Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa dargaggoota godinaalee Oromiyaafi Magaalaa Finfinneerraa walitti dhufaniin ijaaramee hojii erga jalqabee waggaa tokkoof ji’a sadii ta’eera.
Waldaan dinagdee dargaggootaa cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru kun yeroo ammaa miseensota kuma 10fi kaappitaala miliyoona 300 ta’u horateera.
Waldichi waggaa tokkoof ji’a sadii keessatti milkaa’ina olaanaa galmeessisuun waldaalee sadarkaa naannoofi federaalaatti jiraniif fakkeenyaa gaarii ta’uu Ejensiin Hojii Gamtaa Federaalaa beekamtii kenneeraaf.
Waldichi dheengadda caasaaleesaa sadarkaa sadaraan jiran waliin jala bultii ayyaana Irreechaa kabajeera. Ayyaanni Irreechaa mallattoo aadaa, eenyummaafi tokkummaa Oromooti. Irreechi ayyaana nagaa, jaalalaa, araaraa, obbolummaafi Waaqa dukkana gannaa keessaa gara ifa birraatti nu baase marga jiidhaafi habaaboo qabannee kan itti Waaqa galateeffannuudha. Warri aadaa, duudhaafi safuu ayyaanichaa utuu hinbeekin sodaatan kana beekuu qabu. Ayyaanni Irreechaa akkuma ayyaana Masqalaa, Cuuphaa, Cambalaalaafi Arafaa waan ta’eef sodaatamuu ykn jibbamuu hinqabu jedha Pirezidaantiin waldichaa Sanyii Idashuu.
Ayyaanni Irreechaa mallattoo jaalalaa, nagaafi obbolummaa waan ta’eef hirmaattonni ayyaanichaa walitti bu’an yoo jiraatan dursanii walitti araaramuufi dhiifama waliif gochuu akka qaban kan yaadachiisu Sanyiin, utuu walitti hin araaramin ykn dhiifama waliif ayyaanicharratti hirmaachuun cubbuu ofirratti kuusuu ykn dabaluudha. Oromummaa, Afaan Oromoofi Sirni Gadaa wantoota Oromoo hunda tokko taasisaniifi eenyummaasaa, aadaafi tokkummaa sabichaa ibsaniidha. Ayyaanni Irreechaa ammoo Sirna Gadaa keessaa tokko waan ta’eef Oromoo hunda tokko taasisa. Kanaafuu Oromoo hundi tokko ta’ee nageenya, safuufi duudhaa ayyaanichaa eeguu, kabajuufi kabjchiisuu qaba jedha Sanyiin.
Miseensonni waldichaa dargaggoota biroo waliin gurmaa’anii nageenya ayyaanichaa eegsisuufi kabajchiisuuf qophii ta’uu kan himu Sanyiin, hirmaattonni ayyaanichaas marga jiidhaafi habaaboo qabatanii uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhaganii ayyaanicharratti akka hirmaataniif yaadachiisaniiru.
Waldichi ayyaana irreechaa ilaachisuudhaan balbala Finfinnee shananirratti dunkaana 250 dhaabuudhaan baazaarii nyaatawwan aadaa kan qopheessu ta’uu kan himu sanyiin, daraggoonniifi hirmaattonni ayyaanichaa nyaatawwan aadaa dhiyaatan akka nyaatanii quufanii, gammadanii akka galaniif affeeraniiru.
Gaazexaan Bariisaa mootummaa haaraa iftaan hundeeffamurraa dargaggoonni maal akka eeganiifi haala kamiin dhimma nageenyaa, misoomaafi guddina biyyaarratti mootummaa waliin hojjechuu akka qaban miseensota waldichaa gaafateera.
Pirezidaantiin waldichaa Sanyii Idashuu akka jedhutti, mootummaa jijjiiramaa kana gara aangootti kan fide qabsoofi wareegama qeerroofi qarree, ummata Oromooti. Ummatni Oromoo waggoota sadan darban mootummaa kana hinmormine. Kana jechuun gaaffiin gaaffiin siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee qeerroofi qarree akkaumas ummata Oromoo waan deebi’eef utuu hintaane naaf deebi’a jedhee obsaan eeggachaa ture. Ummanni Oromoo mootummaa haaraa iftaan hundaa’u kana sagalee guutuudhaan filachuudhaan carraa lammaffaa kenneeraaf jedha.
Ummatni Oromoo injifannoo wareegama lubbuufi dhiigaan fide dabarsee mootummaa jijjiiramaa kanaaf kennuudhaan waggaa sadiif obsaan isa eeggachaa ture kan jedhu Dargaggoo Sanyiin, amma ammoo sagalee guutuudhaan filachuudhaan waggaa shaniif akka biyyattii akka bulchuuf carraa lammaffaa kenneeraaf. Mootummaa haaraan iftaan hundaa’u kun rakkoolee hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee dargaggootaas ta’e ummatichaa ni fura, gaaffiilee keenyas ni deebisa jennee abdanna.
Mootummaa haaraan hundaa’u gaaffiilee ummata Oromoo lafarra harkifachaa turan furuufi rakkoolee ummataa gad bu’ee dhaggeeffachuufii deebisuufii qaba kan jedhu pirezidaantiin waldichaa, keessumaa rakkoo nageenyaa gara lixaafi kibbaa furuun, dinagdee ummatichaa cimsuun, sammuu dargaggootaarratti hojjechuun, saamicha lafa Oromoorratti raawwatamaa jiru dhaabuun dhimmoota mootummaan xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu ta’uu eera.
Saamicha lafaa keessumaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti raawwatamaa jiru dhaabuuf bulchiinsonni mootummaa Federaalaa, Magaalaa Finfinneefi naannoo Oromiyaa qindoominaan waliin hojjechuu qabu kan jedhu Sanyiin, kufaatii wayyaaneetiif sababa mootummaa jijjiiramaa kanaaf ammoo balbala kan ta’e Maaster Pilaanii Qindaa’aa Magaalaa Finfinneeti.
Kanaafuu dhimmi magaalaa Finfinnee bu’uura heeraafi seeraatiin deebii argachuu qaba. Mootummaa haaraan hundaa’u kun dargaggootaafis carraa hojii bal’aa uumuu qaba jedha.
Dargaggoo Birraa Nurgii Waldaa Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa Damee Holotaafi Naannawaasheetti Durataa’aafi Miseensa Koree Giddugaleessaati. Dargaggoon kun akka jedhutti, mootummaa haaraan Fulbaana 24 bara 2014 hundaa’u gaaffiilee hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee dargaggootaa hedduu ni deebisa akkasumas mirga, hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa ni kabajchiisa, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa ni uuma jennee abdanna.
Miseensonni waldichaa kuma 10 ol ta’anii kallattiilee Oromiyaa hundaafi Magaalaa Finfinneerraa walitti dhufanii hundaa’aniifi dargaggoonni biroonis dhimma nageenya, misoomaafi guddina biyyaa mirkaneessanirratti mootummaa waliin hojjechuu akka qaban kan yaadachiisu dargaggoon kun, ummanni Oromoos mootummaa sagaleesaatiin filatee gara aangootti fide kana cina dhaabbachuu qaba jedha.
Mootummaa haaraan iftaan hundaa’us gaaffiilee hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee ummatni Oromoo waggoota dheeraaf kaasaa ture deebisu akkasumas mirga, eenyummaafi faayidaa ummatichaa kabachiisuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu dubbata.
Nuti mootummaa malee, mootummaan nu malee lachuu walmalee jiraachuu hindanda’an hindanda’an kan jedhu Dargaggoo Birraan, kana yoo jennu dargaggoonnis ta’e ummatni Oromoo mootummaan har’uma hundaa’ee rakkoolee hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee keenya nuu deebisa jennee eeguu utuu hintaane obsa guddaadhaan eeguun barbaachisaadha.
Waanti hundi adeemsa keessa sirrataa deema. Mootummaan jijjiiramaa kun erga gara aangootti dhufee waggaa sadii ta’eera. Waggoota sadanitti wantoonni hedduun sirrachaa jiru. Mootummaa haaraan sagalee ummataa guutuu argatee filatameefi iftaan hundaa’u kun ammoo rakkoolee hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee dargaggootaas ta’e ummata Oromoo ni fura jennee amanna jedha.
Mootummaa haaraan hundaa’u kanarratti waraanni kallattii sadiin banameera kan jedhu dargaggoon kun, inni jalqabaa waraana kallattiidhaan gareen ABUT baneedha. Inni lammaffaan qaama hidhatee bosona jiruufi siyaasi biyyattii akka hintasgabboofne barbaaduudha.
Inni sadaffaan ammoo yaalii humni alaa Misir wajjin taasisaniidha. Qaamoleen sadan biyyattii nagaa dhorkanii jilgeenfachiisuu waan barbaadu. Yaaliiwwan qaamoleen sadan kallattiidhaanis ta’e al kallattiidhaan taasisaa jiran fashaleessuuf dargaggoonniifi ummanni keenya mootummaa sagalee guutuun filatee gara aangootti fide kana cina dhaabbachuufi gargaaruu qabu.
Mootummaa sagalee guutuun filannee gara aangootti fidne ofii hineeggannu, hindeggerru, cina hindhaabbannu taanaan mootummaanis gaaffiilee keenya gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin ka’an deebisuu hindanda’u jedha.
Ummatni keenya yeroo ammaa rakkoo nageenyaafi qaala’ina dinagdeetiin daran miidhamaa jira kan jedhu dargaggoon kun, mootummaanis rakkoolee kunneen tasgabbeessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Rakkoon nageenyaafi qaala’ina jireenyaa kun dafee hinfuramu taanaan rakkoo kanarra hammaatutu mudachuu mala.
Kanaafuu mootummaan haaraan hundaa’u kun keessumaa rakkoolee nageenyaafi qaala’ina jireenyaa furuufi dinagdee dargaggootaa fooyyessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Dargaggoonnis ta’e ummanni wantoota mootummaarraa eeggatu hunda obsaan eeggachuufi nageenya naannoofi biyya keenyaa kabachiisuurrattis mootummaa qindoominaan hojjechuu qabna jedha.
Kanaan duras taanaan mootummaan dargaggoonni IMXdhaan gurmaa’anii tajaajila qarshii liqii, iddoo itti omishaniifi gurguran akka argataniifi carraa hojii akka uummataniif tattaaffii cimaa taasisaa tureera.
Carraa argatanitti fayyadamuudhaan dargaggoonni hojiilee xixiqqaa gara garaarraa ka’anii milkaa’anii gara abbaa qabeenyaafi investaraatti ce’an akkuma jiran kanneen utuu hinmilkaa’in hafanis hedduudha.
Dargaggoonni keenya hojii utuu hintuffatin hojii xiqqaarraa ka’anii sadarkaa guddaarra ga’uu akka danda’an sirriitti hubachuu qabu. Mootummaa haaraan hundaa’u kunis dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu danda’uu qaba jedha.
Dargaggoonni mootummaa waliin mootummaanis dargaggoota waliin hojjennaan rakkoo hojidhabdummaa keessaa ba’uun ni danda’ama. Rakkoo hojidhabdummaa kana dhabamsiisuuf aadaa hojii keenyaa fooyyeffachuufi ilaalchi hojii tuffachuu keenyaa cabuu qaba.
Hojii kamuu utuu hintuffatin gad jennee hojjechuudhaan bor sadarkaa guddaarra ga’uu akka dandeenyu amanuufi beekuu qabna. “Hanga warraaqan warqee argatu” jedha Oromoon.
Nutis hanguma warraaqnu warqii arganna ykn wayitii baana. Mootummaan dargaggoota gargaaruuf tarkaanfii tokko yoo tarkaanfate isaan ammoo tarkaanfii lama sadii tarkaanfachuu qabu jedha Dargaggoo Birraan.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014