“Boqonnaan tokko xumuramee boqonnaa haaraan banameera” – Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee

Itoophiyaatti Wiixata darbe mootummaa haaraan hundaa’eera. Miseensonni Mana marii Federeeshiniifi Miseensonni Mana Marii Bakka Bu’oota ummataa sirnicharratti argamaniiru. Pirezdaantiin Mootummaa RFDI Saahilawarqi Zawudee baniinsaa yaa’ wajjummaa manneen marii lamaaniirratti haasaa taasisaniiru.

Sirnicharratti Doktar Abiyyi Ahmad Ministira Muummee, Obbo Taaggasaa Chaafoo Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa, Aadde Loomii Badhoo afyaa’ii ittaantuu mana maichaa, Obbo Aganyahu Tashaagar Afyaa’ii Mana Marii Federeeshiniifi Aadde Zaahiraa Umad afyaa’ii ittaantuu mana marichaa  ta’uun muudamaniiru.

Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee haasaa taasisaniin akka jedhanitti, filannoo biyyaalessaa marsaa ja’affaa Waxabajjii 14 bara 2013 adeemsifamerratti hirmaachuun ittigaafatamummaa guddaa kanaaf ga’uu keessaniif baga gammaddan jechuun barbaada.

Haasaan taasifamus boqonnaan tokko xumuramee boqonnaa haaraan banamuusaa ibsa. Rakkooleen waggoota darban Itoophiyaa mudatan birmadummaa, tokkummaafi waliin jireenya keenya dadhabsiisuuf yaalaniiru. Rakkoolee biyyattii mudatan furuuf gatiin kaffalame, qabsoofi ciminni keenya walitti ida’amanii guyyaa har’aatiin nu ga’aniiru. Boqonnaa haaraa kanarra akka geenyuuf Raayyaa Ittisaa, dubartoota, dhiirota, maanguddoota, dargaggootaafi lammiilee biyyattii dhiigasaanii dhangalaasaniifi lubbuusaanii dhaban yaadachuun barbaachisaadha.

Itoophiyaan sirna bakka bu’ummaa ummataatiin biyya muuxannoo waggoota 90 qabduudha. Paarlaamaan aangoofi birmadummaa kan argatu kallattiidhaan ummata bakka bu’eedha. Aangoosaa keessaa kan dursu bakka bu’ummaa uummataati. sagaleen fedhii, kaayyoofi  rakkoolee ummataa kan dhaga’aman karaa miseensota isaan bakka bu’aniitiini jechuudha.

Kanaafuu miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataafi ummata gidduu hariiroo cimaatu jira jechuudha. Mootummaan ittigaafatamummaa ummataa ta’uus ni cimsa. Ittigaafatamummaan ammoo ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Paarlaamaan dha’annaa onnee namaa beekuuf carraa guddaa qaba. Kanaafuu paarlaamaan fedhiiwwan ummataa yeroo yeroon guddachaa dhufan yeroon adda baasuudhaaf kan gargaaruudha. Mallattoolee walitti bu’iinsaa yeroodhaan adda baasuudhaan walitti bu’iinsa dursee ittisuufis kan gargaaruudha.

Manneen marii lamaan bakka itti miirri ummataa itti mul’atan, bakka yaadonni gara garaa itti ka’anii irratti walfalmisiisaniifi irratti waliigalaman ta’uu qabu. Paarlaamaa cimaan  bulchiinsa gaariifi ittigaafatamummaa mirkaneessuufi kabajamuu mirgi namaatiif wabiidha.

Ummanni sagalee kennee bakka bu’aasaa filates wantoota bakka bu’oonnisaa ni raawwanna jedhanii waadaa seenan raawwachuufi dhiisuusaanii dhiyeenyatti ni hordofa. Paarlaamaan funcaa tokkummaa keenya walitti hidhe waan ta’eef akka hindiigamne taasisuun ittigaafatamummaasaa jalqabaati. Paarlaamaan hojii dipilomaasii keessattis gumaacha olaanaa akka qabu beekuun barbaachisaadha.

Filannoo biyyaalessaa bara 2013

Raawwiin filannoo biyyaalessaa bara bajataa 2013 rakkoolee adda addaa keessatti adeemsifamus filannoowwan kanaan dura adeemsifamanirra fooyya’aafi fudhatamummaa kan qabuudha. Filannochi Itoophiyaatti filannoo dimokiraatawaa adeemsisuuf bu’uura cimaa kan kaa’eefi gara fuulduraattis filannoo bilisaa adeemsisuun akka danda’amuuf bu’uura kan kaa’eedha jechuun ni danda’ama.

Milkaa’inaafi rakkoolee mudatan

Hojiilee waggoota sadan darban fooyyessa dinagdeerratti raawwatamaa turaniin dinagdee biyyattii gad bu’ee ture olkaasuun bu’aa olaanaan galmaa’eera. tarkaanfiiwwan dinagdee biyyattii fooyyessuuf fudhatamaa turanis rakkoolee uumamaafi namtolchee mudatan waliin yoo madaalaman milkaa’aadha jechuun ni danda’ama. Ta’us qaala’inni jireenyaafi rakkoon hojdhabdummaan furmaata atattamaa kan barbaadan qormaatawwan dinagdee biyyattii ta’anii itti fufaniiru.  

Waggaan darbe bara itti guutiinsa bishaanii Hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa itti milkaa’inaan xumurre ture. Guutiinsi bishaanichaa akka hinmilkoofneef dhiibbaawwan biyyoolessaa nu mudataniii turanis deggersa olaanaa lammiileen biyyattii gama dipilomaasiifi maallaqaatiin taasisaniin milkoofneerra.    

Waggaan darbe bara itti milkaa’inoonni  gurguddoon biyyattiitti itti galmaa’an wantoonni nama gaddisiisanis raawwatamaniiru.  Hundaa ol shororkeessitoonni sirna heerawaa diiguudhaan Itoophiyaa diiguu barbaadan Raayyaa Ittisa Biyyaa daangaa biyyattii eegsisaa turanirratti gocha suukkanneessaa raawwateera. 

Gareen shororkeessaa kun humnoota farra nageenyaa biyyattii keessa socho’an biroowaliin qindoomina uumuun lammiilee nagaa ajjeesaa, buqqisaafi qabeenyasaanii barbadeesseera.

Haata’u malee lammiileen Itoophiyaa kabajaafi birmadummaa biyyattii mirkaneessuurratti duubatti hindeebine akka kanniisa gaagurrisaa tuqameetti ba’uudhaan karoora shororkeessitootaa fashaleessaniiru.

Lammiileen biyyattii kallattii hundaan jiran birmadummaa biyyattii kabajchiisuudhaaf aarsaa barbaachisu kamiyyuu kaffalaa jiru. Deggersi lammiilee miidhamaniifi qe’ee isaaniirraa buqqa’an gargaaruufi gara qe’eesaaniitti deebisuuf taasifamaa jiru cimee kan ittifufu ta’a.

Kallattiiwwan hojii mootummaa guguddoo bara 2014

Hojiilee waggoota jijjiiramaa sadan darban keessa raawwataman gamaagamuudhaan karoora yeroo dheeraa ilaalcha keessa galchuudhaan kallattiiwwan hojii mootummaa bara bajataa 2014 badhaadhina biyyattii kan mirkaneessaniidha.

Hojiin guddina dinagdee biyyattii itti fufsiisuufi carraa hojii bal’aa uumuun rakkoo hojdhabdummaa furuu bal’inaan cimee kan itti fufu ta’a. Hojiileen qaala’ina gatiifi qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuuf raawwatamaa jiran akkasumas hanqinoota namtolcheefi uumamaa mudatan guutuufi gama hundaanuu guddina dinagdee biyyattii mirkaneessuun hojiilee mootummaan xiyyeeffannaan raawwatuudha.

Galii

Bara 2014 galii mootummaa qarshii biiliyoona 600.9 irraan gahuudhaaf kallattiin kan kaa’ame yoo ta’u, kana keessaa %83 kan ta’u taaksiirraa walittiqabuudhaaf kallattiin kaa’ameera. Bara bajataa kana daldala shaqaxoota alatti ergamanirraa sharafa alaa doolaara biiliyoona 5.25 irraan gahuuf kallattiin kaa’ameera.

Damee qonnaarraa omisha kuntaala miliyoona 592 walittiqabuuf kan karoorfame yoo ta’u, sagantaan ashaaraa magariisaa waggaa waggaan adeemsifamaa jiru jijjiirama qabatamaa argamsiisaa jiraachuu namoonni baay’een itti waliigalu. Bara dhufus aadaa ashaaraa magariisaa keenya guddisuudhaan qabeenyi bosonaa keenya akka dabalu ni taasifama.

Biqiltuu

Mul’ata akka biyyaatti wagaa afur keessatti biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuudhaaf qabanne milkeessuudhaan dhiqama biyyeefi gammoojjummaa biyyattiitti babal’achaa dhufe hiri’isuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa keenya mirkaneessuu qabna.

Damee manifaakchariingii

Omishaafi omishtummaa damee manifaakcheriingii fooyyessuudhaan akkasumas invastaroota haaraa simachuudhaan damichi carraa hojii bal’aa akka uumuuf xiyyeeffannaadhaan ni hojjetama. Dabalataanis bu’aaleen manifaakcheriingii omishaalee biyya alaatii galan bakka bu’an akka babal’atan ni taasifamu.

Qulqullina, baay’inaafi akaakuuwwan omishaalee biyya alaatti ergamanii mirkaneessufi dabaluudhaan abbootiin qabeenyaa biyya keessaa damee industirii manifaakcheriingii keessatti bal’inaan akka hirmaataniif haala mijataa uumuudhaan damichi guddina omisha industirii biyyattiif gumaacha barbaachisu akka taasisu akkasumas misooma itti fufiinsa  qabuufi tarsiimoo dinagdee magariisaa biyyattii waliin walsimee akka deemu ni taasifama.

Damee albuudaa

Albuudawwan akaakuu, hangaafi baay’inaan gabaadhaaf akka dhiyaatan taasisuudhaan galiin sharafa alaa akka guddatuuf ciminaan ni hojjetama. Rakkoolee nageenyaa naannawaawwan qabeenyawwan albuudaafi kubbaaniyaawwan albuudaatti mudatan furuudhaaf xiyyeeffannaa addaatiin ni hojjetama.  Damecharra humni nama baratee baay’inaafi qulqullinaan akka jiraatu ni taasifama. Omishtoota albuudaa xixiqqaafi aadaatiifis xiyyeeffannaan addaa ni kennama.  

Damee konistiraakshinii

Humna industirii biyya keessaa ijaaruudhaan fedhiiwwan konistiraakshinii biyya keessaa harki caalu kubbaaniyaa biyya keessaatiin akka hojjetaman ni taasifama. Damechi carraa hojii bal’aa akka uumus ni taasifama. Qulqullina, baasiifi dorgomtummaa yeroo ijaarsawwan konistiraakshiniirratti fooyyessa taasisuun barbaachisaadha.   Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aa, haqa qabbeessaafi qaqqabamaa taasisuudhaan misooma magaalotaafi guddina baadiyyaa si’eessan walsimanii akka adeemsifaman ni taasifama.

Magaalotatti sirna dhiyeessa lafa mana jireenyaafi bulchiinsaa fooyyessuudhaan naannawaa jireenyaaf mijatu ni taasifama. Dabalataanis magaalotatti hojiiwwan sirna wabiii nyaataa magaalotatti babal’isuun, bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi humna faayinaansii magaalotaa guddisuu ni raawwatamu.

Damee turizimii

Galii turizimii guddisuudhaaf hojiileen kunuunsaafi eegumsa hambaalee cimsuu, kenniinsa tajaajila damichaa fooyyessuufi iddoowwan ga’umsa turistootaa duraan turaniifi haaraa misoomsuu xiyyeeffannaa kan argatan ta’u.

Pirojektii irbaatni biyyaaf jechuun kan jalqabaman hojiin pirojektoota  hawata turistii Wancii, Gorgoraafi Koyishaa    haaluma karoorfamaniin akka itti fufan ni taasifama. Dabalataanis qabeenyawwan uumamaafi iddoowwan hawata turistii kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiran misoomsuudhaan qabeenya akka maddisiisaniif ni hojjetama. Paarkiiwwan hawwata turistii Finfinneetti hojjetaman naannolee, godinaalee, aanaaleefi bulchiinsota magaalotaa hundatti babal’achuu qabu. Pirojektoonni kutaalee biyyattiitti jalqabamaniifi hinxumuramne  bara bajataa kanatti xumuramanii ummataaf tajaajila akka kennan ni taasifamu.

Damee bishaanii

Dhiyeessa bishaan, saaniteeshiniifi haayijinii babal’isuudhaan ummata tajaajilicha hin arganne fayyadamaa taasisuudhaaf ni hojjetama. Inarjiifi teknolojii qulqulluu hawaasa baadiyyaa biraan ga’uufi tajaajila humna elektirikii qulqullina qabu biraan ga’uudhaaf xiyyeeffannaan ni hojjetama. Pirojektiin Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa ijaarsarra jirus barana bara bajataa kana ifa kennuudhaan ummata biyyattii dukkana keessaa baasuudhaaf boqonnaa xumuraarratti argama.   

Nageenya

Ammaan booda jeequmsaan ykn qabsoo qawweetiin Itoophiyaa keessatti aangoo qabachuun kan hindanda’amne ta’uun beekamuu qaba. Aangootti kan baasuufi kan irraa buusu ummata Itoophiyaa qofaadha. Paartiileen siyaasaa biyyattiis aangoo qabachuuf, ummataafi biyyasaanii tajaajiluuf karaa nagaan qabsaa’uufi filannoo dimokiraatawaa irratti hirmaachuu qabu. Karaa dimokiraatawaadhaan hundumtuu seeraa gadi, dhimmoonni kamiyyuu akkaataa seerri jedhuun raawwachuun dirqama.

Olaantummaa seeraa

Ummatni biyyattii olaantummaa seeraa kabajuufi kabajchiisuuf mirgaafi dirqamasaa beekee socho’uu qaba. Biyyattiitti olaantummaan seeraa karaa itti fufiinsa qabuun mirkaneessuudhaaf lammiileen biyyattii hundi dimokiraasii ijaaruurratti gaheesaanii bahachuu qabu. Humni Itoophiyaa mana hunda keenyaa taateefi seeraa ol ta’e tasumaa jiraachuu hinqabu.

Filannoon adeemsa dimokiraasii keessaa kutaa tokko ta’us filannoo adeemsisuu qofti gahaa miti.  Kana waan ta’eef mootummaas ta’e ummanni biyyattii hundi   borumtaa filannoo hojiilee manaa hedduu waliin hojjennu baay’een kan jiran ta’uu beeknee onneefi yaada tokkoon milkaa’inaaf hojjechuu qabna. Rakkoolee birmadummaa biyyattiifi tokkummaa  ummataa balaarra buusaniifi jeequmsaaf sababa ta’aa turan waliigaltee biyyaalessaatiin furamuu qabu.

Waliigaltee biyyaalessaa

Waliigalteen biyyaalessaa  akka uumamuuf aadaa gara bal’inaa, wal amantaa, walkabajuu, tokkummaa, waliin mariifi walfalmii keenyaa gabbifachuu qabna. Gama biraadhaan haqaafi ittigaafatamummaa mirkaneessuun, warra miidhaman gargaaruu, haqa hawaasummaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Waliigalteen biyyaalessaa adeemsa jijjiiramaa yeroo dheeraa gaafatu waan ta’eef  lammiileen biyyattii marti hirmaannaa barbaachisu taasisuu qabu.

Damee barnootaa

Dameen barnootaa sadarkaalee hunda keessatti  baadiyyaa, magaalaa, koorniyaa, miidhamtoota qaamaa jedhee utuu adda hinbaasin lammiilee biyyattii hundi qaqqabummaa barnootaa haqa qabeessaafi qulqullina qabu akka argatan taasisuudhaaf xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama. Sirni barnootaas fedhii gabaa waliin akka walsimu ni taasifama.

Damee Fayyaa

Sirna fayyaa dhibee ittisuu ijaaruudhaan fayyaa hawaasaa fooyyessuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama. Kunis dinagdee biyyattii guddisuu, du’a haadholiifi daa’immanii hir’isuu, du’a sababa dhukkuboota daddarboofi daddarboo hintaaneen mudatan hir’isuufi gargaara. Lammiilee balaawwan fayyaa tasaarraa eeguufi sirna kenniinsa fayyaa tajaajiltummaarratti hundaa’e diriirsuun barbaachisaadha.

Sirna eegumsa fayyaa dubartootaafi daa’immanii cimsuudhaan fayyummaasaanii gama hundaan mirkaneessuufi mirgootasaanii kabajchiisuufi dubartoonniifi dargaggoonni hoggansaafi kenniinsa murtiirratti hirmaannaa, bakka bu’iinsaafi fayyadamummaa haqa qabeessa akka qabaatan taasisuuf ni hojjetama. 

Birmadummaa biyyaa

Itoophiyaan seenaa mootummaashee waggoota dheeraa keessatti birmadummaafi faayidaa biyyaalessaashee humna kamiifuu dabarsitee kennitee hinbeektu. Kabajni olaanaan abbootaafi haadholii duraaniitiif haa ta’u. Itoophiyaan mallattoo bilisummaa taatee ni jiraatti. Seenaanis bara baraan ishee faarsa.

Seenaa dhiigaan barreeffame qalamaan jijjiiruun hindanda’amu. Lammiileen biyyattii duraanis ta’u ammas taanaan birmadummaafi faayidaa biyyattiirratti eenyu waliiniyyuu mariif hindhiyeessan. Imaammanni hariiroo alaa biyyattiis birmadummaa biyyattii kabachiisuu, faayidaafi kabajaa biyyattii eegsisuufi daangaa biyyattii kabachiisuurratti xiyyeeffatee ittifufa.

Hariiroo biyyoota ollaa

Hariiroo Itoophiyaan biyyoota ollaashee waliin qabdu haala nageenya, misoomaafi guddina qabu mirkaneessuufi walitti hidhamiinsa hawaasummaa, dinagdeefi badhaadhina waliinii fiduu danda’urratti xiyyeeffachuun kan raawwatamu ta’a.

Ummata Gaanfa Afrikaa gidduutti walta’iinsaafi walitti hidhamiinsa cimaa uumuudhaaf fooramiin ummataafi ummataa ni hundeeffama.    Biyyoota olla keenyaa waliinis aadaa, afaan, eenyummaa, qabeenyaafi fedhii guddina waliiniirratti walitti hidhamiinsa akka qabnu ni hubanna.

Ittifayyadamni qabeenya uumamaa keenya daangaa ce’anii irrattis haala ittifayyadama waliiniifi haqa qabeessaa mirkaneessuun hojiirra kan oolu ta’a.

Pirojektiin Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaas haala mirga itti faayadama biyyattii mirkaneessuufi faayidaa biyyoota yaa’a lagichaan gad jiran hin miineen hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira. Mariin dhimma laga Abbayyaarratti biyyoota ollaa keenya waliin taasifamus ittifufiinsaan kan adeemsifamu ta’a.

Dipilomaasii Itoophiyaan hordofaa jirtu lammiileefi dhalattoonni Itoophiyaa biyya alaa jiran dhimma biyyasaaniirratti bal’inaan akka hirmaatan taasisuudhaan bu’aa gaariin akka galmaa’u taasisaa jira. Mirgoonniifi faayidaan lammiileefi dhalattoota Itoophiyaa biyyoota addunyaa kamuu keessa jiran akka kabajamus taasisuufis yoomiyyuu caalaa xiyyeeffannaa argatee kan hojjetamu ta’a.

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota addunyaa gara garaa keessa  jiraatan maqaa gaarii biyyattiin ijaaruudhaan akkasumas deggertoota faayinaansiifi misoomaa ta’uudhaan akkasumas hojiilee invastimantiifi turistii harkisuufi kanneen biroo keessatti hirmaachuudhaan faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabajchiisuufi eegsisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Waliigaltee biyyaalessaa

Itoophiyaan biyya hunda keenyaati. Kanaafuu carraa nuti qabnu waldandeenyee waliin jiraachuu qofaadha. Garaan haadhaa burreedha akkuma jedhamu lammiileen Itoophiyaas adda addummaa qabna. Addaa addummaa keenya duubatti dhiifnee akka lammii biyya tokkootti wal dandeenyeefi waldhaggeeffannee, waljaallannee, waliin mari’anneefi  falminee yaadni fooyya’aan akka maddu taasisuudhaan waliigaltee biyyaalessaa uumuu qabna.

Dhaamsa

Haasaa koo xumuruudhaan dura jecha falaasifaan biyya alaa tokko jedhanin isin yaadachiisuu barbaada. Innis akkas jedha. “Qormaata kamiyyuu booda ifatu jira. Qoraattiin arfaasee harka keenya yoo waraaname habaaboon arfaasee fagoo miti.” Anis habaaboon arfaasee fagoo mitin jedha.

Dhumarratti miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Mana marii Federeeshinii bara 2014f bara hojii gaariifi milkaa’inaa akka ta’un hawwa. Hojiin Manni Marii Baklka Bu’oota Ummataa bara kanaas ifatti kan baname ta’uun ibsa.

Galatoomaa 

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You