Dhalli namaa jireenya gadameessa keessaa guyyaa 280 xumuree gara dachee kanaa yommuu dhufu wantootni dachee kanarraa akka gadameessa keessaa isaaf hinmijatu.
Dachee rakkinaafi bu’aa ba’iin guutamte tana keessattis wantootni garaagaraa isa mudachuu mala. Kanaaf namni kamuu hamma dachee kanarra jirutti dhiphinarraa bilisa jechuun niulfaata. Dhiphinni hamaa tahe garuu fayyaa keenyarraan miidhaa hamaa geessisa. Dhiphinni sammuufi qaama keenyarratti miidhaa geessisuu danda’a.
Gabaabumatti dhiphinni miidhaa akkamii sammuu keenyarraan gahuu danda’a?
yeroo dhiphannu mallattoolee kanneen akka mataa dhukkubbiifi dhukkubbii laphee, hirriba dhabuu, jeeqamuu fa’itu nu qunnama. Kunimmoo miira keenyarratti rakkina akka rifannaa yookiin gadduufi mukaa’uufaa nutti fida. Namoonni muraasni immoo akka malee aaruu (harquu), adda of baasuu, namoota faana waliigaluu dadhabuu, murtee sirrii kennuu dadhabuu, garmalee nyaachuufi dhuguuf saaxilamu.
Hanguma dhiphinni si mudachaa deemu, sammuun kee miidha sana damdamachuuf miira gaarii ykn hamaa keessatti kufta. Dhiphinni hamaan hanga murtee du’aa ofirratti murteessuutti nama geessisuu danda’a.
Yeroo tokko tokko dhiphinni sammuukee qaruu,dandeetti kee akka fooyyeesituuf maaltu akka ta’aa jiruu sirritti yaadachuufis si gargaara.(kun ilaalchafi damdamannaa kee irratti hundaa’a). Karaa biraa dhiphinni dandeettikee uumamaa ni gabbisa akka jechuuti.
Miidhaa dhiphachuun sammuu keenyarratti qabu keessa gurguddoon:
1. Dhiphinni yeroo dheeraaf yoo sirra ture dhibee sammuu sitti dabaluu danda’a.
2. Haala caasa sammuu jijjiiruu danda’a.
3. Seelota sammuu ajjeesuu danda’a.
4. Dhukkuboota qaamaa rakkisoof nu saaxila.
5. Miimoorii sammuukee ni miidha.
Karaa biraa miirri jabaan yeroo rakkina jireenya dhuunfaa keessatti umurii jalqabaa keessa yoo shaakalame gadda fida. Fakkeenyaaf mucaan arrabsamee guddate, dukkana keessatti kan wareerfame, bofaan ykn sarariitiidhaan kan sodaachifame, hamatamuun isaa kan itti dhagahame, walqunnamtii saalaa akka godhuuf kan dirqisiifamte/me, umurii dargagummaatti abbaa yookiin haadha kan dhabe akka fakkeenyatti caqafamuu nidanda.
Haaluma kanaan balaan tasaa qaama irra gahe mallattoo(godaanisa) dhaabbataa nama irratti dhiisee kan darbu yeroo ta’u, dhiphinni miiraa immoo waggoota baay’ee booda bu’aan isaa mul’ata.
“Dhiibbaan hawaasummaa, dhiibbaan amalaafi naannoo dhaalaan kan namatti dhufes ta’e yookaan shaakalaan, murteessaa akka ta’e qorannoon horii irratti gaggeeffae ni mul’isa. Fakkeenyaaf, dhiphinni mallattoo dhukuba sukkaaraa yeroo ta’u dafee gara dhukkuba sukkaaraatti jijjiiramuu danda’a. Dhiphinni guutummaatti bada miti
Dhiphinni guddinaafi dagaagina ilma namaa keessatti bu’aa qabeessadha. Dhiphina malee guddinni addunyaa kana keessatti uumamuu hindanda’u. Dhiphinni jireenya keessatti waan barbaachisaadha. Dhiphinni kan miidhaa nurraan geessisu, hammiifi turtiin isaa dandeettii ijaarsaan deebii kennuu namaan ol yoo ta’edha.
Dhiphina akkamitti ittisnaa?
Guutuu guututti dhiphina ofiirra ittisuu hindandeenyu. garuu mallattolessa xiqqessuu dandeenyaa, isaan keessaa muraasni: Isa darbe akka jirutti fudhadhuutii isa fuula duraarratti tarkaanfadhu.
Isa darbe ilaaluurratti yoo cichite isa fuula duraa abdiidaan ilaaluu hindandeessu.
Ittidabalees sammuun keenya waan hunda galmeessuuf dandeettii guutuu akka hinqabne yaadachuun gaariidha. Wanta darbeef yeroo keenya fuulduraa of jalaa balleessuu hinqabnu sababnisaas yeroon taa’ee nu waliin hingaddu. Kanaaf yerootti ogummaan fayyadamuun dhiphina ittisa. Kanaaf akkamitti akka qabnu beekuun barbaachisaadha.
Waa’ee dhiphina sanaa dubbadhu. Naannoo amansiisaa ta’e keessatti waa’ee taatee madda dhiphina sana dubbachuun (barreessuun) baay’ee barbaachisaadha. Miidhamni ibsamuu hindandeenye tasa hinirraanfatamu. Wanta irra deddeebi’ee si aarsu yoo dhaamsuu dadhabde irraa fagaachuu yaali.
Garaagarummaa isaa dubbadhu. Balaafi miidhaan jiraattota, maatiifi hawwaasa tokkumeessa. Warra balaan isaan mudateef kunuunsa ta’eef gaalateeffadhu. Itti dabalees, haala dhiphina duraa jabinaan dhaabachuun warra shaakala akkasii keessa jiran jajjabeessuutti nama geessa.
Dhiifama godhi. Adeemsaa dheeraa kan fudhatu yoo ta’ellee dhiifama gochuun jibbaafi komee warra nu dhiphisanii irraa nu hiika.
Miidhamuufi komeen hidhamtoota haala darbe taanee wanta bara dheera fuula dura irratti ta’eewalitti fufinsaan akka yaadannu nu godha. Dhugaadhumatti, komeedhaan namni caalaa miidhamu si mataakeeti.
Yooma dhiphinakee namatti himuu shakkita ta’e akka muuxannootti barreessii kaa’i.
Danda’uu(relisience)
Danda’uun namni tokko haala dhiphisaa keessa erga darbee booda miira ofii to’atanii tasgabaa’uudhaan jabaachuu ilaallata.
Danda’uun sadarkaa garaa garaa qaba. Nama gara namaattis garaagara.
Wanti nama tokko dhiphisu nama biraa immoo hinmiidhu. Kun immoo amala uumamaa, dandeetti rakkoof furmaata kennuu, dandeetti waa hubachuu, tilmaama mataa ofiif kennuu, dorgomtummaa mataa ofii to’achuu, hidhaa maatiifi hawwaasummaa irratti hundaa’a.
Ogeessaa qu’annoofi wal’aansa dhukkuba sammuufi piroofesera mana barumsaa Harvaardi kan ture Roberti J. Waldinger qorannoo kana akka armaan gadiitti qindeesse. Qorannoon yuunited steetis keessatti dhimma hariiroo irratti gaggeesse ilaalchisee barumsa barbaachisoo sadii tarreesse.
- Hariiroon hawwaasummaa dhala namaa kan fayyadu yeroo ta’u qofummaan immoo nama ajjeesa.
- Qulqullinni hariiroo baay’ina isaa irra caalaa fayiidaa qaba.
- Hariiroon gammachiisaafi kan umurii guutuu fayyummaa qaamaafi sammuu eega.
“Shaakallii qofummaa gara summaa’uutti jijjiirama. Namoonni hanga barbaadanii olitti nama adda of baasan gammachuu xiqqoo qabu, umurii gidduu galeessaa keessatti fayyummaan isaanii gadi bu’a. dandeettiin hojjechuu sammuu isaanii dafee gadi bu’a. namoota qophaa hinjiraanne irra caalaas umurii gabaabaa jiraaatu.
Garuu hariiroo hawwaasummaa caalaa daran kan faayidaa qabu kan biraanis jira.”
Doktar ‘Koenig’ barruuleesaanii ‘vidae saoude’ (jireenyaafi hawwaasummaa) jedhu keessatti akka ibsanitti, hirmaannaan amantii dhiphina sammuu xiqqeessa. Kun immoo dhiituu nama gubuufi yeroo malee du’uu seelota qaamaa hir’isa. Kun immoo gidduugaleessummaadhaan yeroo ilaalamu namoonni amantii qaban, namoota warra amantii hinqabne irra caalaa waggoota 7-14 tti akka jiraatan kan ibsuudha.
Battala dhiphatutti wantoota armaan gadii hojjechuu hindagatin.
- Nyaata salphaa kan kuduraaleefi muduraaleetiin badhaadhee nyaachuu,
- Haala jireenyaa ofii sirreessuu. Fakkeenyaaf, jireenya salphaa jiraachuu, akaakuuwwan hojii heddummeessuufi karooraan hojjechuu
- Qorichoota ajaja ogeessa fayyaatiin ala ajajamuu fudhachuu dhiisuu. Keessumaa qorichoota sammuu nama dadammaqsanifi sammuu nama mukeessan fudhachuurraa of eeguudha.
- Sochiin qaama baay’ee murtessaadha. Dhiphina qofaaf osoo hintaane dhibeewwan biraafillee sochiin qaama daran barbaachisaadha.
- Hirribaa gahaa rafuufi yeroo baratametti rafuu.
- Rakkoof furmaata barbaaduu
- Miira ofii nama itti dhihoo jiruuf qooduu.
- Yeroo dhiphatan namoota biroo gargaaruu ykn waan gaggaarii dalaguuf yaaluun miira keenya gara gammachuutti jijjiira.
Dhibeen kun kanaan olitti yoo namatti cima ta’ee gara mana yaalaa deemuun gorsa ogeessa fayyaa fudhachuun murteessaadha
Fayyaa hindhabinaa!
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013