Gareen kubbaa miilaa Waaliyaafi Baafaanaan boru taphatu

Finfinnee: Waancaa kubbaa miilaa addunyaa 22fan ALA bara 2022 Kuwaataaritti adeemsifama. Walmorkii kanaaf biyyoonni miseensota waldaa kubbaa miilaa addunyaa ardiiwwan maraa taphawwan gulaalaa adeemsifachaa jiru.

Afrikaarraa biyyoonni 48 ramaddiiwwan 12tti qodamuudhaan tapha gulaalaa adeemsifachaa jiru. Itoophiyaan ramaddii 7fa keessatti Gaanaa, Afrikaa Kibbaafi Ziimbaabuwee wajiin ramadmuudhaan tapha gulaalaa adeemsifachaa jirti.

Haaluma kanaan gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa (Waaliyaan) bor tapha deebii garee kubbaa miilaa biyyaaleessaa Afrikaa Kibbaa, Baafaanaa, Baafaanaa wajiin Istaadiyomii Baahir Daaritti adeemsifata. Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Gaanaan ammoo kan Zimbaabuwee wajiin akka taphatu sagantaa “FIFA”n baase ni mul’isa.

Walmorkii kanaaf miseensota 34 of keessatti kan hamatu Baafanaan dheengadda Finfinnee galuudhaan shaakala taasisaa jira. Waaliyaan ammoo edda magaalaa Baahir Daar galee torban tokko ol ta’eera.

Leenjisaa Wubatuu Abaataatiin kan leenji’aa kan jiru Waaliyaan taphatoota kilaboota liigii piriimeerii biyya keessaafi pirofeeshinaalota kilaboota biyyoota alaaf taphatan walitti qabuun magaalaa Finfinneetis yeroo muraasaaf shaakalaa tureera.

Waaliyaan walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifameen tokkotti mo’ee, tokkoo ammoo mo’amudhaan ramaddisaarraa sadarkaa sadaffaarratti argama. Baafaana, Baafaanaan ammoo tapha tokko mo’ee, tokkotti walqixa ba’uudhaan ramaddicharraa qabxii afuriin durssaa jira.

Gareen Gaanaa kan “Black Star” jedhamu Itoophiyaa wajiin garagarummaa galchaan walcaaluudhaan qabxii sadiin sadarkaa lammaffaarratti kan argamu yoo ta’u, Zimbabuween ammoo qabxii tokkoon sadarkaa dhumaa (afaaffaarratti) argamti.

Haaluma kanaan Waaliyaan tapha borii kana yoo mo’ate wal morkiiwwan gara fuul duraatti isa eggataniif carraa guddaa guddaa kan argatu ta’a. Taphni deebii ammoo Kibxata dhufu Afrikaa Kibbaa Magaalaa Johaanis Bargitti kan adeemsifamu ta’a.

Gama biraan walmorkii waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa ALA bara 2022 Koostaarikaatti ademsifamuuf gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa umrii 20 gadii tapha dheengadda Magaalaa Baahir Daaritti adeemsifameen Ugaandaa 4-0n mo’ateera.

Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa torban darbe tapha garee kubbaa miilaa dubartootaa Ugaandaa waliin Kaapaalatti adeemsifame qabxii walfakkaatu 4-0n mo’achunsaa ni yaadatama.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You