Filannoo waliigalaa marsaa 6fa Waxabajjii 14 bara 2013 ummata miliyoona 38 hirmaachisuun adeemsifame hordofee sagalee caalmaadhaan kan mo’ate Paartiin Badhaadhinaa mootummaa haaraa hundeessuu kunoo har’a, Oromiyaarraa tokko jedhee kan eegale yoo ta’e, sagantaa hanga ammaatti ibsameen Finfinneen Fulbaana 18, Federaalli gaafa 24 bara 2014 bulchiinsaafi mootummaa haaraa akka hundeeffatan ibsameera.
Ijaarsa sirna demokraasii keessatti gumaacha olaanaa kan qaban manneen marii ummataa (akka Oromiyaatti Caffeen) aangoo seeraan kennameef sirna hundeessaafi caassesa qaamolee mootummaa ni raawwatu.
Taatee har’a Fulbaana 15 bara 2014 Adaamaa, Galma Caffeetti raawwatamuunis miseensonni Caffee marsaa 5fan gaggeeffamanii marsaa 6fan ni simatamu. Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa har’a, baallii fudhatee ifatti hojii eegalu kanaan walqabatee moggaasni qaamolee mootummaa sadeen jechuunis kan seera baaftuu, hiiktuufi raawwachiiftuus adeemsifama jechuudha.
Caffee haaraan yaa’ii duraa taa’uun mootummaa haaraa ni hundeessa, afyaa’iifi ittaanaa/tu afyaa’ii, pirezdaantiifi pirezdaantii ittaana/tu akkasumas, pirezdaantiifi pirezdaantii ittaanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaafi miseensota kaabinee ni muuda.
Caffee haaraan har’a hundaa’u kun wixinee labsii gurmaa’ina, naamusa miseensotaafi sirna waliigalaa Caffichaa irra deebiin murteessuuf bahe labsii lakkoofsa 201/2009 akkasumas, wixinee labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuu, aangoofi hojiisaanii murteessuufi labsii lakkoofsa 199/2008 fooyyessuuf mari’atee raggaasisuun hojiisaa kan eegalu ta’a.
Egaa yeroo biyyi rakkoolee adda addaatiin xaxamtee jirtu kanatti kan hundeeffame mootummaa haaraan hojmaatawaan baramoo sochiilee hawaasummaa, dinagdeefi hawaasummaa naannichaa takaalanii qaban ciree ummata isa abdatee sagalee guutuudhaan filate nageenya naannichaa mirkaneessuu dabalatee gama hundaan garaa ga’uuf gamanummaa of qopheessuu qaba.
Hunda caalaa akkuma irranatti eeruu yaalle mootummaan naannichaa nageenyi ummataa guutummaatti mirkaanaa’ee manii badhadhinaa qabame bira milkaa’inaan akka gahamuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechuu qaba.
Kanaafis mootummaa haaraan kun gaaffiilee ijoo ummanni waltajjiilee argate hundatti kaasaa tureef ummatichuma wajjin ta’ee tokko tokkoon deebisuuf k u t a t t u m m a a d h a a n hojjechuu qaba. Hudhaalee akka bulchiinsa gaariifi ilaalchota tarkaanfachiisoo hintaaneefi ummata Oromoos ta’e kaan hinmadaalle kamuu seecca’ee dhabamsiisuunis hojmaneesaa jalqabaa ta’uu qaba. Tarkaanfiin fudhatus keessumaa nageenya m i r k a n e e s s u u r r a t t i tarkaanfataa, waaraafi cimaa ta’uu qaba.
Ummannis mootummaa eeyyamaafi fedhiisaatiin na bulcha jedhee filate maddii hiriiruun gama hundaan utubuu qaba. Qaamoleen siyaasaa maqaa ummataatiin socho’anis keessumaa nageenyi dheebotame akka dhugoomuuf sochoosaanii kamuu karaa nagaafi nagaa qofa gochuun imalli tokko jedhamee eealame kun akka milkaa’uuf tattaafachuu qabu.
Hundaafuu mootummaa haaraa Oromiyaa har’a, Fulbaana 15 bara 2014 hundaa’eef imala waggoota shanii milkaa’aa hawwina.
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014