Dhukkuba saree maraatuurraa gara namaatti darbu

Baay’een keenya waa’ee dhibee dhukkuba saree maraattee (RABIES) quba qabna. Dhukkubni saree maraatuu dhukkuba vaayirasii dhaan dhufuufi kan ciniinnaa bineeldota garagaraan gara namatti darbudha.

Dhukkubni kun biyyoota addunyaa mararratti kan argamuufi namoota qabate keessaa haga %99 kan lubbuu galaafatuudha. Dhukkuba kana harka dhibba keessaa 99 ol kan namatti dabarsu saree manaa dhukkuba kanaan qabamte yoo ta’u, kan namatti darbu yoo sareen dhibee kanaan qabamtee maraatte kun nama ciniintuudha.

Akka qorannoowwan tokko tokko ibsanitti biyyi keenya, Itoophiyaan biyyaa dhukkubni saree maaraattee kun itti lubbuu namoota hedduu galaafatan keessaa ishee tokko yoo taatu, wagga tokko keessatti hanga namoota kuma kudhaniifi isaa ol akka qabatu himama.

Dhukkuba saree maraattee kana “saree maraatte” qofatu namatti dabarsaa?

Dhukkubni saree maraattee kun yeroo hedduu sababa sareen namatti dabarsituuf maqaa sareen haa waamamu malee bineeldonni manaafi kan alaa akka: adurree, sa’a, re’ee, waangoo, illeettii, simbira halkanii, qamalee jaldeessaafi kkf dhukkuba vaayirasii kanaan qabaman yoo nama ciniinuun gorora ykn dhiiga isaanii gara qaama namaatti seensisan kan nama qabuudha.

Dhukkuba saree maraatuu kana akkamiin ittisuu dandeenya?

  1. Sareen dhukkuba kanaan akka hinqabamne taasisuu.

Mala kanaan fayyadamuun dhukkuba kana balleessuun lubbuu baay’ee dhukkuba kanarraa kan baraaruufi qarshii hedduu sababa dhukkuba kana yaaluuf karaa ummataan ba’u kan qusatudha. Kanas salphaatti kan gochuun danda’amu, saroota manaa kan ta’an dhukkuba kanaan akka hinqabamne talaallii kennuufiidha.

  1. Waa’ee dhukkuba kanaa hubannaa hawaasaa dabaluufi ciniinnaa saree maraatte ittisuu.

Sareen yoo maraatte akka nama hinciniinne taasisuuf, amala sareen maraatte argisiiftu beekuun barbaachisaadha. Sareen maraatte ykn dhukkuba kanaan qabamte guutummaatti beekuun rakkisaa ta’us mallattoowwan sareen mana tokko akka maraatte agarsiisan keessumaa gara jalqabaatti: sareen haala duraan irraa adda ta’een boqonnaa dhabdee asii achi deemuu, wantoota ykn namootaafi bineeldota duraan hinlolle loluu, yeroo ifti itti ba’uufi sagalee dhaga’an baqachuu fa’i.

Haaluma kanaan yoo dhukkubni kun saree kanatti cimaa deemu bakka dukanaa’aa keessa deemanii dhokachuu, nyaata yoo kennaniif liqimsuu dadhabuu, gorora ykn hancuufa afaaniin gadi cobsuu, dadhabuu (humna dhabuu), wantoota duraan hinnyaatne (hinsooranne) tokko tokko nyaachuufi bishaan yoo argan ykn itti faca’e garmalee baqachuu fa’i. Haaluma kanaan saree mallattoo akka kanaa irratti argine dhukkuba kana carraan dabarsuu ishee ol’aanaa waan ta’eef of eeggannoo taasisuun dirqama.

  1. Talaallii dhukkubicha ittisuuf kennamu hawaasa dhukkuba kanaaf saaxilamaa ta’eef kennuu.

Talaalliin kun utuu namoonni dhukkuba kanaaf hinsaaxilamiin jechuun saree maraatteen hinciniinamiin kan kennamudha. Talaalliin kunis namoota carraan dhukkuba kanaan qabamuusaanii olaanaa ta’e kan akka: namoota laaboraatoorii dhukkuba kana qoratu keessa dalaganii, namoota eegumsaafi kunuunsa bineensotaa irratti bobba’an, daa’imman naannoo dhukkubni kun baay’inaan itti argamu deeman (carraan bineeldota manaa akka saree, adurreefi kkf waliin taphachuu isaanii ol’aanaa waan ta’eef)fi kanneen sababa birootiin bineensota dhukkuba kana dabarsan waliin carraan yeroo dheeraa dabarsuu isaanii ol’aanaa ta’eef kennamuu qaba.

Mallattooleen dhukkuba saree maraatuu maal fa’i?

Saree maraatte haala armaan olitti ibsameen ofirraa ittisuun yoo hindanda’amnefi erga nama ciniintee booda ammoo hatattamaan talaallii fudhachuun yoo hafe, dhukkubni kun nama qabachuudhaan mallattoo gargaraa argisiisa. Sareen dhukkuba kana qabdu erga nama cinniinte booda turtii itti dhukkubni saree maraattee kun mallattoo argisiisu, qaama namaa keessaa bakka sareen ciniinte sanarratti hundaa’a.

Haaluma kanaan bakka sammuu irraa fageeya qabu akka miillaa yoo ciniinte kan turee mallattoo argisiisu yoo ta’u, qaama sammuutti dhiyoo ta’e akka buqqee mataa (head) yoo ciniinte ammoo gara sammuu seenee mallattoo argisiisuuf yeroo gabaabaa qofa fudhata.

Sareen erga nama ciniintee haga dhukkubni mallattoo argisiisutti giddu galeessaan ji’a lamaa haga ji’a sadii kan fudhatu yoo ta’u, haaluma armaan olitti ibsameen torban tokko keessatti dhufuu maluufi haga waggaa tokkoottillee turuu mala.

Erga nama qabatee dhukkubni mallattoo gargaraa argisiisa, kanneen keessaas keessumaa jalqaba irratti; ho’a qaamaa, gubuufi miira akka wawwaraansaa kan naannoo madaatti namatti dhaga’amuu argisiisa.

Ittifufuudhaan yoo gara sammuu seenu mallattowwan akka: amala jijjiiruu, bishaan sodaachuu, qilleensatti ba’uu sodaachuufi kkf argisiisa. Erga mallattoowwan kanneen argisiisee booda dhukkubni kun yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafata, yaalli erga dhukkubni kun nama qabee booda godhamus lubbuu hambisuu hindanda’u.

Namni tokko saree maraatte ykn dhukkuba kanaan shakkamteen yoo ciniiname maal gochuu qaba?

Namni tokko sareen maraatte yokaan lubbu qabeeyyiin biroo dhukkuba kanaan qabamaniin yoo ciniiname /ciniinamte bakka ciniiname sana battalumatti osoo yeroo itti hinkenniin sirriitti bishaan qululluufi saamunaadhaan yoo xiqqaate daqiiqaa 15f dhiquun dirqama, ittifufuudhaan madichaaf eegumsa gochuudha.

Dabalataan hatattamaan gara mana yaalaa deemuun talaallii dhukkubichaaf qophaa’e kan erga sareen nama ciniintee ajajamu fudhachuun dirqama. Talaalliin kunis guyyoota shaniif kan kennamuufi haalli fudhannaasaa daran salphaa kan ta’edha. Guyyoonni shanan talaalliin kun itti kennamus guyyaa jalqabaa, guyyaa 3fa, 7fa, 14fafi 28fa irratti. Haaluma ogeessi fayyaa ajajeen qoricha dabalataa kan immunoogilobulin jedhamullee fudhachuun barbaachisuu mala.

Kanaaf walumaagalatti yoo dandeenye saree manaa talaalsisuu, kun ta’uu baannaan yoo isheen maraatte mallattoo isheen argisiistu ilaaluun akka isheen hin ciniinne ofi irraa eeguu, yoo kun hunduu dadhabame ammoo erga cininamanii hatattamaan gara mana yaalaa deemuun talaallii dhukkuba kanaa fudhachuudha.

Fayyaa hindhabinaa!

 Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You