Akka lakkoofsa addunyaatti, Waxabajjii 2010 oduun nama naasisu “The Gardian” kan jedhamu gaazexaa biyya Ingilizii irratti maxxanfamee ture. Guyyaa Sanbata Duraa galgala maatii mana utuu hincufatiin ijoollee lakkuu umuriin isaanii ji’a sagal ta’an raffisanii dhagilaal (TV) utuu daawatanii akka tasaa kutaa hirribaa keessaa sagaleen iyya mucoolii dhagaa’ame. Haati fiigdee yeroo dhaqxu waangoon miliqxee seentee daa’imman irraan miidhaa guddaa geessistee turte. Daa’imman kanas hatattamaan mana yaalaan ga’uun akka lubbuun isaanii baraarame dubbata.
Kanaaf poolisiin biyya Ingilizii jiraattonni biyyichaa manasaanii sirriitti cufachuu yoo dhiisan waangoliin miliqanii seenuun akka miidhaa guddaa qaqqabsiisaniifi lubbuu namaa miidhan akeekkachise. Bara keessa jirru kana isa kana utuu beeknuu yookaan utuu hinbeekiin jireenya keenya kan daran miidhuu dandaa’an danuudha. Isaan keessaa tokko araada yeroo ta’u keessumatti araadni teknolojii intarneetii wajjiin walqabate sirriitti of eeggannoo hingoonu yoo ta’e miidhaan isaa hamaadha. Saffisa cimaanis yerootii gara yerootti bifaafi maqaa geeddarachaa kan dhufan hedduu sababa ta’aniif inni kun ilaalcha itti kennuun of oolchuun namoota kan biraa haala kana keessa jiran oolchuun barbaachisaadha.
Bara keessa jirru kana addumaan giddu galeessatti namni tokko yoo xiqqate sa’a ja’aaf interneetiirratti akka dabarsu qorannoon niaddeessu. Fakkeenyaaf “Pew Research Study” kan jedhu akka addeessetti yoo xiqqate lammileen Ameerikaa 77 % guyyaatti karaarra (online) interneetii nifayyadamu. Akkasumas 43 % kan ta’an ammoo guyyaatti yeroo hedduu interneetiitti deddeebi’uun akka wantoota addaa addaa daawatan dubbata. Fakkeenyaaf guyyaatti si’a tokko qofa utuu hinta’in si’a lama sadii itti deebi’u jechuudha. Namootni 26 % ta’an guyyaa guutuu kan fayyadaman akka ta’e qorannoon kun niagarsiisa. Inni kun hangam akka namootni interneetii wajjin hariiroo cimaa uuman kan addeessuudha. Hariiroo qabaachuun kan rakkoo hinqabne yoo ta’ellee sadarkaa araada namatti ta’uurraa akka hingeenyeetti of eeggannoo barbaachisaa gochuun murteessaadha.
Interneetiin bara 2001 jechuun wagga digdama har’aatii eegalee yoo xiqqate si’a 1000 % oliin kan guddateefi wantootni gama kanaan dhiyaatan hedduun isaanii fayyadamtoota interneetii araadaaf kan saaxilan ta’uun isaa beekamaadha. Fakkeenyaaf kanneen akka tapha interneetii garagaraa, daldala, qumaara, odeeffannoo, poornoogiraafii, hariiroo karaarraa (online relationship), maree, walga’iifi kkf. interneetiitti nifayyadamu. Namootni kanneen armaan olii kana mara haa fayyadaman malee interneetiitti ofgadidhiisuun ittiin liqifamuun hiikkaa maalii akka qabu nihubatu.
Namni araada interneetiin qabame yeroo jedhamu wantoota itti waa’ee ba’anii wajjin walitti dhufeenya qaba. Fakkeenyaaf namni tokko tapha interneetiirraa, qumaara, poornoogiraafiifi kkf akka isaan rakkoo qaban yoo hubate illee irraa of qoqqobbachuu kan hindandeenye yoo ta’e araada interneetiin qabamuun isaa beekamaadha. Isaan kun interneetiirraa fagaatanii yoo ooluu yaalan mallattoon cimaan araada interneetii akkasaan irraa mul’atu agarra. Inni kun daran hamaadha. Egereesaanii addumaan egeree dargaggootaa akka miidhuu danda’u qorannoowwan garaa garaa niaddeessu.
Egaa interneetiin araada cimaaf akka nama saaxilu gabaabaatti ilaalleerra. Akka horii funyoon lafa isheen hinfeenetti harkisan araadni harkisee bakka nu’i dhaquu hinbarbaanne, akka hindhaqneefis murteessinetti nu geessa. Akkuma araada tamboofi dhugaatii irraa of eeggachuun nama irra jiraatu araadni kamiyyuu miidhaa mataasaatii hindhabu waan ta’eef irraa of eeggachuun barbaachisaadha. Araada interneetiirraa of eeggachuuf wantoota gara araada kanaatti nama geessan beekuu qabna.
Keessumatti interneetiin araada nutti ta’uu isaa kan ittiin adda baafannu keessaa muraasa yoo ilaalle:
1. Interneetiif yeroo ati laattu dabalaa deemuu. Har’a interneetii sa’a tokkoof fayyadamtee isa itti aanutti fooyyeessaa, akkasumas fedha sa’atii dheeraarra turuu qabaachaa deemaa jirta yoo ta’e mallattoo gara araada interneetiitti geessu waan ta’eef isa kana irratti hojjechuufi ofeeggachuun barbaachisaadha.
2. Sadarkaa amala kee to’achuu dadhabdu ga’uu. Akkuma araadni kan biraa nama qabu bakka interneetiin hinjirre yoo deemtee hinfayyadamiin turte sitti tolu dida. Hanga guyyaa itti aanuutti hinfayyadamu jettee murteessitee of to’achuu dadhabuun yoo fayyadamte inni kun mallattoo araada interneetii ta’uusaa hubachuun of eeggachuun gaarii ta’a.
Isa kana adda baafachuuf yaalii gochuu mallu keessa tokko utuma interneetiin jiruu interneetii cufnee yeroo muraasaaf utuu hinfayyadamin turuun haala keessa jirru ilaaluun gaariidha. Maaltu nutti dhagaa’ama? Interneetii namoonni baay’een daldalaaf, beeksisa garagaraa ittiin hojjechuun bu’aa guddaa argatu. Jireenyasaaniis ittiin fooyyeffatu. Nutimmoo yeroo dheeraarratti dabarsuun dhaabbata sanaafi namoota beeksisa beeksifataniifi beeksisasaanii ilaaluudhaan bu’aa yoo buufneef illee gama keenyaan akka miidhamnu dagachuu hinqabnu.
Isa kana jalaa ba’uuf immoo akka interniitiin amala keenya hinto’anneef yeroo xiqqoosheetiif itti fayyadamuusaa dhaabnee of to’achuu shaakaluun barbaachisaadha. Hangam akka walaba taane ilaaluu qabna. Kan nama dhibu yoo jiraate namootni araada interneetii hinqabu jedhanii yaadan shaakala kana keessatti eessa akka nihubatu. Namootni hedduunis araada kana keessaa fagoo akka hinjirre of hubatu.
3. Namoota Interneetiiirratti wal barte itti fufiinsaan yaaduu. Dargaggoonni hedduun interneetiirratti namoota baay’ee (facebook friends) wajjin walbaru. Isaan kanaa wajjinis karaa addaddaa ni haasa’u ta’a. Atis namoota kana keessaa tokko ta’uu dandeessa. Egaa namoota walbarte waliin haasoftu kanaa wajjin yoo hinhaasa’iin oolte, interneetiis hinfayyadamne yoo ta’e akka yeroo waliin haasofteetti keessikee nagaa hinqabu. Inni kun suuta suutaan gara araadaatti si geessaa jira waan ta’eef tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf yaaluun gaarii ta’a.
Namni tokko haala keessa jiru erga adda baafatee booda haala keessa jiru keessaa ba’uuf yaalii taasisuu murteessaadha. Haalli keessa jirru hundee jabeeffatee utuu nu hinmiidhin keessaa ba’uun murteessaadha. Isa kanaaf tarkaanfii fudhachuu qabnu keessaa kanneen armaan gadii barbaachisoodha.
- 1. Interneetii yeroo hojiif barbaaddu qofa itti fayyadami. Akka qorannoon garagaraa addeessutti itti fayyadamni interneetii dhiiraafi dhalaa gidduutti walqixa fakkaata. Lamaanuu araada interneetiitiin niqabamu jechuudha. Kanaaf, balaa rakkoosaa irraa korniyaa lamaanuu of eeggachuuf yeroo hojiif barbaannu qofa itti fayyadamuu irraa kan hafe namoota wajjin haasa’uu, filmii garaa garaa interneetiirraa ilaaluurraa of qoqqobachuun gaariidha.
- . Interneetiitti yeroo hedduu fayyadamuun dabarsuun araadaaf si saaxila. Kanaaf bakka interneetii irra ooluun miidhaaf saaxila of baastu hojii adda addaa hojjechuufi yoo dadhabdu immoo tapha garagaraa interneetii ala namoota wajjin taphachuun dabarsuun barbaachisaadha. Guyyaa adda baasuun sagantaadhaan interneetiitti fayyadamuun araada nama miidhuu danda’urraa si baraara. Fakkeenyaaf guyyaatti daqiiqaa meeqa akka fayyadamtu sirriitti karoorfachuun karoorakee alatti fayyadamuu dhiisuun rakkoo gama kanaan si mudachuu danda’u jalaa si oolcha. Akkasumas qabeenya gar malee baasuu irraa sibaraara. Namootni hedduun mana interneetii ykn daataa bitachuun qabeenya saanii garmalee kan facaasan nijiru.
- Araada interneetii keessaa ba’uuf tattaaffiin kee barbaachisaa akka ta’e hindagatiin. Rakkoo nu mudatu hundumaa mo’achuuf tattaafachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf namni araada kana keessaa ba’uuf tarkaanfii fudhachuu qabu fudhachuun barbaachisaadha.
- Odeeffannoo dhuunfaa keetii nama hundumaatti hinmul’isin. Barataa yoo taate eessaa akka barattu, lakkoofsa bilbila keetii, emeelii kee, lakkoofsa manaa, naannoo mana keetii, eenyuu waliin akka jiraattu, mana barumsaa yeroo attamii akka dhaqxuufi akka galtu, yoom akka mana ooltuufi eenyuu waliin akka ooltu nama kamitti iyyuu hinmul’isin.
- Mul’ata qabaadhu. Namni mul’ata yoo qabaate yeroosaa bakka hintaanetti hindabarsu. Kanaaf mul’ata qabaachuun waan hintaanirraa nama eega. Nama mul’ataa ta’i.
- Filannoon Interneetiitti fayyadami. Maalitti akka fayyadamtuufi fayyadamuun sirra hinjiraanne, maaliif akka namaa wajjin haasoftu (chat), rakkoo interneetii fayyadamuun si mudachuu danda’u adda baaftee beekuun faayidaasaa irratti xiyyeeffachuun rakkoo si miidhu jalaa miliquuf si gargaara
Yeroo hedduu garuu wanti dagatamuu hinqabne namni namaan garboofatame akka garbummaa jala jiru beeka. Nama teknolojiin garboonfate garuu adda baafachuun nirakkisa. Kanaaf yeroo hundumaa interneetii fayyadamuu qofa utuu hinta’iin yerootii gara yerootti of ilaalaa deemuun, jireenya keenya keessatti waan fooyyessuu qabnu fooyyessuu, isa gaarii isa hamaarraa adda baafachuun gaariidha.
“Namni namaan garboofatame akka garbummaa jala jiru nibeeka. Nama teknoloojiin garboofate garuu adda baafachuun nirakkisa. Isa kana hundumtuu addumaan dargaggootni dagachuu hinqaban”
Doktar Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013