Rakkoo Dhala dhabuu

“Dhala dhabuu” jechuun maal jechuudha?

Dhala dhabuu ykn “infertility” kan jedhamu rakkoo nama tokko akka dhuunfaatti mudatu osoo hintaane rakkoo nama lamaa “haadha manaafi abbaa manaa” mudatudha. Maatiin (haati warraafi abbaan warraa) tokko dhala dhaban kan jedhamu: yoo isaan wagga tokkoof (ji’oota kudha lamaaf) walqunnaamtii saalaa haalaan (torbanitti al sadiifi isaa ol) osoo mala ittisa da’umsaa kamuu hinfayyadamin taasisanii dhala argachuu dhabaniidha.

Hawaasa keessa jiraannu keessatti dhala dhabuun baay’inaan rakkoo dubartootaa qofa akka tahetti yeroon ilaalamu jira. Garuu kun dogogggora guddaadha. Dhala dhabuun rakkoo dhiiraas shamarraniis tahuu danda’a. Maatiin (haati warraafi abbaan warraa) erga gaa’ela godhatanii walqunnamtii saalaa raawwachuu eegalanii utuu dhala godhachuu barbaadanii yoo waggaa tokko (ji’a kudha lama) keessatti dhala dhaban, deemanii qoratamuu qabu. Yoo umuriin haadha warraa waggaa 35fi isaa ol tahe garuu waggaa tokko eeguun barbaachisaa waan hintaaneef ji’oota ja’aaf erga eeganii booda deemanii qoratamuun dirqama.

Namoota addunyaa kanarra jiraatan keessaa nama hagamtu rakkoo dhala dhabuu kanaan hubama? Sababni rakkoo dhala dhabuus maalirraa dhufa?

Namoota walfuudhanii osoo mala ittisa da’umsaa tokkoyyuu hinfayyadamiin walqunnaamtii saalaa ga’aa taasisan harka dhibba keessaa 80 hanga 90 kan ta’an carraan mucaa godhachuu (ulfaa’uu haadha warraa) ni milkaa’a. Kanneen hafan garuu sababoota armaan gaditti tarreeffamaniif dhala godhachuu dadhabu.

Maatiin (haati warrafi abbaan warraa) tokko kana dhala dhaban sababa dhalchuu dadhabuu abbaa warraa ykn sababa da’uu dhadhabuu haadha warraa ta’uu mala. Yeroo tokko tokko immoo lamaanuu walfaana rakkoo qabaachuu malu.

Haaluma kanaan dhala dhabuun, dhibbantaa 20 rakkoo abbaa warraatiin, 38 rakkoo haadha warraatiin, 27 rakkoo lamaan isaaniin, 15 immoo kan hinbeekamneedha. Kana adda baasu qorannoo isaan mana yaalaa deemanii taasisaniidha.

Rakkoowwan /dhukkuboota/ gama dubartootaatiin dhala dhabuuf sababa ta’an keessaa:

  • Rakkoo hanqaaquun ovaariirraa gadi lakkifamuu dhabuu ykn rakkoo oovuleshiinii (Ovulatory disorders)
  • Faffaca’uu tishuu keessoo gadameessaa (Endometriosis)
  • Walqabachuu qaamota hormaataa (Pelvic adhesions)
  • Cufachuu ujummoo oovaarii (Tubal blockage)
  • Rakkoowwan ujummoo oovaarii kanneen biroo (Other tubal abnormalities)
  • Baay’achuu hormoonii pirolaaktiinii (Hyperprolactinemia)
  • Infeekshinii ykn madaa’uu ujummaa gadameessaafi gadameessaa
  • Kalladdoo ykn ixii gadameeessaa ykn ovaarii faadha

Gama dhiirotaatiin rakkoowwan ykn dhibeewwan dhala dhabuu kanaaf sababa ta’uu malan keessaa:

• Dhukkuboota xan’acha pituutaariifi haayipootalamasii (secondary hypogonadism)

• Dhibee cidhaanii (Testicular disease)

• Dhibee geejiiba sanyii kormaa (sperm transport disorder)

• Kan sababnisaa hinbeekamne (Idiopathic)

Maatiin tokko erga dhala dhabee booda yoom gara mana yaalaa deemuu qabuu?

Maatiin (haati warraaf abbaan warraa) gaa’ela godhatanii utuu dhala godhachuu barbaadanii yoo waggaa tokko (ji’a kudha lama) keessatti dhaban deemanii qoratamuu qabu. Yoo umuriin haadha warraa waggaa 35fi isaa ol taate garuu wagga tokko eeguun barbaachisaa waan hintaaneef ji’oota ja’aaf erga eeganii dhabanii booda deemanii qoratamuun dirqama. Kunis akkuma umuriin dabalaa deemeen carraan dhala argachuu waan hir’ataa deemuuf waggaa tokko eeguudhaan yeroo gubuun waan hinbarbaachisneefi.

Eega gaa’ela godhatanii booda yoo dhala dhaban kamtu mana yaalaa deemee qoratamuu qaba?

Akkuma armaan olitti ibsametti rakkoon dhala godhachuu dadhabuu kan tokkoosaanii ykn kan lameenii walfaana ta’uu waan maluuf lachuu walfaana qoratamuu qabu. Akka aadaatti yeroo hedduu kan argamu akka dubartiin qofti rakkoo dhala dhabuu ykn maseenummaa qabduutti ilaalama.

Namoonni tokko tokkos kan utuu mana yaalaa deemanii eenyu akka rakkoo qabu hinqorachiisiin takkumaan haati warraa kiyya da’uu hindandeessu jechuun gara maatii diiguufi kan biraa fuudhuufillee deemuu danda’u. Kun dogoggora waan ta’eef walqabatanii gara yaalaa deemanii erga qoratamanii booda yaala argachuun barbaachisaadha.

Furmaanni karaa mana yaalaa rakkoo kanaaf kennamuu malan maal fa’ii?

Furmaanni karaa mana yaalaa kennamu rakkoo dhibee dhala dhabuu fide sana adda baasuu irraan eegala. Mana yaalaatti dhibeen dhala dhabuuf sababa ta’e sun erga adda ba’ee booda yaalli hedduun ni kennama. Kanneen keessaa kan yeroo hedduu kennaman.

Dhiirotaa dhalchuu hindandeenyeef – assisted reproductive therapy – maloota gara garaatiin dhiirota ispeermii (sanyii kormaa) ga’aa hinqabneef ykn sanyiin kormaa isaanii baay’inaan fayyaa hintaaneef, teknolojii ammayaawaa ta’een qaama dhiiraa keessaa fuudhanii sanyii kormaa fayya qabeessa ta’e qaama dubartii keessatti hanqaaquu waliin walitti makuudhaan akka ulfi uumamu taasisuufi yaalaawwan biroollee akkuma dhukkuba/ dhibee adda ba’een ni kennamu.

Dubartoota da’uu hindandeenyeef – akkuma dhukkubni isaanii adda ba’een: kanneen ujummoon oovarii isaanii cufameef, kanneen dhibee gadameessii cufachuu (infeekshiniifi waantoota garaagaraa booda) baqaqsanii yaaluun akka ulfaa’an gochuun ni mala. Kanneen rakkoo oovuleeshiinii rakkoowwan hormoonota gara garaa qabaniif ammo hormoonatafi qorichoota gargaraan yaaluun ni danda’ama.

Ofii ofiitiin haga tokko ofgargaaruun ni danda’amaa?

• Walqunnaamtii saalaa yoo xiqqaate torbanitti alsadii raawwachuun barbaachisaadha. Yoo qunnaamtii saalaa raawwatan guyyoota carraan ulfaa’uu baay’ee olka’aa ta’an adda baasnee beeekuuun gaariidha.

Kana jechuun guyyaa marsaan laguu itti dhangala’uu eegale (the start date) irraa kaasee guyyaa 9fa haga 19fatti. Fakkeenyaaf marsaan laguu yoo gaafa guyyaa caamsaa 12 kan dhufe ta’e, caamsaa 21 haga waxabajji 1tti guyyoota jiran walqunnaamtii saalaa kan hinraawwatamne ta’e carraan ulfaa’uu gadi bu’aadha.

• Waantonni sammuu jeeqan (stress) marsaa laguufi qophaa’uu hanqaaquu waan hir’isaniif haga danda’ame hir’isuun yookan irraa fagaachuun barbaachisaadha.

• Ulfaatinni yoo baay’ee dabale hir’isuu, warshaa keemikaala qaban keessa yoo hojjannu of eeggannoo guddaa taasisuu (keemikaalota farra haramaa dabalatee) qabna.

• Qorichoota araada addaa addaaf oolan keessumaa alkooliifi tamboo xuuxuu dhiisuun barbaachisaadha.

Fayyaa hindhabinaa!

 Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You