Ayyaanni Masqalaa tibba birraa Ayyaana Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadee dura kabajama. Ayyaanonni lamaan tibba birraa keessa Fulbaana keessa kabajamu. Hariiroo ayyaanonni lamaan waliin qaban Abbootiin Gadaafi Hayyoonni akka armaan gadiitti ibsu.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa Ayyaana Masqalaa ilaachisuudhaan Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Oromoon birraafi Ayyaana Masqalaa bifa addaatiin ilaala. Ayyaanni Masqalaa yeroo ammaa gara amantaatti maxxanfamee haa ilaalamu malee Oromoon akka aadaatti ilaala.
Ayyaanni Masqalaa Ayyaana Irreechaa waliinis hidhata guddaa qaba. Oromoon ayyaanota lamaan bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti ce’uusaa ilaachisuun Fulbaana keessa kabaja. Oromoon Ayyaana Irreechaatiin dura Masqalatti (Mijjiriitti) irreeffata. Borumtaa ayyaana Masqalaafi Irreechaatti ammoo guluffii fardaatu adeemsifama. Taateewwan kunneen wantoota Ayyaana Masqalaafi Ayyaana Irreechaa walitti hidhan keessaa muraasa ta’uu himu.
Ayyaana Masqalaarratti taateewwan Aadaa Oromoo ibsan hedduutu raawwatamu kan jedhan Obbo Kabbadaan, fakkeenyaaf foolleen (kan umurii 17 hanga 24 gidduu jiru) kan sirba itti eegalu Ayyaana Masqalaarratti.
Ayyaanni Irreechaa Ayyaanni Masqalaa darbee torbansaatti kabajama. Barii ayyaana irreechaas guluffii fardaatu jira. Waluaagalatti Ayyaanni Masqalaa Oromoodhaaf aadaadha. Kanaafuu Ayyaanni Masqalaafi Irreechaa ibsituu aadaa Oromooti jedhu.
Ayyaanni Masqalaafi Irreechaa ayyaanota eenyummaafi aadaa Oromoo ibsuu keessatti gahee olaanaa qaban ta’uu himanii, ayyaana Masqalaatti maqaa adda addaa maxxansuudhaan kan amantaa fakkeessuun ni mul’ata. Ayyaanichi garuu aadaa Oromoo waliin hidhata guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Hayyuu Gadaa Tuulamaafi Gorsaa Abbootii Gadaa Naggasaa Nagawoo Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Ayyaanni Masqalaa (ifaa) tibba birraa kan kabajamu hangafa ayyaana Oromooti.
Waqtii ayyaanni kun itti kabajamu midhaan ni asheeta, abaaboon ni daraara, lagni hir’atee firri ganna walitti ce’uu dadhabe kan itti wal arguudha. Ayyaanni Masqalaa fira biyya keessaafi biyya alaa walitti fidee torbansaa ammoo ayyaana Irreechaas akka waliin kabajan kan taasisu mootii ayyaanaati jedhu.
Ayyaanni Masqalaafi Irreechaa aadaafi duudhaa Oromoo ibsuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhan hayyuun kun, waqtii ayyaannonni lamaan kabajaman kanatti nama dhiisnaan boftiifi allaattiiwwan akka cululleefi joobiraa ganna ijaan hin argine itti arganitti kan kabajaman ayyaanota Oromoo gurguddoodha. Ayyaanonni lamaan waqtii namoonni beelaafi rakkina keessaa ba’anitti kabajamu. Waqtii ayyaanonni lamaan itti kabajaman midhaan asheetee nama dhiisnaan simbirroonniyyuu nyaatanii yeroo itti quufaniidha. Kanaafuu ayyaanni Masqalaafi Irreechaa hidhata guddaa waliin kan qaban ta’uu himu.
Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa akka jedhanitti, Ayyaanni Masqalaa Oromoo biratti ayyaana guddaa ykn mootii ayyaanaa jedhamee beekama. Ayyaanni kun waqtii midhaan faca’e itti daraaruufi asheetutti waan kabajamuuf yeroo itti namniifi beelladoonni marga nyaatanii itti quufaniifi gabbataniidha. Oromoon yoo mammaaku “Masqalliifi galgalli waakkii hinqabu” jedha. Kana jechuun inni hinqabnellee isa qaburraa yeroo itti waa argachuu danda’uudha.
Ummanni Oromoo ayyaana masqalaarratti nyaatawwan aadaa adda addaa qopheeffatee maatii, ollaafi firoota waliin nyaata kan jedhan Abbaan Gadaa kun, ayyaanicharratti sirboonni aadaa ni sirbamu, dargaggoonniifi shamarran walfuudhanis achitti wal ilaallatu ykn walkaadhimatu waan aadaafi duudhaa Oromoo ibsuu keessattillee gahee olaanaa qaba. Akka Oromoo Tuulamaatti, borumtaa gubaa Masqalaa gugsii fardaatu adeemsifama jedhu.
Walumaagalatti Ayyaanni Masqalaa yeroo quufaafi gammachuu akkasumas barattoonni gara mana barumsaatti dacha’an ykn deebi’aniidha kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, namni gaafa masqalaa hinquufne waggaa guutuu beela’a jedhama.
Kana jechuun ayyaana masqalaatti asheeti waan ga’uuf hundumtuu yeroo itti nyaatee quufuufi torban tokkoo oliif biddeen Leematiirraa hindhabamu. Guyyaa kana horiinillee nyaatanii akka quufan ni taasifama. Kun ayyaanni masqalaa yeroo quufaafi gammachuu ta’uu agarsiisa jedhu.
Ummanni naannawaa yeroo bakka daamaraatti ibsaa qabsiisu (xomboora gubu) beelaafi waraana hamaa nurraa fageessi, yaa Waaqayyo kan baranaan nu geese bara egereenis nu ga’i jedhu. Bakka tokko tokkotti xomboora (ibsaa) Masqalaa ganama gubu ykn ibsu. Arrabnni ibiddaa ykn xomboora gubamuu yoo diimaate, barichi bara waraanaati, yoo duumessa bara qabbanaati, yoo gara mirgaatti garagale ammoo bara qajeelaadha, yoo gara Lixaatti gara gale garuu milkii hinqabu jedhu warri hiika itti kennan. Nutis yeroo ibsaan ibsamu gara arrabnni ibiddaa itti qajeelu hiika kanarratti hundaa’uun ilaalla jedhu Abbaa Gadaa Warqinaan.
Daamaraan muka Ejersaa, Bakkanniisaafi Laaftoorraa dhaabama. Ejersi muka hundaa keessaa jabaadha. Bakkaniifni ammoo qoricha jedhama. Laaftoon ammoo mukoota jiran keessaa ni baay’ata garuu umurii hinqabu. Mukoonni daamaraaf dhaabaman kunneen yeroo hundaa wal bira kan dhaabaman yoo ta’u, ejersi mirgarra dhaabbata. Mukti ejersaa adda jabina, bakkanniisni qorichummaafi laaftoon ammoo hamtuun akkuma daaraa ykn muka laaftoo daftee haa baddu jechuu kan agarsiisu ta’uudha eeru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014