Natsaannat Taaddasaatiin
Dargaggoo Mikaa’el Tsaggaayee jiraataa Magaalaa Adaamaati. Dargaggoon kun gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen akka jedhutti, baay’ina ummata Itoophiyaa keessaa %70 waan ta’aniif biyyattiin humna kanatti sirnaan fayyadamuu qabdi.
Humni dargaggootaa kun sirnaan qabamee haala barbaadameen hojiirra akka oolu yoo taasifame ijaarsaafi jijjiirama biyyattii mirkaneessuu keessatti gumaacha waan qabuuf mootummaan humna kanatti sirnaan yoo fayyadame jijjiirama guddaa fiduun ni danda’ama.
Barana ‘Information Technology’n eebbifamee hojii barbaadaa kan jiru dargaggoon kun, biyyattiin humna nama baratee bal’aas waan qabduuf kanatti fayyadamuunis jijjiirama guddaa finduun ni danda’ama jedha.
Mootummaan humna dargaggoota barataniitti fayyadamuudhaan omisha qonna biyyattii mala aadaatiin geggeeffamaa jiru ammayyeessuu kan danda’amu ta’uus eereera.
Mootummaan jijjiiramaa kun erga dhufee as dargaggootaaf carraa bal’aan uumamaa jira kan jedhu dargaggoon kun, dargaggoonnis carraa argatanitti fayyadamanii ofiifiisaanii, maatiifi biyyasaanii jijjiiruuf kutannoo cimaan hojjechuu qabu.
Dargaggoonni godaansa gara biyyoota alaatti taasifamu akka carraa dhumaatti fudhachuu utuu hintaane biyyumasaaniitti hojjetanii jijjiiramuu akka danda’an amanuu qabu. Namni kamiyyuu “Nan danda’a, nan hojjedha” jedjhee sammuusaa amansiifnaan hojjetamee jijjiiramuu ni danda’a jedha.
Mootummaanis dargaggootaaf akkaataa damee barnootaa isaan ittiin eebbifamaniinis ta’u bifa biraatiin gurmeessee carraa hojii akka uummataniif haala mijeessuufii qaba kan jedhu dargaggoo Mikaa’el, bu’aa ba’ii dargaggoonni kanaan dura carraa hojii argachuuf ykn uummachuuf keessa darbaa turanis hir’achuu qaba. Mootummaan darggaggoonni hojii dhuunfaasaanii akka uummataniif kana caalaa haala mijataa uumamuufii akka qabus yaadachiiseera.
Mootummaan Fulbaana 24 bara 2014 hundaa’uuf jedhu dargaggootaaf carraawwan hojii bal’aa ni uuma jedheen abdadha. Nuti dargaggoonnis hojjennee of, maatiifi biyya keenya jijjiiruuf of qopheessuu qabna.
Dargaggoonni hojjetanii jijjiiramuuf dursanii sammuusaanii amansiisuufi carraawwan hojii mootummaan mijeessu hundatti fayyadamuu qabu. Waanti hundi yaadarraa ka’a. Yaadni sammuu keessaa madda. Waan yaadaniifi itti amanan hojiirra oolchuun ammoo salphaadha jedha.
Dargaggoonni rakkoolee isaan mudatan hunda obsaan keessa darbanii hojjetanii ofiifi biyyasaanii jijjiiruuf qophii ta’uu qabu kan jedhu dargaggoon kun, yeroo ammaa dargaggoonni baay’een yunivarsitiiwwan mootummaafi dhuunfaarraa eebbifamaa jiru. Dargaggoonni kunneen hojii mootummaa ykn dhuunfaa keessatti mindeeffamanii hojjechuuf eeggachuu utuu hintaane, hojii dhuunfaasaanii uummachuu shaakaluu qabu.
Barattoonni yunivarsitiiwwaniifi kollejoota adda addaarraa eebbifamanii ba’an akkamitti hojii dhuunfaasaanii uummachuu akka danda’anirratti itti yaaduu qabu. baratttoonni kollejotaafi yunivarsitiiwwan adda addaatti barachaa jiranis yeroo eebbifamanii ba’an waan hojjechuu qaban dursanii itti yaaduu akka qaban gorsa.
Addunyaa kanarraa namootni hojii mataasaanii uummatanii dhiibbaa guddaa uumaniifi sadarkaa olaanaarra ga’an baay’eensaanii sadarkaa gadiirraa ka’aniiti kan jedhu dargaggoon kun, hojiin kamuu
kaappitaala xiqqoorraa jalqabee guddachaa deema. Dargaggoonnis hojii utuu hintuffatin kaappitaala xiqqaarraa ka’anii hojjechuun sadarkaa guddaarra ga’uu akka danda’an hubachuu qabu jedha.
Mootummaanis darggaggoota gurmaa’anii carraa hojii uummachuuf ifaajaniif bakka hojii, omishaafi gurgurtaa, akkasumas tajaajila liqii, deggersa maallaqaaf leenjii kennuufiidhaan haaolta mijeessuu ykn deggersa barbaachisu taasisuufii qaba kan jedhu Dargaggoo Mikaa’el, hojjetanii ofis ta’e biyya jijjiiruuf dargaggoonnis ta’e mootummaan gahee irraa eegamu bahachuu qabu jedha.
Humni nama baratee waan hundumaa jijjiiruu danda’a. Kanaafuu dargaggoonni barumsarra jiran hundi barumsasaanii sirnaan hordofuufi waan yeroo barumsasaanii xumuran hojjetanis ammumaa jalqabanii itti yaaduu akka qaban yaadachiiseera.
Biyyi keenyas bu’aa ba’ii hedduu keessa dabartee as geesseetti. Ammaan booda waantonni hundi sirrachaa deemu jedheen abdadha. Dargaggoonnis hojjetanii ofiifi maatiisaanii akkasumas biyyasaanii jijjiiruuf kutannoofi kaka’umsa cimaadhaan hojjechuu qabu jechuun dubbata.
Bara haaraatti waan haaraa eegganna, kun akka nuu ta’uus abdii qabna kan jedhu Dargaggoo Mikaa’el, barri haaraan 2014 dargaggoota, barattootaafi ummata biyyattii maraaf kan nagaa, jaalalaa, gammachuu, guddinaa, milkaa’inaafi badhaadhinaa akka ta’u hawweera.
Bariisaa Fulbaana 1 / 2014