Charinnat Hundeessaatiin
Waldaan Artistoota Oromoo, Jiddugalli Aadaa Oromoofi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Kibxata darbe mataduree, “Eessattuu, yoomiyyuu, maaliiniyyuu nan duula” jedhuun sagantaa miidhagaa Raayyaa Ittisa Biyyaa maddii hiriiruusaanii agarsiisu geggeessanii turan.
Gaazexaan Bariisaas hirmaattota keessaa keessumaa artistootaafi maanguddoo biyyaa tokko kan dubbise yoo ta’u, yaadni isaan nuu kennanis kunooti.
Artisti Bishiriyaa Boorshaa
Gama nageenyaatiin haalli biyyi keessa jirtu gaarii miti. Kanumarratti hundaa’uun Raayyaa Ittisaa keenya jajjabeessuuf, isinuma wajjin jirra jechuuf sagantaa kana qopheessine. Sagantaan akkanaa sadarkaa naannootti oggaa qophaa’u kan Oromiyaa kun kan jalqabaati.
Haalli keessa jirru waan gaarii hintaaneef nutis aantummaa raayyichaaf qabnu ibsuuf sagantaa kana soneeffanne. Dhimma nageenya biyyaa qaama tokko ykn humnoota nageenyaa qofaaf kan dhiifamu miti. Hunduu hammuma humnasaa gumaachuu qaba. Nutis asuma qofatti sirbinee dhiisna otoo hintaane hanga adda waraanaatti deemnee raayyaa ittisaa keenya onnachiisuuf qophiidha.
Waa’ee raayyaa ittisaa ibsuuf jechoonni na hanqatanis isaan otoo rooba, aduu, baddaa gammoojjii hinjedhiin nageenya daangaa tiksaa akka nuti nagaan baanee galluuf, rafnee kaanuuf nageenya keenyaaf ru’ii ofii kennuun warra wabii nuu ta’aniidha. Kanaaf jaalalliifi kabajni ani raayyaa keenyaaf qabu daran olaanaadha. Bakkuma jiranitti Rabbi isin haa eegu, injifannoon galaan jedhan.
Dhaloonni jalaa dhufaa jirus ta’e hangafoonni ciccimoon waan jiraniif hunduu biyyasaaniif yeroo kamuurra tumsuu kan qaban amma. Nageenya biyya mirkaneessuu kan qabu raayyaa ittisaa qofa waan hintaaneef hundi keenya tokko taanee dhaabachuu qabna.
Rakkoo mana keessaa qabnutti booda deebinee sirreeffachuu dandeenya. Amma garuu nageenya biyyaa mirkaneessuurratti harka walqabannee hiriiruufi biyya keenyaaf waardiyyaa dhaabachuun sagaleefi miira tokkoon ka’uu qabna.
Artisti Geetaachoo Hayilamaariyaam
Ga’ee keenya waraanaanis ta’u ogummaa keenyaan itti beekna, dandeenyas. Dhimma biyya kanaa keessaa harka leencaa waan qabnuuf dhimmichi kallattiin nu ilaallata. Sababiinsaas akka Oromiyaattis ta’e biyyaatti harki caalaan waan nu ilaallatuuf.
Balaa amma biyyarratti aggaamame kana ofirraa qolachuufi ittisuuf gootota, obboleewwaniifi abbootii keenya maddii dhaabachuun dirqama. Kanaafis nuti dirqama keenya bahachuuf ammallee qophiidha. Kan isaan nutti qophaa’anii mitii anuu durseen isaanirratti qophaa’e. Dhimmi kallattumaan waan nu ilaallatuuf dirqama keenya bahachuuf qophoofneerra.
Goonni boru waatu dhufa jedheetu gurra tokko ala tokko ammoo mana bulcha. Ciisullee ija tokkoon rafa. Amma egaa Rabbi gargaarsasaatiin fiixaan nuuf haa baasu, waan nutti dhufe kana nurraa haa deebisu. Gootota, humnaafi lammii qabna. Nutis kana maddii dhaabachuun dirqama keenya.
Artistiin akka ogummaasaati humna tokko ta’uu danda’a. Jarri durumaa gaafa biyya saamuu barbaadan artistoota ajjeesan, kaan afaan hidhan, akka hinsochoone shakkamaas yakkamaas nu godhanii turan. Maqaa hinmalles nutti moggaasaa turan. Har’a ammoo tokko taanee daangaafi mirga ummataafi biyya keenyaa eegsisuu qabna.
Yeroo nuti misooma biyyattii saffisiisna jennutti waanti akkanaa dhufuun nuuf gaariidha. Sababiinsaas dukkuana ilaaltu malee ifatti hinbaatu. Kanaafuu jaratti dhabamsiisuuf kan dhumaa ta’a barana.
Jaalallin Raayyaa Ittisa Biyyaatiif qabu daran olaanaadha; jennaanis anuu Raayyaa Ittisa Biyyaatiwoo. Abbaafi akaakayyuun koo dur loltuu turan. Ani warra Abeebee Tufaa keessaa tokko. Gama kaaniin ammoo warra Oliiqaa Dingil Jijoo Bookaa Tumee keessa waanin jiruuf warra gootaa keessaa tokko.
Ani duraanuu ilma goototaati jechuudha. Kanaafuu Raayyaa Ittisa Biyyaa wajjin dhaabachuun koo anaaf gammachuu dachaadha. Waliin dhaabachuun dirqama keenya. Dirqama biyyikoo narraa barbaaddu kamuu akka lammiitti bahachuuf qophiidha; keessoon hiika biyya olaanaa waan ta’eef.
Dhaloonni ammaas wareegama biyya kanaaf kanfalamuu qabu kanfaluu qaba. Sababiinsaas kan jiraannu gaafa biyyi jiraattu waan ta’eef. Jiraachuu keenya qofa otoo hintaane reeffi keenyayyuu kan bareedu biyya keenyarratti.
Fuudhaafi heeruma qofa otoo hintaane gaddillee biyyuma ofiitti miidhaga. Biyyattii tanaaf gadduu qabna. Qonnaan bulaan qotee kan galfatu, barataan kan baratu biyyumasaarratti. Lammiin kamuu biyyasaarratti kan dhabu otoo hintaane kan argatuudha.
Yoo biyyi jiraatteedha kabajni kan jiraatu. Biyyi hinjirtu taanaan kabajni jedhamus ta’e waanti biraa tasumaa hinjiraatu. Namni biyya, haadhaafi abbaa hinqabne hundumatu dhufee dhaana. Kanniisa mitii tisiisatu si dhaana. Kanaafuu biyya jechuun waan salphaa miti.
Kabajni kan jiru biyya jiru keessatti. Biyya ofiitiif hojjechuun dirqama bahuun waanuma dhalootarraa eegamuudha. Dirqamichi kan keenyasi, kan uumamaatisi. Dhaloonnis akkuma eegale kana guddaarraa baratee waan guddaa hojjechuu qaba. Gorsas fudhachuu qaba.
Artisti Humneechaa Asaffaa
Raayyaan Ittisa Biyyaa biyyaaf dhaabachaa jira. Akka biyyi ittifuftuuf ammoo raayyicha cimsuu qabna. Haalli biyyi keenya keessa jirtu xiqqoo gammachiisaa miti. Oggaa gareen tokko biyya diiguuf ka’u artistiis ta’e ummanni callisuu hinqabu.
Raayyaa Ittisa Biyyaa maddii dhaabannee akka inifatuuf gumaachuu qabna. Keessumaa artistoonni ogummaasaaniitti fayyadamuun akka ummanni caalaatti raayyicha wajjin hiriiru gochuu qabu. Akeekniifi yaadni keenyas kana.
Artiin dameewwan danuu waan qabuuf fakkiirraa kaasee akaakuuwwan hundaan ummanni akka haalicha hubatu gochuuf cichinee hojjenna; jalqabneerras. Waltajjiin Kibxata darbe artistootaan Giddugala Aadaa Oromootti geggeeffames qaamuma kanaati. Sagantaa ittaanuun Oromiyaa keessa naannofnee hubannoo hawaasaa gabbisuuf ni hojjenna.
Akkuma bara 1992 hanga adda waraanaatillee deemnee raayyaa keenya onnachiisuuf karoora qabna. Anis yeroo sanas hanga adda waraanaatti deemee ogummaa kootiin tajaajileera. Ammas akka ummanni bal’aan isaan maddii jiru artiidhaan miidhagsinee ni hubachiisna.
Akka biyyaattis dameen artii tokko waan hundaa’eef karaa sanas hirmaachuuf hojjetaa jirra. Haala amma jirurratti artistoonniifi saboonni biyyattii hundi qindoomanii akka hojjetaniif irratti waliigallee socho’aa jirra. Haalli amma keessa jirru naannoofi afaaniin kan daangeffamu waan hintaaneef hunduu dirqama lammummaasaa bahachuu qaba.
Walumaagalatti ummanni haala amma uumame qofarratti otoo hintaane dhimma biyyaatiif tokkummaafi waljaalalaan akka dhaabatuuf keessumaa ogeessonni artii xiyyeeffannaan hojjechuu qabu. Ummata tokkoomsuufi walitti fiduu keessatti aartiin qooda guddaa waan qabuuf daa’imannirraa kaasee hanga maanguddootti hundi keenya jaalala biyyaa ibsuufi qabaachuuf cichinee hojjechuu qabna, dirqamasi.
Maanguddoo Tolii Eegduu
Abbootiin keenya Adwaa duulaniit Xaaliyaanii xiyyaara dabalatee meeshaa waraanaa ammayyaa hanga funyaaniitti hidhatee nurratti duule meeshaalee duubatti hafoo kanneen akka goraadeefi eeboofa’iin biyya keenya injifannoo gonfachiisan.
Kanaaf dhaloota kanarraa kan eegamu onnee abbootiisaarraa dhaaleen diina biyya diiguuf wixxirfataa jiru dhabamsiisee dabareesaa biyyasaa eegee dhaloota ittaanutti dabarsuu qaba. Itoophiyaan amalumashiitiin nama hintuqxu yoo tuqan ammoo akkuma Xaaliyaaniirra aantee ofirraa faccifti.
Har’a akka durii miti nama barateefi meeshaa ammayyaa qabna. Teknolojiis fayyadamaa jirra. Yoo fedhellee ta’e daangaa biyya keenyaa dabarsinee kennuun waan yaadamu miti. Kana qeerroon keenya tole hinjedhu. Onnee abbaasaarraa dhaaleen biyyasaa balaa kamuurraayyuu tiksuu qaba.
Deggarsi hawaasni raayyaa biyyaatiif taasisaa jirus daran namatti tola. Ummanni biyyattii haleellaa juuntichi ji’a Onkoloolessaa darbe ajaja kaabaarratti raawwateen daran xiiqii keessa galuun deggarsarsaafi aantummaa gaachanasaatiif qabu agarsiisaa jira. ummanni haaluma eegaleen kan biyya keessa taa’ee humnoota alaa wajjin biyya gurguruuf socho’aa jiru seecca’ee of keessaa baasuu qaba. kanaafis yoo harka walqabannee kaane waanti nuti irra hinaanneef hinjiraatu.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013