Bu’aa ba’ii jireenya dhala namaa keessatti daandiin dheeraafi dadhabsiisaan addunyaa barnootaati. Namni tokko baratee sadarkaa olaanaarra qaqqabuuf yoo xiqqaate waggoota 15 mana barnootaa keessa turuu qaba. Haala qabatamaa amma magaalota keessa jiruun ammoo waggoota 18-20tti mana barnootaa keessa ni tura.
Kanarraa ka’uun daa’imni tokko gaafa barnoota eegalu ykn eegaltu “fiixaan si haa baasu” jedhanii eebbisu. Adeemsa dheeraa boodas gaafa barnoota sadarkaa olaanaa seenanii barnoota xumuranii eebbifaman gammachuun mul’atu olaanaadha. Maatiin waan qabu walitti qabe guyyaa eebba ilmoosaa miidhagsuuf waan hingoone hinqabu.
Inni qabu baankiidhaa baafate, inni hinqabne sangaasaa gurguree guyyicha miidhagsaaf. Waan ofii uffate hinbeekne, kan ofii hinqabanne hunda dhalasaatiif gochuurraas boodatti hinjedhu. Inni ykn isheen eebbifamtus guyyicha hawwii olaanaadhaan eeggachuun haala adda ta’een of qopheessa/qopheessiti.
Guyyicha isa/ishee eebbifamtu mitii maatiifi firriyyuu daandii dheeraa qaxxaamuranii deemanii irratti argamu. Waliigala guyyaan eebbaa guyyaa gammachuu dhala nama keessaa isa olaanaadha yoo jedhame dubbii arbeessuu hinta’u.
Hikmat Fadluus akkuma nama kamuu yommuu umuriinshee barumsaaf ga’u mana barnootaa seente. Barnootashees qabxii olaanaadhaan xumuruun waggoota sadii dura Yunvarsiitii Odaa Bultum seenuun akaakuu Barnootaa Akkaawuntiingii barattee qabxii olaanaa galmeesisuun xumurte.
Isheenis guyyaa eebbashee hawwiidhaan eeggachaafi ittiqophaa’aa turtee, guyyicha ganamaan qophooftee bakka eebbi itti adeemsifamu deemte. Qabxii olaanaa waan galmeessiteefis akka badhaafamtu beektee gammachuudhaan achitti argamte.
Turtiiwwan daqiiqaa 30n booda garuu sagantaa hawwiidhaan eeggachaa turterratti akka hinhirmaanne ishee dirqisiisutu uumame; dirqama uumamaa. Hikmat ulfaa guutuu yerooshee fixxee guyyaa da’umsashee eeggattu turte.
Ciniinsuun sagantaadhaan hindhufnes ganamuma guyyaa eebbashee ishee eegale. Yommuu galma eebbaa geessu garuu itti hammaannaan gara mana yaalaa geessan. Gaafa barattoonni sagantaasaanii xumuran Hikmat ammoo ilma deessee Hospitaala Ciroo ciiste.
Yommuu badhaasaaf waltajjiirraa maqaanshee waamamu isheen hinjirtu. Hiriyoonnisheefi barattoonni biroo ishee beekan ishee arganii ganamasaa galma keessatti arganii waan turaniif achi baatee badhaasashee fudhatti jedhanii harka dha’aniifis Hikmat ba’uu hindandeenye.
Yommuu kana akka ciniinsuun qabee gara mana yaalaa deemte dhaga’ame. Keessummaan kabajaa guyyichaas shamarree qaxaleen tun barbaaddee guyyaa eebbasheerraa haftee badhaasashee hinfudhatiin akka hinhafne hubachuun badhaasaafi qarshii achumatti walitti qabame fuudhanii Hospitaala Ciroo deemuun taateewwan lamaaniin jechuunis barumsashiifi da’uushiitti ishee eebbisan, (harka fuudhaniin) Pirezdaantii Ittaantuun Oromiyaafi walittiqabduun boordii yunvarsitichaa Aadde Caaltuu Saanii.
Turtii gabaabaan Gaazexaan Bariisaa taatee guyyichaafi muuxannoo jireenyashee dubbistootasaatiif qooduuf Hikmat waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Hikmaat dhalattee tan guddatte Godina Harargee Bahaa, Aanaa Dadar, Magaalaa Qobbootti yoo ta’u, jireenyishee garuu Magaalaa Karra Miilleetti.
Barnootashee sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas bakkuma dhalootasheetti kan baratte yoo ta’u, barattuu qaxalee akka turteefi yeroosheetti haalaan fayyadamaa turuushee dubbatti.
Deggarsi maatiinshee taasisaafii turanis akka isheen barnootasheetti jabaattuuf carraa uumuufii eertee, haala kanaan qormaata kutaa 12fa qabxii gaarii fiduudhaan Yunvarsiitii Odaa Bultum seentee Muummee Barnootaa ‘Business and Economics’ jalatti akaakuu barnootaa ‘Accounting and Finance’ barachuushee himti. Carraan muummee kanatti barachuus bu’uuruma fedhii guutteen ishee qaqqabuufi hawwiishee turuus ni ibsiti.
Turtii yunvarsiitii keessattis amalli yerootti fayyadamuushee ittifufee haalaan barnootashee hordofuun qabxii 3.8 galmeessisuu danda’uushee kan ibsitu eebbifamtuun tun, kutaa barnootaa sirriitti hordofuu, barsiisaa dhaggeeffachuufi yeroo argametti osoo of hindhiphisiin dubbisuun hojiishee guyyuu akka ture kaasti.
“Yeroon yunvarsiitii itti seenan keessumaa yeroo itti maatiirraa fagaatanii jireenya qofaa itti eegalan waan ta’eef daran rakkisaafi qormaatiwwan addaddaatiin kan guutameedha. Wantooti kaayyoo ofiirraa nama kaasuuf gufuu namatti ta’an baay’eedha.
Ta’us durumaa nama kaayyoo taanaan haalonni kamuu bakka yaadderraa sin hambisan. Haalota na dogoggorsanitti qalbii koo kennuu dhiiseen barnootakoo qofarratti waanin fuulleffadheefin milkaa’e” jetti.
Utuu barnoota yunvarsiitii hordofaa jirtuu bultoo kan dhaabbatte Hikmat, bara barnootaa 2013 ammoo ulfaan dabarsuushee yaadattee, keessumaa yeroon ulfaa dadhabsiisaafi mijataa kan hinturre ta’us yeroo mara sababni kamuu bakka yaadde ga’uurraa akka ishee hindhorkineef waan tattaafattuuf injifannoon keessa ba’uushee ibsiti.
Keessumaa yeroo tokko yommuu dadhabbiin itti dhaga’ametti deggarsi abbaa warraasheefi maatiishee hamilee akka ta’uuf kaastee, haala kamuu keessatti jabaatanii hojjennaan wanti bira hindarbamne akka hinjirre dubbatti. Taatee guyyichaa wajjin walqabatees maqaa mucaashee Eebbaa jettee moggaasuushees ni himti.
Shamarri tokko utuu barattuu yoo heerumte yeroo baay’ee namoonni akka waan isheen karaatti haftee, kaayyooshee bira hingeenyeetti akka yaadan eertee, ta’us kaayyoo qabaannaan shamarran kennaa addaa ittigaafatamummaa lama sadii ba’achuu waan qabaniif heerumni sababa karaatti hafuu hinta’u jetti.
Ciminashee kanarraa barattoonni kaanis akka barataniif akka gorsiituufi waan humnashee akka deggartu kan dubbattu Hikmat, caalaatti ammoo shamarran ofiisaaniitiin kaayyoo ofii bira ga’uuf miira “nan danda’a” of keessatti uumuu akka qaban dhaamti.
Barsiisaa Hikmatiifi Diiniin Kolleejii ‘Business and Economics’ Abdallaa Ahmad yaada nuu kennaniin, Hikmatiin waggaa tokkoffaarraa eegalee kan barsiisan yoo ta’u barattuu cimtuufi amala gaarii qabdu akka turte ibsu.
Amalasheetiin qaaneffattuufi kan baay’ee hindubbanne taatus barnootarratti cimtuu ta’uushee qabxii isheen galmeesisterraa hubachuusaanii yaadatanii, akaakuu barnootaa isaan barsiisaniin qabxii gaarii galmeesisnaan barsiisoti biroollee barattuu tana hubachuusaanii gaafachuufi barnoota kaanittis qabxii gaarii fiduushee akka baran ibsu.
Hikmat nama kaayyoo olaanaa qabduufi kaayyooshee sana milkeeffachuufillee tattaafattu akka turte eeranii, fuulduraafis bakka guddaa ni geessi jedhamtee tan abdatamtuudha jedhu. Keessumaa barnoota waggaa sadaffaashee garaatti baattee waan hordofaa turteef haalonni tokko tokko mijachuufii baatanis, jabinashee osoo hindaangessiin qabxii olaanaadhaan eebbifamuu danda’uushee himu.
Guyyaa eebbaas akka isheen hirmaattutti kan beekan barsiisich, gidduutti garuu bilbilli itti bilbilamee akka ciniinsuun ishee qabe dhageenyaan ambulaansii waamsisanii gara hospitaalaatti ergisiisuufi boodarras nagaadhaan hiikamuushee dhaga’uu ibsu.
Barattuu Hikmat akka barattoota kanaan dura qabxii olaanaa fidanii yunvarsiitichatti carraa barsiisuu argatanii mindeeffamaniitti akka yunvarsitichatti haftus hawwii qabaatanis barana bu’uura qajeelfama Ministeerri Barnootaa baaseen barattootti qabxii olaanaa qaban yunvarsiitii barbaadanitti dorgomanii akka mindeeffaman jedhuun isheenis dorgommiif kan dhihaattu akka ta’e ibsu.
Pirezdaantii Ittaantuun Oromiyaa tibbana wayita Gaazexaa Bariisaa waliin gaafdeebii taasisan taatee guyyichaa ilaalchisuun yaada nuu kennaniin, barattuu Hikmat guyyaa eebbashee gaafa badhaasaaf waamamtu ciniinsuun qabee gara mana yaalaa deemuu dhaga’uusaanii kaasanii, gaafa sagantaan xumurumu bakkasheen ciiftee jirtutti badhaasasheefi kennaa achumatti walitti qabame fuudhaniifi akka deeman dubbatu.
Murtoo kana kan murteessanis keessumaa yeroo baay’ee shamarran musliimaa heerumnaan gara barnootaatti deebi’uun daran waan hinbaratamneef akkasumas cimina barattuu kanarraa shamarran kaanis waa haa barataniif jecha ta’uu ibsu. Kana malees shamarreen tun waan ciniinsuun ishee qabeef eebbashee addaan kuttee gawaanii ofitti baaftee deemtee dirqama uumamaa ba’atteef caalaatti badhaafamuu qabdi malee, saganticharraa dhabuusheetiif hamileenshee tuqamuu waan hinqabneef hopitaalatti badhaasashee geessuufiisaanii kaasu.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014