“Namni tokko qofaasaa ni milkaa’aa jedhee hinamanu”

Saamraawiit Girmaatiin

 Yeroo baay’ee namni bakka milkaa’ina ga’eera jennuu yaadnu tokko kan hojjete milkaa’u waanuma tokko ta’a. Keessumaa hojii bizinasii keessatti dameewwan garagaraa hojjechuun milkaa’ee ofiirra darbee kan namoota fayyadu muraasa.

Gama kanaan keessumaa dubartoota argachuun daran rakkiseedha; keessumaa kan Oromoo. Keessummaan keenya maxxansa kanaa muuxannoosaanii dubbistoota keenyaaf qooduu barbaanne haadha warshaa annanii, raabsituu taayilsii lafaa, fichisiiftuu meehsaalee warshaa annaniifi meeshaalee hospitaalaa akkasumas, tola ooltuudha. Aadde Saaraa Hasan Adam waggoota 15f biyya alaa jiraatanii gara biyyasaaniitti deebi’an. Dubbisa gaarii!

 Bariisaa: Jalqabarratti mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Eessatti dhalattan, guddatan akkasumas barattan?

Aadde Saaraa: Maqaan kiyyaa Saaraa Hasan Adam jedhama. Kanin dhaladhe Harargee Bahaa, Magaalaa Dadaritti. Yommuun barnoota sadarkaa tokkoffaa eegalu gara Magaalaa Finfinnee dhufee naannawa Boolee, Mana Barnootaa Asaayi jedhamuttin baradhe. Sadarkaa lammaffaa jalqabarratti ammoo viizaa barataa argadhee gara Ameerikaa (Niyoorki) deeme.

Viizaan kiyyaa kan waggaa sadii waan tureef turtii waggoota sadiin booda eeyyama jireenyaa gaafachuuf gara Kaanaadaa deeme. Waraqaan barbaadus argadhee barnoota kiyya ittifufe. Booda leenjii waggoota lamaatiin ‘Metal Designing’ fudhadhe. Ergan isaan waggoota lamaaf hojjedhe booda kasaaraan dinagdee biyyattiirratti waan dhufeef damee barnoota kiyyaa jijjiiruuf dirqame.

Barnoota saayinsiitiin digrii fudhadhee, faarmaasii keessa seenee waggoota saddeetiif hojjedhe. Maayinarii kiyyas Saayikolojii waanin baradheef yeroo na hafu (‘Partime’), dhaabbata ‘Emigrant Women Association’ jedhamutti gorsituu ta’ee hojjettoota hawaasummaa (‘social worker’) waliin waggoota sadiif hojjedhe. Waliigala biyya alaa gara waggoota 15f ergan tureen dhimmi dhuunfaa waan na mudateef mucaakoo waggaa saddeetii, Milkii fudhadhee biyyatti deebi’e.

Bariisaa: Biyya dhuftaniiwoo maal hojjechuu eegaltan?

Aadde Saaraa: Maatiikoo jalqaba barnootaaf Ameerikaa na ergetti deebi’een isaan waliin hojjechuu eegale. Waa’ee maatii kiyyaan xiqqoo sii kaasa. Anaan kan na guddifte obboleettii quxisuu haadha tiyyaati.

Ilmaan abbaa kiyyaa 28. Haati tiyya garuu anumaafi gurbaa tokko qabdi. Haati tiyya obboleettishee quxisuu, Munukaa jedhamtu dandeettii qabaachuushee hubachuun barnootaaf Finfinneetti ergitee mana barnootaa bultiittii kanfalaa barsiifte.Isheenis ijoollummaadhumaan nama biznasii taate. Maallaqa walitti qabachuun lafa bitanii gurguruu, ijaaruu eegalte. Yommuu barnoota xumurtee baatus lafa leenjiif ergamtetti hojiidhuma daldalaa cimsachuu ittifufuun nama biznasii cimtuu taate.Dubarra bara mootummaa Dargii waan tureef Oromoon mirgasheetiif qabsoofti turte. Qabsichi garuu seera qabeessa hinturre. Kanaaf yoo qabsoo gaggeessitu ni hidhamta, ni reebamta ykn biyyaa baata. Haala kanaan bara Dargii sana haatii tiyyaafi abbaan kiyya mana hidhaa turan.

Abbaan kiyya durumaa kaasee hidhame. Haati tiyya garuu, utuu inni mana hidhaa jiruu magaalaa Dadaritti hidhamte. Obboleettiin isheen kan ani obboleettii tiyya jedhee dubbadhu tun namoota warra mana hidhaa wajjin waliigaltee halkan hidhaatii ishee baasiftee Finfinnee dhufan. Anis dursee firaa deemee waanin Dirree Dhawaa tureef wajjin dhufee Finfinnee, Boolee jiraachuu eegalle. Haala kanaan kutaa lammaffaarraa eegalee asitti barachuu jalqabe jechuudha. Yeroo guddannu Afaan Oromoo beekuufi eenyummaa ofi gatuu dhabuun nutti himamaa guddanne. Nutis takkaa eenyummaa keenyatti qaanfannee hinbeeknu. Afaan keenyas haalaan akka barruuf jecha mooraan alayoo ta’e malee afaan biraa dubbachuun nuu hineeyyamamu ture.

Aniifi obboleeessi kiyya yommuu manni barnootaa cufamu aadaafi safuu ummataa sirriitti akka barruuf waggaa keessatti ji’a tokkoof gara maatiitti ergamna. Haalli guddina kiyyaa sun waan na fayyadeefi anis intalli tiyya, Milkiin biyya alaatti dhalattee guddattus Afaan Oromoro sirriitti bartee akka guddattu kanin taasiseef. Isheen obboleettii tiyya siin jedhe hojii biznasiitiin milkooftee, anallee biyya alaatti narraa kanfalaa na barsiifte. Gaafan gara biyya kanaatti deebi’u isheen duruma abbaa warraashee wajjin dhaabbata ‘Sebata Agro Industry’ jedhamu bantee Aannan Maamaa omishaa jirti. Yeroon dhufe abbaan warraashee boqote. Sheerii sheerii naa kennitees wajjin hojjechuu eegalle. Ergan alaa deebi’ee kaasee hamma yoonaa walumaan hojjetaa jirra.

Isheen nama tola ooltummaarratti beekamtuudha. Garuu nama miidiyaarratti of ibsitee hinbeektu. Akka amantii Musliimaatti “Rabbi waan anaa jecha hojjettan hinhimatiinaa, hinmul’ifatiinaa” waan jedhuuf beekamuu hinbarbaaddu. Anas karuma sanarratti na guddiste. Kanaaf namni jiruufi jireenya kiyya keessatti fakkeenya naa ta’e, namaaf jiraachuu na barsiise, qofaa ofii jiraatanii du’uun ofjaalachuu ta’uu isheetu na barsiisse.

Bariisaa: Gara hojii tola ooltummaatti ni deebinaa; hojiin obboleettii keessan wajjin eegaltan, Aannan Maamaa maalirra jira?

Aadde Saaraa: Aannan Maamaa erga omishamuu eegalee amata 25 fixee 26fa  qabateera. Kaampaaniin kun bu’aa ba’ii hedduu keessa darbeetu as qaqqabe. Kanaan dura muuxannoon aannan laastikiitti saamsanii gurguruu hinturre. Namnis aannan saamsame suuqiidhaa bitatee dhuguu hinbarre.

Kanaaf aannan samsamame kana barsiisuunuu yeroo baay’ee fudhate; hedduus dadhabsiisaa ture. Qabsoon aannanii bara sana jalqabe ammayyuu hindhaabbanne. Ani silaa akka fedha kiyyaatti hojii aannaniitti hinseenu ture. Hojiin hedduu rakkiftuufi dadhabbii olaanaa qabdu, mootummaalleen itti hinhojjenne hojii omisha aannaniiti. Dura yommuu hojii eegalle mooraa keessaa loowwan hedduu qabna; isaanis elmanna turre. Innumtiyyuu waan hingeenyeef alaas bitaa turre. Amma loowwan sunneen hinjiran; muraasa qofatu hafe. Warri hafaniyyuu kan aannanii osoo hintaane dhimma biraaf kan itti fayyadamnuudha. Loon aannanii biyya keenyaa guyyaatti aannan xiqqoo si kennan. Yoo baay’ate liitira shan kennu. Kanaafuu sanyii alaa keessa makuun dirqama. Loowwan sa’a faranjii jedhamuun beekaman bara Hayilasillaasee Holaandii galanii Holistarii jedhamu turan. Loowwan kunneen sanyii loowwan biyya keenyaatiin waan walmakaa dhufaniif akkuma loowwan keenyaa aannansaaniis xiqqaachaa dhufe.

Egaa rakkoolee kanneen ilaalcha keessa galchuun sanyii loowwan aannanii biyyoota garagaraarraa fiduun sa’a dhaltuu Booranaa fudhannee mooraa keessatti maxiiqessiina (diqaalomsina). Jabbiin argamu yoo kormaa ta’e warra gabbisuuf gatii madaalawaadhaan gurgurra. Yoo dhaltuu taatemmoo qonnaan bultoota aannan irraa binnuuf kennina. Namoota biroo bitachuu barbaadaniifis akkanuma ni gurgurraaf jechuudha.

Warreen elmannummoo kan ofirraa baafneef, biyya keenya keessatti mannoon (sooranni loonii) daran qaalii waan ta’eefi. Har’a jooniyyaan tokko yoo xiqqaate qarshii kuma lama qaqqabeera.

Warri loowwan faranjii jedhaman ammoo baay’ee nyaatu. Yoo baay’ate jooniyyaa tokko guyyoota afur qofaaf nyaatu. Isheen garuu guyyaatti qarshii 100 illee siin kennitu. Yommuu hojii kana hojjennu ‘farm side’fi manufacturing side’ jennee adda baafnee hojjetaa kan turre yoo ta’u, ‘farm side’ keenya kasaaraa agarsiisa ture.

Kana qofa osoo hintaane loowwan tajaajila dadhabsiisaa barbaadu. Namoonni isaan kununsu jiraachuu malu. Kanneen hunda yoo walitti herregne bu’aa hinqabu. Haaluma kanaan waggoota dheeraaf hojjennus boodarra waan dadhabneef warra gurguramu gurgurree, loowwan waliin addaan baane. Isaa booda guutummaatti alaa fudhachuu eegalle.

Bariisaa: Aannan omishaaf fayyadamtan kana eessaa sassaabbattu?

Aadde Saaraa: Qonnaan bultoota keenya naannawaa Salaalee waldaadhaan gurmeessuun bu’aa argachaa nuufillee akka nuuf dhiheesseen taasifna. Ogeessota horiillee mindeessinee naannawasaaniitti erguun leenjiiwwan garagaraa akka argatan taasifneerra.

Akkamiin mucha sa’aa dhiquu akka qaban, qabiinsa aannaniifi kkf isaan leenjiisuun isaan wajjin hojjechuu eegalle. Gaafa isaan maallaqni aannan kanarraa argatan itti tolaa dhufummoo herrega baankii banatanii akka qusatan taasifne. Qarshiisaaniis guyyaa guyyaan kanfaluurra walitti qabneefi torban lama lamaan kanfaluufii eegalle.

Bariisaa: Haala kanaan qonnaan bultoota hammamiitu fayyadamaa jira?

Aadde Saaraa: Kuma 10 oli. Qonnaan bultoota haala kanaan yeroo dheeraaf waliin ifaajnee hojjenne yommuu warshaan biraa banamu bakkuma nuti hojjennu dhaqanii “Maamaan meeqa isini kanfala?” jedhanii gaafatu. Isaanis hamma kanfaluuf gaafa itti himan “nutimmoo hammana isinii daballa” jechuun keenyarra caalsisanii kennuuf.

Gaafa nuti kaanee ganama deemnu aannan hinjiru. Yommuu kana waan warshaan dhaabachuu hinqabneef “tole borimmoo nuu kennaa, nutimmoo hammana isinii daballa” jennee amansiifnee galla. Haala kanaan warshaan 30 ol taanu qabeenyuma dura jiru walharkaa butaa jirra.

Bariisaa: Kanaaf hojiin aannanii bu’aasaarra dadhabbiisaatu caala jechuudhaa?

Aadde Saaraa: Baay’ee malee. Kana qofaa seetee? Hojicha keessa dorgommii fayyaalessa hintaanetu jira. Biyya biraatti akka ani beekutti namni daldala seektara tokko keessa jiru walbira dhaabatee, muuxannoo walii qooda.

Daldala biyya keenyaa keessa guutuummaatti humna yaraa (‘negative energy’)tu jira. Kunimmoo nama kuffisa malee nama hinkaasu. Yeroodhaaf waan nama mo’atte fakkaatee sitti mul’achuu danda’a. Jireenya kam keessattuu namarratti hammeenya yaaduun sin gargaaru.

Akkasumas namni tokko gaafa biznasii banatu haala kamiinin omisha gaarii qabadhee mo’achuu danda’aa jechuurra akkamittin nama damee sanatti milkaa’e tokko ari’ee gabaa keessaa baasee ofii fayyadama kan jedhutu yaadama. Kan nama gaddisiisu kanneen “Ebalu gabaa keessaa baasuuf qarshii hammanaan qabadhe” jedhanii ifatti dubbatan jiraachuusaaniiti.

Akka isaan itti hojjetan kan beektummoo torbeedhuma sana miidiyaan idileefi hawaasummaa sitti duula. Abbootiin taayitaa tokko tokkos faayidaa argachuun qe’ee bira nanaanna’uun si shororkeessuu barbaadu.

Yeroo tokko aannan keenya maqaa baleessuuf waa nurratti odeesisanii turan. Ani akkuma nama bitatuu ta’ee supparmaarkeetii tokko seenee “aannan maamaa jiraa?” jedhee gaafannaan, anumaan “Lakkii maamaa hindhugiin qoricha reeffa gogsu itti dabalu” jedhan naan jedhanii beeku. Kana qofa miti aannan isa daakuu bulbulanii itti dabalullee jedhanii namootaaf kanfalanii nurratti odeeffameera. Waanti si dinqu gatiin aannan daakuu kan looniirra qaalii ta’uusaati.

Ati nama qalbii qabu taatee, daldala keessas turuu barbaaddeefi bu’aan keellee akka barakaa qabaatu yoo barbaadde yeroo hunda miira qajeelaadhaan socho’uu qabda. Akka carraa ta’ee biyya keenyatti daldalaa qaba jechuun natti ulfaata.

Kan waldorgomuu qabdu qulqullina omishaarratti, hariiroo maamiltoota waliin qabduun, bal’ina bizanasiikeefi kkfn ta’uu qaba malee dhiibee hojii keessaa si dhabsiisee ofii jiraachuu yaaduun sirrii miti. Itti fakkaate malee abbichi oggaa nama tokko dhabamsiisuuf fiigu of dhabamsiisaa jira. Waliigala yommuu ilaaltu nuti akka agroo Sabbataatti qabsoo heddu keessa dabarree as geenye.

Bariisaa: Kanaaf qaala’uun gatii aannanii rakkoolee kanneen waliin walarga jechuu dandeenyaa?

Aadde Saaraa: Eeyyee. Ani akka nama dhuunfaa tokkootti gatiin aannanii bakka amma ga’e kana ga’ee namni dhukkubsatu, daa’immaniifi ijoolleen dhuguu dadhaban ga’uu qaba jedhee hinamanu.

Garuu gatiin aannanii amma hamma namni bitachuu dadhabutti qaqqabeera. Nuti warri warshaa qabnu utuu walharkaa bunnuu as qaqqabe. Ta’uu kan qabu garuu gatiin daabboofi aannanii haala namni hunduu bitachuu danda’uun ta’uu qaba. Kana jijjiiruuf mootummaanillee haalaan hojjechuu qaba. Biyya keenyatti horsiisee bulaarra qonnaan bulaatu baay’ata. Horsiisee bulaan keenyammoo akkuma durii bifa aadaatiin horsiisa. Kun jijjiiramee qonnaan ykn horsiiseen bulaan keenyas fayyadamee, nutis waan qulqulluu dhiheessinee hojjechuu barbaanna. Haala amma jiruun garuu bu’aan argannu daran muraasa.

Sabbataa kaanee Sulutaadhaa hanga Kuyyuufi Dagamitti deemneeti kan aannan walitti qabnu. Kanarraan ogeessa aannan sakkatta’ee harkaa fuudhu achi keenyee, taankii kuusaa qabannee hojjenna.

Kunniin hundi baasii qaba; geejibaa baarbaada jechuudha. Gaafammoo aannan kuufannee qabannee Sabbatatti deebinu yoo rakkoon wayii jiraate karaan cuccufamee aannan siharkatti bada. Gaafa aduun hammaates aannan ni bada. Kanneen hunda keessa darbarree gara warshaa fidnee gaafa omishuutti seennummoo ibsaan baduu danda’a, hanga saamsamamutti harkifachuu mala. Kanneen hunda dabarsinee maamiltootaaf dhiheessina. nuti Laastikiin nuti ittiin saamsinu kan warra kaanirraa adda.

Yoo agarteetta ta’e laastikiin keenya furdaafi keessisaa gurraacha. Kunis kemikaalli laastikicha akka aannanitti hinmakamneef kan gargaaruudha. Kunis baasii dabalataati jechuudha. Kanneen hunda yommuu ilaaltu waanuma hojii maatii kiyya ta’eef malee hojiin omsiha aannanii hojii ani filadhu miti.

Bariisaa: Yeroo tokko tokko aannan keessan akka durii miti qal’ateera komiin jedhu ni ka’a. Maddi rakkoo kanaa maali?

Aadde Saaraa: Dhugaadha, komiin kun ni jira. Aannan kan qal’atu bakka fudhannurraati. Aannan qonnaan bulaarraa fudhannuu qabiyyeensaa yoo xiqqaate %4 ta’uu qaba. Garuu yeroo tokko tokko aannan qabiyyee %2 hinguunne nutti gurguru. Qonnaan bultootaan gaafa “bishaan itti hindabaliinaa” jennu, “nu miti, namoota baadiyyaa seenee aannan nurkaa sassaabutu itti dabala” nuun jedhu. Garuu inni isaan ofiif fidanillee akkanuma.

Akkuma beekamu qonnaan bultoonni keenya faffaca’anii jiraatu. Nutimmoo bakka hunda seennee fudhachuu waan hindandeenyeef jecha bakka giddugaleessa tokko dhaabnee harkaa fudhanna. Isa kana sirreessuun daran rakkisaadha. Kanarratti waanin jechuu barbaadu aannanitti waa dabaluun safuudha; sababnisaas uumaatu nuu kenne.

Oromoon immoo waan uumaa baay’ee kabaja. Oromoon yoo sababa qabaate malee muka hinmuru. Kanaaf waan uumaan nuu kenne tokkotti waan hintaane makuun abshaala ta’uu osoo hintaane yakka. Oromummaa keenyas hinibsu. Egaa utuma beeknuu waan warshaan cufamuu hinqabneef harkaa fuuna jechuudha.Kana qofaa miti. Gaaf tokko tokko yommuu sakattaanu boqqolloofi caccabaa paastaa keessatti argina. Boqolloon asheeta daakamtee, bishaaniin makamtee, cuunfamtee aannanitti makamti.

Paastaan affeelamee, daakamee, qal’ifamee aannanitti makama. Isa akkanaa fudhachuun waan nu rakkisuuf dhiifnee biraa deemna. Yoona kanammoo komiitu ka’a. “Ebaluun aannan sakatta’ee fudhataa, hinkooraa, isaaf hinkenninaa” jedhu.

Bariisaa: Aannan Maamaa erga gabaarra oole waggaa dheeraadha. Yeroon hojichi itti eegalamemmoo yeroo Oromoof rakkisaa ture. Oromummaanoo daldala keessaniif dhiibbaa hinturree?

Aadde Saaraa: Waggoota darbanitti namoonni Oromummaa keenyallee fudhachuu hinbarbaadan turan. “Isin saba biraati, bakka biraatii dhuftanii lafa qonnaan bulaa Oromoorra qubattan” nuun jedhaa turan. Kan si dhibu nuti lafa sanarra bara Dargiirraa kaasee jiraanne malee liiziidhaaniis hinbinne, mootummaanis nuu hinkennine.

Erga eenyummaa keenya baranii ammoo bulchitoota magaalichaa kan yeroowwan addaddaa darbaniin dhiibbaan nurra ture hamaadha. Innimmoo Oromoofi dubartoota ta’uu keenyarraallee ni madda. Waliigala akkuma Oromoo hundarra dhiibbaan ga’aa ture nurras ga’aa ture. Gara caalummoo kan nu miidha namni nu beekuu dhabuudha. Barana garuu namni nu beekeera. Sababnisaa qabsoon Oromoo bakka takka geessee waan jirtuuf. Wantoonni hafan jiraatanis amma ce’umsarra jirra. Waanin dhibbaa dhibba itti amanu tokko garuu Oromoodhaaf wanti hundi fooyya’aa akka deemuudha. Fuuldura keenyatti waan gaariitu mul’ata.

Namni waanuma qabu sirreeffata. Sababnisaa ilmoo qaroon waanuma qabattu qabatteetu kan biraaf boossi waan ta’eef. Kanaaf jijjiirama arganne kana qabannee inni biraa akka nuu sirratuuf boonya malee waan harkaa qabnu of harkaa facaafnee, deebisnee alagaa harkatti naqnee kan biraa barbaacha deemuun karaa dheeraa deemuu ta’a.

Akkuma waggaa baay’ee ifaajne san ammallee ifaajuuf deemna jechuudha. Amma carraa argannetti fayyadamnee misoomatti seennee, namni nu dhawwu yoo dhufe ni ilaalla. Inni biraa ammoo namni waa hunda mootummaa qofarraa eeggachuu hinqabu. Mootummaanis akkuma keenya nama waan ta’eef. Mootummaa jechuun ummata. Kan ta’uu qabu “anihoo sabakoof maalin godhe, gumaachikoo maali?” jennee of gaafachuu qabna. Kanarraa kan hafe ofii osoo waa hinhojjetiin teesseetuma qeeqxa taanaan rakkisaadha. Waan qabdu fooyyeeffattee guyyaan kanarra caalu ni dhufa jettee eeggachuu qabda.

Bariisaa: Warshaan keessan guyyaatti aannan hammamii omisha? Namoota meeqaafis carraa hojii bantaniittu? Fuuldurattoo maal yaaddu?

Aadde Saaraa: Gaafa aannan sirriitti argannu guyyaatti aannan hanga liitira kuma 70 ni omishna. Kanaanis namoota 480 ta’aniif carraa hoji uumneerra. Gara fuulduraatti rakkoodhuma damee kana keessa jiru furuurratti xiyyeeffannee hojjechu yaadna. Akkuman dura kaase rakkoo mannoo hammaa waan ta’eef isa omishuuf yaada qabna. Seektara kana fooyyessuun babal’isnee nutis ga’ee keenya ba’achuu qabna.

Bariisaa: Aadde Saaraan hojiilee biznasii biroorrattis bobba’uu keessan dhageenyeerraatii maalfaa hojjettu mee?

Aadde Saaraa: Ani biznasiiwwan garagaraan hojjedha. Kanneenin hojjedhu hunda garuu sheeriidhaani. Kanas namni itti na galchee osoo hintaane anumatu namoota walitti qabee hojjechuu jaalata.

Sababnisaas namoota birootiifis carraa waan kennuufi. Yeroo ammaa namni tokko qofaasaa yoo ce’e milkaa’aa ta’a jedhee hinamanu. Nami tokko gaafa carraa hojii nama biraatiif banu kan gubbaadhuma taa’ee hojjechiisee kanfalu qofa ta’uu hinqabu. Waan qabdu gargar qooddattee, qalbii gaariidhaan waliin hojjechuun nama gammachiisa.

Wanti tokko bu’aa %100 qaba yoo ta’e kudhan taatee dhibbantaa kudhan kudhan qooddattee hojjechuu ni dandeessa jechuudha. Haaluma kanaan hojiilee garagaraa kanin kana dura jalqabeefi fuulduratti eegaluuf karoorfadhe jiru.

Inni tokko hojii taayilsiin walqabatuudha. Taayilsii Chaayinoonni magaalaa Dukamitti kan omishan yoo ta’u, animmoo bakka bu’ummaadhaanin raabsa. Namoota ijaarsawwan guguddoo qabantu dhufee nurraa bitata. Sheerii kiyyarraas hojjettoota kiyyaaf nin qooda. Ammaaf aleergii eegaluu baadhus alaa galchuurratti hojjechaan jira. Omishaalee garagaraa alaa galcheen raabsa. Fakkeenyaaf wantoota omisha aannaniif gargaaran. Fuulduratti ammoo namoota wajjin ta’ee meeshaalee hospitaalaa galchuuf yaadaan jira.

Bariisaa: Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessattis bakka ni qabdu. Mee qoodni keessan maali? Maalis hojjetaa jirtu?

Aadde Saaraa: Achi keessatti ani miseensa koree raawwachiiftuu hojiiti. Aniifi Atileet Gazzahaanyi Abarraa Oromiyaarraa dhaqne. Manni sun mana waggoota dheeraaf rakkoo qabuufi sodaatamuudha. Maaliif akka sodaatamu garuu naa hingalu. Rakkoon achi keessaa akka hiikamuuf hiriirallee itti baaneerra. Ammallee rakkinni manicha keessaa hinhiikamne. Waanuma dhihoo kaasuuf jila Olompilii Tookiyoof ergame keessaa Komaandar Daraartuu Tulluufaa mandara olompikii akka hinseenne dhorkamaani rakataa turan. Silaa federeeshiniin atileetiksiifi koreen olompikii qaamota addaddaati. Hojii keenya keessatti rakkoo uumaa kan jiru koree olompikiiti.Gaheen federeeshinichaa atileetoota ga’omsuudha. Atileetota barbaade fiduu, leenjisuu, wiirtuulee leenjii ijaaruufi kkf hojjechuun ga’oomsuudha. Kan olompikii fuudhee deemee dorgamsiisummoo qaama biraati. Amma rakkoon kan uumame qaama atileetota gara olompikii geessee dorgomsiisu waliini.

Atileetiksii biyyattii Abbabaa Biqilaarraa kaasee addunyaarratti kan beeksise Oromoodha. Har’a garuu ijoolleen keenya keessaa xiqqaachaa jiru. Maddi rakkoo kanaammoo carraa dhabuu ta’uu hubanneerra. Kanarraa ka’uun xiyyeeffannaa olaanaadhaan wiirtuuleen leenjii akka ijaaraman taasifneerra.

Baay’eensaanii yeroo gabaabaa keessatti eebbifamanii hojiitti ni seenu. Kanarratti mootummaan Naannoo Oromiyaa lafa bal’aa magaalota garagaraarraa nuu kenneera. Ummanni keenya wiirtuu leenjii ammayyoome qabaachuu qaba. Kanneenfaa sirreessuuf bakka sana jirra.

Bariisaa: Gama fayyadamummaa dinagdee Oromoo mirkaneessuutiinis waan hojjettan ni jira. Waa’ee kanaas otoo nuu ibsitanii?

Aadde Saaraa: Eeyyee, kanaafis Mana Maree Daldalaafi Dameesaa Finfinneefi naannawaashee hundeessineerra. Achi keessattis ga’een kiyya walittiqabduu ittaantuu boordii ta’een damee beeladaa hoggana.

Kunis namni keenya walitti dhufee akka muuxannoo walirraa fudhatu, carraa jirutti fayyadamu, ciminasaatiin hojjechuu akka danda’uufi fuulduraaf ammoo mana maree daldalaa isa federaalaa wajjinillee tokkoomuudha.

Namoonni mana maree kana keessatti galmeessaa jirru hundi daldaltoota Oromooti. Daldalaan tokko daldaltoota Oromoo danuu gara mana marichaatti fidee dhufu qaba. Nuti kumaatamaan yoo dhufne mana maree Finfinnees ta’u kan federaalaatti dorgomuu dandeenya jechuudha. Hojii barana hojjenne keessaa horsiisee bultoota keenya waliin walqabatee daba olaanaatu hojjetama raawwatama. Faddaalaan Jibuutiidhaa kaasee hanga Booranaatti deemee loon gatii fedheen irraa fudhata. Horsiisee bulaan keenya achumatti irraa hafa jechuudha. Kun kana booda hafuu qaba jennee asii deemnee Jibuutiitti konfiransii guddaa gaggeessinee mootummaa biyyattii waliiwaliigalleerra. Asirratti imbaasiin keenyallee guddaa nu gargaare.

Dhimma kana miidiyaan tokko tokko akka waan manni maree daldalaa federaalaa mana maree daldala Jibuutii waliin waliigaleetti ture kan dabarsan; garuu kan waliigaltee uume mana maree daldalaa keenya. Egaa seenaa walii hatuu, walirraa butachuu, kan tokko dalage akka kan ofiitti odeeffachuun waanuma barame waan ta’eef itti dhiifnee hojiidhaan agarsiisuuf hojjetaa jirra.Asirratti wantin osoo hinkaasiin hindabarre shira bara Wayyaanee xaxameedha. Akka seera Itoophiyaatti naannoleen hidhata ykn hariiroo biyya alaa uummachuu hindandeessu kan jedhuudha. Gaafa hojiin keenya isa kaaniif kenname kan nuti callisnellee kanumarraa ka’eetu jechuudha.

Hundaafuu manni marichaa qaama of danda’e ta’e dhaabbate, namoota of jalatti galmeessaa jira. Waajjijra matasaa Finfinneedhaa ni qaba; adeemsa seeraa hundas guuttatteera.

Kan nu hafe dameewwan addaddaa banuun babal’isnee namoota itti mindeessuudha. Kanaaf daldaltoonni Oromoo damee kamirrattuu bobba’aniifi eeyyama daldalaa qaban itti galmaa’uu danda’u.

Fuulduratti magaaloota Oromiyaa hundarratti damee banachuuf karoora qabna. Namni Finfinneefi naannawaashee ala jiru, mana marichaa keessatti hirmaachuu barbaadus dhufee galmaa’uu danda’a.

Bariisaa: Hojii tola ooltummaatiin beekamtanus garuu kanarratti baay’ee dubbachuu hinfeetan. Wuraasa namoonni irraa barachuu danda’u jettanirraa waan muraasa nuu qoodaa?

Aadde Saaraa: Namni tokko lafa tanarra yommuu jiraatu ofiisaatii qofa miti kan jiraachuu qabu. Jiruu jechuun hiiknisaa mataasaa nyaatanii dhuganii oolanii buluu qofa miti. Ofii kiyyaa yoon waa qabaadhee waa tokkoon milkaa’e, nyaadheefi uffadhee buluun milkaa’ina miti. Milkaa’ina kan jedhamu gaafa ati nama biraatiif jiraachuu dandeessedha. Kanarraa ka’uun hojii kiyya kamuu keessatti dhimmi namootaa jireenya kiyya keessa jira.

Nama baratu, dhukkubsatu, manni irratti jiguufi kkf bira dhaabachuun na gammachiisa. Waanin hojjedhe himachuu hinbarbaaduun ture. Garuu namooti hojii kiyya argan osoo walitti himanii babal’achaa deemuun miidiyaa bira qaqqabe. Hojiin kee warra kaaniif fakkeenya akka ta’uuf dubbadhu naan jechuun namoonni waan natti watwaataniifin reef kan duddubbachuu eegale. Kuniyyuu kaayyoonsaa nama barsiisuuf waan ta’eefi.

Hunda dura hojii tola ooltummaa kanin hojjedhu ofuma kiyyaafi. Kanin argadhus Rabbi biraati. Yommuu hojii tola ooltummaa hojjettu nama waa oolteef irraa waa eegdee hojjetta taanaan hojiin kee gatii dhabe jechuudha. Ergan hangana jedhee hojiiwwan muraasa ani hojjedhe keessaa waa sii kaasuuf:

Naannawa Sabbataatti mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa, sadarkaasaa eeggate baasii qarshii miliyoona 11n ijaarrerra. Isa babal’isuu waan yaadnuuf hanga miliyoona 14tti ni deema.

Boolla bishaanii warshaafi maatiin waan achi jiraataniif mana jireenyaaf baafanne ni qabna. Tokkommoo qonnee namoota gandaatiif kennine. Kunis dhugaatiif kan oolu ta’uu qaamni dhimmichi ilaallatu sakatta’ee mirkaneessuun ragaa nuu kenneera. Bishaanicha namni ofiif dhugaatiif qofa hinqicatu. Qicateetu gabaa baasee gurgurata; kunis isaaniif buddeena tokko jechuudha.

Aannan keenyammoo akka raabsaniif dargaggoota naannawaa sanaa waldaa ja’aan ijaarree hojjechiisaa jirra. Kanas namoota duraan nuti raabsinuuf gadhiifne. Kan biraammoo bakka loon irraa baafnetti midhaan qotaa turre. Amma sababa magaalaan babal’atteef hundarra qotaa hinjirru.

Hamma guutummaatti nu dhawwanitti garuu midhaan lafa keenyarra qonne hunda namoota harka qaleeyyii naannawaatiif keessumaa maanguddoota Oromoo buleeyyiif kennina. Kan si gaddisiisu maanguddoota dur lafa qaban siyaasaan irraa dhiibamanii beenyaallee sirritti hinargatiin nama isaan ‘xoorullee’ dhabantu jira. Sabbati kan eenyuuti, har’ammoo eenyutu irra qubate jettee yommuu ilaaltu waan si laalessu hedduu argita.

Inni biraan, erga vaayirasiin koronaan dhufee as ammoo maatii harka qal’eeyyii 100 ji’a ji’aan ni gargaarru qabna. Kanarraa ka’uun yeroo fincilaa warshaaleen garagaraa gubataa turan keenya namootuma naannawaatiin eegame.

Gaafa Oromoon Somaaleedhaa buqqaatee godina addaa qubattu mannneen 20 ijaarree kennineerra. Manichi mooraa, barandaa, mana fincaanii, bakka nyaata itti bilcheeffataniifi qodaa isaan barbaachisu hunda kan guuttatteedha. Akkasumas daa’imman sababoota garagaraatiin dadhabaniifi quucaroo ta’aniif ji’a ji’aan guyyaatti aannan liitira 100 kennaa turre.

Magaalaa Sulultaatti ammoo lolaan manatti dacha’ee gaafa manneen 600tti seene manneen hundaafuu hafaa lafaa arjoomneerra. Magaalaa Laga Xaafoottis suuqiiwwan bunaa 10 ijaarsisee dubartoota harka qal’eeyyiif kenneera. Akka hojii eegalaniifis fandii barbaade kennuufii yaadaan jira. Daa’imman dhukkubsattoota kaansarii 60 ta’aniifi dhaabbata tola ooltummaa keessa jiranis hamma humna keenyaa ni gargaarra.

Dhallin ofii kiyyaaf godhadhe Milkii qofa. Isheen ala ijoollee shanin guddifadha. Tokkommoo haadhaafi abbaashii birattin barsiifachaa jira. Warra na biraa shanan keessaa lama yunvarsiitiirraa eebbifamanii anuma walii hojjetu. Lama yunvarsiitiitti barachaa jiru. Tokkommoo sadarkaa lammaffaa barataa jira. Ijoolleen kunneen haadhaafi abbaa ni qabu; garuu daran harka qal’eeyyiidha.

Ofitti amanamummaansaanii olaanaadha; sababnisaas anas ni qabu, maatiis ni qabu. Akka isaan nama gaarii ta’anii guddataniif, namoota waliin hariiroo gaarii qabaatan, ittigaafatamummaa hojii akka qabaataniifi kkf irratti ammoo muuxannoo jireenyaa kiyya nan qoodaaf. Galgala galgala yeroo marii ni qabna.

Intalli kiyya, Milkiinis hojiilee tola ooltummaa garagaraa keessa akka hojjettun taasisa. Fakkeenyaaf Alataa Wandootti mooraa kompaanshinii kan dhaabbata amantii Pirotestaantii keessa Ingiliffa barsiifti; amantiiwwan garagaraa wajjinis walitti dhihaattee akka hojjettu waanin barbaaduuf jechuudha.

Kanneen agarsiisaafin sii kaase malee hojii hedduudha kan isheen hojjettu. Waliigala hojiin hojjedhee keessatti kan na gargaareefi akkan milkaa’u na taasise Rabbi waan ta’eef gatiisaa kan fudhatu isuma.

Bariisaa: Hariiroon isin namoota wajjin qabdan daran bal’aadha. Namoota baay’een isin jaalatu. Nama kamuu fuula ifaadhaan simattu. Kunoo maalirraa madda laata?

Aadde Saaraa: Ani si jaalachuuf si beekuu hinqabu. Si jaalachuuf nama ta’uun kee qofti na ga’a. Gaafan si jaalachuukoo sababaan walitti hidhu jaalalli tiyya hiika dhabde jechuudha. Ijoolleekoos akkasittin guddisa.

Namni ofumasaatiin gammachuu uummata. Gammachuun wayiin maramtee alaa namaa seentu hinjirtu. Hariiroo gaariin namoota wajjin qabaachuun kee kojiikee sii si’eessa, gammachuus sii kenna waan ta’eef haala kanaanin namatti dhihaadha.

Bariisaa: Dhumarratti, namoonni hojii garagaraa keessa seenanii hojjechuun akka ofiifi lammiisaanii darbees biyya gargaaran akkasumas, jijjiiramuun biyya ofii keessattis akka jiru, akka waliigalaatti namni akka of fooyyessuuf maal gorsitu?

Aadde Saaraa: Namoonni baay’een biyya keenyarraa gara biyyoota biroo ni deemu. Kan hindeemnellee deemuu barbaada. Yeroo tokko tokko sababoota garagaraatiin dirqamatu deemsisa. Kun maaliif ta’e jechuu hindandeenyu. Gaafa deeman garuu furtuun jiruufi jireenya yeroo ammaa barnoota ta’uun hubatamuu qaba. Namni eessayyuu yoo deeme barachuu qaba. Yoo baratte hojii hindhabdu, waan biyya keetti fudhattee galtus hindhabdu.

Namoonni baay’een waan qabatanii dhufan dhabaaf alatti hafu malee jaalala biyya alaatiif miti. Akka waliigalaatti biyya ofiitti hojjechuutu gaariidha. Gaaffiin eenyummaa sirratti hinka’u. Dhala namaatiif ammoo eenyummaan murteessaadha. Kanaaf muuxannoo hojii achii argame fidanii biyyasaaniitti hojjechuun ni danda’ama.

Keessumaa aadaa hojii biyya alaa fidanii dhufanii isa asiillee jijjiiruu qabu. Biyya kana kaka’umsi hojii ofii kabajanii sa’aatiitti argamanii hojjechuu laafaadha, Kanammoo waliin taanee keessumaa warri alaa dhufne agarsiifnee sirreessuu qabna. Kanarraa kan ka’e namni biyya kanaa yeroo baay’ee baranas, bara achi aanus bakkuma tokko jira. Kun jijjiiramuu qaban jedha.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013

Recommended For You