Hudhaan damee atileetiksii quucarsaa jiru karoora ittaanu keessatti buqqa’uu qaba

Adaamaa: Raawwiin karoora seektara ispoortii bara 2013fi koroorri hojii bara 2014 Komishinii Ispoortii Federaalaa kaleessa magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira.

Minsitir De’eetaan Ministeera Aadaaf Turizimii Itoophiyaa Obbo Habtaamuu Sisaay sirnicharratti argamuun haasaa kan taasisan yoo ta’u, hudhaaleen turan sakatta’amuun damicha cimsuuf hojjetamuu akka qabu kallattiin taa’eera.

Hudhaalee Bara hojii 2013 damee ispoortii qoraa turan keessaa Weerarri Covid 19 isa tokko yoo ta’u, inni biroon gocha gantummaa murni TPLF Raayyaa Ittisa Biyyaarratti baneen walqabatee sochiin damee ispoortii hudhaa keessa galuu qorannoo hojichaarraa hubachuun danda’ameera.

Haaluma kanaan sadarkaa naannoorraa hanga federaalaatti sochiin misooma ispoortii milkeessuuf taasifamaa ture akkaataa karoorfameen milkaa’uu akka hindandeenye himaniiru.

Yaadaan waljifachuu koree federeeshinota Itoophiyaa gidduutti uu\mameenis walqabatee bu’aan damicharraa eegamaa ture milkaahuu akka hindandeenyellee eerameera. Hojii ilaafi ilaameetiin rawwachuu dandahuufi injifannoon quubsaa galmaahuu osoo dandahuu waldhabdee uumameen imalli damichaa hiixachuun hojii cululuqaa galmeessisuurratti milkaa’uu hindandeenye jedhameera.

Ta’us yeroo ammaatti hudhaa damee ispoortii kana furuuf jecha Mootummaan karoora baasuudhaan hojjechaa jiras jedhaniiru.

Akka ibsa Obbo Habtaamutti, Itoophiyaan olompikii Tookiyoo 2020 barana adeemsifamerratti meedaaliyaa ummani eegaa ture argachu baatus warqii tokko, meetifi nahaasa lama argachuudhaan gabatee meedaaliyaa keessa galuu dandeenyeerra jedhaniiru.

Korora bara 2014 ilaalchisuudhaan akka ibsanitti ammo iddoowwan olmaa ispoortii naannoleefi bulchiinsota magaalaatti jalqabaman yeroodhaan xumuramanii tajaajila akka kennan abdiin jiraachuu ibsaniiru.

Raawwii karoora seektara ispoortii bara 2013 kanarratti bakka bu’oonni naannolee,kilaboota biyyaaleessaafi waldaalee ispoortii argamuudhaan marii gochaa akka jiranis himaniiru.

Qaamonni kunneen hudhaalee jiran sakatta’uun adda baasanii damee ispoortii Itoophiyaa cimsuuf akaksumas karoora bara hojii 2014 hiixataa ta’e qopheeffachuun Itoophiyaa damee atiletiiksiifi ispoortiiwwan biroon caaltee akka argamtuuf humna guutuun hojjechuuf hojiitti seenamuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan hundumtuu miira aantummaan hojjetee hudhaa kaleessaa maqsuun milkaahina karoorichaaf cichee hojjetee biyyasaa maqaa waamsisuuf tumsuu akka qabus dhamaniiru.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You