Shaampiyoonichi boru xumurama

Finfinnee: Shaampiyoonaan Kilaboota Kubbaa miilaa Oromiyaa 19fan Adoolessa 9 bara 2013 irraa eegalee kilaboota godi­naaleefi magaalotaa 36 gidduutti Magaalaa Ambootti adeemsifamsifamaa jiru tapha waancaa boru kilaboota Sokorruufi Yaabel­loo gidduutti adeemsifamuun xumurama.

Tapha mo’aa mo’attootaa kilaboota gid­duutti gaggeeffamaa jiruun kilabootni 10 gara liigii Oromiyaa bara 2014tti kan dar­ban yoo ta’u, hanga kaleessaatti kilaboonni saddeet (Sokorruu, Afran Noonnoo, Luu­goo, Babnichaa, Senayaas, Baakkoo, Yaa­belloofi Meeggaan gara liigii Oromiyaatti darbuu mirkaneeffataniiru. Kilaboonni ha­fan lamaanis har’a ykn bor kan beekaman ta’u.

Shaampiyoonaan kilaboota kubbaa mii­laa qopheessummaa Komishinii Ispoor­tii Oromiyaatiin Ambootti geggeeffamaa jiru kun sadarkaa kilaboota kubbaa miilaa magaalotaafi godinaalee madaaluufi carraa hirmaannaasaanii fooyyessuuf kan gargaaru ta’uunis ibsameera.

Shaampiyoonaan kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa 19fan Ambootti geggeeffamaa jiru kun boru tapha waancaa kilaba Sokor­ruufi Yaabelloo gidduutti geggeeffamuun kan xumuramu ta’a.

Natsaannat Taddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You