Olmipikii Tookiyoo 2020

Taphooti olimpiikii tapha waggaa afur afuriin naanna’ee deebi’uudha. Haala kanaan bara jalqabaa itti tolfamee eegalee kan baranaa kun si’a 32fadha. Taphni kun jalqabamee baroota sadiif irra ce’ameera. Inni jalqabaa bara Waraana Addunyaa 1fadha, bara 1916. Inni 2fafi 3fan bara Waraana Addunyaa Lammataat- bara 1939fi 1944.

Waraana qofa miti olimpikii kan jeequ. Dhukkubni weeraraan ka’us dhiibbaa qaba. Akka sagantaatti olimpikni Tookiyoo-2020, Jaappaanitti, dhiyeenya taasisame kan adeemsisfamuu qabu bara tare, bara 2020tti ture-waggaa tokko dura.

Vaayirasiin kororanaa dhalatee addunyaa waan raaseef qaxxaamure. Waggaa tokko booda Adoolessa 23-/2021 hanga Hagayya 8/2021 (ALG) adeemsisame. Taphichi goolabameera. Nagayaan golobamuusaa addunyaan itti gammadeera, miidhaginasaarratti Koviid-19 dhiibbaa guddaa taasisullee. Qe’een nagayaattis nagaadhaan adda galeera. Waan gaariidha.

Qe’ee nagayaa kana keessatti bakka bu’oonni keenya, kan biyya Xoobbiyaa, akkamitti turan, akkamitti hirmaatan? akkamitti galan? Maaliin galan? Yaada gabaabaan irratti kaasa? Bal’inasaa beektota ispoortiifan dhiisa. Dursa waa tokko tokko isin haa yaadachiisu; seenaa olimpikii.

Tapha olimpikii isa nagaa kaayyeffateefi miidhagaa kana biyya Giriikitu addunyaaf gumaache. Qaroominni biyyi Giriik addunyaaf kennite olimpikii qofa miti. Faalaasama hedduu, saayinsiifi herrega, ji’oometirii, astiroonoomii, dizaayina gamoo (architecture), soqaa (sculpture) saayinsii fayyaa (medicine)fi qoricha adda addaa maqaa dhahuun ni danda’ama.

Beektonni akka Arsistootil, Pilaatoo, Sooqiraaxas, Hoomeer, Peeriklas, Paayitaagoras, Arkiimeedsi kan biyya Giriikitti dhalatanii beekumsasaanii addunyaaf kennaniidha. Kanneen rakkoo addunyaa furaniidha.

Taphni olimpikii kan Giriik maandheffate akkuma beekumsaafi falaasama kaanii bara baraan fooyy’aa dhufee haala ammaa ilaalaa jirru miidhagaa kanarra gaheera. “Galatoomaa!” jedhe Haacaaluun. Giriik addunyaaf dhaabbata taatee akka addunyaan dhaabbatu qoodashii baate. Kanaaf anis warra tapha miidhagaa kana addunyaaf kenneen galatoomaan jedha.

Taphni olimpikii kun biyya Giriikiif aadaadha. Seenaa umrii waggaa kuma sadii olii akka qabu ragaaleen ni ibsu. Olompikni ammayyaa garuu umrii jaarraa tokkoofi kurmaana tokkoo qaba. Akka ragaaleen ibsanitti, taphi olimpikii ammayyaa jaarraa 19fa keessa jalqabe. Inni duraa bara 1896 (ALG) Ateensi, magaalaa guddittii Giriikitti adeemsisame. Bara sana biyyooti hirmaatan 12 qofa turan. Baay’inni ispoortessitootaa ammoo 280. Taatee ispoortii (events) 43tu adeemsisame.

Mee barana duubatti deebi’aa ilaalaa. Yeroo sana ardiin Afriikaa akkam akka jirtu xiinxalaa. Biyyoota meeqatu ture? Daangaa akkamii qabu? Awurooppaa, Isiyaafi kanneen biraas. Xoobbiyaan ammaa tun yeroo sana humnaan ijaaramaa turte.

Akkuman sila kaase olimpikni baranaa kun addunyaa isa 32fadha. Kana keessaa Xoobbiyaan Olimpikii 17 irratti hirmaatteetti. Biyyi teenya Olimpikarratti yeroo jalqabaatiif kan hirmaatte bara 1956 (ALG)tti Meelboorn, Awustraaliyaarratti. Atileetiksiifi Biskiliitiidhaan dorgomte. Atileetonni akka Maammoo Waldee, Nugusee Roobaa, Baashaayee Fallaqaa atileetiksiin yoo dorgoman, kan akka Garramawu Damboobaafi Masfin Tasfaayee biskililiitiin gulufuudhaan dorgoman. Yeroo jalqabaa kanatti medaaliyaan argamuu baatullee hirmaannaan sun mataasaatiin injifannoofi beekamtii biyya kanaaf gumaacha guddaa qaba.

Asirratti dhugaa tokko haa ilaallu. Olimpikii isa jalqabaarraa eegalee Oromoon biyya kana bakka bu’aa turuusaati. Bara 1960 (ALA) irraa eegalee ammoo bara baraan olimpikarratti atileetiksiidhaan mootii ta’aa dhufaniiru.

Xoobiyaan Olimpikii Room kan bara1960 adeemsisamerratti medaaliyaa warqii kan jalqabaa ilma Abbaa Gadaa Shaambal Abbabaa Biqilaatiin argatte. Luka duwwaa (kophee malee) fiigee injifate addunyaa ajaa’ibsiise.

Medaaliyaan Shaambal Abbabaan argate Xoobbiyaaf qofa osoo hintaane Afrikaafillee kan jalqabaa ta’uu hinoolu. Kutannoo guddaa. Kan seenaan hindaganne, kana dhalootaaf barumsa ta’u. Kutannoon jiraannaan injifachuun akka danda’amu Abbabaa Biqilaa ispoortesitootaaf barumsa kennee darbeera. Oromoon, “Yaa Abbabaa Biqilaa oduun gootaa bargama jira” jedhee sirbee. Gochaa ispoortessaa kanaarraa waan hedduutu baratama.

Taphni olimpikii hawaasa addunyaa nagayaa walitti fidee walitti firoomsa. Dirree olimpikii qe’ee abbaa Gadaatiin wanti walfakkeessu ni jira. Nageenya! Jaalala! Marartee! Nagayaan baallii walitti kennanii walirraa fuudhuu. Garaagarummaan ispoortiifi sirna ta’uusaa qofa.

Olimpikii Tookiyoo-2020 kanarratti biyyoonni 206 hirmaataniiru. Atileetonni kuma 11 olii walitti dhufanii nagaan dorgamanii jaalalaan gargar bahaniiru. Kan mo’ate mo’atee, kan mo’ames mo’amee. akaakuu ispoortii 53n taateewwan (events) 339 raawwataniiru. Yeroo duraa taphni biyyoota 12 jalqabe sun biyyoota 206 walitti fiduu danda’eera, walbarsiiseera, aadaa walii akka qooddatan taasiseera.

Xoobbiyaan bara duraa, 1956. Meelboornirratti dorgomtoota 12 yeroo jalqabaatiif hirmaattullee, baay’inni kun baruma baraan dabalaa dhufe barana ispoortesitoonni 38 hirmaataniiru. Kanneen keessa 35 atileetiksii yoo ta’an, daakaa bishaanii, biskiliitiifi tekoondodhaan nama tokko tokko hirmaachistee walumaagalati medaaliyaawwan afuriin, warqii tokko meetii tokkoofi nahaasa lama- biyyatti deebiteetti.

Xoobiyaan Olimpikiirratti medaaliyaa hedduun argatte baay’innisaa sadeet darbee hinbeeku. Warqiin inni guddaan tapha tokkorratti argame afuri.

Innis Sidinii-2000fi Beejingi-2008 irratti. Hanga ammaatti Xoobbiyaaf meedaaliyaa hedduu, warqii dabalatee kan argamsiisaan atileetota dhalootan Oromoo ta’aniidha. Medaaliyaawwan hedduu argachuuf akaakuun ispoortii irratti hirmaatamu dabaluun dirqama.

Hirmaannaa Xoobbiyaan taphoota olimpikiirratti qabdu gaariidha. Bu’aawwan hanga ammaa argamanis salphaa miti. Akka ilaalcha kootti inni baranaa kunillee gaariidha jedhanii fudhachhun sirriidha. Yeroon hunduu masqala ta’aa ree? Bara tokko yoo mo’atan bara hundaa ni mo’atu jechuu miti. Biyyoonni 206 gaafa hirmaatan kanneen keessaa kan hirmaatota hedduu qabatee dhufu jira.

Kan dorgomtoota ciccimoon dorgommiitti seenetu jira. Kan dinagdeefi leenjin caalutu jira. Kanaaf, ani dhimma mo’uufi mo’atamuu, medaaliyaa argachuufi dhabuurratti komii arbeeffame hinqabu. Garuu qabxii gaariin deebi’amee osoo hawaasni keenya itti gammadee akkuma lammii kamuu nan jaaladha.

Olimpikii Baranaarratti komiin hawaasti qabu dhimma qindoominaati. Qindoomin qaama hogganuu, qindoomina ispoorteesitootaa, qindoomina leenjistootaa, koreewwan teekniikaafi kanneen kana fakkaatuudha kan yaadni irratti kennamuu qabu, kan komiin irratti ka’uu qabu, kan jabeeffamuun irra jiru.

Jalqabumarraa Federeeshinii Atileetiksii Xoobbiyyaafi Koree Olimpikii jidduu waliigalteen akka hinturre midiyaarratti dhagahamaa ture. Hanga walkomachuu, walceephessuufi yaadan gara tokkotti dhufuu dhabuun mul’atee ture. Ummanni kanarraa ka’ee qabxii argamurratti shakkii qaba ture.

Rakkoon kun osoo guutummaatti hinhiikamin koreewwan guguddoon kunniin walitti qabachaa gara Tookiyootti waan deemame fakkaata. Kanaaf agarsiistuu guddaan diraamaa sirna baniinsaarratti mul’ate kan hawaasti itti qaana’e, kan addunyaan ittiin biyya taajjabde sana.

Waldubbisanii, sagantaa beekanii yeroodhaan sirna baniinsaarratti argamuu osoo qabanuu walharcaasanii dhaqanii biyya qaanessan. Gochichi waldhiibbaa koree lamaanirraa kan maddeedha. Tokko kan biraa ittigaafatamaa taasisuuf waan adeemsisame fakkaata. Qe’ee nagaatti gareen biyya keenya bakka bu’e nagaa dhabee, wal hunkure. Kun qaaniidha.

Olimpikii baranaarratti ispoortessaan hirmaatuufi hinhirmaannee sirnaan adda bahee waan dhaqan hin fakkaatu. Koreen olimpiikaa kan ofii yaade qabatee waan dhaqe fakkaata. Federeeshiniin atileetiksiis akkasuma. Atileetiin Tookiyoo gahee osoo hin dorgomin deebi’e akka jiru ragaaleen bahaa jiru. Kan asitti dirree qubata xiyyaaraa gahee deebi’es ni jira

Kan ummata gaddisiise meedaaliyaa dhabuu osoo hin taane qindoomina dhabuudha. Offii wal harcaasanii ispoortesitoota harcaasuusaaniti. Walharkisuu, tokko kuffisee kan biroorra tarkaanfachuu, haaloo biraa walirratti qabachuu.

Haamileen ispoortesitootaa hanga hin eegaminitti, dhiibbaan xiinsammuu ispoortesitootarra hanga jirutti, leenjii gahaan hanga hinkennamiinitti, teknikuun hanga hindeeggaramiinitti ispoortessitoonni komatamuu hinqaban.

Ispoortiifi siyaasa walitti fiduun kun biyya keenyatti rakkoo guddaadha. Akkuma siyaasaa, ispoortiis kootaadhaan hiruun waan danda’amuu miti.

Jaarraa kana keessa ispoortiin biizinasiidha. Ispoortiin beekamtiidha. Warri bizinasiifi beekamtii kanadhuunfachuu barbaadan ammoo ni jiru. Gama kanaan Wayyaaneen fakkeenya gaariidha. Ispoortii atileetiksii keessa galtee Oromoota keessaa hariiteetti.

Siifaan Hasan kan addunyaarratti ajaa’iba jedhamte, tan biyya hambaaf  kaattu biyya kana jibbitee natti hinfakkaatu. Loogii ispoortii keesa jirutu dhiibee baase. Kan Qaalkidaan Gazahaanyis kanaan alaa miti. Kan sirrachuu qabu loogii akkasii kana.

Kanaaf maaltu ta’uu qaba. Akka amantaa kootti, ispoortiin siyaasaan ala. Gahumsarratti hundaa’a- gahumsa atileetotaa, gahumsa leenjistootaa, gahumsa hoggantootaa. Kanaaf akka biyyaatti hojmanaa guddaa qabna. Ganna darbeef mana hinijaaramu. Ganna dhufuuf ittiyaaduun barbaachisaadha. Olimpikii Paariis kan bara 2024f ammuma itti qophaa’uutu mala ta’a. Hagasitti Waaqayyo waliin nu haa jiraachisu.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You