Pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa Obbo Dirribii Damisee goota dacheen Aanaa Iluu Galaan deesse, kabajamuu eenyummaa Oromoof nama gatii qaalii kaffalaa turaniidha.
Qabsoo eenyummaafi Oromummaatti cimanii akka guddataniif sababa kan ta’eef du’a Jeneraala Taaddasaa Birruu raadiyoodhaan dhagahuufi Hayilee Fidaa wajjin hidhamuusaaniiti.
Bara Dargii keessa wayita Hayilee Fidaa faana hidhaa turanitti kitaaba seenaa dubbisuu akka qaban Hayileen isaan gorsaa turuu himu.
Guyyuma guyyaadhaan mana hidhaatti qindeessummaa Hayileetiin kitaaba seenaa dubbisaa irraa barachaa turuu kan himan Obbo Dirribiin, Oromummaatti cimanii akka dhaabataniif sababa kan ta’eef jarreen kanneen ta’uu eeru.
Dhagaa bu’uuraa isaan qabsoof buusan har’a Qeerroofi Qarree kumaatama horachuun duudhaan, aadaafi Oromummaan lafa dhokatee akka bahu taasisaniiru.
Miirri Oromummaafi quuqamni Oromoof Obbo Dirribiin qaban qabsoo ilmaan qaaleyyii Jeneraal Taaddasaa Birruufi Hayilee Fidaatiin waan qoraafamaniif qabsoo hedduu keessa darbanii har’a Irreecha malkaa Araddoo Tufaatti kabajachuuf qaqqabuusaanii gammachuun ibsu.
Jaarraa tokkoofi walakkaa Oliif Ummanni Oromoo duudhaasaa ganamaa, afaansaa, aadaafi eenyummaasaa akka hinguddifanne cunqursaa hadhaa’aafi obsa fixachiisaan irra gahaa turuu ragaaleen seenaa ni mul’isu.
Cunqursaan hammam hammaatus ummanni Oromoo ciniinnatee duudhaaleesaa eegee har’aan keessaa kabajni ayyaana Irreechaa isa tokko.
Ummatichi wayita duudhaasaa kana kabajachuuf socho’utti akka yakkamaatti ilaalamee ajjeefamaa, hiraarfamaafi biyyaa baafamaa tureera.
Kanneen hunda booda haalatti Irreechi deebi’ee eegalames Obbo Dirribiin oggaa yaadachiisan, “Bara 1992 namoonni muraasa 15 hincaalle Hora Harsadiitti irreeffachuuf qarshii walitti buusnee uffata abujadiirratti irreechi mallattoo nageenyaafi tokkummaa ta’uufi dukkana gannaa keessaa gara booqaa birraatti cehuu keenyaaf uumaa galateeffachuuf wayita deemnutti humnoota poolisiin reebamaa turre” jedhu.
Kaan ajjeefameera kaanimmoo qaamnisaa hir’atee hanga ammaa okkolaa jiraachuufi Irreechi bu’aa bahii ulfaataa keessa darbee as ga’uus ni eeru.
Callee shamarran keenya ittiin miidhaganii Irreecha deemaniinillee dhabnee shiboo ibsaa diimaa gurraachaafi adii akka calleetti marree aadaan ganamaa sun akka deebi’u sochii taasisaa turre kan jedhan Obbo Dirribiin, kan Hora Harsadiif osoo dhiibamnuu, osoo duunuu, qaamaa hir’annu, Horri ganamaa Araddaa Tufaa Araddoo (Finfinnee) mootummaa jijjiiramaa deebi’ee saaqamuun waan ajaa’ibaa ta’uu kaasu.
Irreechi Hora Finfinnee, Araddaa Tufaa Araddoo kun barana yeroo 3faf kan irreeffatamu yoo ta’u, seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.
Kabajniifi ulfinni bakkichaaf malu olaanaadha kan jedhan Obbo Dirribiin, wiirtuu kana deebisuuf dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’eefi lafeensaanii caccabe kabaja qaba.
Irreechi Hora Finfinnee baranaa weelleedhaan, ragadaan, dhiichisaafi uffata aadaatiin dabaalamee bifa miidhagaadhaan akka kabajamu hawwii qabanis ibsanii, Oromoonis duudhaasaa kana kabajee naamusaan gaggeeffachuu akka qaban dhaamu.
“Irreechi Hora Finfinnees ta’e kan Harsadii kan gammachuu, eebbaa, bara dhiigni itti hindhangalaane, bara tokkummaan Oromoo itti dhugoomu, bara manni hingubanne, namni hinduune nuuf haata’u” jedhan.
Waasihun Tkileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014