“Qonnaan bulaan quusachuu qofa osoo hintaane liqeeffachuus aadeffachuu qaba” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Saamraawiit Girmaatiin

Akkaataa seera Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatiin baankiin tokko aksiyoona gurguree qarshii sassaabame miliyoona 500 ol yoo qabaate baankii ta’ee hundaa’uu danda’a.

Bu’uuruma kanaan Baankiin Gadaa namoota kuma 27f sheerii gurguruun qarshii miliyoona 550 akkasumas, kan waadaa seename qarshii biliyoona 1.3 ol qabachuun torban darbe yaa’iin hundeessitootaa adeemsifameera.

Kaayyoon baankichaa inni ijoon qonnaan bultoonni sababa misoomaatiin lafasaaniirraa kaafamanii beenyaan kennameef aadaa qusachuu gabbifachuun akka walta’anii dhaaba mataasaanii qabaatan yaadamee akka ta’edha Obbo Waasihuun Amanuu Gaggeessaan Hojii Pirojektii Baankii Gadaa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kan ibsan.

Keessumaa qonnaan bultoonni godinaalee, Baalee, Gujiifi Horroo Guduruu Wallaggaa sababa misoomaatiin kaafaman, beenyaa argatan osoo hinballeessiin akka sirnaan ittifayyadamaniif kanaanis sheerii bitatanii waggaa waggaadhaan bu’aasaarraa akka qooddataniif, darbees dhaloota ittaanuuf sheericha akka dabarsaniif yaadamee hojiitti seenamuu kaasu.

Kanaafis gara namoota kanneeniif deemuun kanneen kuma saddeet ta’aniif leenjiin guyyoota lama lamaa kennamuu eeranii, namoonni kunneen waan argataniin qusannaa akka aadeffatan, akka sheerii bitataniifi invastimantiiwwan addaddaatiif akka oolchan hubannoon kennamuu dubbatu.

Hubannoo argamerraa ka’uunis namoonni muraasi qarshii kuma 20 irraa kaasee hanga miliyoona tokkootti sheerii bitachuu kaasanii, karoora gama kanaan qabatan hamma ta’ee galmaan ga’uusaaniis ni ibsu. Hubannoon bittaa sheerii wajjin walqabatee ummata bira jiru ga’aa ta’uu dhabuun keessumaa qonnaan biraa biratti ammoo haaraa ta’uun karoorrisaanii guutummaatti hojiirra akka hinoolleef gufuu itti ta’uu dubbatu.

Akka Obbo Waasihuun jedhanitti, Baankiin Gadaa namoota waa’ee sheerii sirriitti hubannoo hinqabne bira deemee hubannoo uumee hojii eegaluun kan adda isa taasisuufi hojii dadhabsiisaa ture. Kanaafis namoota kanaan dura baankiiwwan addaddaarraa sheerii qabaniifi hundeessan akka muuxannoosaanii qoodani taasifameera.

“Sheerii bitachuun keessumaa kan baankii yommuu ta’u faayidaalee hedduu qaba. Akka biyya tanaatti baankiin bu’aa qabeessaafi abdachiisaa ta’uusaatiin yoo maallaqasaanii ittibaasan hinkasaara. Inni biraan ragaa sheerii dhaalchisuu, akka kaartaa manaafi libree konkolaataatti qabsiisanii liqeeffachuufi waggaa waggaan bu’aa argamurraa qooddachuudha.

Fakkeenyaaf baankiiwwan bu’aansaanii waggaa %40, 50 qaqqabe ni jira. Baankiin Gadaas waggoota muraasa booda bakkasaanii ni qaqqaba. Yommuu kana abbootiin sheerii hamma sheerii bitataniin bu’aa kan qooddatan ta’a. Waggaa sadii afur keessattis hamma kanfalan deebifatanii bu’aa argataniin ammoo guddifachaa deemuu danda’u” jedhu

Namoonni baay’een sababoota garagaraarraa akka fakkeenyaatti, har’a boriidhaan, qarshii dhabuudhaan, shakkiifi sababoota birootiin sheerii Baankii Gadaa osoo hinbitatiin jala darbuu eeranii, amma baankichi waan hundaa’eef namoonni baay’een bitachuuf fedhii agarsiisaa waan jiruuf darbees, baankichi waggoota torba keessatti kaappitaalasaa qarshii biliyoona shaniin ga’achuu waan qabuuf akka haaraatti sheerii gurguruun kan eegalamu ta’uu ibsu.

Haalli gurgurtaa kana boodaa akkamiin akka ta’u mariin kan irratti taasifamee murtaa’u ta’uus himanii, namoonni fedha bitachuu barbaadanis hangasitti qusachaa akka eeggataniif dhaamsasaanii dabarsaniiru.

Hayyuun Dinagdee Doktar Guutuu Teessoos hundeeffama baankichaarratti yaada nuu kennaniin akka jedhanitti, biyyattiitti baankiiwwan hedduutu dhaabachaa jira. Baankiiwwan 29 kanaan dura hojiitti galaniin ala gara baankota 20tu hojiitti galuuf sochii taasisaa jira.

Kana ilaaluun namoonni baay’een akka waan biyyattii keessa baankiin baay’ateetti ilaalu. Kun garuu baay’ina ummataafi guddina dinagdee ummatichi bira ga’e waliin yommuu ilaalamu akka nama galaana keessaa fal’aanaan bishaan waraabuuti.

Bu’aa qabeessummaa Baankii Gadaa kan qorate isaan ta’uu eeranii, qorannoosaaniitiinis tajaajillii maallaqaa biyyattii bakka sabni Oromoo jiru akka hinjirre hubachuu kaasu. Bakkaafi madda galii sabichi argatu wajjinis walhinsimu. Ummanni baadiyyaafi magaalota xixiqqaatti hafe.

“Baankiin garuu Finfinneefi naannawaasheetti hafe. Kanaaf baankiin kun hundaa’uun rakkoo ummata baadiyyaa furuuf ga’ee qabaata. Magaalaadhaa ba’anii gara ummata baadiyyaatti siquu, akkaataa aadaa, rakkoo, madda galii, jireenya hawaasaatti tajaajila maallaqaafi faayinaansii tolchanii itti siquun barbaachisaa waan ta’eef baankiin Gadaas kanarratti gumaachuuf hundaa’uunsaa waanuma gaariidha” jedhu.

Tajaajila baankii ummata baadiyyaatiin ga’uutiin Baankiin Gadaa qofaasaa kan ba’atu akka hintaanes kaasanii, gama kanaan karaa dheeraan biyyattii akka hafu ibsu. Kana malees hojiin baankii kan sharafa alaa argamsiisan waan ta’eef babal’achuunsaa murteessaa ta’uu himu.

Baankiin yommuu hundeeffamu namootuma isa bira dhufanii dabtara herrega qusannaa baafataniifi abbootii qabeenyaa isa wajjin hojjetan qofa eeguu osoo hintaane biyyoota Ameerikaa, Awurooppaa, Arabaafi kanneen biroottillee dameewwan banatee sharafni akka argamu, darbees carraawwan dinagdee, invastimantiifi maddeen galii ta’uu danda’an kan baankicha wajjin hojjetamuu danda’an beeksifachuudhaan abbootiin qabeenyaa jajjaboon gara biyya kanaa dhufanii akka hojjetan taasisuu akka qabu ibsu.

Kana jechuun abbootiin qabeenyaa sharafa biyya alaa qabatanii akka dhufan gargaara, biyyattiin biyya walgeettii invastimantii ta’uu akka dandeessuufi Gadaanis baankiiwwan biraarraa haala adda ta’een kanarratti xiyyeeffatee yoo hojjete rakkoo sharafa alaa biyyattiin qabdu furuu keessatti gumaachasaa ba’achuu akka danda’u himu.

Akka ibsa Doktar Guutuutti, lammiilee biyyattii keessaa tajaajila dhaabbilee faayinaansiitti tajaajilamuuf carraa kan qabu %40 hincaalan. Kanaaf ammoo sababni akkaataa maayikiroo faayinaansiinis ta’u, baankiin ijaaramaniifi bakkiifi haalli jireenya ummata biyyattii waan walhinsimneefi. Kanaaf hojiiwwan tajaajila maallaqaa kennan akka aadaa, sadarkaa barnootaa, haala galiifi kkf wajjin kan walmadaaluun itti siqachuu qabu.

“Baankiin biyya kanaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa ofirraa dhiiba, warra galii gadaanaafi giddugaleessaa ofirraa dhiba. Namatu tajaajila maallaqaa barbaacha gara baankii deema malee, baankiifi dhaabbilee maallaqaa hawaasa barbaachuu dhaqu hinjiru jechuun ni danda’ama.

Kanaaf Baankiin Gadaa kanarratti warraaqsa jabaa gaggeessuufi aadaan Oromiyaa kaaba, kibba, bahaafi lixaa akkasumas, kan naannolee biroo keessa jiru qoratee gara ummataa deemuu qaba. Kanaanis maallaqa kennuu qofa osoo hintaane hojii bizanasiifi qabeenya horachuurratti ilaalcha jiru jijjiiruu qaba” jedhu.

Gama carraa hojii uumuutiin walqabatees baankiin faayidaa olaanaa qabaachuu kan eeran Doktar Guutuun, gaafa tajaajilli maallaqaa jiraatu abbootiin qabeenyaa ni dhufu, qonnaan bulaan hojii qonnaasaa ammayyeessa, gaafa qonni ammayyaa’ummoo isa qotu, aramu, bitu, gurguruufi galtee dhiheessu hundaaf carraan hojii akka uumamu addeessu.

Abbootii qabeenyaas dameewwan garagaraarratti hirmaachuun darbees baankichi ofiisaatiin adaduma dameewwansaa bal’ifataa deemuun carraan hojii bal’inaan uumamaa akka deemu ibsu.

Akka waliigalaatti baankiiwwan biyyattii bu’aaf qofa dhaabbatu taanaan kaayyoosaanii ganamaarraa kaataniiru jedhu. Baankiin tokko dinagdee, hawaasaafi biyya jijjiiruuf dhaabata malee qarshii hammanan buufadhe jechuuf ta’uu hinqabu.

Baankiin Gadaas aadaafi duudhaa sirna Gadaa isa ganamaatiin ummata tajaajiluuf hojjechuu qaba. Akka baankiiwwan tokko tokkoo qaxxaamuraan duroomuuf doolaara gabaa keessaa bitanii gurguruun qofa biliyoonaan buufachuuf socho’uu hinqabu jechuun dhaamu.

Yaa’icharratti kan argaman pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, mootummaan naannichaa Gadaan aadaa qofa osoo hintaane duudhaa ummatichaas akka ta’uuf, barnoota, siyaasa, dinagdee, haqaafi tajaajila lammummaa keessa galchuun hojjechaa jiraachuu ibsanii, kanaafis akka agarsiisaatti sirni Gadaa akka barnoota tokkootti baratamuu eegaluu, baankiin Siinqeefi Gadaa akkasumas manni murtii aadaa hundaa’uufi tajaajila lammummaa akka agarsiisaatti kaasu.

Fuuldurattis dhaabbileen dinagdee babal’achuun ummanni Oromoo keessumaa qonnaan bulaan baankii wajjin hojjechuu akka aadaa godhatuuf kan hojjetamu ta’uu ibsanii, kunis qusachuuf qofa osoo hintaane liqeeffatanii ittiin hojjechuunis aadeeffatamuu akka qabu ibsu. Liqiin kan qaaneffatamu osoo hintaane kan ittiin hojjetanii jireenya ofii ittiin jijjiiran ta’uus barsiifamuu akka qabu kaasu.

Kanarrattis Baankiin Gadaa hojii bal’aa akka hojjetuufi asfaaltiirraa bu’ee hawaasa baadiyyaa qaqqabuu ergamaa taasifatee socho’uu akka qabus qajeelfama hojii kennaniiru.

Walumaagalatti dhaabbileen faayinaansi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaniifi jireenyasaa qabatamaan jijjiiran baay’achuun guddina dinagdee biyyaa keessatti qoodasaanii ba’aachuu qabu jenna.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You