Pirofeesar Birhaanuu Borjee Yunvarsiitii Hawaasaatti qorataa olaanaafi barsiisaa barattoota digrii 2fafi 3fa ykn PhDti. Yunvarsiitii Hawaasaatti dhaabbiidhaan tajaajila kennaa kan jiran Pirofeesar Birhaanuun, barattoota digrii 2fa ykn maastarsiifi digrii 3fa ykn PhD damee barnoota Maarkeetiingi Maanaajimantii hordofaniif garuu yunvarsiitiiwwan biyyattii keessa jiran hunda kan barsiisan ta’uu himu.
Sababnisaa immoo damee barnootaa kanaan Itoophiyaa keessatti namni sadarkaa piroofeesarummaarra qaqqabe isaaniin ala namni biraa hinjiru. Kanaaf bakka gosti barnootaa damee kanaan kennamu hundatti affeeramuudhaan barattoota damichaatiif barnoota kennuurratti argamu.
Yeroo ammaa immoo miseensa haaraa paarlamaa ta’anii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa seenaniiru. Nutis dhimma mootummaa haaraafi dinagdee biyyattiirratti gaafdeebii Pirofeesar Birhaanuu Borjee waliin taasisne akka ittaanutti dhiheessineerra.
Bariisaa: Mee mootummaa haaraan hundeeffame, isinis qaama mootummaa haaraa waan taataniif paarlaamaa haaraa kana kan duriirraa maaltu adda godha jettanii yaaddu?
Pirofeesar Birhaanuu: Paarlaamaa duriifi kan haaraa hundaa’e yommuu walbira qabnee ilaallu garaagarummaan gidduusaanii jiru bal’aadha. Fakkeenya tokko qofan sii kaasa. Paarlaamaan duraanii miseensa paartii tokkoo qofaan kan guutameedha. Hayyoota biyyattiin qabdus kan hinhirmaachifne ture.
Beekaafi hayyuu feete taatus dabballee yoo hintaate malee achu galuu hindandeessu. Isa ammaa yemmuu ilaaltu garuu hayyootni hedduu osoo dabballee hinta’iin beekumsa qabaniin akka galaniif carraa kenneera. Hayyoota hirmaachisuunsaa immoo waan haaraa ta’e biyyaaf hojjechuuf yaadamuu nama hubachiisa.
Kanaaf hojiiwwaniifi murteewwan paarlaamaatti dhihaatanii ragga’an hundi qorannoorratti kan hundaa’an ta’a. Paarlaamaa keessattimmoo koreewwan dhaabbii heddutu jiru. Kanaan dura koreewwan dhaabbii kana kan hogganu beekumsa damee sanaa nama qabu osoo hintaane dabballummaan argata ture.
Paarlaamaa haaraa keessatti garuu namni koree dhaabbii kamuu hogganu beekumsa gabbataa damee sanaa kan qabu qofa.
Inni biraa immoo kanaan dura nama dhuunfaa tokko bakka itti muudan barbaaduuf qofa waajjira tokko hundeessu. Hojiin akkanaa kun isa haaraa keessatti hinhojjatu. Kanaaf hayyootni paarlaamaa keessatti hammatamuun akka biyyaatti faayidaa olaanaa qaba.
Inni biraa ammoo akka durii paarlaamaatti muguun hin yaadamu. Muguun nuffii irraa dhufa. Yaada addaa dhaburraa madda. Kanaaf paarlaamaan haarofti kan morkiifi marii ho’aan itti taasifamu ta’a jedheen abdadha.
Hayyoota hirmaachisuun faayidaa akkamii akka qabu immoo hojii Doktar Injinar Silashii Baqqalaa dhimma hidha haaromsaarratti hojjetan qofa ilaaluun gahaadha.
Haalli yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtu hayyoota hedduu akka barbaadduuf ishee dirqamsiisa. Dhiibbaawwan biyyoolessaarra aanuuf hayyoota deebii qorannoorratti hundaa’e kennuu danda’antu barbaachisa.
Bariisaa: Isin hayyuu sirna gabaa waan taataniif dabawwan waggoota darban dinagdee biyyaarratti dalagaman akkamitti taajjabdu ?
Pirofeesar Birhaanuu: Shirri dinagdeerratti dalagamu irra jireessaan daballii gatii wajjin walqabata. Daballiin gatii kun immoo akaakuuwwan afurtu jiru. Kana keessaa daballiin gatii yeroo gabaabaa keessatti gatii olaanaadhaan dabalu shira dinagdeerratti dalagamuuf daandii guddaa kan saaquudha.
Daballiin gabaa akaakuu afranuu kan uumamu yommuu hir’inni omishaa ykn dhiheessii jiraatu qofa. Haata’uu malee yeroo tokko tokko osoo hanqinni omishaa ykn dhiheessii hinjiraatiin, daldaltoonni walta’anii mi’a ykn meeshaa mankuusaatti dhoksuun akka gatiin dabalamu taasisu.
Kanaaf immoo fakkeenya gaarii kan ta’uu danda’u yeroo ammaa duula biyya baraaruu mirkaneessuu garee TPLF irratti fudhatamaa jiru akka carraatti fayyadamuudhaan daballii gatii meeshaalee hedduurratti taasifameedha. Daballiin gatii akkanaa kun daballii sababa namtolchee ykn ‘Artificial Inflation’dha malee kan sababa gahaa qabaatee uumame miti.
Daballiin gatii namtolchee kun dura meeshaalee dhoksuu, sana booda hanqinni dhiheessii waan jiru fakkeessuudhaan erga gatiin dabalamee booda immoo isa mankuusatti dhoksanii eegaa turan sana baasanii gurguratu.
As keessatti wanti hunda caalaa nama dhibu, daldaltootni osoo meeshaan jiruu dhoksanii daballii gatiitiif sababa ta’an, erga gatiin dabaleellee kallattiidhaan nama barbaaduuf dhiheessuu dhabuusaaniiti. Otoo meeshaan jiruu dhokfamee daballii gatii sababa hinqabne uume keessatti namni meeshaa bitachuu barbaadu karaa faddaaltotaatiin alatti kallattiin jara qunnamuu hindanda’u.
Kana yemmuu jennu garuu daldaltootni hundi hojii seera maleessa kana keessa jiru jechuu miti. Caalaatti daldaltoota hordoftoota gatiiti malee murteessitoota gatii waan hintaaneef.
Murteessitoonni gatii (price maker) kunniin daldaltoota guguddoo sirna gabaa keessatti sababoota garagaraatiin dhageettii horataniidha. Kanaaf gatii gabaa dabaluufi hir’isuu keessatti warri shoora olaanaa qabaatusaani.
Bariisaa: Daballii gatii tibbanaa kana hoo akkamitti ilaaltan?
Pirofeesar Birhaanuu: Akkuman dura siin jedhe haalota gatii dabaluuf mijatan keessaa taateewwan akka duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf taasifamuu hedduu mijataa waan ta’aniif, daballii gatii sababa hinqabne kan tibbanaa sana bifa kanaan ilaaluun barbaachisaadha.
Daballiin gatii inni akkanaa garuu hiikkaa dinagdee qofa osoo hintaane hiikkoo siyaasaa cimaa kan qabuudha. Adda waraanaa isa dirree jiru sana harkisanii gara magaalotaa akka galu taasisuuf nama gargaara. Yeroo sana immoo mootummaan dhiibbaa kallattii lamaa jalatti kufee akka harka kennatuuf itti fayyadamu.
Sababnisaas ummanni jireenyi itti qaala’e mootummarratti waan finciluuf daballiin gatii waqtii waraanaatti taasifamu kun hiikkoo dinagdee caalaa hiikkoo siyaasaa kan qabaatuudha. Waan ta’eefis daldaltootni murteessitoota gatii ta’anii daballii gatii tibbana taasifame keessaa harka qaban loltoota TPLF isaan magaalaa keessatti bobbaafamaniidha.
Bariisaa: Daballii gatii kana tasgabbeessuuf giddu lixiinsi mootummaa akka faallaa sirna gabaa walabaatti ilaallama. Sababa kanaan immoo gabaan bilisaa hinjiru warri jedhanis jiru. Kanaaf isin akka hayyuu damee kanaatti sirni gabaa biyyattii kun isa kam jalatti ramadama jettanii yaaddu?
Pirofeesar Birhaanuu: Sirni gabaa yeroo ammaa biyyattiin hordofaa jirtu sirna gabaa bilisaati. Gabaa bilisaa yommuu jedhamu garuu hanga gatiin dabalee ummata miidhuudhaan mootummarratti fincilsiisutti taa’anii ilaaluu jechuu miti.
Akkuman duratti siin jedhe akaakuuwwan daballii gatii keessaa inni sadarkaa lammataa irra jiru mootummaadhaaf akka mallattoo dammaqiinsaatti ilaalama. Kana jechuun daballiin gatii kun sadarkaa lammataa kana bira dabarraan to’atamuu waan hindandeenyeef mootummaan dammaqee dhimmicharratti tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatuuf kan gargaaruudha.
Kanaaf sirni gabaa biyyattiin hordoftu sirna gabaa walabaa ta’us daballii gatii sadarkaa lammataa geenyaan mootummaan gidduu galee akka tasgabbeessuuf hojmaati dhorku tokkollee hinjiru. Gabaa walabaa jechuun gatiin meeshaaleefi midhaan nyaataa hanga daldaltootni fedhanitti dabalee ummanni beelaan akka dhumuuf mootummaan harka maratee taa’u yoo jiraate ittigaafatamummaasaa kan dagate ta’a.
Asirratti garuu wanti jala muramee beekamuu qabu, mootummaan haalota armaan olitti ibsame kanneeniin dirqamee gara gabaa tasgabbeessuutti yemmuu galu hojiinsaa sirna gatii daballii sadarkaa hamaa irra gahaa jiru sana tasgabbeessuu bira darbuu hinqabu.
Carraa sanatti fayyadamee sirna gabaa borca taanaan immoo sunis rakkoo biraa uumuudhaan hamii gabaan walabaa biyya keessa hinjiru jedhuu sana dhugoomsuu danda’a waan ta’eef of eeggannoo cimaan raawwatamuu kan qabuudha.
Bariisaa: Tarkaanfiiwwan mootummaan fudhachuu qabu maal fa’i?
Pirofeesar Birhaanuu: Yeroo daballiin gatii humnaan olii uumamee mootummaan dhimmicha gidduu galuuf dirqamutti hojiin guddaan inni hojjechuu qabu dhiheessiiwwan murteessoo ta’an ofiisaatii bitee karaa waldaalee hojii gamtaa garagaraatiin ummata akka qaqqabu gochuudha.
Waldaaleen hojii gamtaas yeroo akkasiitti shoora olaanaatu irraa eegama. Isa mootummaan alaa bitee karaasaaniitiin akka tamsa’u taasise si’eessuu qofa osoo hintaane, isa ofiisaaniitii mankuusatti kuufatan yeroo daballiin gatii uumamutti miseensota waldichaatiifis ta’e hawaasa bal’aaf birmachuu qabu.
Waldaalee hojii gamtaa biyyattiitti hamiin ka’u tokko jira. Innis hojmaattota badaafi malaammaltummaadha. Kanaaf waldaan hojmaata sirrii hinqabneefi malaammaltummaan guutame miseensotasaatiifis ta’e hawaasa bal’aaf tajaajila barbaachisu kennuu hindanda’u.
Magaalota hedduutti yoo agartee jiraatteef waldaaleen dhoksaadhaan dukaana ykn suuqii nama dhuunfaatiif dabarsanii yeroo gatii hinmalleen mi’aafi midhaan gurguranis ni mul’atu.
Kana qofa osoo hintaane, meeshaaleefi midhaan mootummaan karaasaaniitiin akka ummata bira ga’uuf bitee itti kenne yeroo dhoksaadhaan halkan fe’anii daldaltootatti gurguranis ni mul’ata. Kanaaf immoo akka sababa guddaatti kan fudhatamu hojmaata waldaalee keessatti sirni ittigaafatamummaa fudhachuu laafaa ta’uusaati.
Kanaaf waldaalee rakkoolee akkanaa keessa jiran adda baasanii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa ta’a. mootummaan hojii waldaalee fayyadamtootaa ciccimoo ta’an hundeessuu hatattamaan hojjechaa, hojiiwwan waldaalee kanneen keessatti raawwatamani immoo miira ittigaafatamummaa qabuun akka ta’uufi ta’uu baannaan daba raawwataniif akka ittigaafataman taasisuu qaba.
Inni biraa meeshaalee murteessoo ta’aniifi deggarsa mootummaatiin dhihaatan kallattiidhaan ummata bira akka gahaniif mootummaan magaalota hundatti mankuusaafi dukkaana ijaarratee nama itti ramadee akka ummata bira gahu gochuu qaba.
Mootummaan yoo kana godhe bu’aa lama argata. Inni duraa ummanni daballii gatiitiin tasgabbii dhabee akka irratti hinfincille taasisa. Inni lammataammoo daldaltootni gatii dabalanii gurguraa turan nama irraa bitatu waan dhabaniif gara daldala seera qabeessa ta’eetti deebi’u.
Dabalataanis, mootummaan yeroo haalotni akkanaa uumaman naannolee hundatti koree tasgabbii gabaafi farra shira gabaa uumee hojitti bobbaasuu qaba. Koreen kun qaamota dhimmichi ilaalu hunda kan hammate ta’uu qaba.
Keessattuu raawwachiiftota mootummaa sadarkaadhaan jiran keessaa bakka buusuu, waldaalee fayyadamtootaa, daldaltoota bakka bu’u waldaalee daldaltootaa keessaayyis bakka buufamuu qabu. Inni biroofi murteessaan qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran keessaa bakka buusuudha.
Koreen kunniin naannolee hundatti kan hundaa’an yoo ta’an, naannoo jiranitti ittiwaamamanisaanii pirezdaantii naannichaatiif ta’a. Torbaan torbaaniin ykn ji’a ji’aan haala dinagdeefi sirna gabaarratti qorannoo gaggeessanii gabaasasaa pirezdaantiif dhiheessuun hojii ijoo korichaa ta’a. Kanneen sadarkaa godinaa jiranis bulchaa godinichaaf inni aanaas bulchaa aanichaatiif hojii walfakkaataa raawwachuu qabu.
Waldaaleen daldaltootaas naannolee hundatti ijaarsa cimaa horachuu qabu. Kana goonaan daldaltoota hojii seeraa keessa galanirratti tarkaanfii fudhachuun akka sirraa’an taasisuu danda’a. Kun hundi ta’ee gabaan sirraa’uu baannaan mootummaan gabaa keessa galuuf dirqamuunsaa waan hinoolle ta’a.
Bariisaa: Waraanni kun dinagdee biyyattii hangam miidha? Waraanaan booda hoo carraan dinagdee biyyattii eeggatu maali?
Pirofeesar Birhaanuu: Waraanni akkuma beekamu waan hedduu kan balleessuufi barbadeessuudha. Gareen waraanni irratti baname garee shororkeessaafi waan biyyattii hunda barbadeessuu qabu waan ta’eef akka biyyattii dinagdee miidhuunsaa beekamaadha.
Itoophiyaa diiguun kaayyoo garee sanaati. Kana gochuuf immoo dinagdee biyyattii karaalee danda’aniin burkuteessuun kaayyoo jaraati. Waraanaan boodattis dinagdeen biyyattii dafee akka hinbayyanannetti cabsuuf yaalu.
Dinagdeen biyyattii sababa waraanaa kanaan miidhamee waraana booda dafee yoo bayyanachuu baate akka biyyaattis ittifufuuf hedduu ulfaataa ta’a. Kanaaf waraanni jiraachuu qofa osoo hintaane, qaamni cinaa tokkoon waraanicha keessatti hirmaachaa jiru garee shororkeessaa amala waa balleessuu qabu ta’uunsaatuu dinagdee biyyaatiif qormaata guddaadha.
Biyyoonni waggoota hedduuf waraana keessa turan kanneen akka Sooriyaafi Liibiyaa yemmuu ilaallu, waraanni dhumatus dinagdeen biyyattii bayyanachuu dadhaburraa kan ka’e lammiileen biyyattii dararaa hedduu dhandhamachaa akka biyyaattis itti fufuuf qoramaa jiru.
Kanaaf biyya waraanni keessatti adeemsifamu kamittuu dinagdeen biyyasanaa miidhamuun waan hinoolle ta’us, dinagdeen biyyattii akka hintaanetti akka hincabneefi waraanaan boodatti dafee bayyanachuu akka danda’uuf wanti godhamuu qabu yoo jiraate waraanicha dafanii xumuruudha.
Hanga danda’ameen sosochiin ummataa uumamee waraanichi dafee akka xumuramu yoo godhamuu baate lubbuu namaa achitti badu caalaa isa sababa beelaatiin du’utu baay’achuu mala. Waan ta’eefis miidhaa waraanni kun dinagdee biyyattii irraan gahu xiqqeessuuf falli jiru tokkichi waraanicha hanga danda’ameen dafanii xumuruuf yaaluu duwwaadha.
Bariisaa: Daballiin gatii meeshaalee xixiqqoo biyya keessaas akka waan sababa hanqina Doolaaraan dhufaniitti yeroo ibsamantu mul’ata. Mi’oota biyya keessatti gurguraman Doolaaraan maaltu walitti fides warri jedhan jiru. Isin hoo dhimma kana akkamitti ilaaltu?
Pirofeesar Birhaanuu: Inni kunis isuma armaan olitti siif ibsuun yaaleen waan walqabatuudha. Fakkeenyaaf sa’i takka aannan kennuuf marga argachuu qabdi. Margi isheen dheeddu immoo asuma biyya keenya jira. Marga bifa garaagaraatiin qopheessanii baadiyyarraa magaalatti gurguruunis jira. Garuu biyya alaatii hindhufu.
Garuu gatii aannanii irratti daballii gatii taasisanii maaliif ta’a jedhanii yemmuu gaafataman “waan doolaarri dabaleef” siin jedhu. Killee ykn buuphaa irratti gatii dabalanii maaliif ta’e yemmuu jettuun deebii walfakkaataa siif kennu. Lukkuun buuphicha buuftu garuu Ameerikaati hindhufne asuma jirti waan ta’eef waan doolaaraan wal argatuu miti.
Kanaaf akkuma dura siin jedhe daldaltootni gatii dabaluudhaaf taatee wayii barbaadu. Taatee yeroo tokko biyya keessatti uumame sababa godhataniiti gatii kan dabalan. Taateen dhiheenya daldaltootni akka carraatti itti fayyadamanii gatii dabalan immoo taatee waraanaa kana.
Yeroo biyyi waraana keessa jirutti gatii dabaluun immoo waraana kallattii biraa akka banuutti ilaallama. Waan ta’eefis murteen jara kanarratti darbuu qabu kan akka isa dirree lolaas ta’uu akka malu hubachuun barbaachisaa ta’a.
Daldaltootnis faayidaa yerootiif jedhanii jireenya dheeraasaanii balleessuu irraa of qusachuu qabu. Bakka ummanni irraa bitatu humna dhabetti daldalaan bu’aa buufatu hinjiraatu waan ta’eef yeroo biyyattiin rakkoo akkanaa keessa galtutti faayidaa hinmalleef akka carraatti ilaaluurra qaama furmaataa rakkoo ta’uu qaba.
Bariisaa: Yaada bal’aa nuu kennitaniif guddaa galatoomaa!
Pirofeesar Birhaanuu: Isinis galatoomaa!
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014