Carraan waaliyaa itti dhiphate

Finfinnee: Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’n kan durfamu Waancaan kubbaa miilaa Adduynaa ALA bara 1930 magaalaa guddoo Uraaguwaayi, Montividootti jalqabame. Walmorkiin kun edda jalqabamee waggoota 91 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti biyyoota miseensoota waldichaa adda addaatti yeroo 21f adeemsifameera.

Kan 22fa ammoo ALA Sadaasa 21 hanga Mudde 18 bara 2022 Kuwaataaritti akka adeemsifamu murtaa’era. Seenaa waancichaa keessatti Ardii Arabaatti yoo keessummeeffamu Kuwaataar biyya jalqabaati.

Walmorkii waancaa kanaaf biyyoonni miseensota waldhichaa kanneen Ardiiwwan maratti argaman tapha gulaalaa adeemsifachaa jiru. Afrikaattis biyyoonni 40n ramaddii kudhanitti adda qoodamuudhaan walfalmaa jiru. Haaluma kanaan ramaddii 7fa keessatti kan argaman Afrikaan Kibbaa, Gaanaan, Itoophiyaafi Zimbaabiweenis taphawwan gulaalaa godhachaa jiru.

Ramaddii kana keessatti hirmaachaa kan jiru Waaliyaan taphawwan afur taasifateera. Zimbaabiwee yoo mo’atu Afrikaa

Kibbaafi Gaanaadhaan mo’amee carraan gulaalaa darbuf qabu itti dhiphachaa jirti.

Waaliyaan Afrikaa Kibbaatiin dhaqaafi deebiitti 4-1n, Gaanaadhaan Akiraatti 1-0n mo’ameera. Zimbaabiwee mo’atus qabxiinsaa sadii qofa.

Afrikaan Kibbaa qabxii 10n ramaddicha dursaa kan jirtu yoo ta’u, Gaanaan qabxii 9n lammaffaa ta’uun carraa gulaalaa darbuuf qaban bal’ifataniiru.

Taphni ramaddii kun xumuramuuf lama qofti yoo hafan Waaliyaan lameenuu kan godhatu biyyaa alatti ta’a. Gaanaafi Zimbaabiwee wajjin jechuudha. Lameenuu yoo mo’ate qabxii sagalirra qubata. Afrikaan Kibbaafi Gaanaanis taphawwan lama lamatu isaan hafa.

Haaluma kanaan Afrikaan Kibbaafi Gaanaan dhaabatanii waan isa hinegganeef abdiin gulaala darbuuf qabu amansiisaa hinfakkaatu.

Afrikaarraa biyyoonni waancaa Addunyaaf darbuuf carraa qaban shan qofa. Hanga ammaatti biyyoonni 40nu taphawwan gulaalaa ramaddiisaanii afur, afur taasifataniiru.

Seeneegaaliifi Morookoon osoo hinmo’amiin qabxii 12,12n dursaa jiru. Ramaddiiwwan biroorraa ammoo Aljeeriyaan, Burkiinaa Faasoo, Tuniiziyaan, Kotidivaar, Maalii, Misiriifi Afrikaan Kibbaa qabxii kudhan, kudhan qabu.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You