Yaaddoo hawwaasummaa (‘social anxiety disorder’)

Nagaasaan dargageessa waggaa 21ti. Mucaa bareedaa, ijoollumma isaati kaasee haasaan, dubbiifi deemsirraa bareedudha. Mana barumsa galee akkuma hiriyoota isaa biroo waliin taphachuu barbaada ture.

Abbaan isaa akka ilaalcha isaatti ijoollonni naannoo isaanii jiran amala gadhee kan qabaniifi namootaaf safuu kan hinagarsiifnetti waan tilmaamuuf  ilmi isaa yeroo hundumaa ijoollee biratti akka hinmakamneefi mana barumsa kallattiidhan manatti, mana waaqeffannaa yoo dhaqes maatii irraa akka adda hinbaane akeekkachiisa ture.

Mucaan kun sodaa abbaasaa dabalatee walitti qabama namootaas sodaachuu eegale. Sodaan kun yeroo guddatu kan isa dhiisu yoo isatti fakkaateyyuu akkuma umuriin isaa dabalaa deemu rukkuttaan onneesaa, yaaddoo namootatti dabalamuufi rakkoon sun daraan itti hammaacha dhufte.

Yeroo ammaa dargageessi kun maatii isaa irraa kan hafe maatii biraa waliin mari’achuus ta’e taphachuu hindanda’u. yeroo firoonnisaa dhufan jalaa dheessa. Nama haaraa yoo argu onneensaa ni dha’ata, ni dafqisiisa, mataan isa dhukkuba, yaaddoo itti naqa. Waliin barachuufis ta’e itti dhiyaachuuf ni rakkata.

Mana barnootaatti baraatoota fuuldura bahuu waan sodaatuuf utuu beekuu ka’ee deebii kennuus ta’e fuulduratti bahee abbaltii isaaf kenname ibsuu hindanda’u. Yeroo carraan kun isa qunnamu ittumaayyuu hafuurri isa ciccita. Ija guutee ol jedhee ilaaluu dhiisi yeroo maqaan isaa waamamu ni hoollata.

Yaaddoon isaa barnoota isaafi jireenya isaa guyyaa guyyaatti rakkoo fideera. Uummata fulduratti waltajji gaggeessu, bakka namni walitti qabametti argamuun isa yaaddessa. Yeroo hunda rakkoo isaa ibsachuu waan hindandeenyeef callisuu filata. Maatiifi hiriyoonni isaa garuu akka amala dhaabbataa isaatti waan yaadaniif hindhimmaniif ture. Booda irra kun dhibee yaaddoo hawaasummaa akka ta’e beekuus salphaatti injifachuun itti ulfaate. Qofaasa akkamitti injifataree?

Namoonni hedduun ija jabinaan dubbaachuufi namoota fulduratti waltajjii gaggeessuu ni sodaatu. ta’us sodaafi yaaddoon garaagara. Sababiin isaa wanti nama yaaddessu hedduun wanta ijaan hinargamnedha. Naannoo keenyatti namoonni yeroo namni duuban namni itti bu’u kan wareeran, ilbiisota, bofa, handurree yookiin hantuuta yeroo argan kan hoollatan ni jiru.

Konkolaataa, lilmeefi wantota garaagara fayyadamuu kan sodaatan ni jiru. Isaan kun kana dura balaa waantota isaan jibbaniin yookan sodaataniin miidhamanii beeku ta’uu danda’a. kana malees utuu dhaabatanii ilaalanii wanti sodaatamu sun balaa yoo isaan irraan geesse sodaa waan sanaa yaaddoodhaan qabamu.

Yaaddoon akkasii yaaddoo addaa(specific phobia) kan jedhamu jalatti yaalii wal fakkaata. miira malaan bisheessuufi wanta isaan soodaatanitti adeemsa keessa madaqsuudhaan(systematic desensitization) kan irraa fayyuun dandaa’amu yeroo ta’u, utuu dawaa hinfudhatiin saphaadhumatti adeemsa gorsa ogeessa fayyaa xiinsammuu hordofuudhaan fayyuu nidandaa’ama.

Haaluma walfakkaatuun dhibee yaaddoo hawwaasummaa (social anxiety disorder) kan qabaniif yaaliin godhamu karooraafi adeemsa ogeessa xiinsammuu dabalatee gargaarsa nama isatti/isheetti dhiyaatu ni barbaachisa.

Rakkoon kun hawwaasa keessatti dubartoota irratti kan baay’atu yoo ta’e illee hawaasa keenya biratti safuudhaan haguugamuudhaan jireenya dubartoota irratti yaaddoo uumeera. Dubartoonni miiraafi fedhii isaanii akka dhiirotaatti ibsachuu yookaan gargaarsa gaafachuu sodaachuun isaanii rakkoon kun umurii guutuu akka waliin jiraatan isaan godheera.

Yeroo addunyaan karaa hundumaan dorgommii fiigichaa hunda galeessa keessa jirtutti shamarran keenya yaaddoo akkasii wajjin wal’aansoo walqabun sadarkaa jireenya isaanii qofaa osoo hintaanee sadarkaa guddina jireenya biyyaa irrattis dhiibbaa uuma jira.

Akkamittin yaaddoo hawwaasummaa (social phobia) injifachuu dandeessaa?

Ati damee hawaasichaati. Hawaasuma sana keessatti dhalattee guddatte. Ati yoo hinjiraanne hawwaasni hinjiru. Namootuma akkakeetu walitti qabame. Erga walitti baay’achuun hawaasummaa ta’ee qaamnikee kutaa qaamakee biraa sodaachuu danda’aaree? Hindanda’u.

Kanaafuu sin yaaddessiin, isaaniis qofaasaanii akkumakeetti nama tokko. Namoota dhibee yaaddoo hawaasummaa qaban na qunnaman keessaa tokko yaaddoo hawwaasummaa keessaa of baasuudhaaf marsariitii google garaagaraa irraa erga furmaata barbaade booda jecha onnee cabsu tokko naaf erge.

Googiliin “Overcoming social phobias can be difficult but there is hope’ jedha isin birahoo furmaanni jiraa”? Jedhee naa barreessee ture.

Wanti kamuu yeroofi gargaarsa namoota biroo kan gaafatuu akkasumas murteeffannaa dhuunfaa kan gaafatu yoo ta’e iyyuu fayyuun sirriitti ni danda’ama jedhanii amanuun dawaa jalqabaati.

  1. Sababa rakkoo adda baasuu

Wanti kamiyyuu karaafi madda rakkoo isaa beeknaan irratti hojjechuun salphaadha.

Gara dudduubaatti deebinee wanta yaaddoo nutti fidee yoo yaadanne yaaddoo keenya sana irratti hojjennee injifachuu ni dandeenya.

  • Hafuura ofii to’achuu

Rakkoo guddaan yaaddoo hawaasummaa hargansuu ofii to’achuu dadhabuudha.

Akkamitti hafuura keenya to’achuu dandeenyaa?

  1. Meditation: ija keenya junuunfachuudhaan harka keenya haboottannee qillensa dheeraa fudhachuufi baasuu.

Yeroo hargansuu keenya to’achuudhaaf qillensa dheeraa fudhannee baafnu yaada keenya guutummaatti hargansuu keenya irratti xiyyeeffachuu qabna malee waa’ee sodaa keenyaa irraanfachuu qabna.

Ija keenya junuunfachuun yaada keenya walitti qabachuudhaaf nu gargaara.

  • Ispoortii hojjechuu

Bu’aa ispoortii hojjechuu ykn shaakallii guyyaa guyyaan geggeessuun faayidaa inni qabu boqonnaa biraa keessatti ni argatta.

Dabalaataan ispoortii hojjechuun ofitti amanamummaafi dadhannaa onnee qabbanaa’aa akka qabaannuuf nu gargaara.

Kanaaf hanguma guyyaa guyyaan shaakalli ykn ispoortii hojjechaa deemnu hargansuu keenya to’achuu ni dandeenya.

  • Dursanii of qopheessuu. Namni tokko uffata suufii yoo uffatee namatti bahu ni hoollata yoo ta’e mana keessa yeroo murtaa’eef uffatee qaama isaa wajjiin wal barsiisuu qaba. Dabalaataan sagantaa haasaha yookiin walgahii hirmaachuu kan qabu yoo ta’e durse itti qophaa’ee deemuu qaba. Bakka walgahichaa erga gahee kan yaadni isaa bittinaa’u yoo ta’e sa’aatii tokko dursee qoricha hormoonii isaa qabbaneessuufi si’aa’ina isaaf kennu ajaja ogeessa fayyaan fudhatee deemuu ni danda’a.
  • Gargaarsa hiriyaa barbaaduu

miira akkamii keessa akka jirtuufi yaaddoo kee nama si gargaaruu danda’u tokko haasofsiisi. Wanta qofaakee hojjechuu yaaddee sodaattu tokko hiriyaakee waliin hojjechuu shaakali. Adeemsuma hiriyaakee wajjiin shaakala deemtu sodaakee injifachuu dandeessa.

  • Mala ittisoo fayyadamuu (defense mechanism) .Yeroo fuuldura namootaatti baatu jalqaba mataa namootaa ilaali malee ijaa isaanii hin ilaaliin. Sababni isaa takkaatti ija tokkoon halluu tokko arguun ofitti amanamummaa siif kenna. Yeroo haasoftu akka waan qofaakee bakka sana jirtuutti yaadi.
  • Ogeessa fayyaa mariisisi.

Gara mana yaalaa sitti dhihoo jiru deemi. qorichi miira kana keessaa si baasuu danda’u ogeessa yaalii sammuufi xinsammuun siif kennamuu ni danda’a.

Hamma ofii keetin yaalii hin goonetti qoricha fudhachuu dhiisuutu irra filatama gaariidha.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You