“Biyya keenyaaf nutu jira, nuufis biyya keenya qofatu jira” -Artisti Mo’ataa Shan’ee

Charinnat Hundeessaatiin

Biyyi keenya ammaan tana lola shororkeessaa ABUT irratti bane keessa jiraachuunshii beekamaadha. Waraana diigumsa biyyaa shororkeessaa ABUT waggoota 27f biyya qorqaafi golgoleessaa turee qabsoo adda durummaa Oromootiin keessumaa kan qarreefi qeerrootiin waggoota sadii dura dhabamsiifame deebi’ee aangoorra quphanuu akeeka godhatee foolataa jira.

Aggaammiin shororkeessichaa maseensuuf ummatoonni biyyattii maallaqaan, galaa qopheessuudhaa, dhiiga ajoomuufi kkfdhaan hirmaataa jiran akkuma kirutti ta’ee dargaggoonni akka kanniisa gaagurrisaa tuqamee xiiqiidhaan Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuuf buufataalee adda addaatti leenjii fudhatanii xumuraa jiru.

Ogeessonni Giddugala Aadaa Oromoofi Mana Tiyaatiraa Biyyaalessaa Itoophiyaarraa babahanis dirqama ogummaasaanii bahachuuf buufata leenjitoonni kunniin keessa turanitti argamuun onnachiisaniiru.

Gocha artistoota kanneeniitti kan gammadan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) akkana jechuun ibsanii galateeffataniiru. Yaada ijoo “Itoophiyaa baraaruuf nan duula: yoomiyyuu, eessattuu, maaliinuu” jedhuun ogeeyyiin artii Tiyaatira Biyyoolessaarraa, Giddugala Aadaa Oromoorraafi manneen tiyaatiraa Finfinneerraa bakkeewwan leenjii loltummaatti argamanii qophiiwwansaanii dhiyeessaniiru.

Artiin yeroo kamuu gootummaa Itoophiyaa waliin jirti. Ogeeyyii artii qophicha dhiyeessaniif galatan qaba. Artistoonni biroonis fakkeenyasaanii akka hordofanin abdadha”.

Gaazexaa Bariisaas ogeessa bakka leenjitoonni turanitti argamuun dirqama lammummaasaa bahatee deebi’e, Giddugala Aadaa Oromoorraa Artisti Mo’ataa Shan’ee wajjin gaafdeenii gabaabaa taasiseera. Artisti Mo’ataan Hogganaa Waldaa Ogeessota Tiyaatiriifi Fiilmii Oromootisi.

Bariisaa: Miseensota meeqa bobbaastan?

Artisti Mo’ataa: Garee Aadaa Biiftuu Oromiyaafi waldaalee aartii Oromoo kanneen diraamaa hojjetan wajjin akka waliigalaatti Giddugala Aadaa Oromoorra ogeessota aartii 12 bobbaasn. Wanti leenjifamtootaa dhiyyeesine gaarii ture. Koree dabalatee akka waliigalaatti namoota 52tu gara buufataalee leenjii deeme.

Waltajjiirratti gaggeessuurraa jalqabee hanga dhiyeessuutti akaakuuwwan aartii muuziqaafi diraamaa dabalatee qophiilee danuun dhiyaataniiru. Mana tiyaatira biyyaalessaa, waldaalee komeediyaaniifi sarkasii Itoophiyaatiinis hojii guddaan hojjetameera.

Bariisaa:  Kaayyoo baataniif hangamiin milkeeffattaniirtu? Sagantichi hoo ittifufaa?

Artisti Mo’ataa: Leejifamtoonni, nutis taane ummanni biyyattii marti hundi akka isaan bira dhaabatee jiru hubachuun caala miira gammachuu olaanaa uumuun danda’ameera. Sochiin kun gara fuulduraattis cimee ittifufa.  Sagantaan ittaanuu hanqinoota sagantaa amma qophaa’erratti mul’atan furuun kan qophaa’u ta’a. Sagantaan amma gaggeeffame kaayyoo qabatee ka’e dhibbantaa 99n milkeeffateera.

Bariisaa: Galata Ministirri Muummee isiiniif dhiyeesinarratti maal jetta?

Artisti Mo’ataa: Ogeessonni aartii Giddugala Aadaa Oromoo sagantaa baheen shaakala barbaachisu taasisuun waan yaadame milkeeffataniiru. Humna qabnus hubachuu dandeenyeerra. Nageenyaafi birmadummaa biyyattii ogummaa qabnuun tajaajiluu danda’uun keenya osoo nu boonsee jiruu galateeffannaan ministira muummee caalaatti akka hojjennu kaka’umsa guddaa nutti uumeera.

Bariisaa: Miira leenjifamtootaa achitti taajjabde akkamiin ibsita?

Artisti Mo’ataa: Miira jaalala biyyaa ibsamuu hindadeenyeedha kanin arge. Miira kotattummaa daran olaanaafi guddaatu isaanirraa dubbifama. Miirasaaniis waan dubbatan qofaan osoo hintaane fuulasaanii ilaaluun haala salphaan hubachuun nidanda’ama.

Gareen keenya miirawwan adda addaa keessa ta’eeti gara buufataalee leenjii loltummaa adda addaatti kan socho’e.  Garuummoo nutiyyuu miira jaalala biyyaa olaanaa keessa seennee deebine. Akka waliigalaatti miirri haala salphaan ibsamu hinjiru. Kan jechuun danda’amu, “Biyya keenyaaf nutu jira nuufiis biyyaa keenya qofatu jira” kan jedhuudha.

Bariisaa: Bakka onnachiisaaf deemtan kanaan walqabatee yoo mudannoo addaa qabaatte?

Artisti Mo’ataa: Mudannoo osoo hintaane wayita hojii hojjennutti miseensonni garichaa hedduun keenya afaan walii hinbeeknu ture. Haata’u malee hojii hojjennuunis ta’e waantota hundaan daran waliigaluun danda’ameera. Kun fakkeenya Injifannoo Adwaati. Kunis “Edaa abbootiin keenya haala kanaan mo’atanii najechiisiise”. Dabalataan ummanni kun nisoba malee daran akka waljaatuufi kana booda yoo waldhagahuu dandeenye waan hunda gochuu akka dandeenyun hubadhe.

Bariisaa: Dhumarratti yoo dhaamsa qabaatte carraa si kenne?

Artisti Mo’ataa: Yeroon amma irra jirru yeroo waldhageenyuufi walgargaarru waan ta’eef ummanni biyya kanaa waan argate cimsee qabatee kan caalu argachuuf tokkummaafi waljaalalan waliin imaluu qaba. Yoo tarii  rakkoon nu mudates walobsaafi waliidhoksaa walutubnee jiraachuu qabna.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You