Caffeen Oromiyaa, Caffee sirna Gadaa bu’uura godhachuun aadaa, duudhaafi seenaa ummata keenyaa kaleessaafi har’aa giddugaleeffachuun naannichatti qaama mootummaa olaanaa isa seera baasu ta’ee guyyaa hundaa’erraa eegalee IMALA waggoota soddomaa ol lakkoofsiseen dhalootaan waljijjiiree sadarkaa har’a irra jirurra gaheera.
Kaleessi hundee irra dhaabbatanii mul’ata boruuf aggaammatan, har’i immoo guyyaa seenaa ittidalagan waan ta’eef, hundeeffama Naannoo Oromiyaa ka’umsa godhachuun guddina gama siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaatiin har’a irra geenye keessatti Caffeen Oromiyaa imala hanga ammaatti taasiseefi injifannoowwan argaman hedduudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Chaartara yeroo Ce’umsaa bara 1983 bahe bu’uura godhachuun Mootummoota Naannolee Hundeessuuf Labsii Lak. 7/1984 baheen naannolee hundaa’an keessaa isa tokko. Labsii kana keessattis, Mootummoonni Naannolee qaamolee mootummaa sadan / Seera baastuu, raawwachiistuufi hiiktuu/ akka qabaatan waan jedhuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaas, kanuma bu’uura godhachuun Heera Mootummaa Naannichaa Yeroo Ce’uumsaa (Labsii Lak. 2/1985) baafatee hojiisaa kan eegale yoo ta’u, caaseffamni qaamoleen mootummaa sadeen sadarkaa naannoorraa eegalee hanga gandaatti jirus Heera kanaan beekamtii argachuun yeroo jalqabaaf hundaa’an. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo kanarraa eegalee maqeeffama Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhuun moggaafame.
Heericha keewwata 46 jalatti aangoon qaama seera baastuufi raawwachiiftuu addaan bahee kan ibsame ta’us, Heericha keewwata 56(2) jalatti qaamoleen lamaanuu qaamni raawachiistuufi qaamni seera baastuu Pirezidaantii Naannichaatiin bakka tokkotti akka hogganaman ibsa.
Bu’uuruma kanaan, moggaasni ‘CAFFEE’ jedhus, qaama lamaaniif waljijjiirraan (interchangeably) tajaajilaa kan ture yommuu ta’u, walmakiinsi qaamolee lamaanii kun Manneen Marii Aanaafi Gandaattis bifuma walfakkaatuun Bulchaan Aanaafi Gandaa walitti qabaafi gaggeessaa Koree Hojii Raawwachiistuufi Manneen Marii Aanaafi Gandaa ta’uu eera.
Sababa walmakiinsa hoggansaa kanaan hojii qaamolee lamaanii gargar baasuun rakkisaa ta’uurraa darbee caalaatti gara hojii raawwachiistuutti xiyyeeffachuun hojiin qaama seera baastuu xiyyeeffannaa gahaa akka hinarganne taasisee ture.
Kunis, Caffeen waggaatti al lama walgahee gabaasa raawwii hojii qaama raawwachiistuun qophaa’erratti murtii kennuurraa kan hafe qaamni hojii bakka bu’ummaa hojjetu kun raawwii hojii qaamolee mootummaa karaa idilaa’een hordofuufi to’achuuf gurmaa’ina ofiisaa waan hinqabneef, hojii bakka bu’ummaa ummataa fudhate kana gahumsa guutuun dirqamasaa bahachuu irratti qaawwii bal’aan kan tureefi rakkoon walmakiinsa aangoo qaamolee lamaanii kun furmaata osoo hinargatiin hanga bara 1994tti ittifufuun ni yaadatama.
Caffeen yeroo ce’umsaa kun bara 1985 irraa eegalee hanga 1987 filannoo biyyaalessaa marsaa 1ffaa gaggeeffamuutti ittifufuun Yaa’iiwwan adda addaa gaggeesseen seerota 8 baasuufi caasaa isa hojjachiisuu danda’u diriirsuun, karooraafi baajata mootummaa raggaasuu dabalatee murtiiwwan adda addaa dabarsuun mootummaa dhaabbataa hundaa’eef aangoo dabarsuun hojiisaa xumure.
Caffeen bara Hojii 1ffaas, Naannoo Filannoo 177 Oromiyaan yeroo sana qabdurraa miseensota lama lama filatamaniin teessoo 354 qabu keessaa, buufata filannoo tokko irraa namni tokko qofti filatamuun teessoo 353n (dhiira 341 (% 96.6), dubartoonni 12 (%3.4), Waxabajjii Bara 1987 Yaa’ii Duraa gaggeesseen Heera Mootummaa Naannichaa raggaasuun hojiisaa jalqabe. Heerri Mootummaa Naannichaa ragga’e kun rakkoo walmakiinsa aangoo qaamolee lamaanii ture sana hiikuuf hindandeenye.
Caffeen kun, mootummaa dhaabbataa naannichaa yeroo jalqabaaf kan hundeesseefi turtiisaa waggoota shanan (1987-1992) keessattis seerota 36 kan tume yommuu ta’u, kanneen keessaa seeronni 19 gurmaa’iina irratti kan xiyyeeffataniifi 17 immoo seerota hojimaata, bajata raggaasuufi dhimmoota waliigalaa irratti xiyyeeffatan baasuun hojiisaa xumure.
Caffee bara Hojii 2ffaa, filannoo bara 1992 gaggeeffameen naannoo filannoo 179 Oromiyaan qabdurraa, miseensota sadii sadii filatamaniin teessumni Caffee gara 537 (dhiira 467 (%86.9) dubartii 70 (%13.1)tti akka ol guddatu ta’ee, Yaa’ii Hundeeffamaa Fulbaana 27-28 Bara 1993 gaggeessuun hojiisaa jalqabe.
Caffeen kun, hanga bara 1994 Heerri Naannichaa fooyya’utti bifuma baratameen qaamoleen lamaan pirezidaantii naannichaan hoogganamaa kan turan ta’us, walmakiinsi aangoo qaamolee kanneenii qorannoo gaggeeffameen hojii irratti rakkoo uumuunsaa hubatamee qaamoleen kun (qaamni seera baastuufi seera raawwachiiftuu), Yaa’ii Ariifachiisaa 1ffaa Onkoloolessa 18 bara 1994 Heerri Naannichaa Labsii Lak. 46/1994n akka fooyya’u taasifamee, Heericha Keewwata 46 jalatti ammoo aangoofi hojii qaamolee mootummaa lamaanii addaan baasuun irra deebiidhaan bifa haarawaan gurmaa’inni qaamolee mootummaa /qaama seera baaftuu, raawwachiiftuufi hiiktuu/ ta’ee akka ijaaramu taasifame.
Heera fooyya’e keewwata 50 jalatti immoo, qaamni seera baaftuu naannichaa maqeeffama ‘CAFFEE MOOTUMMAA NANNOO OROMIYAA’ jedhuun akka waamamu ta’ee, Caffeen, gurmaa’ina mataasaa (Afyaa’iifi I/A/Afyaa’ii, Koreewwan Dhaabbiifi gurmaa’inawwan biroo) akka qabaatu akkasumas, Labsii Waajjira Caffee Oromiyaa hundeessuuf bahe lak. 47/1994n Waajjirri Caffee Oromiyaas addatti of danda’ee akka hundaa’u taasifame.
Bu’uuruma kanaan, Caffeen gurmaa’inawwan adda addaa kan akka Koree Qindeessituu Caffee, Koree Mari’achiiftuu Caffee, Koreewwan Dhaabbii Caffeefi kkf Labsii Akkaataa Gurmaa’iinsa, Hojiifi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 55/1995n seeraan yeroo jalqabaatiif addatti akka gurmaa’u ta’e.
Gurmaa’ina Koreewwan Dhaabbii Caffee yeroo sanaa ilaalchisee, Koreewwan Dhaabbii sadii (3) (Koree Dhaabbataa Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa, Dhimma Dinagdeefi Hawaasummaa) kan miseensota 42 (dhiira 35 (%83.3)fi dubartii 7(%16.6)) of keessaa qabu yeroo jalqabaatiif hundeessuun hojiin hordoffiifi to’annoo kurmaana kurmaanaafi Yaa’iin Caffee immoo waggaatti yeroo lama bifa idilaa’een akka gaggeeffamu taasifame.
Walumaagalatti Caffeen kun turtiisaa waggaa shanii keessatti, Yaa’ii Idilee 11fi Ariifachiisaa 1 taa’uun seerota 68fi murtiiwwan adda addaa dabarsuun bara hojiisaa xumure.
Caffeen bara Hojii 3ffaa, bu’aa filannoo biyyaalessaa Caamsaa 1997 gaggeeffameefi filannoo itti guutinsaa Ebla 2000 gaggeeffameen miseensota sababa adda addaan harca’an 20 filachuun teessoo Caffichaa guutuu taasisuun naannoo filannoo 179 irraa miseensota sadi sadii filatamaniin 537 (dhiira 341 (%63.5), dubartii 196 (%36.5)n kan hundaa’e yommuu ta’u, haata’uutii Caffee bara hojii 3ffaa kana keessatti paartiileen siyaasaa shan hirmaachuun waliigalaan teessoon 137 (%25.7) paartiilee morkattootaan kan qabame ture.
Caffeen kun, yaa’ii duraa Fulbaana 26- 28 bara1998 gaggeesseen gurmaa’inasaa Labsii Lak. 55/1994 hojiirra ture Labsii Lak. 106/1998n fooyyessuun baay’ina Koreewwan Dhaabbii sadii turan gara jahaatti akka guddatu taasisuun miseensota korichaa waliigalaan 42 keessaas 11 dubartoota turan.
Dabalatanis, Labsii Lak.153/2001 baheen koreewwan haaraa lama dabaluun baay’innisaanii gara saddeetiitti akka guddatu taasisuun baay’ina miseensota koreewwan dhaabbii 42 tures gara 48tti akka ol guddatu taasifameera.
Hojiiwwan muummeyyii Caffee keessaa ijoon karooraafi raawwii hojii qaamolee mootummaa hordofuufi to’achuu yommuu ta’u, kunis hojiilee bulchiinsa gaarii, olaantummaa seeraafi misoomaa mirkaneessuuf qaamolee mootummaan karoorfamaniifi bajanni hojii kanaaf barbaachisu waggaa waggaan Yaa’ii Caffeetiin ragga’an akkaataa karoorfameen hojiirra ooluusaanii hordofuun hojii xiyyeeffannoo olaanaan kennameefiiu raawwatamaa tureefi jiruudha.
Walumaagalatti, Caffeen kun Yaa’iiwwan Idilee 14fi Ariifachiisaa tokko gaggeesseen, seerota 57fi murtiiwwan adda addaa dabarsuun hojiisaa xumure.
Caffeen bara Hojii 4ffaa, teessoo 537 (dhiira 382 (%71), dubartii 155 (%29)) n, Yaa’iisaa Duraa Hagayya 13 Bara 2002 taa’een Afyaa’iifi I/A/Afyaa’ii filachuun hundaa’uun turtiisaa waggoota shanii keessatti Yaa’ii Idilee 13fi Ariifachiisaa tokko gaggeessee seerota 32fi murtiiwwan adda addaa raggaasuun hojiisaa xumure.
Caffeen bara hojii 5ffaa amma hojiisaa xumures bu’aa filannoo marsaa 5ffaan Hagayya 14 Bara 2007 miseensota 537n (dhiira 285fi dhalaa 252) hundaa’e. Caffeen kun, hundeeffamee waggaa 2ffaa isaatti murtii seena qabeessaafi bu’uura ijaarsa sirna demokiraasiifi mul’ata galma badhaadhina naannoofi biyyaaf daandii kan abuure Yaa’ii Ariifachiisaa 2ffaa Onkoloolessa 13 Bara 2009 taa’een bifa haaraan hoggansa naannichaa (Afyaa’iifi Pirezidaantii) irra deebi’ee filatee hojiisaa ittifufuun, qaanqee qabsoo naannichatti qabateen jijjiiramni bu’uuraa jalqabame gara biyyaattis ce’uun murni shororkeessaa TPLF waggoota 27f saamicha qabeenyaafi dhiittaa mirga namoomaarratti fuulleffachuun of ijaaraa ture ofirraa kan fonqolche ta’uun yaadannoo yeroo dhiyooti.
Caffeen kun, ergamoota guguddoo kennameefiin gama seera tumuu, hojii qaamolee mootummaa hordofuufi to’achuun, bakka bu’ummaa ummataafi Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran hojiisaanii cimanii akka hojjetaniif hordoffiifi deeggarsa barbaachisu taasisuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa tureera.
Kunimmoo, naannoon keenya mirga ofiin of bulchuu Heeraan gonfatte qabatamaan hojiirra oolchuu kan dandeesse qabsoo hadhaawaa tumsa ummataafi hoggansa jijjiiramaan taasifameen jijjiiramni bu’uuraa erga dhufee booda sochiiwwan ijaarsa demokiraasii duudhaa Oromummaafi obbolummaa irratti hundaa’een, rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa kumaatamaan lakkaa’aman tajaajilaaf oolaniin, walqixxummaafi mirgoonni lammiilee akka mirkanaa’aniif qabsoo taasifameen bu’aa qabatamaan argamuu, imaammata, tarsiimoowwaniifi sagantaawwan guddina naannichaa mirkaneessuu danda’anis diriirsuun ummanni gama hundaan fayyadamaa akka ta’uuf hojii ajaa’ibsiisaan hojjetame Gadaa Caffee Bara Hojii 5ffaa kana keessatti waan ta’eef, Caffeen kun Caffeewwan darban irra Caffee carraa qabeessaafi seenaqabeessa jechuun ni danda’ama.
Akka fakkeenyaatti, seeronni fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessaniifi duudhaa Oromummaa ganamaatti nu deebisan Labsiin Kenniinsa Tajaajila Lammummaa Caffeen raggaase isa tokkodha. Kunis, ummanni keenya duudhaa hariiroo obbolummaa qabu ittiin cimsatu keessaa tokko waan ta’eef, duudhaaleen ummata keenyaa kun waan qabuun waldeeggaruu, waliif birmachuu, walbira dhaabachuufi gumaata waliif taasisuudha.
Gama biraatiin, Oromoon Sirna Gadaasaa keessatti dhibdee qabu furata, bu’uura duudhaafi aadaa Oromoon dhibdeen jirtu jaarsa buleen furamtee araarri bu’a. Aadaan kun deebi’ee akka gabbatuufi lafa qabatuuf ummanni keenyas duudhaasaa ganamaatti deebi’ee waldhabdee qabu ofiin akka furatuuf beekamtii seeraa qabaatee akka gabbatuuf Labsiin Mana Murtii Aadaa Hundeessuuf bahe adda durummaan kan ilaalamuudha.
Duudhaaleen kunniin, Sirna Gadaa keessatti hariiroo hawaasaa cimsuuf Oromoon kan ittifayyadamaa jiru kana seeraan akka deeggaramuuf Caffeen Oromiyaa xiyyeeffannoo olaanaa kennuun qaama hojjechaa tureefi ittis milkaa’eedha.
Hojiwwan hordoffiifi to’annoon bifa idilaa’eefi idileen ala Caffichaan hojjetamaa tures bu’aa qabatamaa sadarkaalee hundatti gumaachuu danda’eera. Keessattuu, pirojektota rakkoo hawaasa keenyaa furuu danda’u jedhamee karoorriifi bajanni hojichaaf malu Caffeedhaan ragga’aa ture, garuu immoo aadaan jalqabanii xumuursisuu waan hinbaratamneef pirojektonni buleeyyii umuriin raagan rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uun gaaffii hawaasa keenya hundaa turan. Aadaa kana jijjiiruun pirojektonni buleeyyiifi haaraan akka xumuraman taasisuu keessatti Caffeen ergama bakka bu’ummaa ummataa kennameef bu’uura godhachuun sirni hordoffiifi to’annoo akka cimuufi bu’aa qabatamaan akka argamu taasifameera.
Ijaarsa sirna demokraasii keessatti gaheen Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran adda durummaan kan ilaalamuufi hojii xiyyeeffannoo olaanaan itti kennamee hojjetamaa ture keessaa tokko.
Manneen Maree gadii (aanaalee, magaalotaafi Gandoonni) qaama mootummaa hawaasatti dhiyaatanii jiran waan ta’eef, ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhatanii hojjechaa jiraniin hawaasa isaan bakka buufate dhiyeenyatti deeggaruun walqabatees haala mijataa qabu. Kanaafimmoo, gahuumsa ergama kana isaan baachisuu danda’u qabaatanii bu’aa qabatamaafi ergama dhaabbataniif akka galmaan gahaniif humna raawwachiisummaa isaanii cimsuu irratti dabalataan Caffeen deeggarsa meeshaalee taasisaa tureera.
Walumaagalatti Caffeen Bara Hojii 5ffaa kun, hanga ammaatti Yaa’ii Idilee 14fi Ariifachiisaa afur gaggeessuun, seerota 40fi murtiiwwan seenaqabeessa murteessuun Gadaasaa xumuruun Caffee ittaanuuf har’a baallii dabarsa.
Caffeen Oromiyaa, IMALA jalqabe ittifufuun har’a Fulbaana 15 bara 2014 ergama haaraa fudhatee bifa haaraan hundaa’eefi Caffeen bara Hojii 5ffaanis turtiisaa xumuruun Caffee bara hojii 6ffaaf baallii dabarsuuf qophii barbaachisaa xumuree har’a dabarsa.
Waajjira Caffee Oromiyaa
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014