawwatu itti guutuu irraa hir’isuu hindandahu. Sababnisaas sooftiweerii firiin dorgomtootaa itti hordofamuufi galmaa’u akka biirootti qopheeffanneerra.
Ta’us karaa hinmalleen hanni raawwatamuu waan danda’uuf komii gama kanaan jiru furuuf hordoffii barbaachisaan yeroorraa yerootti nitaasifama.
Bariisaa: Baruu barsiisuu teknoloojii dijitaalaan deeggaramuuf yaaliin eegalamee ture maalirra gahe?
Obbo Efreem: Baruu barsiisuu teknolojii dijitalaa taabileetiin deeggaramnee barsiisuuf wixineensaa gaaraa gadi bu’ee sochiin tureera.
Akka Oromiyaatti taabileetii miliyoona shan dhiyeessuuf qophiin jiraatus weerara koronaatiin walqabatee warshaan taabileetota omishus cufamuun teknolojichi yeroof harkifateera. Kanamalees gatiin taabileetii tokkoonsaa kuma shanii oli. Kana yeroo gabaabaa keessatti dhiyeessuun dadhabamus fuulduratti irratti hojjechuun teknolojicha fayyadamoo ta’uun waan oolu miti.
Barataan kitaaba hedduu baatee deemuurra taabileetii tokkoon hunda haguuggachuu dandahuunsaa gaarii ta’us inni fuulduratti kan irratti hojjetamu ta’a.
Bariisaa: Oromiyaatti hojiin baruu barsiisuu Roobi darbe ifatti jalqabameeraatii barana barattoota meeqatu simatame?
Obbo Efreem: Barana barattoota miliyoona 11.1 simannee barsiisuuf qophiin hunda xumuramee hojiitti seenameera.
Bariisaa: Dhaabbileen deeggarsaa misooma barnootaarratti hojjetan deeggarsawwan gara garaa taasisan jiru; fakkeenyaaf deeggarsa maallaqaa ‘school grant’fi ‘block grant’ jedhamu. Maallaqani kun hammam haalaan hojiirra oolaa jira?
Obbo Efreem: Dhaabbileen misooma barnootaarratti hojjetan hedduudha. Kanneen keessaa inni guddaan ‘School Garant’fi ‘Block Garanti’dha. Kunis misooma barnootaa fuulduratti tarkaanfachiisuu keessatti shoora olaanaa taphataa jira.
Maallaqni gama kanaan argamu ergama itti kennameef oolaa jira jechuun hindandahamu. Bajatni deeggarsaa kun karaa hinmalleen nyaatamaafi tajaajila hinmalleef ooleera. Qaamolee akkas godhanirratti hojiin seeratti dhiyeessuufi tarkaanfiin siivil sarvisii irratti fudhatameera.
Bariisaa: Baruu Barsiisuun barana si’aa’inaafi milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf hawaasa mana barumsaarraa maaltu eegama?
Obbo Efreem: Biiroon Barnoota Oromiyaa barnoota qulqullina qabu waliin gahuun dhaloota qorannoofi qo’annoo rakkoo hiikuu dandahu horachuuf hojjetaa jira.
Kun akka milkaa’uufimmoo shoorri barsiisaa, barataafi maatii murteessaadha. Barsiisaan akaakuu barnootaasaa injifachuun, barataan barnoota kennameef sirriitti hordoffuufi qo’achuun maatiin barataammoo ijoolleensaanii maal barachaafi eessa akka oolan hordoffii dabalataa taasisuun barnoota qulqullina qabu milkeessuuf tumsuu qabu.
Kanaan ala tatamsa’ina vaayirasii koronaan fayyaan barataa, barsiisaafi maatii barataa akka hinhubamne barnoonni akka hingufanne talaallii mootummaan kennu fudhachuufi yeroo barbaachisaa ta’etti haguuggii afaaniifi funyaanii fayyadamuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif maqaa Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.
Obbo Efreem: Isinillee galatoomaa.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014